Qixxeessaa Lammii | Amajjii 07, 2018

Fakkaachuu fi ta’uun tokko ta’uu hin danda’u. Garaa garummaa guddatu jechoota kana lamaan gidduu jira. Wanneen uumaadhaan wal fakkaatanheduudha. Wal fakkkaatuu bira taranii tokko ta’uu garuu hin danda’an. Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaahu sababaan Oromoon jedhee mammaakuufuu tokko kanaafiidha. Ilmi namaa haalaa fi amalaan, bifaa fi sagaleen, hojjaa fi hojiin hamma tokko wal fakkaachuu ykn walitti dhihaachuu ni danda’a ta’a. Dhibbaa dhibbatti tokko ta’uu garuu hin danda’u. Waan wal nama fakkeessu haasawuu fi hojjachuu  danda’uun tahiinsa salphaadha. Tokko ta’anii waan tokko  uumuun garuu waan hin haffallatne. Mana gara garaa keessaa yaa’anii karaa tokko irra imalanii galgala manuma mana isaaniitti akkuma deebi’anii galan yaada gara garaa qabatanii karaa tokkicha irra yaa’aa oolanii galgala yaada mata mataa qabatanii gara mana mana isaanittiin galuun akka danda’amu beekuun barbaachisaadha. Ganama keenyaan bobbaafatanii galgala kiyyaan keessaa galfatu akkuma jedhamu wanti wal fakkaatu cufti tokkuma jedhanii itti amananii fudhatanii maxxanfachuun miira guutuudhaan faana gugatuun dogongora guddaadha. Wanneen gubbarra wal fakkaatan kessa isaaniin gargar ta’uu akka malan dagachuu waan hin malleedha.

Oromoon waan tokko waloon jaalata, waan tokko waloon jibba. Gabrummaa waloon jibba, bilisummaa waloon jaalata. Dhala Oromoo giddutti garaa garummaan kana irratti ni jira jechuun rakkisuu ni mala taha. Kana jechuun warra gabrummaa qaama godhatanii gabrummaa akka bilisummaa fi walabummaatti maxxanfatanii jiran irraanfachuutti nama geessa. Hawaasa irraa dhalatan keessatti balfamuu ykn gatamuu sodarraa osoo hin jaalatin dirqamanii fedhii isaaniitiin ala fedhii ummata isaanii jala kanneen deeman akka jiran irraanfachuun hin feesisu. Warri akkasii qabsaawota dhugaa fakkaatota malee qabsaawota dhugaadhaa akka hin ta’in beekuun barbaachisaadha.

Murni akkasii silaa aanja’eefii adeemsa kana fudhachuuf  itti hin rakkatan ture.  Yaada kanaan faallaa ta’e qabatanii gadiin bahuu irraa waan qaanfatan hin qaban.  Hawaasni bal’aan  dammaqiinsa wal fakkaataa sadarkaa tokkoo waan hin qabneef ykn wal faana ykn wal qixa haala tokkoon hubachuu waan hin dandeenyeef ilaalchi waliif faallaa ta’an kun ni jiru jedhanii amanuun baay’ee itti ulfaata. Haallii QBO shaffisaan of dura tarkaanfachuu dhoorgee bara dheeraaf danqe, har’as danqaa jiru, borus danquuf jiraatu rakkoo inni tokko isa kana akka ta’e beekkamuu qaba. Qabsaawaa dhugaa fakkaatanii qabsotti dabalamanii farra qabsoo ta’anii argamuu fa’atu qabsoo kana mudachaa ture.

Dhaabbileen maqaa gara garaan ijaaramanii qabsoo sabaa kanaaf qabsoofna jedhanii wacan irra hedduun isaanii warra haala kana irraa dhalataniidha. Afaan qabsaawota haqaan waa’ee qabsoo sabichaa waan dubbataniif baay’ee wal fakkaatu. Garaa garummaan isaan gidduu jiru tasa hin mul’atu. Kanaaf gurri sabaa isaan cufaa bifa tokkoon dhageeffatee qalbii guutuun duukaa yaa’a. Kamtu kamii sadarkaa addaan baasanii beekuun nama wallaalchise irra jirama. Dhaaba fakkeessii fi dhaaba dhugaa addaan baafachuuf baay’ee rakkisee jira. Haalli kun bilchinaan gadi fageenyaan yoo ilaalamee adda hin baafatamin galma gahiinsa qabsoo haqaa irratti gufuu hin tuffatamne ta’uun isaa akka hin oolamne beekkamuu qaba. Dhaabootni Itophiyummaa jalatti sabicha hayyisuuf jecha qabsaawaa ajaa’ibaa ta’anii socho’aa jiranii  fi kanneen dhugumatti Oromummaa fi Oromiyaa dhugoomsuuf haasawaa fi hojiidhaan socho’aa jiranis har’a wal makanii ummata bal’aa Oromootti wal fakkaatanii afanfaajahinsa hammana hin jedhamne uumaa jiraachuun isaanii ni mul’ata.

Kan biraa hafnaan ergamtootni Tigree fi qabsaawotni afaanii ykn haasawa duwwaadhaa sochii har’a ABOn finiinfamee guutuu Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru kana irraa baraaruganii dammaqanii barcuma matayyaa saammachuuf jecha maqaa qofaaf wixxifachuu eegalanis danuudha.

ABOn jalqaba irraa hamma ammaatti qabsoo sabichaatti cichee qabsaawaa jiranuu fi isaan sababa warraaqsa kanaan dhalatanii fi dammaqanii miidiyaalee gara garaa irratti yaa’anii lallabanis wal qixa qabsaawota sabaa ta’anii hennaa of himan dhagahamu. Sab-himaalee hawaasaa irratti hennaa haasawan sadarkaan kamuunuu waan wal caalaan hin fakkaatan. Dhugaan jiru garuu faallaa kanaati. Akka qabsoo tokkicha sabaaf geggeessaa jiraniitti wal fakkaatanii mul’achuun isaanii afanfaajahiinsa  daangaa hin qabne uumee jira. akka waan garaa garummaa tokkollee hin qabnee tokkotti ilaalamaa jiraachuun kun dogongora guddaadha. Waan ABOn dalageen of waamuun ykn of himuun of fakkeessuu akka ta’e beekkamuu qaba.

Murni cuftuu qabsoo saba isaanii irratti qooda baasan akka sadarkaa isaaniitti argachuu malan malee gadi bahanii sadarkaa tokko irra dhaabbatanii jechoota warraaqsaa mimishaa filatanii miidiyaalee irratti wacuun ummata gurra duuchuu duwwaadhaan madaala tokko irra of kaahuuf wixxifachuun gowwummaadha. Adeemsa wal fakkaatuun ummatatti dhihaatanii ummata jaanjessuun madaallii addaa akka namaaf kenisiisuu hin dandeenye beekuu qabu. Ummatni keenya shira kana hubachuuf dhaabota haasawaan jiranii fi hojiidhaan lafa irratti jiran qoratee adda baafatu malee gurra jala qabahuu irraa of qusachuu qaba. Gabaabatti dheegeettii irra argatti amanuu qaba.

Sochii ABOn dhalche kanatti abbaa many’aa ta’uuf dhaabbileen dur dhabaman cufti mul’achuu jalqabuun, kanneen dur diina QBO ABOn hoogamuu ta’an warraaqxota sabaa ta’anii gadi ba’uu eegaluun qabsoof osoo hin taane yoo tarii hireen mootummaa ceehumsaa biyyattii keessatti hundeessuu kan dhalatu ta’e barcuma dhuunfaa sammachuuf kan akeekkatame akka ta’e ifaadhadha. Kanneen duraan hin turin har’a dhalatanii qilleensa irratti haasawaan midiyaalee dhiphisaa jiranis akeekni isaanii kanaan ala hin ta’u. Ummatni keenya kan bilisummaa fi walabummaa araade ykn dharra’e isaan cufaa haasawa isaanii caqasee ABO seehee fayyaalummaan hennaa harka tumuuf mul’ata. Dhaabbileen gariin hamma akeeka isaanii bira gahaniif qofa akka maqaa ABOn golgatanii deeman ummatni keenya gadi fageenyaan keessa beekuu dhabuun ni jira. Yeroo jibbansi gabrummaa fi jaalalli bilisummaa akkaan finiine kana keessatti namni maqaa ABOn socho’u cufti ummata Oromoo biratti haalaan fudhatamaa fi kabajamaa akka ta’e beekkamaadha. Murni hedduun kan maqaa ABO himatanii ummata keessa bal’inaan socho’an akka jiran beekuun garuu barbaachisaadha. Hundi isaaniituu ABOdha jechuun garuu hin danda’amu.

Namoota dur qabsoo kana keessatti maqaan isaanii beekkame of dura qabanii ummata afanfaajjessuun bal’inaan deemaa jira. Murnootni akkasii mornoota fedhii mata isaanii maqaa dhaaba kanaan guutachuuf cecceehan malee dhugumatti ummata Oromoo walii galaaf yaadanii ykn dhimmanii akka hin tahin beekuun gaariidha. Ummatni bal’aan Oromoo murnoota qabsoo isaaf dhaabbatne jedhanii itti dhihaatan cufa osoo duraa duuba isaanii akka gaaritti of irraa hin qoratne fayyaalummaan ofitti fuudhee keessummeessuun irra hin jiraatu.

Qabsaawotni sabaa sadarkaa gara garaa qabu. Kanneen ummata isaanii irraa sirna gabroomfataa darbuuf osoo falmatan lubbuu isaanii dhaban saba isaanii biratti ulfina irraa olii qabu. Kanneen qabsaawota lubbuu dhaban irraa akka carraatti hafanis akkasuma kabajaan ummata isaanii biratti qaban ol aanaadha. Garaa garummaan qabsaawota kana gidduu jiru wareegamuu fi wareegamuu dhabuu qofa yoo ta’e malee wanti gara biraa hin jiru. Duuti gootota qabsaawota sabaa garaa garummaa ni qabaata. Gootni osoo diina saba isaan falmu dirree falmaa irratti wareegamee fi gootni dirree falmaan alatti guyyaan jireenya isaa dhumatee ajalaan du’e madaala tokko qabaachuu hin danda’u. Gootummaa isaaniin madaalli isaanii tokko ta’ullee haala lubbuu itti dhaban irratti garaa garummaa ni qabu jechuudha. Inni afaan duwwaan qabsaawuu fi inni hojiidhaan qabsaawus akkasuma sadarkaan isaanii wal irra jira.

Gootni dirretti wareegame ni kufe jedhama malee ni du’e hin jedhamu. Inni dirree falmaan alatti lubbuu dhabe garu ni du’e jedhama malee ni wareegame ykn ni kufe hin jedhamu. Kanaaf kabjaan du’aa fi jiruu irratti qabsaawota sabaaf kennamu wal qixa ta’uu qaba jechuun hin danda’amu. Inni saba isaaf jecha lubbuu isaa dhabe kabjaa irraa olii qabaata. Inni sabaaf jecha lubbuu ofii kennee dirree qabsoo seenee falmaa irra turee akka carraa hin wareegamin hafee fi ammas waan danda’uun hundaan hiriira qabsoo keessa hin bahinii fi kan dirree falmaa irra jirus kabajaan ummata isaanii biratti qaban akkaan ol ka’aadha.

As irratti wanti sabni keenya akka gaaritti hubachuu qabu jedhee ani yaade tokko ammoo gootota qabsaawota  gaafa lubbuun jiran hir’ina qabanii fi hir’ina tokkollee hin qabne gaafa isaan dabran sadarkama tokko irra kaahanii faarsuu qofaan geggeessuun silaa waan hin malleedha. Tolaa fi haammeenya gaafa jiran isaan qaban akka dhalli seenaa sana dhaalu irraa baratu ifa gochuufiin silaa gaariidha. Nama dabre abaaruu fi faarsuun akka dhalli boru seenaa sana dhalatu irraa baratuuf malee warra dabre fayyaduuf miti. Dhaloota dhufu karaa jallinaa irraa gorsanii karaa qajeelaa irra buusuuf gaafa gootni sabaa du’aan addunyaa biyya lafaa irraa galan haallan akkasii kun ta’u.

Kanaaf, badii waliin jaalachuun faarsuun geggeessuu/tola waliin jibbuun balaaleffachuun geggeessuun seenaa dhugaa jallisuu ta’a. Namuu waan dalageen faarfamuu ykn abaaramuun dhaloota boruuf barmoota akka ta’uuf malee faaydaan gara biraa kan irraa argamu jiraatee miti. Eega dabre tolama inni oole qofa keessaa fudhatanii badii inni dalagee dabre dhiisanii reeffa faarsuun geeggessuun isa jaalachuu osoo hin taane reeffa komachuu saalfachuu natti fakkaate. Badii dalage yoo qabaate irraa himanii waaqaa fi sabas dhiifama gaafataniifii faarsanii gammachuun geggeessuu irra wanti filatamu ykn wayyu waan jiru natti hin fakkaatne.

Nama lubbuun hin jirre faarsuun isa lubbuun jiru karaa sana irratti akka cichoomina qabaatu jajjabeessuuf yoo ta’e malee isa lubbuu dhabeef waan fayyadu tokkollee akka hin qabne ifaadha. Isa lubbuun jiru faarsuun jajjabeessuu dhabuun dogongora akka ta’etti hubadha. Jaala ykn kabajaa hawaasa isaa biratti qabu osoo lubbuun jiru namni arge ykn dhagahe dhuguma eebbifamaadha. Ta’iinsi akkasii akka inni ummata isaaf waan isa irraa eeggamu hunda gumaachu si’eessuuf gargaara. Kanaaf adaan kun ummata keenya keessatti aadaa gabbachuu male jedha. Kana gochuun seenaa warra dabraniis yeroo yeroon haarawomsu ta’a. Akka fedhes ta’u garuu namni jiru nama du’e, namni du’e nama jiru ta’uu hin danda’u. Kan du’ee  fi kan jiru haalaa amalaa fi hojiin wal fakkaachuu ni danda’u ta’a malee tokko ta’uu garuu hin danda’an. Du’aan jiraa ykn jiraan du’aa ta’uu hin danda’u jechuudha.

Kanaaf, Oromoon waa of hin dhalan jedhee mammaaka. Garaan haadhaa babarruudha wanti jedhamuufis kanumaafiidha. Akka yaada kiyyaatti osoo naaf ta’ee ummatni Oromoon nama tokko malee miiliyoona shantaa miti. Waan ta’uu hin dandeenye taasisuuf yaaluu natti ta’e malee silaa akkas naa ta’ee gammachuun kiyya daangaa hin qabu. Obboleeyyan haadhaa fi abbaa tokko irraa dhalatan gidduttuu garaa garummaan yaadaa fi ilaalchaa ni jiraata. Kun waan ajaa’ibsiisaa miti. Dhiigaan tokko ta’uun garaa garummaa ilaalchaa fi yaadaa dhabamsiisuu akka hin dandeenye kana irraa hubachuun ni danda’ama. Oromoon ummata tokko. Dhiiga tokko irraa wal hore. Jalqaba irratti amantii, hawwii, biyya, seenaa, afaanii fi rakkoo tokkicha qaba. Ammas ta’u amantii, gosa, yaadaa fi ilaalcha gara garaa qabaachuun tokkumaa isaa waan isa sharafsiisu miti. Du’aa jiruun isaas tokko. Waan barbaade argatuu fi dhabus walumaan qaba.  Yaadni kun yaada dhala Oromoo kan walii galaa akka ta’e hin mamu. Ilaalchaa fi yaada gara garaa qabaachuun dhibee guddaa miti. Dhibeen guddaan waan ta’uu hin dandeenye waan taasisan fakkaatanii ykn fakkeessanii wal sakaaluudha.

ABOn dhaaba Oromoo walii galaa akka ta’e beekkamaadha. Dhaaba tokkicha bakka heddutti qircuun hin danda’amu. ABO gar gar qircachuuf yaaluun qaama Oromticha tokkoo ykn Oromtittii takkaa bakka heddutti akka adda ciccirachuuf yaaluuti. Waan hin taane taasisuuf yaaluun hojii fakkeessiiti malee hojii dhugaatii miti wanti ani jedheef kanaafiidha. Dhala Oromoo fi diinotni Oromoo kan ABO fakkaatanii ummata keenya afanfaajjeessuu yaalan milkiin gochaa kana irraa argatan hoongahiinsa qofa akka ta’e beekuu qabu. Dhaabotni Oromoof ni falmina jedhan cufti ilaalchaa fi yaada gara garaa yoo qabaatanis ABO dura dhaabbachuu hin qaban. Oromoo fi Oromiyaa dhaaba awwaala gabrummaa Abashaa keessaa baasee hawaasa addunyaa biyya lafaa walii galaa tana waliin walitti make, Oromoo fi Oromiyaa kaartaa biyya lafaa irratti akka mul’atan, afaan Oromoo akka qubee Laatiniitiin qubsiifamu ummata isaaf dhaaba moggaase qabsoo haqaa inni dhiibee asiin gahe irraa mogeessuuf tattaafatuun cubbuu Rabbi hin jaalatne akka ta’e beekuu barbaachisa.

Kaayyoo fi akeeka haqaa inni qabatee qabsoo sabaa ittiin geggeessu dhabamsiisuuf ABO dhabamsiisuu akeeka duraa waarri godhate TPLF qofa akka ta’e beekkamaadha. Hawwii fi fedhii diina kaayyoo QBO ABOn hoogganamu hongessuuf TPLF qabdu fashalsuuf dhalli Oromoo cufti dhaaba isaanii ABO dura dhaabbachuu dhiisanii bira dhaabbachuudhaan mirkaneessuu qabu. Fedhiin matayyaa fedhii walootiin haa durfamu. Bilisummaa fi walabummaa dhihaate gonfachuuf tokkummaa mirkanaawetti dhimma bahuun amma haa ta’u. Qerroon Bilisummaa Oromoo WBOn, ummatni Oromoo walii galaa ABO bira dhaabbatee injifatnoo seena qabeessa galmeesse galmaan gahachuu qaba. Dhaabbilee fakkaattotaa fi fakkeesitoota jala gurra qabachuun asii achi ummata Oromoof gahuu qaba.

Ni Moona!

Qixxeessaa Lammii

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*