Qixxeessaa Lammii | Amajjii 04, 2018

Sirna bulchiinsa gita bittuu keessatti uleen bulmaataa irreedha.  Jiruu fi jireenya akkasii keessa nagaya wanti jedhamu hin jiru. Sirna sodaatamaa fi sodaataan utubame waan ta’eef tasgabbiin jiruu fi jireenya dhala namaa keessa hin jiran . Kan bulchu akka itti sodaatamu irratti halkanii guyyaa hennaa shaagalu,  Kan bulfamu ammoo haala soda jalaa itti miliqu irratti halkanii guyyaa dhama’aa jiraata. Sirna hamaa kana keessa ajjeechaan akka malee bakko ol aanaa qaba. Miidhaaleen achii gadii daangaa hin qaban. Kan ajjeessuu fi kan ajjeefamu gidduu garaa garummaan jiru akkaan cimaadha. Dorgommiin yoom ajjeessaa fi yoom da’a jalaa baafadhaa giddutti geggeeffamtu halkanii guyyaa walii wallaalchifti. Kan du’eef gadduu fi kan jiruuf gammaduun bakka hin qaban. Dhiitee bariiteen gabroomfataaf yoo ta’e malee gabraaf hiikkaa hin qaban. Sirna nagayaa fi jaallalli keessatti hin maadheffatin keessatti badii malee tolli tasa hin argamu. Waldhaansoo du’uu qabdaa fi jiraachuu qabaa giddutti ta’u irraa bu’aan argamu kasaaraa guddaadha.
Sirni bulchiinsa Habashaa bara dheeraaf sabaa fi sab-lamoota impayera Itophiyaa jalatti kufan irratti saare hammeenya hamaa hiriyyaa hin qabne taawwate, raawwataas jira. Seenaa qabatamaa gabroomfattootnii fi gabroomfattootnis waakkachuu hin dandeenye kana dhoksuuf kanneen dhama’anis danuudha. Sirna gita bitaa malee gitni bitamaan mirga gosa kamuu gonofamee jiruu hiraar jiraataa har’a gahe kana dhala impera tana jalatti dhalate irraa wanti dhokate hin jiru. Dhukkubni bule fira, gabrummaan bubbule bilisummaa fakkaata. Seenaa gaarii bilisummaaf male gabrumaaf dabarsanii laachuun aadaa gabroomfatootni qabaniidha. Impayeri Itophiyaa gita bittoota duraanii fi si’anaan sababaan faarfamaa jirtuufis gochi gaariin keessatti raawwatamaa waan tureef akka hin ta’in ifaadha.
Biyya abbaan qawwee ummata quccee irra taa’ee gara barbaade muququulu keessatti dimokiraasiin lalise, guddinni dagaage, nageenyi itite, jaalalli babal’atee fi tokkummaan dhugoome jedhamee TPLFn hennaa lallabamu nama qaanessa. Durummaan nam-tokkee durummaa ummattoota biyya guutuu ta’ee miidiyaalee gara garaa irratti yommuu dhaadheffamu nama dhiba. Mootii moototaa qawweedhaan warra of taasise irraa dhuma malee jireenyi eegamu hin jiru. Xiqqeenya malee guddinni hawwamu hin jiru. Soba oomishuun amala gita bittootaa akka ta’e beekkamaadha. Waan hojjatan dhiisanii waan hin wajjatne hojjatne jedhanii himachuun aadaa gabroomsaati. Sobaan boohanii dhugaan boochisu. Quuqamtoota sabaa fakkaatanii quuqamtoota sabaa galaafatu. Isaan malee beekaan, jabaan, humnaawaan, gootni, qabaataa fi warraaqaan hin jiru. Boodessitoota ta’anii osoo jiran warraaqxotaan boodessitoota jedhu. Goolessitoota ta’anii osoo jiran farreen goolesitootaatiin goolesitoota jedhu.
Hojii fi haasawaan isaanii wal hin miilan. Waan kalee hojjatan har’a ni waakkatu. Waan har’a hojjatan hin amanan. Waan boru hojjachuuf jiraatan ni dhokfatan. Murna abaarsaa qawwee malee of irratti abdii hin qabne irraa tasgabbii eeguun gowwaummaadha. Jaalalaa fi nageenyi dhala namaan barbaadamu isaan iratti hin barbaadaman.  Jibbansaa fi balaan isaaniin oomishamu. Mootummootni Abashaa dhufaa lufan marti amala dhaabbataa kana moggifatanii akka utubaman ifa jira. Gita wal faallaa walitti araarsuun hin danda’amne kana walitti araarsuuf yaaliin faranjootni bara dheeraaf hin godhin hin jiru ture. Waan ta’uu hin dandeenye taasisuuf carraaquun ammo kasaaraa impayera tana amma mudateef sababa guddaa akka ta’e waallaauu hin barbaachisu.
Bara mootummaa ceehumsaa mootummaan Ameerikaa Mallasiin eebbisee gaafa mataa biyyattii godhee muude balaa kanatu dhufa jedhee hin bikkine ture. ABOn akka isaanii humna cimaa waan hin qabneef akka dhaaba bu’a qabeessa ta’e tokkotti hin fudhatne. Dantaa biyya isaanii qofa ilaalanii waan gochuu hin malle godhan. Dhugaan dhuguma waan taateef turtee amma mul’atte. Ameerikaan har’a badii gaafa sana raawwatte irraa seenahaa jirti. Badii TPLF ummattoota conqurfamoo irratti har’a raawwachaa jirtu irraa baay’ee qaanfattee jirti. Faaydaa ofiif jecha faaydaa ummattoota cunqurfamoo miidhuu fi misisiisuun itti gaafatama seenaa jalaa nama hin baafne ifaadha. Mootummaa tana qawwee itti fe’ee kan ummattoota biyyattii gubsiisee fi gubsiisaa jirus Ameerikaa akka ta’e dhugaa guyyaa adiiti.
Bara kana keessa afaan qawween deemuun dullaa gowwaatti dhimma bahuu akka ta’etti yeroo balaaleffatamu kana keessatti mootummaan tun ibidda faranjoota irraa badhaafamteen ummata meesha maleeyyii orraa xiixaan rasaasaan hennaa haamtu osoo arganii fi dhagahan tarkaanfii dhaabsisaa fudhachuu dhabuun duguuggaa shanyii ummattoota biyyattii irratti raawwatamaa jiru irraa jaalala qabaachuu mirkaneesse. Kan humna qabu ciisee nama dhiituun, kan qawwee qabu ajjeessee boohichaa fi awwaalcha nama dhoorguun  hojiidhaan dachee Oromiyaa irratti mul’atee jira.
Biyyaa fi ummata malee mootummaan dhaabbataan hin jiru. Mootummatu ummatatti irra hajama malee ummatni mootummatti hangi hajamu xiqqaadha. Kan sodaatamu mootummaa irra ummata bal’aadha. Kan kadhatamuu male kadhataa ta’ee kan kadhatuu male kadhatamaa ta’uun sababa ibidda hidhateef qofa akka ta’e beekkamaadha. Hin dubbatinaa fi dubbadhaan, hojjadhaa fi hin hojjatinaan, du’aa fi jiraadhaan ajaja abbootii qawwee harkatti galee jira fakkaata. Du’uu fi jiraachuuf, guddatuu fi salphachuuf, dubbachuu fi cal’isuuf wayyaanee irraa hayyama baafachuun barbaachisaa ta’ee jira.
Jiruun du’uu irra du’anii seenaan jiraachuu wanti dhala namaaf irra wayyu hin jiru. Ibidda onneen bira hin jirre baachuun gooftaa addaa nama hin taasisu. Ummatni bal’aan galaana wanni fedhe ittisuu hin dandeenye akka ta’e beekkamaadha. Humni tokkoomee cime waan hin jijjiirree fi hin uumne hin qabu. Baay’inni qawwee fi tuulaan rasaasaa goota muraasa hin injifatu. Goota ka’uumsaa fi galii qabu manii isaa irraa wanti isa ugguru ykn hanqisu hin jiru. Gabroomfataa nama nyaataa si’anaa of irraa qoomuuf onneen gootummaa ummatni Oromoo hidhatee har’a qabsottiin gadi ba’e sadarkaa duraatti ergamtoota ABUT hamma tokko sammuu isaanii bilisoomsee jira. Onnee lolanii humna dhabaaf moohatamuun qaanii miti. Hoogganootni OPDO tokkoo lamni saba isaaniitti hafuuru gootummaa yeroo gabaabaaf baafachuu danda’anii jiru. Sobaaf haa ta’uu dhugaaf dheekkomsi isaan quuqama saba isaaniif jecha dhageesisan yeroofis ta’u hamma tokko abdachiisaa ture.
Kaayyoo fi akeekni isaanii kan ganama abbaa biraan irratti ijaaraman kallattii sana kan isaan tarkaanfachiisu waan hin ta’iniif amma garuu bakka dhihoo dhaabatanii dheertahaa turan sana irraa mucucaatanii jiran. Teessuma muququulamaa irraa akka bahaniin teessumni fakkeessii magaalaa Adaamaatti galma Abbaa Gadaatti itti jiran kunis kanuma harka kennachaati malee kan harka kennachiisaa akka hin taane gamanumaan beekuun barbaachisaadha.
Hireen gama hundaatuu harka Oromoo bal’aa jira. Oromoon akka walootti of bilisoomsuu dura dursee OPDO TPLF jalaa bilisoomsuu qaba. OPDOn bilisoomuun bilisummaa fi walabummaa barbaadaman bira gahuuf yeroo namaa gabaabsa. QBO wal xaxaa bara dheeraaf adda durummaa ABOn geggeeffamaa addana gahe kanatti xumura itti gochuuf tokkummaan, humni, jabinaa fi murtnoon ummata Oromoo walii gala murteessaadha.
Humna biccuu qawween ajjeeftee awwaalcha isa dhoorgitu tana jalaa of baasuun dirqama seenaa dhala Oromoo cufa irra jiru akka ta’e beekkamaadha. TPLFn dhaanamanii boohicha dhoowwamuun, ajjeefamanii awwaalcha dhoorgamuun, biyya ofii irratti baqattummaadhaan qubsiifamuun saba Orooof gahuu qaba. Oromoon kan isa miidhe komachuu, kan isa gargaare galatomfachuu irratti yeroo qabsoo isaa gubuu hin qabu. Diina harkaa isa qabu harkaa of baasuuf yoomiyyuu caalatti ABO jalatti hireeree qabsoo isaa cimsuu qaba.
Injifatnoon Ummata Oromoof!
Qixxeessaa Lammii irraa

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*