Barattoonni Preparatory Namqamtee FXG Itti Fufuun Loltooti Wayyaanee Heddumminaan Qabee Daa’immaan Reebuu fi Hidhuutti Jira


(Qeerroo) –Mudde 31,2015 BARATTONNI  PEREPARATORY NAQAMTEE FINCILA XUMMURA GARBUMMAA (FXG) AKKUMA ITTI FUFANITTI JIRU Akkuma kaleessa jechuun mudde 29, 2015 FXG eegala har’a Mudde 30,2015 bifa  dhaadannoo garaagaraan sagaleesaani dhageessifataa oolaniiru.
Dhaadannoole isan gootummaan humna waraanaa dura dhaabbatanii dhageessisan heddu naasisaa turuusaa ijaan argeera keessaayyu

  • Nuti baraattoonni haawwaasaaf baranne,hidhaan,ajjeechaan,qawween haawwasaaf falmuu duuba nu hin deebisu
  • Kan irratti wareegamne,kan irratti miidhamne amma galmaan geenyutti duuba hin deebinu
  • _Mootummaa nu ajjeesuun hin bullu
  • Manni barnoota dirree waraana erga ta’ee mormii keenya,sagalee keenya,guyya guyyaan nii dhageessifanna
  • Humni waraanaa hanga magaala Naqamtee gadi lakkisutti baraachuu hin dandeenye
  • Kan hidhaman haa lakkifaman
  • Kan Ajjesee seeratti nuuf haa dhihaatu
  • Labsiin duguuggaa sanyii nurraa haa ka’u
  • lafa keenyarraa Buqqa’un haa dhaabbatu fkkf jechuun sagalee dhageessisaa turan.Hanga gabrummaa jalaa baanutti diddaa  itti fufna jedhaniiru

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Bakkoota Adda Addaatti Fincilli Xumura Gabrummaa Itti Fufee Jira.Qeerroon Oromoo Gootummaan Waraana Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jira.

1017603_10102051862487923_2993868940444488642_n

One Response to Barattoonni Preparatory Namqamtee FXG Itti Fufuun Loltooti Wayyaanee Heddumminaan Qabee Daa’immaan Reebuu fi Hidhuutti Jira

  1. Mohamed Bariso December 31, 2015 at 8:06 pm #

    Dhasdanno ijoollee keessa kan hafe tokko:
    ABOn malee Woyyaaneen hin bullu jedhani. Maaf irraa hambiftani?

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions