Garaa Garummaa fi Tokkummaa Dhiigaa fi Ilaalchaa.

Qixxeessaa Lammii | Sadaasa 01, 2017

Lubbu qabeeyyii fi lubbu maleeyyiin addunyaa biyya lafaa irratti argaman cufti seenaa hidda latiinsa mataa ofii qabu. Lubbu qabeeyyii keessaa dhalli namaa qaama tokko. Waan irraa dhalate, akka itti dhalate, yeroo itti dhalatee fi bakka itti dhalatee suuta suutaan wal horee sadarkaa kana irra gahe irratti seenaa mataa isaa qaba. Xiyyeeffatnaan kiyya garuu seenaa hidda latiinsa dhala namaa barsiisuuf miti. Hubatnaa xiqqaa akka nama tokkootti waa’ee garaa garummaa fi tokkummaa dhiigaa fi ilaalcha dhala namaa irratti qabu irratti waan xiqqoo tokko jechuu barbaadeeti.

Dhalli namaa shanyii/diigaan, afaaniin, biyyaan/qubsumaan, seenaan, aadaan, amantiin, jireenyaan, bifaan tokko ykn wal fakkaatuu ni danda’a. Hawaasni ulaagaalee kana cufaan tokko ta’e ilaalchaanis tokko ta’uu wanti isa hanqisu hin jiru jedhanii amanuu fi wal amaniisuuf tattaafatuun garuu kataadha. Dhalli namaa akkuma wajjaan ykn dheerinaa fi gabaabinaan, bifaan, gitaan, saalaan, fiixaan, beekkomsaan/dandeettii fi wkkf garaa garummaa qabu ilaalchaanis akkasuma garaa garummaa qabaata. Ulaagaalee hedduu dirqitti tokko nama taasisan qabaataniif ammoo ilaalchaanis tokko ta’uun dirqii ta’a jedhanii yaaduun sirrii hin ta’u.

Ilaalchi/yaadni yeroo hedduu qabeenya matayyaa ta’a malee qabeenya waloo ta’uu hin danda’u. Ilaalcha ykn yaada namoota dhuunfaa dhiibbaa gara garaan wal fudhachiisuun ykn wal dirqisiisuun tokko taasisuun garuu yeroofis ta’u ni danda’ama ta’a. Ilaalchi haala kanaan horatame garuu umrii hin qabaatu. Kanaaf, ilaalcha gara garaa wal fudhachiisuu/wal simachiisuun tokko taasisuun mala bilchaataa addaa barbaachisa. Maloota ni ta’an jedhee tilmaame keessaa inni duraa dhugaa jiru karaa nagayaan wal mari’iin, walitti himuun wal amansiin wal fudhachiisuu hennaa ta’u, inni kan biraa ammoo ilaalcha walii faallessuu dhiisuudhaan hamma tokko hiree waliif kennuun wal ijibbaachisuu danda’u. Maloota lamaan kanaan furuun yoo dadhabame ammo, hojii hojjatamee lafa irratti mul’atuun walitti araarsuudhaan tokko taasisuu dha. Hojiidhaan dorgomanii injifatnoon keessaa bahuudha.

Karaa humnaa, arrabaa, abaarsaa, tuffii fi wal ceeqomsuun/kophxeessuun ilaalcha gara garaa tokkoomsuun garuu tasa hin danda’u. Waan kooraa fuudhaniif fardi, waan qarqaba qarqabaniif gaalli hin wallalu akkuma jedhame sababa bu’uura kana filadheef dhalli Oromoo hin wallaalu. Har’a dhaabbileen Oromoo maqaa qabsoo Oromoon ijaaraman danuudha. Bay’inni dhaabbilee ummata isaaf garuu rakkoo gummaache malee bal’oon gumaache hin mul’atne. Inumaahuu diina gargaare jechuun hin qaanfachiisu. Baay’achuun wal dura dhaabbachuu irratti kan hundaa’e osoo ta’uu baatee humna guddaadha. Wal dura dhaabbachuu irratti hundaawuun ammoo jabaachuun hafee humnoomuuyyuu hin dandeenye. Kan nama raaju garuu dhaabbileen cuftuu afaan tokkoon Oromoof qabsoofna jedhu. Afaaniin jecha tokko dubbatanis hojiidhaan garuu garaa garummaa akka qaban sabni ni beeka. Saba waa hundaanuu tokko ta’e irraa dhalatanii tokko ta’uu osoo qaban ilaalchaan tokko ta’uu hanqanqachuun isaanii qabsoo bilisummaa Oromoo akkaan miidhee jira. Irra hedduun isaanii mmata isaaniif waa qabatuun hafnaan ofiifuu maqaa qofaan jiru.

Oromootni dhimmi Oromoo dhuguma isaan quuqu garuu dhaabbilee kana walitti fayyisuuf dhiibbaa hin tuffatamne godhaa turan godhaas jiru. Garaa garummaa ilaachaa akka dhiisanii ummata isaaniif jecha bakka takkatti deebi’anii miila tokkoon dhaabbatanii irree tokkoon diina ummata isaanii irraa oofan barbaadu. Dubbiin jiru garuu akkasii miti. Wanti akka ilaalchaa/yaadaa dhala namaa kana tokkommaa dhoorguu fi tokkoomsus hin jiru. Kanaaf ilaalcha walii faallaa walitti araarsuuf yeroo balleessuu irra ilaalcha hawaasa bal’aa biratti fudhatama qabu hordofuudhaan humnaa fi jabina ta’aniifii haala ilaalchotni/yaadotni waliif faallaa ta’an sun dirqamanii walitti baquu itti danda’an aanjessuudha. Kanaaf ummatni Oromoo har’a hawwii fi fedhiin isaa maal akka ta’e diinnuu tolchee beekee jira. Waan ummatni guddaan barbaadu barbaaduufii malee waan akka gareetti ykn namootaatti waan ofii fedhan dirqiin irratti fe’uuf carraaquun yakka dhiifama hin qabne akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Hawwii fi fedhii ummata bal’aa dura dhaabbachuun boolla keessaa bahuu hin dandeenyetti of darbuudha. Ummata Oromummaa fi Oromiyaa barbaacha lubbuu ofii irraa bahee galaana ibiddaa dura qoma dhiibee dhaabbatee mirga isaaf lubbuu gumaachaa jiru bu’aalee bubuutuun sossobuuf yaaluun akka malee of gowwoomsuudha.

Kanaaf dhalli Oromoo kan dhuguma dhala Oromoo ta’e Ilaalcha gara garaa qaban akkuma jirutti of duuba kaayyatanii ilaalcha ummata bal’aan deeggaramu ykn fudhatame bira dhaabbachuun furmaata filmaata biraa hin qabne akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Oromootni garaa garummaa fi tokkummaa dhiigaa/shanii fi ilaalchaa adda wallaaluudhaan hamma dhaabbileen Oromoo cufti wal balaaleeffachuu dhiisanii bakka takkatti walitti deebi’anii tokko ta’anii qabsoo Oromoo bakka tokko irraa hin qajeelchinitti ykn hin hooggannetti qabsoo Oromoo keessaa qooda hin fudhatnu jedhanii abdii maratnaan taa’an dogongoranii jiru.Qaama ilaalchaan walii galan bira dhaabbatanii qabsoo saba isaanii gabbisuu irraa of qabuu hin qaban. Kana yoo jedhu bakka dhugaan bira hin jirre sababa ilaalchaan walii galaniif qofa qaama sana jalatti hirmaatnaa qabsoon isaan irraa eeggattu bahachuu qabu jechuu kiyyaa miti. Jibbamuu fi jaalatamus dhugaa irraa maquun hin barbaachisu. Nama jaalachuun ilaalcha isaa jaalachuu osoo hin taane hojii isaa keessa dhugaan jiraachuun jaalachuudha. Nama jibbanis dhugaan bira jiraatnaan sababa dhugaan bira jirtu sanaaf jecha jaalchuudha. Namaa fi dhugaa walitti makuu hin barbaachisu. Nama irra dhugaaf bakka ol aanaa kennuu feesisa. Dhugaa Rabbii dhiisanii gosummaa, naannummaa, ilaalchaa fi dantaalee dhuunfaa gara garaa jala deemuun wal abaaruu fi wal faarrsuun cubbuu dhiifama hin qabne keessa of galchuudha.

