ARGAA IRRA DHAGEETITTI AMANUUN MADAALA DHUGAA GADI BUUSUUDHA!

Qixxeessaa Lammii |Onkoloolessa 29, 2017.

Kan arge osoo jiruu kan dhagahe dubbachuuf jarjaruun amaluma dhalli namaa uumaadhaan qabuudha. Sammuun dhala namaa qabeenya daangaa hin qabneedha. Yoo abbaan ofitti daangesse garuu buqqee duudaadha. Bal’ina, dheerina, fageenyaa fi dhiheenya surrii/sammuu ilma namaa bikkanii hammana jechuun rakkisaadha. Ilmaan namaa qabeenya taadhii daangaa hin qabne kana qababaachuu of irratti hin beekan. Kabajaa ol aanaa uumamaan badhaafaman kana of irratti wallaaluun dhimma itti bahuu hanqachuudhaan halkanii fi guyyaa hiree dhalchuu isaanii fi warra irraa dhalatanii ajiifachaa fi abaaraa hamilee kufteen jiraatu. Hordoftoota ykn daaw’attoota namoota addunyaa tana jijjiiruudhaan ofis jijjiiranii ta’anii jireenya mi’aa hin qabne keessummeessu. Akkasuma namootuma akka isaanii akka uumama addaatti ofii olitti ilaaluudhaan isaan jalatti qalbii gadi aantummaadhaan gadi of qabanii hamilee jabdeen hiraaraa jiraatu.

Wal qixxummaa namummaa uumaadhaan badhaafaman ofiin haaluudhaan hordoftoota namoota muraasaa ta’anii bulu. Beekkomsa uumaadhaan kennameef of keessaa baasanii ykn maddisiisanii addunyaa tanaaf oolchuu hanqatanii waliin du’u. Kajeeltota namoota kennaa waaqni waliin uumeetti dhimma bahanii ta’anii hinaaffaan gubachaa jiruu fi jireenya isaanii gaddaan dabarsu. Namootni addunyaa biyya lafaa tana irratti boonanii qananiidhaan gammachuun jiraatan warra dur hin jirree uumanii biyya lafaa tana irratti mul’ataniidha. Kan nama raaju garuu warri warra akkasii irraa beekkomsa gara galfatan beektota addaa of taasisanii of dhaadhessuu isaaniiti. Warri waa uuman cal’isanii warri dhagahan ittiin of dhaadhessuun qaanyiidha. Sadarkaa beekkomsa ofii wallaaluun sadarkaa beekkomsa nama biraas wallaaluttis nama geessa. Kan dhalchee fi guddise osoo jiruu abdeemaan abbaa ta’uu hin danda’u. Kan uumee fi kan arge osoo jiru kan dhagahe dubbachuun dhugaa dhoksuudha. Waan ofii tolchan ykn balleessan irratti of dhaaduun ykn of komachuun haqa jiru. Waan ofii hin hojjatanii fi hin argin dhagahanii qofaaf abbaa itti of taasisuuf of dhaadhessuun xiqqeenya.

Kan hojjatee fi arge osoo jiruu kan dhagahee odeessu amanuun ammoo dhugaa fi dhara addaan wallaauudha. Yeroo ammaa hawaasa addunyaa duratti bahanii namootni nagaya biyya lafaa bakka maratti booressanii fi boresisan namoota argarra dhageettitti amananiidha. Namni akka namaatti waan dur hin jirre uumee hawaasa addunyaa biyya lafaa kana fuula duratti gadiin bahee of mul’isuu danda’a. Mul’ata nama biraan argame irratti abbaa of taasisuu garuu hin danda’u. Argama nama biraan argametti wuddeellamanii dhala namaa sobuuf carraaquun of sobuudha. Kanaaf, dhugaan jiru tolchanii ykn bareechanii waa himuu osoo hin taane lafa irratti waan mul’ataa ta’e tokko hojjachuudha. Hojii xiqqoo irra haasawa baay’ee mi’aawatti amanuun dhugaa irra dharaaf hiree kennuudha. Argaa irra dhageettiif dursa laatuudha ykn madaala dhugaa fi dharaa adda baasuu dadhabuudha.

Gabaabatti ijoon barruu kiyyaa haala yeroo ammaa Oromoo fi Oromiyaa keessa jiran irratti rarra’a. Sababa sochiin qabsoo bilisummaa fi walabummaa Oromoo fi Oromiyaa sarara dhuma gabrummaa fi seensa injifatnoo irra geetteef jecha namootni hedduun galaana warraaqsaan haramanii gadi yaa’n sab-himaalee hawaasaa gara garaa irratti bahanii barooduu/bookisuu eegaluu isaaniitu na ajaa’ibsiise. Keessumaa namootni hedduun kan sokondii tokkoofis ta’u qabsoo tanaaf rifatanii hin beekne har’a haala dhalate kanatti dhimma bahuudhaaf warraaqxota ciccimoo ykn geggeessitoota qabsoo tanaa of taasisanii hennaa dheertahan isaan jala qaanfadhe. Ogummaa siyaasaa namoota akka isaanii irraa dhaalaniin beektota addaa of godhanii of dhaadhessuun ummata sobuuf yaaluun ammoo qaanii qaanii caalte. Beekkomsi isaan horatan beekkomsa takku hin jirree osoo ta’ee homaa miti. Ittiin dhaadachuu fi namattiin dhaadachuufis mirga guutuu qabu ture. Waan abbaa qabu qabatanii ittiin barooduun ulfina uumaan qaban of dhabisiisuudha. Dhalli Oromoo walii gala haala amma biyya teenya irratti deemaa jiru gadi fageenyaan of irraa quba qabaachuu qaba.

Hojii fi haasawa dachii Oromiyaa irratti adeemsifamaa jiru cufa qalbii fi sammuu bilchinaan guutameen of irraa xiinxaluu barbaachisa. Daawa’attoota, hordoftoota fi komattoota ta’u irra hirmaattota ta’anii argamuudha. Faarsitoota ykn balaaleffatoota namoota haasawa mi’aawanii ta’anii argamuu osoo hin taane hirmaattota qabsoo hadhaawaa lafa irratti mul’atuu ta’anii argamuu feesisa. Dhageettii irra argaaf dursa kennuun, dhara irra dhugatti amanutti nama geessa. Dhugatti amanuun ammoo haqa ofiitti abbaa ta’utti nama geessa. Kanaaf, haasawa irra lafa irratti hojiin mul’achuun hegeree kenyaaf guddoo barbaachisa. Malaa fi falli gaaffii Oromoo murtii namoota muraasaan kennamu harkatti deebi’uu hin qabu. Qabsoo xumura irra geette OPDO biyyaa fi alaatti irkisuun karaa isaaniin furmaata waaraa kajeeluun gabrummaa waaraaf of qaadhimuudha! Karaan gabaabaa fi ifaan kaayyoo fi akeeka ABO bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa jedhu maxxanfachuudhaan qabsoo bilisummaa fi walabummaa urgaahuu eegalte dhugoomsuudha!!!

Qeerroon Haa Jiraatu!

Ni Moona!

Qixxessaa Lammii.

No comments yet.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions