Qixxeessaa Lammii | Muddee 10, 2017

Dhalli namaa waan itti amane ni godha jedhee dubbate gochuu irraa wanti isa ittisu soda qofa. onnee  fi abdiin jiraannaan waan hajame argachuu irraa wanti isa daangessu tokko hin jiru. Namootni addunyaa tana jijjiiranii waa hundaan hoxxee takka keessatti deebisan uuma addaatii miti. Dhugaa itti amananii dubbatan hojiin lafa irratti kan argisiisan murtnoon dhugaan hojjataniiti.  Mul’ata qaban sodaa du’aaf jecha irraa of hin daangeesine.

Miilaan ji’a irra ba’uu Arm storg fakkeenya guddaa ta’uu danda’a. Ni ta’a jedhamee waan hin eeggamne taasise.  Dhalli namaa har’a sadarkaa jireenya isaa addunyaa gara biraa irratti gadi dhaabuuf tattaafataa jiru irra gahee jira. Gadaa guddinni daangaa dabre keessa jirra. Bakka jirru, sadarkaa irra jirru, waan irra jirru beekuu dhabuun wallaalummaa irraa yoo ta’e ni biratatama waan ta’eef homaa miti. Osoo beekan wallaaluu fi osoo dhugoomfatan sodaatuun boolla gabrummaa keessatti hamacamuun hin barbaachisu.

Jaarraa kana keessa ummattoota gabrummaa jaarraa tokkoo olee keessa jiran keessaa ummatni Oromoo isa tokko. Ummata abbaan biyyummaa isaa hafee eenyummaan isaatuu waakkatame. Gadaa bineessa dagalaa kan nama nyaatuu eenyummaan isaa beekkameefii kabajamee dhala namaan eeggomsa gahaan godhameefii kabajaan sirnaan tajaajilmee jiraachaa itti jiru keessatti dhalli Oromoo bakka jiru maratti ajjeefamaa jira. Duuti isaa du’a saree hanqatee jira. Abbaan iyyatu ollaan dirmata mammaaksi jedhamu iyyatnaa isaaf  deebii hin laatne. Ollaa isa weeraru malee ollaa isaa dirmatu hin argatne.

Badii ykn abaarsa qabaatee osoo hin taane Oromiyaaf isa fixan. Weennii bifa isiif ajjeefamtu ta’e. Sodaa gaaffii biraatuu nurraa qaba jedhu irraa qaban. Ummatni Oromoo Oromiyaa irraa hamma magaalaa Mobsaa Keeniyaa, Oromiyaa irraa hamma magaalaa Kismaayyoo Somaaliyaa, Oromiyaa Irraa hamma daangaalee Itophiyaa fi biyyoota ollaa cufa keessa seenuun sodaa guddaa waan ummattoota heddutti uumeedha. Oromoon ummata mirga saba biraa dhiibu osoo hin taane ummata mirga ofiituu saba biraaf qoodee jiraatu akka ta’e wallaalamee miti.

Sabaa fi sab-lammootni hedduun Oromiyaa keessa faca’anii jiraatan har’a dhala Oromoo caalaa jireenya gaarii jiraatu. Kun ragaa dhugaa eenyullee haaluu hin dandeenye isa tokko. Abbaa biyyaa ta’uun Oromoo abbaa biyyaa ta’uu saboota biraafuu karaa bana malee karaa hin cufu. Bir’aan ta’uu malaan ykn hin ooluun ummata kana lafa irraa fixuun sababa sodaa boru irraa qabaniif. Gara laafina isaa ilaalanii fixanii araarfachuu barbaadu. Kan nama dhibu garuu ilmaan isaan diina jalatti gadi qabamuudha.

Seenaa hawaasa addunyaa keessatti ilmaan abbaa fi haadha isaanii morma alagaa jalatti qabanii gorraasisiisan hin argamne. Ilmaan abbaa fi haadha irratti, haadhaa fi abbaan ilmaan isaanii irratti lolanii dhuman malee walii isaanii diina jalatti morma wal qabanii kan wal gorraasisiisan Gobanaa Daacee fi OPDO Abbaa Duulaan saba Oromoo qofa keessatti argame.

Tulluun hin godaatnu amalli abbaa hin dhiisu akkuma jedhamu OPDOn har’aas kunoo arraba damma daamuu dibattee quuqamtoota sabaa taatee boottee ummata boochisaa diina waliin karaa duubaan fixaa fi ficcisiisaa jirti. Kan dhumeef boohuun kan jiru fixuuf akka ta’e ummatni keenya beekuu qaba. Aadaa gama tokkoon bareedaa gama biraan badaa nuti qabnu keessaa nama osoo lubbuun jiru hin faarsine gaafa inni du’e faarsuudha. Isa yoo lubbuun jiru abaarru/balaaleffatnu gaafa du’e hayyuu, goota, arjaa, jabaa, abbaa firaa, abbaa biyyaa, qabsaawaa addaa goonee faarsina. Kun bu’aan qabu dhalootni hegere kabajaa akkasii horachuuf amala nama sanaa akka hordofu gochuuf kan godhamu ta’ullee nama du’e faarsuun nama jiru tuffachuu akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Akkasuma gammachuu baga duuteef walitti dhufamee wacamu fakkaata. Ija irraa na hoffolcha. Kana hunda sababni jedheef ni beekkama jedhee amana.

Har’a Lammaa Magarsaa ummata keenya humna Abdi illeen lafa irraa duguugame waliin imimmaan jaatanii harcaasaa hojiidhaan ammoo humna ummata keenya fixe sana gadi jabeessuuf dargaggoota keenya gara 600, 000 olii leenjisee hidhachiisee maqaa humna ittisa biyyaa jedhee itti dabaluuf cecceehaa jira. Kan qottoo maali kan qottoolichaa haa caalu akkuma jedhamu kan diinaa irra fira diinaaf dalagutu ummata keenya miidhaa jira. Beektotni hayyootni, goototni, qabsaawotni, quuqamtootni haftaa hin qabne har’a isaan fakkaatanii jiru. QBO walumaa galatti waan ganaa isaanii keessatti deebitee dhandhoonanii tantoommoo isaanii keessaa qaban fakkaatti.

Dhugaa dubbatan hojitti hiikuu dhabuu kan isaan hanqise sodaa fi dantaa matayyaan booji’amuudha. Qabsoo dhukaasa malee karaa nagayaan wareegama qaalii lubbuu jijjiirraa hin qabneen gulantaa xumura gabrummaa irra gahe kana duubatti deebisuuf halkanii guyyaa Tigroota waliin mari’achaa jiru. Yoo danda’ame OPDO karaa dhaabbilee farreen QBO ABOn durfamuu ta’aniin haarawoomsuun umrii aangoo isaanii dheereffachuu barbaadu. Karaa biraan ummata buqqa’e bakkatti deebisuun Abdi illeen araaramuun ummata tasgabbeessuu irratti hojjataa jiru. Haala kana aanjessuuf ammoo miidiyaalee horatan kan biyya keessaa fi alaatiinis bilbila dharaa mi’eessanii gurra ummata keenyaa irratti qillisiisuuf jiraatu.

Ummatni Oromoo kana hubatee asii achi sobamuu hin qabu. Jijjirama wareega isaan fide dabarsee gantootatti laachuun irra hin jiraatu. Qabsoo dhiibee qarree bilisummaa fi walabummaan gahate guduunfaa itti godhuu qaba. Dhaaba kallacha isaa ABO cimsee qarayyoo ija isaa Qeerroo Bilisimmaa Oromoo kabee wareegama isaatti gatii godhuu qaba. Kittilliyyoota waan dhugaa dubbatan fakkaatanii sodaa Tigrootaatiin liqimfaman jala gurra qabahuun dhumachuu qaba. Bilisummaa fi walabummaa shanacha keessa seenuuf itti hiixachaa jirtu hiixatee dhuufachuu qaba. Jilba lama gubate sadaffaan naafa akkuma jedhame hiree yeroo lama isa dabre sadaffaa kana dabarsuu hin qabu.

Gadaan quufaa fi milkaahina.

Qixxeessaa Lammii.  

 

 

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.