Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)

Qeerroo Bilisummaa at Irreecha on October 4, 2015 – Bishooftuu, Oromia
Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)

(Qeerroo) – -Mudde 28, 2015  Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Yuunibarsitota kanneen akka Amboo, Wallaggaa Harammayyaa fi Maddaa walaabuutti Goototni Qeerroon Barattoota Oromoo Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa  Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG)’n utuu Wal irraa hin kutiin  itti fufinsaan gaggeeffamaa Jiru daran jabeessuun  itti fufan.

Waraanni Agaazii fi raayyaan ittisa biyyaa Mooraa yuunibarsiitii Amboo keessatti barattoota Oromoo irratti yakkaa suukkaneessaa fudhachaa waan jiruuf Barattootni oromoo Mooraa yuunibarsiitii Amboo gadi Lakkisuun gara maatii isaanitti socho’aa jiru, Mooraa yuunibarsiitiilee Oromiyaa kanneen akka Yuunibarsiitii wallaggaa, maddaa walaabuu fi Harammayyaa keessatti diddaan barattoota Oromoo jabaachuun itti fufee jira. Mooraa yuunibarsiitii Jimmattis yakki ulfaataan barattoota irratti fudhatamaa jira. Guyyaa har’aa kana mooraalee yuunibarsiitoota Oromiyaa kanneen akka Amboo,Wallaqqaa, Harammayyaa fi Madda Walaabuu keessatti sochiin daran jabaachuun itti fufuun Walqabatee goototni barattootni Oromoo waliin ta’uun gaaffii mirgaa waan karaa Nagaa gaafatneef Yakki waraanaa nurratti labsamee kaafamuu qaba, warranni Uummata siivilii mirga Isaaf falmatu irra qubsiifamee yakka waraanaa dalagaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba; Dullii hidhaa Oromiyaa keessatti Uummata Oromoo irratti banamee atattamaan kaafamee hidhamtootni ilmaan Oromoo hidhaman Oromiyaa bakka hundaa iyyuu hiikamuu qabu, Waraanaan waan Doorsifamnee fi ajjeefamaa fi hidhamaa jirruuf mirga keenyaaf falmachuu irraa duubatti hin deebinuu itti fufinsaan hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa kabajamutti ni falmanna;  Mootummaa goolessituun Wayyaanee atattamaan Aangoo gadi Lakkisuu qaba.

Ergaa Mootummaan karoorri Master pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa fedhii ummataa aladha; waan ta’eef balleessa keenyaadha  ni fudhanna jedhee dubbate  Sababii karoora dogooggoraa fi saamichaa Oromoo irraatti aggamameen  kanaan ilmaan Oromoo akeekaa dogoggoraa fi saamichaa kana mormuun didan irraan balaan ulfaataan  madaa’anii  qaamaa hir’achuu fi Loltuu wayyaaneetiin warreegamaniif Itti gaafatamaan Mootummaa dha. Malee uummatni Maal Balleesseetu Jumlaan hidhamaa? Maal balleessetuu Ajjeefamaa?? Mootummaa yeroo Jalqabaaf Uummata isaa bulchaa jiru irratti waraana Labsee Mootummaa EPRDF qofaa ta’uu Addunyaa irratti kallatti heddujn ibsamaa waan jirruuf mootummaan yakkamaan kun nu hin bulchu. Gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haakennamuu qaba jechuun  Guyyaa har’aa Warraaqsii Xummuraa sirna Garboomsaa  (FXG) gochuutti seenaan. Mootummaan Abba irree Wayyaanee Uummata karaa Nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti  loltuu isaa bobbaasuun Uummata goolaa jiraachuun ibsame.

1 thought on “Guyyaa Har’aa Mudde 28, 2015 Dhaabbiilee Barnoota Olaanoo Yuniverstiilee Keessatti Ficilli Xumura Gabrummaa (FXG) Itti Fufee Jira

  1. Wow, the name is now changed from Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) to Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) , i LIKE FXG, BECAUSE IT IS UPLIFTING AS WE ARE CLOSER TO THE ULTIMATE GOAL OF FREEDOM FOR ALL.
    .

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.