Qixxeessaa Lammii | Amajjii 05, 2018

Bara 2017 seenaa ajaa’ibaan dabarsinee bara 2018 seenaa haarayaan simachuuf 1 jetnee jirra. Waan taree fi waan jiru wallaanuun waan dhufu beekuu danda’uu nama dhoorga. Beekaan waan dabree fi waan jiru beeke waan dhufu beekuu hin wallaalu. Dhimma qabsoo Oromoo irratti beektota Oromoon waa jechuu barbaadeeti. Beekkomsa uumaa fi guyyaa keessa argatanitti dhimma bahanii saba ofiif oolchuu haqachuun badiidha. Afaan duwwaadhaan ni beekna jedhanii bakka maratti lallabaa ooluun faaydaa hin qabu. Baroota sadan keessa dhufe kana keessa haallan deemaa turan haallan kana ture. Beekaa fi wallaalaan, dabeessaa fi gootni bara wal qixa miidiyaa irratti yaa’anii dorgomii ajaa’ibaa itti godhaniidha. Kan moohee fi kan mootame hanga ammaatti garuu adda hin baane.
Waldhaansoon diina waliin godhamu lakkifamee wal dhaansoo wali waliin godhan irratti yeroon dheeraan gubate. Hoogganni kalee seeraan hoogganummaan irraa fuudhame hoogganummatti of deebisee barcuma laafaa fi oowwaa irra taa’ee waa’ee qabsoo isaa haasawu argaa baane. Aangoo kan harkaa qabu Tigre e ta’uun hafee hoogganoota sirnaan qabsoo sabichaa hooganaa jiranitti gufuu ta’uuf miidiyaalee gara garaa irratti yaa’anii dhimma qabsoo irratti maqaa hoogana ABOn namootni haasawan baay’achuun raajii bara kana dhalate.
Oromoo ta’ee namni aangoo harkaa qabu hin jiru. OPDOnuu aangoo qabdu hin qabdu. Kana beekuu diduun waan hin taanee fi hin fakkaanne irratti namootni hooggana ABO gatii dhabsiisuuf bakka maraa lallaban namoota homaa hin beekne osoo hin taane namoota beekaa balleessaaf duula kana irratti kallattidhaan bobba’anidha. HD ABO kan dur Galaasaa Dilboo kanaaf fakkeenya gaarii ta’uu danda’a. Barri gadaa hooggansa isaa akka dhumate Oromoon hin beekne hin jiru. seeraa fi sirnaan iyyatee GS ABO aangoo isaa irraa fuutee gama HD ABO ammoo Dawid Ibsaatti kennite. Nama lamaa sadihiin walitti dhufanii wal aangessuun eega danda’ame ummata Oromoo walii galaa walitti baasanii aangessuun hoo maaliif dadhabame? Waan dabree fi jiru beekuu diduun waan dhufus arguu fi dhagahuu diduuf qophaawuu akka ta’e ifa jira.
Dhugaa didanii dhara qabatanii ceehuun hallayyaa muummee hin qabnetti nama geessiti. Namootni biroos kan akkanuma maqaa ABOn socho’uuf yaalan akka jiran ifaadha. Hooggana ta’uu kan barbaadu cufti qabsoo hoogganummatti isa geessu geggeessuuf mirga qaba. Maqaa ABO gadi dhiisanii maqaa biraa moggaafatanii socho’uu sirni isaan dhoorgu hin jiru. Maqaa kana himatnu malee ummatni keenya nu hin simatu yaada jedhu yoo qabaatan dhaabuma kanatti deebi’anii qabsaawuu malan.
Kanneen maqaa dhaaba kanaa jibbanii fi jaalatanilee dhimmi isaan dubbataniif ykn socho’aniif dhimma Oromoo walii galaaf yoo ta’e bakki ABOtti isaan buusu jiraachuu hin malle. Namuu diina sabichaa irratti waan danda’u darbatuu irratti fuulleffachuu qaba. ABOnis waan danda’uun ala waan godhu hin qabu. Diina sabaa guddicha dhiisee farreen isaa irratti yeroo isaa gubaa hin jiru. sekonidii fi daqiiqaa obboleeyyan isaa balleessuu irratti balleessu hin qabu.
Hayyootni ykn beektotni si’anaa fi duriis adeemsa qabsoo sabichaa kana irratti wal dura dhaabbachuu irra wal cinaa dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu arguu diduu hin qaban. Bolola faaydaa matayyaatiif jecha faaydaa ummata bal’aa isa guddicha gurguratuu irratti fuulleffachuun isaan irra hin jiraatu. Qabeenya Oromiyaa kan diinni akka fedhetti dhudha’ee cirriiqatu kana arguu didanii bu’aalee bubuutuuf jecha diinaaf fogoduu hin malle. Kan tare seenaan qabatanii kan jiru beekanii kan dhufuuf qophaawuuf haasawa ijaaraa Oromummaa eegaluu qabu. Hayyuu waan dubbatu beeku waan hojjatu hin beekne hir’uu ta’uu hin qaban. Barreeffamni kun obboo Jawaar Mohammad illee ni ilaallata. Beekkomsa qabaachuun dhaabotaa fi ummata Oromoo walii gala walii galchuu danda’uudha. Siyaasaa beekuun waan taree fi waan jiru midhaagsanii odeessuu qofa osoo hin taane waan gula ta’uuf jiraatullee raaguu danda’uudha.
Waan arganii fi waan dhagahan qofa irratti daddafanii waa jechuun/murtii jarjaraa kennuun bilichina siyaasaa qabaachuu natti hin fakkaatne. QBO dhawaataan deemaa dhuftee ABOn walitti qabee kunuunsee sabaan gahe qabsoo umrii ganna sadihiitti deebisuun wareegama daangaa hin qabne kan bara dheeraa sabni baase xiqqeessuu akka ta’e beekkamaadha. Lubbuu dhala Oromoo qabsoo kana irratti bara sadi dura bade gatii dhoorguudha. QBO ABOn ajjeesse Jawaar lubbuu itti deebisee kaase jadhanii Oromootni dubbatanis mul’atanii jiru. Qabsoo TPLF OPDO gargaarsifattee quucarsite jechuu maaltu isaan dhoorge? Dubbiin dabaa ykn jallinaa keessa jiraachuu kanaan beekuun ni danda’ama.
ABOn qabsoo saba isaa akka hin duune lubbuu keessatti ittisaa ture malee akka duutu godhee hin beeku. Warri akka qabsoon tun baddu boqqannaa dhabee irratti duulaa bahe OPDO amma faarfamtee ammuma abaaramaa jirtu tana akka ta’e Oromoon hin beekne hin jiru. Mootummaa ceehumsaa keessaa bahuu fi keessatti hafuu jiddutti dogongoraa fi sirriin hojjatames yoo jiraate itti gaafatamtootni Leencoo Lataa fi Galaasaa Dilbooti. Waan dabre dagachuu fi waan yeroo sana keessa jiran arguu dhabuu irraa balaan hamaan sun dhaabaa fi ummata keenyas mudate warreen jedhanii har’a hoogganoota sana qeeqan hedduudha. Waan cufa irra mul’ata qabaachuu dhabuu irra caalatti wanti namaa fi sabas miidhu hin jiru.
Gaadidduun kaleessaa har’as borus hin jijjiramu taanaan gaaffii sabaaf deebiin diina irraa eeggatamu hamaadha. Oromoo fi Oromoo ta’uuf carraaquu giddutti ummatni keenya diinaan miidhamuu hin qabu. Warraaqsi ummata Oromoon Oromiyaa irra dambala’ee biyyatti Itiphiyaa guutuu keessa dhangala’e qabsoo keenyaaf hiree bal’oo saaqee jira. Hiree kanatti dhimma bahuu dhabuun ammoo yeroo cufaa diina walin cinoo/wal bira kufutti nu geessuuf jiraata. Beektotni dhuguma Oromoof dhaabbatan haallan qabsoo sabaa dandqaa jiran kanatti fala dhahuu qabu. Dhaabaa fi nama kaanii kaan faarsuu fi abaaruun hafee karaa qiddii tokkocha qajeelaa galma gaaffii sabichaa deebisuu danda’utti nama geessu qabachuu barbaachisa. Namootni gartuulee fi dhaabbileen dantaa sabichaafis ta’ee dantaa mata mataaf qabsaawan cuftuu walabummaa fi bilisummaan gaafa dhugoome waan barbaadame argachuuf mirga guutuu akka qaban beekuu qabu.
Dhalli Oromoo asii achi hayyuu waan dubbatu malee waan hojjatu hin beekne, mul’ata gaarii hin qabne, eebjuun malee hojiin jiraachuu hin dandeenye ta’uu hin qabu. ABO irree fi gaachana sabichaa WBO fi humna qacalee qabeenya waan hundaan faayame Qerroo Bilisummaa Oromoo hoogganu waliin galaana warraaqsaatti xurbuq jedhanii daakuu ykn hawweenuu malee falli gara biraa kan gaaffii saba keenyaa akka gaaritti deebisu akka hin jirre qalbii guutuun onnee qulqulluun beeknee itti amannee fudhatnee gara fuual duraa furga’uun walabummaa fi bilisummaa keenyatti fulla’uu qabna.
Barreeffama kiyya kana irratti yaadni kaahame nama hundaaf liqimfamuu dhabuu ni mala. Wal gorfachuun dawaa dhukkuba tokkummaa diigu ittisu waan ta’eef itti amanee barreesse. Kan gorsa kiyya dhugeeffatee fudhate Oromoof yaade malee anaaf yaadee miti. Kan dides ana miidhuuf osoo hin taane saba isaa miidhuuf akka ta’e beekkamaadha. Maraafuu, furtuun qabsoodha waan ta’eef wal irratti qabsaawuu dhiifnee diina keenya irratti gamtaan haa qabsoofnu jedha.
Seensa bara haaraya 2018 guyyaa WBO kana irraa gootota Oromoo kan waan dubbatanii fi waan hojjatan beekan akka taanee QBO ABOn durfamtu galma isiin geennu abdiin qaba.
Qixxeessaa Lammii

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*