Fincila Diddaa Gabrummaa Irratti Berreeffama Gene Sharp: ‘ Abbaa Irrumma Irraa…”

Kutaa – 6ffaa

5.3  Iftummaa/Banaa, Iccitii fi Hamilee Guddaa

Iccitiin, gowwomsaa fi lafa jalaan shiruun qabsoo karaa nagaa godhamuuf rakkoo dha. Basaasotaa fi tikni mootummaa waan karoorfame akka hin barre godhuun hin danda’amu. Sochii karaa nagaa godhamuu iccitaawaa taasisuun sodaa irraa kan maddu tahee sodaas kan cimsuu dha. Kun ammoo namoota silaa sochii diddaa irraa qooda fudhatan xiqqeessa, hafuura diddaas ni qabanneessa. Sochii godhamu iccitaawaa taasisuun namooti akka wal shakkan, wal balaaleeffatan, abalu lukkee diinaati jedhanii akka wal baqatan godha. Sochii sana iccitaawaa taasisuun akka qabsoon karaa nagaa hin geggeeffamne taasisa. Karooraa fi yaada qaban dhoksaa tokko malee ifa taasisuun sochiin sun akka jabaatu godhutti gumaacha. Rakkinichi baayyee wal xaxaa dha. Kanaaf sadarkaa tokkotti iccitii isaa eeguun ni barbaachisa. Namooti beekumsa qaban basaasi akka irratti hin barretti haala Abbaa irree fi tarkaanfii fudhatamuu qaban gad faginaan xiinxaluu qaban.

Waraqaa dhoksaan lafa jala facaatu qopheessuu fi baayyisuu, radio biyya keessaa seeraan ala dabrutti dhimma bahuu fi odeeffannoo tarkaanfii Abbaan irree fudhatu walitti qabun bifa dhokataa fi iccitaawaan tahuu qaba.

Sadarkaa qabso karaa nagaa godhamu hundaa irratti hamilee jabaa qabaachuu fi hordofuun barbaachisaa dha. Sodaa of irraa balleessuu fi naamusa barbaachisu eeguun guddisee barbaachisaa dha. Jijjirama fiduu dhaaf lakkoobsi namaa baayyee tahun barbaachisaa dha. Lakkoobisa namaa baayyee argamsiisuuf ammoo warri irratti hirmaatan hamilee jabaa qabaachuutu irraa eegama.

5.4 Hariiroo Aangoo Bakkaa Geeddaruu

Diddaan siyaasaa haala qabsoo guyyuu jijjiiramu keessatti adeemsifama. Tarkaanfiin fudhatamu tokko kan fallaasaa fudhatamuun jijjiirama. Waanti dhaabbatan hin jiru. Hariiroon aangoo shaffisaan geeddarama. Kun kan dhugoomu miidhaa fi hacuccaan jiraatu illee warri diddaa godhan qabsoo isaanii karaa nagaa osoo wal irraa hin kutne yoo itti fufanii dha.

Garaagarummaan aangoo gartuulee lamaan wal morman gidduu jiru, isa qabsoo hidhannoo caalaatti, wal irraa fagaataa, dhuma irratti itti baha siyaasaa bal’aa fi haaraa maddisisuu danda’a. Garaagarummaa kana irraa kan ka’e, tarkaanfiileen fincilotaan fudhatamu itti baha isaan yeroo sanatti hin yaadin as baasuu danda’a. Kun ammoo gama tokko jabeessuu, kaan laaffisuu ni mala.

Gamni qabsoo karaa nagaa godhu, tarkaanfii fudhatuun humna mormituu isaa laaffisuu ykn jabeessuu irratti dhiibbaa guddaa godhuu danda’a. Fakkeenyaaf mormitooti muratoo fi kutatoon, gochaa bineessummaa Abbaa irreef yoo jilbeeffachuu didan, waraana isaa fi ummata keessatti deggersa dhabsiisa, sadarkaa tokkotti ammoo sadarkaa waraanni itti fincilu gahuu danda’a. Sochiin mormitooti godhan bal’atee akka hawaasi addunyaa Abbaa irree balaaleffatu fi abaaru taasisa. Diddaa siyaasaa ogummaa, naamusaa fi itti fufiinsaan yoo gaggeessan ummatni duraan Abbaa irree deggeru ykn moggaa dhaabbatu, akka baayyinaan qabsoo irraa hirmaatan godha, Abbaa irree deggersa ummataa akka dhabu taasisa.