Waan hundaan tokko ta’anii osoo jiran sababa ilaalchaa qofaan gar gar bahanii gufuu walitti ta’uun qabsoo ummata keenyaa danquun yakka fokkataadha. Keessummaa ilaalcha jibbansa namoota dhuunfaa irraa horataniin xiiqii dhuma hin qabne keessa of galchanii ummata tokkummaa isaa hojiidhaan lafa irratti mul’ise diiguuf halkanii guyyaa boqonnaa malee dhama’uun gocha hammeenyaa kan hiriyyaa hin qabneedha. Qabsoo sabaa qabsoo gosaatti ykn naannoo muraasaatti gadi harkisuun salphina salphina caale.

Dhalli Oromoo sabaaf qabsaawuuf dirree falmaatti gadi ba’e gosaaf qabsaawa yoo jedhe ceera. Gosti ilma sabaaf qabssawa jedhee murtii mataa isaan qabsotti makame gosatti deebi’ee siif qabsaawa yoo jedhe irraa fudhachuun dogongora. Yoo ganama gaafa qabsoo sabaaf mana isaatii abbaa fi haadha isaatuu osoo hin mari’achiisin miliqee bahe sababni qabsoo sabaa gosattiin gadi deebi’uuf hin jiratu. Gostis ilma nuuf duuli ykn nuuf qabsaawi jettee itti qaltee, itti martee eebbiftee bobbaafate yoo ta’e qabsoo inni ittiin gale bira dhaabbachuuf haqa irraa qabdi. Akka dhala Oromootti gosti ilma isii haala kanaan bobbaafatte garuu ni jira hin seehu. Gosootni Oromoo cufti ilmaan isaanii kan sababa gara garaan daandii qabsoo sabaa irraa miliqanii bahanii guyyaa keessa xurii hin taaneen isaanitti galan of irraa ittisuu qabu.

Adeemsa qabsoo keessa rakkoon akka jiru namni osoo hin beekin qabsotti dabalame hin jiru. Sabaaf qabsaawuuf bahanii gosaaf qabsaawuuf bahe jedhanii himachuun mataan isaa salphina. Qabsoo hamma wareegama lubbuutti jedhanii irbuu sabaaf seenan osoo lubbuun jiran cabsanii jiruu fi jireenya dhuunfaa mataa isaaniii irratti qabsaawota deebi’an ummatni Oromoo akkaataa itti ilaalu qabaachuu qaba. Hamma isaaf jecha wareegama humnaa, umrii fi beekkomsaa baasaniif galatni isaanii akka jirutti kabajameefii irbuu sabaaf hamma wareega lubbuu ykn bilisummaatti jedhanii seenan giddutti cabsanii hanqisa keessaa bahuun ammoo itti gaafatama seenaa jalaa akka bahuu hin dandeenye beeksisuun barbaachisaadha. Warri kaayyoo ganama irbuu itti seenan gatanii kaayyoo biraa baafatanii sosso’aa jiranii fi warri kaayyoo gatanii jireenya mataa isaanii jala bahanis gaafatama seenaa sabaa jalaa bahuu akka hin dandeenye of irratti beekuu qabu.

Hadhaa qabsoon qabdu Oromootni osoo dhandamanii hin argin qabsaawota hadhaa hamaa sana dhandhaman akka booddesitoota qabsootti abaaranis maddaalli isaanii ummata Oromoo biratti hammam akka ta’e beekuun gaariidha. Barachuun horii, yeroo, hiree barbaachisa. Beekkomsi barachuun horatamu shaqaxa horiin bitachuun danda’amuudha. Aanjaan itti jiraatnaan wallaalaan fedhe beekkomsa nama irraa dhaalan horiin bitatee dhimma itti bahuu danda’a. Beekkomsi guddaan beekkomsa uumamaan nama waliin dhalate, rabbi nama badhaase akka ta’e beekuun gaariidha. Kanas Oromoota baratne jedhanii hoogganoota dhaabaa sababa qabsoo sabaa irra turaniif hiree barmootaa hin argatin tuffachuuf yaaluun beekkomsa horatan sana akka horiin bitatan hubachuu dhabuudha. Beekkomsa nama akka ofii irraa dhaalan irra beekkomsi waliin dhalatan akka irra caalu wallaaluudha. Kana hundaa kan na jechisiise namoota garaa garummaa ilaalcha namaa akka garaa garummaa sabaatti ilaalanii ummata bal’aa afanfaajjessaa jiran qeequu barbaadeeti.

Oromoon shanyii ykn dhiiga, seenaa, afaan, biyya, ilaalcha, akeeka, kaayyo fi amantis dur tokko qaba. Amma garuu amantii 3 hordofa. Akka dhaabbilee siyaasaa isa keessaa ijaaramaniitti ammoo ilaalcha gara garaa hordofa. Itophiyummaa fi Oromummaa jechuudha. Kanas ta’ee sana garuu sabichi gabrummaa tokko jala jira. Walabummaa fi bilisummaa waloof qabsaawaa jira. Waan gar gar isa taasisu irra waan tokko isa taasisutu caala. Oromummaan hundeedha. Gosootni dameeleedha. Naannooleen Oromiyaadha Hundee malee dameeleen Oromiyaa malee naannooleen bu’uura sabaa fi biyyaa ta’uu hin danda’an. Amantii fi ilaalchis qabeenya dhuunfaa ykn murnaati malee qabeenya waloo ta’uu hin danda’an. Qabeenyi waloo waan ummata Oromoo walii gala walitti hidhuu fi tokkummaa uumaadhaan qabu sana itichu qofa.

Garaa garummaan ilaalchaa tokkummaa dhiigaa balleessuu waan hin dandeenyeef dhalli Oromoo kana hubatee garaa garummaa yaadaatiif bakka ol aanaa keenuu dhiisee tokkummaa shanyiin qabu jabeeffachuu qaba. Garaa garummaa fi tokkummaa shanyii fi ilaalchaa addaan baasanii beekuu dhabuurraa qabsoon sabichaa danqamtee Oromoo fi Oromiyaan ibidda gabrummaa jalatti hafuu hin qaban. Akka yaadaa fi ilaacha kiyyaatti dhaabni kaayyoo fi akeeka sabni Oromoo hordofu harkaa qabu ABO dha. Karaan walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromootti saba baasus daandii dhaabni kun irra jiruudha. Kanaaf, dhalli Oromoo cufti nama filachuu osoo hin taane kaayyoo fi akeeka dhugaa filachuudhaan dhaaba kana jalatti hiriiree gabrummaa ummata keenya irra jiru kanatti xumura gochuu qaba. Ilaalchi/yaadni kiyya kun yaada Oromoo walii galaa akka ta’e nin amana.

Oromummaan dhiigummaadha!

Oromoon haa mootu!

Qixxeessaa Lammii Ykn INJIFATNOO QEERROO.

One Response to Garaa Garummaa fi Tokkummaa Dhiigaa fi Ilaalchaa.

  1. Abbaa Gaarree November 1, 2017 at 3:51 am #

    “Gadaa abaabilee keenyaa, Seera abba haqaaf muruu;
    Dubbii jaarsi dadhabe, Gumii gaayyootiin furu;
    Kabajaa waliin buluu, Beekaan wallaalaa gorsaa;
    Jabaan fi laafaan wal tirsuu, Lammiitu lammiif gorsa;
    Hayyootiin seera tumuu, Qaalluun biyya eebbisa;
    Hawwaan ilmaan guddisuu, Gootni roorroo deebisa;
    Jaarrooliin seenaa himuu, Namnu wal dhaggeeffata;
    Fedhii nam tokkee caalaa, Kan biyyaa jabeeffata!! ” Geerarsa Hanna Solomon

    Artistoonni Oromo wanna laphee Oromoo keessa jiru osoo wal irraa hin citin nutti himaa bara bahan. Ummatni Oromoos bara baraan tokkummaa kadhata, tokkummaa jaarmootaa! Ofiif tokkummaa dhabe hin jedhne. Jaarmayoonni ilaalcha irraa osoo hin taane xiiqii wal qabachuu fi ofittummaa irraan kan ka’e kadhaa kanaa dhagahuu dadhaban, wal dhagahaa hin jiran. Tokkoomuuf carraa haalli amma kenneef caalaa yeroon hin jirtu, silaa. Wanna godhnu wallaallee, Harka facaafnee jirraa!!!!!!

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions