Lammaa Magarsaa2

Fincilli Xumura Gabrummaa Itoophiyummaa fi Moo Oromummaafi?

Qixxeessaa Lammii | Sadaasaa 06, 2017

Aadaa mootummoota Itophiyaa dhalmayaan dhufaa dabran hunda keessatti sochii ummata bal’aan jalqabee gara guduunfaa irra gahe akka culullee raqa wal harkaa buttuu ummata harkaa butuun waan aadeffatame. Qaama sochii sana oofee dhuma irraan gahe harkaa butuun abbaa itti of taasisuun waanuma baratame malee waan har’a jalqabe miti. Sochiin har’a OPDOn itti jirtus haallan mootummootni dabran raawwatan irraa addaa miti. Qabsoo gaaffii abbaa biyyummaa deebii barbaaddu deebii Itophiyummaa itti kennuun kunoo mul’atee jira.

Ummata Oromoo dhimmi isaa nu ilaala jedhan osoo Somaaleen ibiddi itti shidame irraa hin dhaamin madaa kaleessaa kan seenaadhaanuu fayyuu hin dandeenye fayyisuudhaaf qurxaa magaalaa gudditti Amaaraa dhaqanii araara buusuuf harka kennachuun mirkanaawee jira. Dhaaba onnee Oromiyaa osoo hin taane onnee Itophiyaa hidhatee somba Habashummaan hafuura baafatu irraa dhalli Oromoo jijjirama eega jechuun karaa kam akka ta’e hubatamee jira. Oromootni ala kana irraa OPDOn ABO hundee taatee gadi baate jechuudhaan karaa midiyaalee isaanii gurra ummataa duuchaa jiran amma waan jedhan hin beeknu. Ammoo ni eegna.

Sochiin wayyaanee kokkee qabatee hafuura itti kute amma akka lubbuu hin godhane ykn kichuu citu gochaa jiru. Walitti dhufeenyi gaariin kan barbaachisu ta’ullee nuti isin malee isin numalee abadan jiraachuu hin danda’mu sadarkaa itti jedhamu irra gahamuun gaaffiin Oromoo deebitee jirti jechuudha. Mataan dhaaba OPDO har’a midiyaalee Habashaan akka malee faarfamaa jira. Sossobanii nama nyaachuu warri baratan soorata ajaa’ibaa ykn maaddii irraa dhumaa nama duratti tuulanii qadhabaa hin beekkamneen nama qadhabuun waanuma baratame ta’ullee har’a dhaabni saba Oromoof dhaabbatne jedhu kunoo harka kennatee ummata isaas harka kennachiisee jira. Gaaffiin ummata bal’aa Oromoo shuumamuu muummichummaa biyyatti Obboo Lammaa Magarsaan deebi’uuf akka jiraatu warri quba hin qabne akka quba qabaatan, warri hin beekne akka beekan, warri hubatan ykn beekan akka mala dhahatan haalli ta’e kun akeekee jira.

Oromootni akka garetti ykn tokko tokkoon dhaaba isaanii ABO dura dhaabatan ykn morman karaa qabsoon itti jijjiramaa jirtu waan hin hubatne natti hin fakkaatu. Olola of irratti oofan dhiisanii kaayyoo ganamaa jaallan qaqqaaliin irratti dhabaman sana karaa ittiin bakka gahu sana irratti of deebisuun bakka qabsoon amma geettee irra jirtu kana irraa gulantaa itti aanuutti tarkaanfachiisuun isaan irra jiraata. Keessumaa miseensoti dhaaba kanaa kanneen sababoota adda addaatiin dhaaba kana irraa adda bahanii hiree biyya sadaffaa argatan waan dabre dhiisanii waan dhufuuf yaaduu qofa osoo hin taane hojjachuuf of qopheessuu feesisa. Keessumaa miseensotni dhaabni isaanii biyyatti akka deebi’anii qabsoo sabichaa itti fufan horiin itti kennamee eega bobbaafaman booda qabeenya dhaabichaa waliin miliqanii karaa biyya alatti fuula deebi’an olola dhaaba isaanii irratti oofan gabaabsuun barbaachisaadha.

Iji baddu eddoon ijaa hin baddu. Seenaa ofii beekanii seenaa namaa balleessuuf hiixatuun of qulqulleessuu ykn qabsaawaa nama hin taasisu. Qabsaawaan haqaa waan dhaaba ykn ummata isaa irratti balleesse fudhatee badii isa irratti dalagames himata. Kan qabsaawota dhaaba kana keessaa bahanii garuu miidhama himachuu malee waan miidhan himachuun kan of saaxile Leencoo Lataa qofa. Inni gaafa hayyama dhaabaan ala hiriyyaa isaa mana hidhaatii baasuuf biyyatti deebi’e irratti gaaffii gaafatameef dhaaba irratti yakka guddoo lubbuu isa gaafachiisu akka balleesse dirree bahee himate. Qabsaawaan dhugaa akkana. Isaa as warri dhaaba kana diigan ykn bittineessan cufti Dawid qofa himatu. Dawid kophaa isaa waan balleessee fi tolche hin qabu. Waan balleesse ykn tolche qooda irraa qoodamu qabaachu ni mala ta’a malee badii mara isa irratti qofa gara galchuun cubbuu guddaadha. Badiin qabu yoo jiraate tarkaanfii barbaachisu yowaan fudhachuu hanqachuudha. Suta suutaan qajeelchina jechuudhaan ricicuun dhaabni kun gaafatama isaa jalatti guddoo miidhamuun isa gaafachiisuu mala.

Ammoo waa tolchinatti akka badii irra hamaatti hin seenne of eeggachuun ykn tarkaanfii jarjaraa fudhachuu irraa of qusachuun isaa waa tolche malee waan balleesse hedduu hin qabu. Akka silaa heeraa fi seerri dhaabichaa ajajutti tarkaanfii hatattamaa ni fudhata ta’ee har’a Oromoon afaaniin walitti olotu harkaanuu walitti tarkaanfatti ture. Kanaaf, adeemsi inni filate waan bade irra waan tole caalchise. Galaasaan Arsitu aangoo irraa na fonqolche jedhee fincnile. Dhaaba kana kan dura diige isa. Dhugaa kana ilmaan Oromoo miseensota dhaaba kanaa turan iciitii kana suduudaan beekan ragaa bahuu ni danda’u. Har’a ammoo ilmaan Arsii kalee aangoo irraa na fonqolchan jedhee sababa sanaan dhaaba diige har’a bakka irra irkatu dhabnaan isaan sana firoomfachuuf Dawid abaaraa jira. Siyaasaan hojjaa hin qabdu akkuma jedhame, ilmaan Arsii warruma kalee himataman sanatu isa waliin hariiroo gaarii qabna jedhanii sab-himaalee gara garaa irratti ol bahanii hennaa lallaban dhagahamu. Wanti hojii siyaasaa gatii dhoorgee soba taasise waan akkanaa kana.

Ilmaan Arsii dhaaba kana keessa turan naannummaa ittiin himataman sana hin qaban. Hinaaffaa fi qoxxee dhalli namaa uumaadhaan qabu ni qabu. Wal irra ijoollee Oromoo naannoo biraatti dhalatan fardeessu. Hayyu durummaa dhaaba kanaas ijoollee naannoo tokkotti dhalatan bakka walii buusan malee ofii wal hin buufne. Gaafa sana gandummaa osoo hojitti hiikanii hoogganni dhaaba kanaa guutuuguututti silaa ilmaan Oromoo Arsii ta’uu ni danda’a ture. Kanaaf, ilmaan Oromoo Arsii hinaaffaa qabu malee gandummaan gadi bu’anii wal jala deemuu ykn wal dhuunfachuu yaada jedhu hin qaban. Morkaa fi xiiqii keessa seenuun waa balleessuu fi waa tolchuu irratti garuu hiriyyaa hin qaban. Kanaaf, ilmaan Oromoo naannoo biraa irra caalatti ofii wal dura irra dhaabbatu. Haalli jijjiirama keessatti mudate kanaaf ragaa qabatamaa ta’uu danda’a. Jijjiirama sana akka ta’u kan duubaa dhidhiibe Leencoo Lataa fi Diimaa Naga’ooti. Hayyu durummaadhaan warri qaadhimaman isaan turan. Eega itti oofanii garaacha naqan booda sababoota gara garaa tiin didanii irraa alatti hafan. Diigamuu ABO IFLO irraa hamma ABO tokkoomee har’aa kanatti sababaan guddaan jaruma tana.

Abaaramuu ABO Dawidiin hogganamuufis sababaan isaanuma. Jette jetteedhaan olola oofuu malee namootni hedduun dhimma kana gadi fageenyaan hin beekan. ABOn tokkome jedhamu kan har’a hiddaan lafa hin jirres waliin jirra jabaadhaa jedhee boolla bahuu keessaa hin dandeenye kanatti kan isaan naqes jara kana. Kan nama dhibu garuu warri maqaa dhaaba kanaa himatanii fi maqaa biraa moggaafatanillee eega Oromoof qabsoofna jedhan diina dhiisanii ABOtti duuluudha. Humni ykn hoogganni gaafa biyya jiru ykn biyyatti dhihoo jiru Oromoof waa siqsuu hin danda’in har’a fagoo biyyoota farajii taa’anii achi irraa qabsaawota addaa fakkaatanii hennaa dheeratahan dhagahamu. Namoota hin beeknetti dhugaa fakkaachuu danda’a. Namootni beekan ammoo aaraa garaa keessa itti kolfu. Oromoon dhaabota diasporaa hin barbaadu. Laaffatuu fi jabaatulee kanuma har’a isatti aanu kana abdata, qubas qaba. Jiraachuu dhaba ofii namootni hin beekne ammoo ABOn hin jiru jechuun olola hidda hin qabne oofu. ABOn bosona muka Oromiyaa fi bosona onnee ummata bal’aa Oromoo keessa jira. Kun akkanatti hubatamuu qaba. Beekaa dhaaba kana arguu ykn dhagahuu dhabuudhaan akka hin jirre godhanii odeessuun isa hin dhabamsiisu.

Bakka dhugaan jirtu dharti itti baay’atti. Waa jiraachuu osoo baatanii sababaan dhaaba Shanee ykn Erteraa wanti nama jechisiisu hin jiru. Wayyaaneen kan balaaleffattu ykn himattu isa kana, warri dhaaba kana irraa yaa’anii of bibxilanis kan balaaleeffatan ykn himatan isuma kana, warroonni kaayyoo ABO dhaga’uu fi arguu hin barbaadnes akkasuma kan jibbanii fi balaaleffatan ykn himatan dhaaba kana malee warra maqaa isaatiin ala taa’anii wal himanii fi of himan kanneenii miti. Kana ummatni bal’aan Oromoo tolchee ykn qulqulleessee beekuu qaba. Sababaan OPDOn har’aan tana Fincila Xumra Gabrummaa QBO ABOn hoogganamtu fiimee sadarkaa Oromiyaa dhuunfatuu irra gahe kana kan harkatti qabuu qofa osoo hin taane haf gootee motummaa Amaarattiin ceeteef kaayyoo ABO kana kolaasuudhaaf malee ummata isiif deebii gaaffii isaanii kennuu ykn kennisiisuufii barbaaddeetii miti. Deebiin gaaffii ummata Oromoo OPDO aangessuu miti. Kana isiinis beekuu qabdi. Kanaaf, dhaaba bara 25 guutuu ummata isaaf hafnaan ofii isaaniitiifuu waa taruu hin danda’in irraa fala eeggachuu hin barbaachisu. Hamma isiin nama gargaaruu dandettu of gargaarsisanii deebi’ii ummata keenyaaf malu karaa ittiin dhufu beekkamaa ABOn harkaa qabu kana irra dhangaluun barbaachisaadha.

Keessumaa addatti ilmaan Oromoo maqaa adda addaa moggaafatanii kaayyoo fi akeeka gara garaan Oromoo fi Oromiyas wayitti baafna jedhan cufti OPDOs dabalatee yeroon ummata isaanii bulguu moofaa ykn quufe jalaa baasanii bulguu haaraya ykn beelahaaf dabarsuu irraa hambisan har’a. FXG Itophiyummaaf osoo hin taane Oromummaaf akka ta’e hubachuudhaan warraaqsa QBO bira dhaabbachuun galma gahiinsa kaayyoo ABOf dirmachuun barbaachisaadha. Waan hunda dura Oromummaa durfachuun wanneen hafan bulfachuu dhaadatnoo keenya haa godhatnu!

Nimoona!

Qixxeessaa Lammii.

One Response to Fincilli Xumura Gabrummaa Itoophiyummaa fi Moo Oromummaafi?

  1. Bariisoo Roobaa November 7, 2017 at 12:47 pm #

    Qabsoon ummata Oromoo foona korma jibooleen heedun keesati waalaatu ganamuman jalqabamtee hanga ara”ati itti fufee.Sababni hoogana itiitaafii jabaa itti hooruu danadhabnee diini keena itti nu caalee bara baran raroo nuti raraatu dandeesiisee walhubatu dhabuu,shakkiifi tuffii waaliirra qabnuun diina dhiifnee wal lamsheesun qabsoo biliisummaa kolaasun diina uffirrati gobsinee maaxa keesa baneeti birdiffata jirra.ilmaan Arsii araa Oromoo keesa fooyamtee addaati dorgoomi siyaasa keesati balalefamtu tun barmoota ammayaatin odo uuf kuulin beekoomsa uuma Rabbin badhaaseen duraati baatee eenu caala ooneee guutun xurree biliisummaa dhiigan saaqan.Oromoo keena ka barateen yoo hoganamnee biliisummaa gonfanna abdii jedhutu turee.Abdiin sun bara baran fagaatee walmaxariinsa taatee qabsoon biliisummaa Oromoo lamshoftee . Ummatni fi ilmaan isa wareegama qaali kafaluun sochiiii adaan hincitnee godhuun fuula aduunyaati mulaatan.yeroo gababa keesati Haaji Hussen Sura shira mootumaan Somalee ka Ziad Baretin hooganumu xaxama jiru argun ENLF agoobara godhannee Oromoo biliisoomsina yaada jedhamu harakati tuffatamee meesha inni feeate dhufee kara lafa jalaatin marii takka malee jarjaran Elemo Qilxuu(Hassen Ibrahim) dhukasa baanun jalqabati gufachisee, Hussen sura harka qulla Edenit debiee. Arsiin karan taaiti kara maleen tayti eenyu caala qabsoo Oromoo jirachisuuf wareegama guddaa kafalan.muudaman qabsooti hindabalamnee dhiigaa dhangalaasun qaama irratun,jiruu itti dhabun as gayamee. namooni akka hoganati uuf laalan yoo ilmaa arsitu kana nu godhee jedhan nama salfachiisa.Oromoon bareentuu akkuma jiraniin carra barmoota argatani dorgomi keesa galuunu waggoota muraasa.wagoota kana keesa ilmaan bareentu keesatu ilmaan Arsee carraa barmota aragatun diree siyaasa keesati dorgomii keesa galan dhiibaa godhuunu asi kalu kana.joolee qalama malee jiruu siyaasafi shira adeemamu gad fageenyan hinhubanee qola itti dhawatun gama gamana harkiisun akka siyaasa rakasa taphatan godhani gafa isan damaqani uuf beekaan hinafafi morkaan yakkun nama salfachiisa. mee malumatu jira hinaafan? aangoo tamifi, buaa kamiifif? aangoo taatu 100% harka Abyssinoota jira,Qaanyii kuni. waaqoo guutuu itti hinaafan malee namati hinhaafnee,Guutama Hawaas itti hinaafan malee namatii hinhinaafnee, Nadhii Gammada itti hinaafan malee namati hinaafnee.xurii hinaafaa,morkaa,xiiqii,gaandummaatin itti laaquun dhugaa isaan qabsoo bilisummaa keesa qaban xureeesudha. namootni akka dhunfatis taee akka gareeti gochaa namotni murtaan geesan ummata duudaa itti abaaruufi xiqeesun hayyumma odo hintaanee doofumma ,beekomsa odo hintaanee walaallummaadha.hanga yoomi dukkana kana keesa daaka waayee qabsoo biliisummaa Oromoo haasama.Cinaa jarra tokkoo eega deemamee boodas qabsoon biliisummaa Oromoo gagamaa keesa bayuu hindandeenyee.Qabsoon Oromoo keesaafi alaaleen Abyssinotan sakaalamtee wixiifata jirtii ka Asmara jirus sakala keesa jira,ka biiyyaa keesa jirus sakaala keesa jira. sakaalan ufi waal sakaalan himo daran sakaalla balaa hamarra nama buusu.namni walshakkuufi walahinamanee waalin imala hindeemu jedhama. Dhabootni siyaasa Oromoo hinsochoofna jedhan hundii keesatu ilmaan sanyii sani, naanoo sani jechuu dhiifamee namuu hojii mana fudhatee qabsoo akka finiintuu godhuun barabaachisadha.nama gaarifi nama bada nama itti kalayutu beeka malee nama irra fageenyaan jiratumiti.dhugaan heexoo taatullee xuuxamu, liqifamu qabdii diinii dinqaa nu oolseenee dhiiga keena xuuxaa jira .diinarrati haxiiyeefannu.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions