DHUGAA DUBBACHUUN FIROOMA HIN KUTU!

Qixxeessaa Lammii | Sadaasa 12, 2017

Oromoo sobuun hanga dabre. Gaaffii abbaa biyyummaa xiqqeessuun akka gaaffii Itophiyummaatti maxxansuuf yaaluun dhugaa waakkachuun dhara fudhachuudha. Oromoon Oromoo ta’ee dhalate malee Habashaa ta’ee hin dhalatne. Habashaanilee ofuma ta’ee dhalate malee saba biraa ta’ee hin dhaltne. Tokkummaan hundee osoo hin jiraatne tokkummaa alaa halaalaa jabeessuun hin danda’amu. Kaleen dabre. Har’aa fi boru waan ta’an ilaaluun gaariidha. Tokkummaan humnaan bara dheeraaf Oromotti fe’ame har’allee humnumaan irra tursuuf hiixachuun hin barbaachisu.

Oromoon waan kalee dabre seenaaf dhiisee waan har’aa fi boruu irra jira. Kan barbaadu sadarkaa duraatti of ta’ee ykn of danda’ee mataa isaan dura gadi dhaabachuu, biyyaa fi qabeenya isaa irratti abboomuudha. Kana dura wanti dursu kan jiru akka hin jirre diree bahee diinaa fi firattillee himaa jira. Waan humnaan irraa fudhatame naaf deebisaaf baroota dheeraa karaa nagayaan kadhachaa ture. Gaaffii isaa kan xiqqolee gurratti qicate garuu hin turre. Addunyaa biyya lafaa irratti ummatni kabajaa qabu ykn sodaatamu ummata humnoomee jabaatee waan hundaan of mul’ise. Ameerikaa akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.

Ol aantummaa humnaa fi jabinaan gonfatte biyyootni biraa karaa nagayaan maaf hin gonfatne jettee ummattoota mootummoota abbootii irreen mataa keessa qu’aman malaan jalatti ittisaa jirti. Humna qawwee kaasee ummata isaa irraa roorroo qulachuuf gadi bahe shoorarkeessa jettee maqaa balleessiti. Akka inni wayuu gochuu hin dandeenye uggura irra buufti. Hiree kana dhaabota mudatan keessaa ABOn isa tokko. Bilisoomuu ummata Oromoo fi walaboomuu Oromiyaaf gufuu guddaa kan ta’e maqaa kanaan ABO fi ummata Oromoo wal hanqisuudha. Kana keessatti shoorri OPDOn taphatte guddaadha.

Dhaabbileen maqaa Oromoon mootummaa sirna dimokiraasii hin beekne jalatti maqaa dimokiraasiitiin mataa qabatan cufti danqamuu qabsoo Oromoo ABOn durfamtuuf hireen gumaachan salphaa hin turre. Seenaa kana kan hin beekne ABOn hin badu hin jiraatu, sochiin isaa hin mul’atu, kun maaliif ta’e? hooggana isaatti dadhabaadha, kkf jechuudhaan komachuun waan baay’inaan mul’atee fi mul’ataa jiru. Har’as komii fi balaaleffatama ABOf qabxiin guddaan isuma kana. ABOn kan rakkate yoo qawween tarkaanfii fudhatuu yaale maqaa golessitummaadhaatti irkatanii ummata Oromoo meesha maleeyyii guuranii mana hidhaatti naqanii achitti ajeechaa itti baratan. Kana kan godhaa fi goosisaa ture adda durummaadhaan OPDOdha. Kan ABOn bara 1997 guutuu Oromiyaa keessaa dhiibee baase diina irra caalatti qaama OPDO kana.

Wayyaanee har’a ummata keenya akka feete gootu tana hidda hin buqqaane kan ta’eef dhaaba kana. Har’as ummata keenya irratti waarsuuf maloota gara garaan kan socho’aa jirus dhaabuma kana. Dhaabbileen ummata Oromoof qabsoofna jedhan maqaa Oromoo himatan kan kaayyoo isaanii kaayyoo OPDOn wal fakkaatu ykn wal simatu kanneen biroos gadaa kana haarayatti gadi fut jedhanii dirree bahatti Oromoon of ta’uu ykn of danda’ee kophaa isaa Abadan dhaabbachuu hin danda’u jedhanii afaan guuttatanii lallabaa jiru. Oromoon garuu akka isaan itti tilmaaman bira dabree sadarkaa Afrikaattuu ummata ummattoota biraafuu fakii gaarii ta’e ta’uu isaa of mirkaneessee jira.

FXG QBO ABOn hoogganamuun guutuu Oromiyaa keessatti karaa nagayaan godhame har’a hawaasni addunyaa mootummaa isaanii irraa quurrama qaban cufti harka wal qaxxaamursanii hiriira mormii godhaa jiru. ABO malee harka wal qaxxaamursuun fuula hawaasa addunyaa fi diinota duratti hiriira karaa nagayaa kan qeerroo sabaa baasiise dhaaba kamitu jira. Maqaa qeerroo jedhu kan har’a firaa fi alagaaniis dubbachaa jiranii fi mallattoo harka wal jala qaxxaamursuus kanas kan moggaase ABO ta’uu warri hin beekne yoo jiraatan har’arraa beekuu isaan barbaachisa.

ABOn kanas ta’ee sana kan barbaadu birmadummaa ummata isaati. Kana anatu dalage, sana ani hin dalagne jechuudhaan farreenii fi diinota isaa waliin yeroo itti wal mormu hin qabu. Xiyyeeffatnaan isaa kaayyoo fi akeekni isaa ummata isaan lafa irratti mul’achuudha. Karaan ummatni Oromoo gaaffii isaa deeffachuu itti danda’u qabsoo hidhatnoo qofaan ta’uun ammoo walabummaa fi bilisummaa boru dhufaniif humna iggitii qabu ykn firii qabsoo wareegama qaalii fi dacha ykn ulfaataa ta’een argame ittisuu humna qabu qabaachuun barbaachisaadha jedhee amana.

Bu’aa umrii hin qabne gonfachuun bu’aa karaa nagayaan argamu ittisa amansiisaa yoo itti hin qabaatin ooltee osoo hin bulin harkaa fudhatamti ykn harkaa buuti jedhee amana. Kanaaf tooftaalee gosa lachuunuu masakama ABOn. Dhugaa dubbachuun firooma hin kuttu waan ta’eef alagaa har’a akka Oromoon of ta’ee hin dhaabbatne barbaadanilee akka inni of ta’ee dhaabbatu isama mataa isaattuu agarsiisuun barbaachisaadha. Tokkummaan halagootni hawwanilee kan ol aanutummaa saba tokko jalatti kufe ta’uu akka hin dandenye gochuuf sabootni hunduu dura of danda’anii dhaabbachuu isaanii of mirkaneeffachuun barbaachisaa akka ta’e lafa irratti itti agarsiisuudha. Waan boru fiixa hin baane har’a sobanii tokkummaa dharaa waliin ijaaruun firaa fi diinalee sopbuun boru hulaa salphinaa of dhaabuu ta’a.

Nagaya gaanfa Afrikaaf murteessaan dura ummatni Oromoo gaaffii isaaf deebii isaan malu argachuudha. Hamma ummatni kun waan barbaade ykn haqa isaa harka isaatti hin galfatinitti nageenyi waaraan naannoo kanatti abadan argamuu hin danda’u. Kana hawaasotni naannoo kana qubatanii fi hawaasotni ummata naannoo kana jiran irraa dantaa gara garaa qabanillee dhugaa kana gadi fageenyaan hubachuu qofa osoo hin taane beekuu qaban. Daandiin ykn karaan ABOn irra jiru waan har’a ta’ee boru diigamu osoo hin taane waan waaraa ummattoota naannoo kanaaf ta’u argamsiisuudha. Naannoo nageenyi waaraan keessatti gadi dhaabbate gochuuf dura dursoo ummatni Oromoo bilisoomuu, Oromiyaan walabuun furtuu nagaya naannoo kanaa hiiktee cuftu ta’uun amanamee fudhatamee hojirra oolfamuu qaba. Kanaaf, dhugaa dubbachuun firooma hin kuttuu waan ta’eef dhugaa kana dhagahuu ykn caqasuu diduu ykn dhabuun ummata naannoo kanaaf balaa yaaduu ykn akka nageenyi ykn sabatiinsi keessatti gadi hin dhaabbatne jaalchuudha.

Nageenyi Oromoon feetu nagaya hawwasotni addunyaa hundi jaalatan akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.

FXG QBO ABOn hoogganamuun eegalame bakka ni gaha!

Qixxeessaa Lammii.

One Response to DHUGAA DUBBACHUUN FIROOMA HIN KUTU!

  1. Maal Wayyaa November 14, 2017 at 4:07 pm #

    Yaa Waaqa Oromo fira keenya nurraa eegi, diina keenya nutuu beekna

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions