GW_2015

Irreecha birraa 2015 ilaalchisee ibsa Gumii Waaqeffannaa irraa kenname

Waaqa
(Gadaa) — Akka amantii Waaqeffannaatti, Waaqni uumaa waa maraati. Uumama qoollo kana keessa jiraatu kanneen lubbu qabeeyyii fi maleeyyii ta’an hunda kan uumee fi tiksee kan jiraachisu Waaqa dha.

Waaqni fulla’aa beelii-belel. Hin dhalu, hin dhalchu, kan hin dulloomnee fi hin duune jiraataa bara baraati. Hiriyaa fi morkataa kan hin qabne ta’uutti amanna. Waaqeffannaan amantii Waaqa tokkichatti buluu fi amanuudha. Akka amantii kanaatti Waaqni waan hunda kan uumee fi madda jireenyaa ta’uu dhugeeffanna. Waaqeffannaan amantii waggoota 6000 oli turee fi osoo amantiiwwan kanneen akka Kiristaanaa fi Isilaamaa gara gaanfa Afrikaa hin seeniin dura kan ture, amantii ummata Kuush isa duraa fi hundee amantiiwwan maraati.

Waaqeffatoonni seera uumaa fi uumman qajeelfamuu. Kabaja Waaqaf, jaalala uumamaf qabaachuu, dubbii hamaa fi cubbuu irraa fagaachuu fi lagachuun hundee amantichaati. Kana bu’uura godhachuun kaayyoon amantii Waaqeffannaa Safuu, Laguu, Hooda, Seeda, Aadaa fi Duudhaa Oromoo fi warra Kuush eeguu , kunuunsuu fi guddisuu irratti hojjechuudha. Gama biraan hordoftoonni Waaqeffannaa amantii fi aadaa saba biraaf kabajaa qabaachuu, elaa fi elaameen waliin hojjechuu qaban. Sirna Waaqeffannaa keesssatti, sabni Oromoo uuumaa isaatif Irreessa galchuun iddoo guddaa kennaaf. Kanaafu aadaa ummata Oromoo keessaa inni mul’ataa fi guddaan kabaja ayyaana Irreesaati. Amantii fi Aadaan waan hedduun walkeessa jira ykn walitti hidhataadha. Sabni ykn biyyi hundi amantii hordofuu fi aadaa jabeeffatu qaba. Kanneen lamaan akkaataa wal hin faallesiineen ittiin jiraatan. ” Sabni aadaa hin qabne garbicha” jedha, hayyuun argaa-dhageettii obbo Dabbasaa Guyyoo. Akkas jechuun sabni akka sabaatti bilisa ta’ee jiraatu aadaa saba biraa irraa waan adda isa godhu qaba. Yoo bilisa hin taane garuu, kan ofii gatuun aadaa warra isa gabroofateen liqimfama jechuudha.

Egaa ayyaanni irreechaa, kaleessa ykn waggoota digdamman darban keessa kan uumame osoo hin taane, amantii Waaqeffannaa waliin kan ture, aadaa Oromoon Waaqaa fi Uumaa isaa kan ittiin galateeffatuu fi isa fuulduraaf immoo kan itti kadhatudha. Ayyaanni Irreessaa akka duudhaa ganamaatti, ilmaan Oromoo naannoo jiraatan hundatti haalaa fi yeroo adda addaatti raawwatu. Haa ta’u malee dhiibbaa sirnooti darbanii fi amantiin biroon irraan gahaa turanin bakka hedduutti dhorkame ykn akka hin mul’anne golgame Ayyaanni irreecha birraa magaalaa Bishooftuu, Hora Arsadeetti kabajamaa jiru hambaawwan bakka bakkatti hafanii kabajamaa jiran yoo ta’u, baroota dhihoo keessa tattaaffii jaalatoonni aadaa Oromoo godhaniin beekamaa fi guddataa dhufee yeroo ammaa ummata kumaatamaan hedamu kan hirmaachisu, Afrikaa keessatti isa guddaa ta’ee kan mul’atuu fi ummata alagaa hedduu kan hawwataa dhufe dha. Ummati Oromoo, amantii, kutaa fi siyaasaan osoo walhin qoodiin tokkummaan eenyummaa isaa akka mul’isu kan godhe aadaa guddaa ta’uu isaa argina.

Yeroo ammaatti Irreechi aadaa moo amantiidha? kan jedhu gaaffiin ka’aa akka jiru hubanna. Akkuma olitti ibsame aadaa fi amantiin waan hedduun walitti hidhata. Akka aadaa Oromootti ammoo sirna raawwatu hunda keessatti osoo maqaa Waaqaa hin dhahiin waanti raawwatu hin jiru. Sirna gumaa, gaa’ela, araara ykn jaarsummaa fi waan kana fakkaatu irratti Coqorsa ykn marga jiidhaa qabachuun wal eebbisa ykn Waaqa kadhata. Coqorsi ykn margi mallattoo nagaa fi araaraati. Coqorsi ykn lataan qabatan irreecha jedhama. Haala kanaan irreechi aadaadha, amantiidhas. Yeroo irreeffannaaf Malkaa bu’an ykn Tulluu bahan Waaqeffatootaaf aadaa fi amantii yoo ta’u, warra amantii biraa keessa jiraniif ammoo aadaadha. Yeroo irreechaatti siiqqeen, caaccuu fi kaallachi, bokkuu fi meeshaaleen dhalaa fi dhiirri qabatu, uffati aadaa uffatamuu fi walleen achitti mul’atu marti aadaa fi seenaa Oromoo calaqqisa. Kanaaf ummati miliyoonaan lakkaa’amu, Isilaama, Kiristaanaa fi Waaqeffataan gamtaan walcina hiriiree Irreeffataa kan jiru. Haaluma kanaan jabaatee akka itti fufuu fi irreechi kan Oromoo qofa osoo hin taane, ummati Afrikaa marti kan ittiin boonuu fi waliin kabaju ta’uuf akka jiraatu abdii qabna. Kun akka ta’uuf Waaqni nu haa gargaaru, nutis ciminaa fi gamtaan waliin haa jabeeffannu.

Yeroo irreeffannaaf deeman tartiibni raawwii isaa akka armaan gadii ta’a.

  1. Yeroo Malkaa bu’an ykn Tulluu bahan, dubartoonni uffata aadaa uffachuun siiqqee fi irreecha qabatanii Mareehoo jechaa dura deemu,
  2. Abbootii fi dargaggoonni duubarra dhiichisaa ykn jeekkaraa hordofu,
  3. Bakka irreechaa yeroo gahan, Abbaan Malkaa, malkaan saaqamuu ibsa.
  4. Faatii waliif baafatu, kunis nagaa fi araara waliif buusanii , garaa nagaa fi qulqullummaan waliin irreeffachuuf,
  5. Jaarsoliin akka angafaa quxisuutti walduraa duuba eebbisu. Eebba kana keessa waan argataniif Waaqa galateeffachuun, nagaa, jaalala, tokkummaa fi badhaadhina kadhatu
  6. Sirni irreeffannaa ni raawwata. Yeroo kanatti warri irreessa qabate hundi irreessa isaanii bishaan cuuphuun Waaqa kanaan isaan gahe galateeffachuun, bara dhufus akkasuma nagaan akka isaan gahu gaafatu
  7. Dhibaayyuu fi daddarbaan ni raawwata. Dachee sanyii biqilchiteef, waan irratti horanii fi argatan irraa matadeebii kennuu jechuudha.
  8. Maatiin daa’ima ammachiisan yoo jiraatan, abbaan malkaa akka sirna ammachiisaatti raawwata
  9. Sirbaa fi wallisaan duubatti garagalu, dhangaa qabatanii dhaqan waliin dhamdhamu ykn bakka qophii addaatti walgahanii nyaatanii dhuguun sirbanii gammadu. Bara dhufu nagaan akka walitti deebi’aniif eebbaan raawwatu.

Waamicha
Ayyaanni irreechaa mallattoo, nagaa, araaraa fi tokkummaa ta’uu irrayyuu aadaa Oromoo fi Oromummaa guddisu, akkasumas Oromiyaa addunyaatti kan mul’isu waan ta’eef,

– Ayyaanni irreechaa, akka ayyaana biyyoolessa Oromiyaatti akka kabajamuuf kalandera keessa galee fi guyyaa ayyana biyyooleessaa ta’ee beekamtiin akka kennamuuf,

– Dirreen ayyaana irreechaa itti kabajan, Malkaan Arsadee giddugaleessa ayyaana irreecha Oromiyaa waan ta’eef ummata ayyaana kana irratti hirmachuuf dhufan, akkasumas dawwatootaa fi tursitoota addunyaaf mijuu akka ta’u, bakki bashannanaa fi aara galfannaa naannoo kanatti akka ijaaramu qaamni Mootummaa Oromiyaa dhimmi kun ilaalu akka irrtti hojjetu kabajaan gaafanna. Nutis waan dandeenyun deeggarsa nurraa barbaadamu akka goonu waadaa galla.

Irreecha bara 2015, kan tokkummaa fi jaalalaan waliin haa kabajnu, kan hawwinuu fi barbaadnu Waaqayyo itti nuuf haa guutu!

Leeel!

Koree GWA

1 thought on “Baga Ayyaana Irreecha Birraa Bara 2015 Isin Gahe

  1. “…Irreessi Aadaadha ; Amatiidhas..” ibsa gabaabaa, ifaa fi sirrii. Amantiin Waaqeffannaa ammallee mootummaa abbaa irree wayyaanee biratti beekamtii hin arganne. Maqaaf jira malee qabatamaatti hin jiru. Waaqeffattoonni qe’ee isaanii bakka jiraatan magaalaas ta’e baadiyyaatti bakka itti dhaqanii waaqeffatan hin qaban. Galma waaqeffannaa ijaarrachhuun hin eeyyamamuuf; yoo du’an bakka awwaalchaa hin qaban (bakki awwaalchaa amantii qoodamee waan jiruuf).Dhimmoota kana fakkaatan irratti Gumiin Waaqeffannaa kun irrattis hojjechuu qaba.

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*