5.5 Jijjiirraa Fiduuf Mala Afur

Qabsoon karaa nagaa godhamu jijjiirraa karaa afuriin maddisiisuu danda’a. Malli inni duraa yeroo baayyee kan hin taane tahu illee garuu tahee jira. Finciltoota muratoo fi jagna kan miidhaan gosa fedhe iyyuu akeeka isaani irraa hin tochoofne tahuu gareen isaaniin morman yeroo argan kaayyoon finciltootaa haqa jechuun gadduufii jalqabanii booda irratti isaan cinaa hiriiruu ni malan. Malli kun amansiifachuu jedhama. Malli kun dabree dabree kan mul’atu tahu illee mormii garii hiikuu dhaaf yeroo itti hin danda’amne tahu ni jira.

Yeroo baayyee kan tahu, qabsoon karaa nagaa gaggeeffamu haala mormii fi hawaasa geeddaree akka gareen faallaa dhaabbatu akka fedhe hin hojjanne taasisa. Jijjiirraa akkasii argamsiisuutu mallota sadan hafan: ofitti fudhachuu (accommodation), karaa nagaan dirqisiisuu (nonviolent coercion) fi diigamuu (disintegration) fida. Isaan kana keessaa isa kamtu dhalataa kan murteessu garuu hammam akka aangoon gara dimokraatootaati akka galuu dha.

Yoo kaayyoon qabatani ka’an kan bu’uraa hin taane, gaaffiin mormitooti qabatanii ka’an kan sodaachisu waan hin taaneef, aangoo irratti gaaffiin ka’ee haga tokko kan jijjiirame yoo tahe, mormii sun walii galtee uumuu dhaan furamuu danda’a. Haala akkasiin mormii furuun ofitti fuudhachuu (accommodation) isa jedhan taha. Fincilli hojii dhaabuu yeroo baayyee bifa kanaan xumurama. Gamni lachuu akeeka isaanii irraa haga tokko waan argataniif walii galtee irra gahamee araaraan qadaadama. Mootummaan fincilli bifa kanaan xumuramuu ni fedha. Sababni isaa wal diddaa dhalate waan furee, mootummaa haqaa isa fakkeessuun maqaa isaa hawaasa addunyaa biratti waan tolchuuf. Yeroo mala ofitti fudhachuu (accommodation) kanaan mormii furuuf yaalan of eeggannoo cimaa godhuu feesisa. Qabsoon Abbaa Irruummaa buusuuf godhamu mala kanaan hin gaggeeffamu waan taheef.

Qabsoon karaa nagaa mala amansiisuu ykn ofitti fudhachuu caalaatti humna qabeessa tahuu danda’a. Ummatni tumsa dhorkachuu fi diddaa agarsiisuun haala siyaasaa fi hawaasaa geeddaruu danda’a. Keessaafuu aangoo Abbaan irree dinagdee, hawaasaa fi politikaa irratti qabu ni geeddara. Humni waraanaa fi tikaa mootummaan qabu mormitoota hacuucu akka duraanitti ajaja fudhachuu dhiisuu amanamummaan isaa shakkisiisaa tahuu mala. Humni waraana fincilootaaf looguu jalqaba. Bulchitootaa fi abbootiin irree akeeka isaani ganamaatti cichan illee humni ittin hojii irra oolchan jalaa haxaawamee dhabamuu mala. Malli kun karaa nagaan dirqisiisuu (nonviolent coercion) isa jenne sana taha.

Karaa nagaan dirqisiisuun kun haala tokko tokko keessatti kana caalaa bal’atee deemuu danda’a. Mootummaan sun aangoo ajajee waa hojjachiisuu guutummaatti dhabee caasaan inni diriirfate caccabe unkutaawa. Finciltooti diddaan agarsiisanii fi tumsi dhorkatan bakka gahee, Abbaan irree isaan irratti aangoo tohannoo qabu guutummaatti dhaba. Birokraasin isaa ajajamuufii dida. Humni waraanaa fi poolisii irratti fincilu. Deggertoota isaa kan turanii fi ummatni nu hogganuf mirga seeraa beekuufii didu. Duraan gargaarsi godhanii fi abbomamaa kan turan ni dhabama. Kun egaa mala jijjiramaa isa afuraffaa diigamuu (disintegration) sana taha. Humni Abbaa Irruummaa qabu soofamee waan dhumeef harka kennuu duwwaatu isa hafa. Akka kanatti mootummaan sun kufee caccaba.

Tarsiimoo qabsoo bilisummaa yeroo diriirsan maloota afuran sana sammutti qabachuu feesisa. Yeroo garii akka tasaatti hojjatu. Haata’u malee, isaan keessaa eegganoon yoo mala tokko ykn lama filan, qabsoo jijjiirraaf godhamu keessatti tarsiimoo kaan wajjin wal gargaaranii ija argamsiisuu danda’u. Mala tokko ykn baayyee filachun haala danuu irratti hunda’a. Isaan keessa tokko hariiroo aangoo, haalaa fi akeeka qabsoo karaa nagaa mootummaa fi mormitoota gidduu jiruu dha.

5.6 Dimokraasii Argamsiisuuf Qooda Diddaa Siyaasaa

Karaa nagaa qabsoo godhuun siyaasaa hawaasa tokko dimokraateessuuf karaa hedduu gumaacha.
Karaa nagaan qabsoo godhuun dimokraatessuu irratti fafa qabaachuu danda’a. Warri diddaa siyaasaa kana hogganan ummatni akka isaan hordofu dhiibbaa godhuu danda’u malee humna waraanaa fi polisii waan of harkaa hin qabneef kan isaanii ajajamu didu hidhuu fi ykn ajjeessuuf hin danda’an. Haala akkasii keessatti gartuun tokko ka’ee abbaa irree tahuu danda’a jechuu dha. Dimokraasiin hawwame hafee abbaa irree bakka bu’uu danda’a jechu dha.

Diddaan siyaasaa dimokraateessu dhaaf qooda guddaa taphachuu danda’a. Kunis, qabsoon karaa nagaa gaggeeffamu ummatni mala addaan fincilee bilisummaa isaa akka gonfatuu fi tikfatu isa dandeessisa. Haala akkasii keessatti kan abbaa irree tahuuf abjootu bakka hin argatu. Gadi kanatti qooda qabsoon karaa nagaa godhamu dimokraatessuu keessatti qabu tarrifna.

Qabsoo karaa nagaa godhamu irraa muxannoo argamuun ummatni of irratti amantii horatee tarkaanfii fi sodaachisa  mootummaan fudhatu dura dhaabbachuu danda’a.
Qabsoon karaa nagaa godhamu ummatni tooftaa tumsa dhorkachuu fi finciluutti dhimma bahee hacuuccaa mootummaan mirga dimokraasii ukkamsuun ummata tohachuu barbaadu dura akka dhaabbatan gargaara.
• Ukkamsaa fi cunqursaan mootummaa osoo jiruu qabsoon karaa nagaa godhamu ummatni mirga dimokraasii kan akka haasa’uu, barreessuu, ijaaramuu fi walgahii gaggeeffachuu hojii irra oolfatu isa dandeesisa.
• Qabsoon karaa nagaa godhamu akka gartuulee walabni, dhaabbati hawaasaa bilisa tahe akka jabaatu, haaraan akka dhalatu godhuu irratti gargaara. Isaan kun dimokraasii dhugoomsuuf hedduu barbaachisa. Sababni isaa ummatni ijaaramee humna horatee isa abbaa irraa tahuuf abjootu hongeessa.
• Qabsoon karaa nagaa godhamu humna waraanaa fi polisii mootummaa abbaa irree dura akka dhaabbatu isa dandeesisa.
• Qabsoon karaa nagaa godhamu, warri bulchiinsa harkaa qaban akka garaa hacuucanii bulchuutti akka hin tarkaanfannee ummataaf malaa fi tooftaa kenna. Kun ammoo dantaa dimokraasiif barbaachisa.

5.7 Qabsoon Karaa Nagaa Walxaxaa dha

Akka armaa olitti lafa kaa’ametti qabsoon karaa nagaa gaggeeffamu tarkaanfii hawaasaa wal xaxaa, mala hedduu kan hordofu, jijjirama gosa adda adda kan fiduu danda’uu fi naamusa addaa kan gaafatu tahuu dha. Diddaan siyaasaa injifannon xumuramee abbaa irree buqqisuu danda’uuf qophii gahaa fi karoora of eeggannon karoorfame gaafata. Warri qabsoo kana irraa hirmaatan dursanii maal akka isaan irraa eegamu beekuu qaban. Dinagdeen barbaachisu argamuu qaba. Warri sirritti xiinxalan akkaataa qabsoon karaa nagaa galii isaa rukutuu danda’u irratti hojjachuu qabu. Amma dhimma fardii- karoora tarsimoo- baafachu kan jedhutti fuula deebifana.

 

—Itti fufa —-

 


Kutoota darban:

  1. Barreeffama Gene Sharp: ‘Abbaa Irrummaa Irraa Gama Dimokraasii’ – Kutaa 1ffaa
  2. Barreeffama Gene Sharp: ‘Abbaa Irrummaa Irraa Gama Dimokraasii’ – Kutaa 2ffaa
  3. FDG Irratti Barreeffama Gene Sharp: ‘Abbaa Irrummaa Irraa Gama Dimokraasii’ – Kutaa 3ffaa
  4. Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Irratti Barreeffama Gene Sharp: ‘Abbaa Irrumaa Irraa …’ – Kutaa 4ffaa
  5. Fincila Diddaa Gabrummaa Irratti Barreeffama Gene Sharp: ” Abbaa Irrummaa Irraa…” – Kutaa 5ffaa
No comments yet.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions