Haala uummatani Oromoo keessa jiru dhugumatti hubannee jirraa?

Abdii Boruutiin

Sochiin uummata Oromoo, kan bara 2014 irraa eegalee godhamaa jiru kun injifannoo hawwame dafee argamsiisuu baatullee, jijjiirama addaa addaa argamsiisaa jira. Mooraa diinotaa keessatti naasuu guddaa mul’isee jira. OPDOn yookaanis hoggantootni ishii gadi bahanii jechoota Sabboonummaa fi Oromummaa addeessan akka haasa’an taasisee jira. Waan haasa’aa jiran kana hojiidhaan ni agarsiisu jedhee ani garuu hin yaadu. Biyya alaatti ammoo aktivistootni akka wacan godhee jira. Haala kana keessatti xiinxaltootni fi beektotnis heddoomanii jiru. Abbaan malaa fi falaa nuyi jechaa ofmumul’isaa jiru. Tooftaa fi tarsiimoo yeroon gaafattu isa kana ykn sana jechaa dubbachaa fi barreessaa jiru. Addunyaa jabaadhaaf malee laafadhaaf gurra hin kenninetti iyyachaa jiru. Wanti mul’achaa jiru tarreen isaa dheeraa dha. Garuu tokkumtillee uummata Oromoo yeroo ammaa yoomiyyuu caalaa haala baay’ee hamaa keessa jiru gargaaruu waan danda’e natti hin fakkaatu.

Dhugaa dha, wanti dagatamuu hin qabne uummata keenya kan naannoo Somaaleerraa buqifamaniif gargaarsi guddaan godhamee jira. Kun akka laayyootti ilaalamuu hin qabu. Warri isa kana keessatti gahee taphatani fi qooda gumaachan galanni isaanii guddaa dha. Dirqama Oromummaa fi lammummaa baatanii jirtuu, ulfaadhaa jechuun barbaada. Haa ta’u malee, wanti godhaman hunduu akkuma jiranitti ta’anii, wanti gaafii natti ta’u dhugumatti haala uummatni keenya keessa jiru sirriitti hubannee jirraa? Hanguma sochiin uummataa jabaachaa deemu, diinnis tooftaalee fi tarsiimoolee adda addaatti fayyadamuudhaan lola cimaa nurratti godhaa jira, godhuufis deema. Kun waanuma hubatamaa jiru fi hunduu beekuu danda’an waan ta’eef, asirratti bal’inaan ibsuu hin barbaachisu. Qabiyyeen barreeffama kanaas gabaasa haala yeroo dhiyeessuufii miti.

Barreeffama gabaabaa kana akkan dhiyeessu kan na taasisan waan tibbana babarreeffamaa jiranii dha. Isaan kana keessaa waa lamatu qalbii kiyya hawwatan. Inni tokko barreeffama mata duree “Oromiyaa walaboomtu moo Federeeshinii dhugaa: Galii siyaasaa isa kamtu Oromoof wayya?” jedhuun Berhanu Hundeetiin dhiyaate http://ayyaantuu.net/oromiyaa-walaboomtu-moo-federeeshinii-dhugaa/ yoo ta’u; inni biraa ammoo barreeffama kanaaf deebii kennuuf mata duree “Gaaffii Siyaasaa Oromoof Wayyu: Walabummaa Oromiyaa” jedhuun Luuccee Gurmuutiin dhiyaate http://ayyaantuu.net/gaaffii-siyaasaa-oromoof-wayyu-walabummaa-oromiyaa/ dha. Barreeffama lamaanuu dubbisee, hamma naa galetti hubachuu yaalee jira. Akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatitti, garaagarummaan barruulee lameen kana jidduu jiru baay’ee xiqqaa dha.

Garaagarummaan kun maali yoo jedhame, Luuccee Gurmuu ejjannoo ifa ta’e akka qabu fi asirraayis ka’ee furmaatni siyaasaa Oromoof ta’u isa kana qofaa dha jedhee Walabummaa Oromiyaa akka galii xumuraatti lafa kaayuu dha. Dabalataan ammoo, barreeffamni biraas kan Luuccee Gurmuutiin Afaan Ingiliziitiin dhiyaate “A Better Alternative for the Oromo: Independent State of Oromia” http://ayyaantuu.net/independent-state-oromia/ jedhu ejjannoo isaa ifa godha. Karaa faallaatiin yoo ilaalame ammoo, barreeffamni Berhanu Hundee kan mul’isu, gama tokkoon, Federeeshiniin dhugaa yoo mirkanaaye inni kun Oromoof badaa akka hin taanee dha; yoo haal dureen inni barreeffama isaa keessatti tuqe guutame jechuu natti fakkaata. Gama biraatiin garuu, Berhanuun furmaatni Oromoof wayyu isa kana jedhee ifaa ifatti waan lafa kaaye natti hin fakkaatu. Erga gaafii kana kaasee, silaa innis furmaata ifa ta’e tokko ibsuutu irra ture; ejjannoo ifa ta’een jechuu kooti. Egaa kun hubannoo ani barruulee lamaanirraa argadhee dha.

Gara mata duree barreeffama kanaatti deebi’uuf, haalli uummatni Oromoo keessa jiru yoomiyyuu caalaa hamaa kan ta’e; haala jiruu fi jireenya saba kanaa murteessu keessa jirra.Haala hamaa ta’e kana keessaa bahuuf ykn kufuuf karaa lama qofaatu jiru: yookaani yeroo xumuraatiif rakkoo keenyaaf furmaatin maayii argamee, akka sabaatti fi uummataatti jiraachuu yookaan ammoo badnee Addunyaa kanarraa dhabamuuf deemna jechuu dha. Yeroo xumuraatiif furmaata isa maayii yoon jedhu maal jechuu kiyya? Akkuman kanaan duras yeroo adda addaa fi barruulee adda addaa keessatti ibsuu yaalaa ture, ammas irradeebi’uuf, Oromiyaan walaboomtee; mootummaa birmadummaa yoo ijaarratte malee, biyyattii Itoophiyaa jedhamtu sana keessatti Oromon nagaa fi tasgabbii argatee jiraachuu hin danda’u jedheen amana. Kanaaf, gabaabumatti galii isa kanatu furmaata xumuraa ykn maayii ta’uu qaba jechuu dha.

Dugaa dha, wanti dhara hin taane, Haalli Gaafa Aafrikkas ta’ee kan Addunyaa baay’ee walxaxaa fi ulfaataa akka ta’e nan hubadha. Haala akkanaa kana keessatti furmaata xumuraa armaan olitti kaase argachuun hin danda’amu jedhanii warri morman jiraachuu akka malan shakkiin hin jiru. Waayee kana ammoo waanuma argaa fi dhagahaa as geenye fi ammas argaa jirru waan ta’eefi. Haa ta’u malee, wanti hunduu hubachuu qaban, dhugaan lafarratti mula’chaa jiru, Oromoon taa’us lolus; Itoophiyaa diimookraatessuuf falmatus; Oromiyaa walaboomtuuf qabsaa’us; kanas ta’ee sana, du’uurraa hin oolle. Erga guyyaarraa gara guyyaatti du’uun hin oollee, maaliif wareegama hammamuu ulfaatu kaffalee furmaata xumuraa hin arganne? Oromiyaa walaboomtu arguun maaliif hin danda’amne? Addunyaa kanarra wanti hin danda’amne hin jiruu bar!!!

Yeroo ammaa yeroo yoomiyyuu caalaa uummatni keenya dammaqee ka’ee; tokkummaa isaa cimsaa jiru kanatti; yeroo xumurri gabrummaa dhiyaachaa jirutti; kutannoo fi murannoodhaan gara galii xumuraatti deemuun barbaachisaa dha murteessaa dhas. Amma qabsoo cimsanii; Oromiyyaa walaboomtu argamsiisuu baannan carraan akkanaa yoomiyyuu hin argamu. Kanaaf, karaa danda’amu hundaan qabeenya, beekumsa, dandeettii fi humna keenya cimsinee; Impaayarittiin tun diigamtee; awwaalcha ishiirratti biyya Gadaa Repabiliika Oromiyaa ijaaruu dha. Kanaa ala galiin biraa Oromoof nagaa fiduu akka hin dandeenye, kan Waaqni agarsiisu arguu danda’a. Yoomiyyuu haa ta’uu, injifannoon xumuraa garuu kan uummata keenyaa akka ta’u shakkiin hin jiru.

Galatoomaa!

3 thoughts on “Haala uummatani Oromoo keessa jiru dhugumatti hubannee jirraa?

  1. Waan Oromo waldiigsisu irrati yaroo keenya fixuu dhiifnee akkati Wayyaanee barbadeessinu otoo mala dhoonee nu fayyada. Anaaf Itiopia bilisoomtee fi Oromia bilsoomte jiddu garaa garummaa hinargu. Lachuu Oromodhaaf hinuma ta’u!! Oromoon akka guddina saba isaati aangoolee biyyaa murteesssaa ta’an qabatee mirgi ofiin of bulchuu eegamnaafiin raakkoon hinjiru. Maqaa “Gada Republikiin” diktateroota nutti dhufan hinbeeknu.
    Kan filatu moo aktivistoota otoo hinstaane saba Oromo mara! Filannoo dura garuu diina buqqisuutu dursa. Kana irrat haa hojjennu!!

    1. Itophia bilisoomteef Oromiyaa bilisoomte gidduu gargarmmaan natti hin mul’atu jetta obbooleeso. Itophian Impaayeera humna abashootan gargaarsa warra awurooppaa dabalate ijaaramteedha. Har’as humnotuma kanaan tikfamaa jirti. Impaayeri si balleessuuf si saamuu irratti hunderfamtee yoomiyu taanan saba ishee jalatti bulaniif bilisummaa argamsiisu hin dandeessu. Mee wan biraa dhiisii haala miseensonni paartii OFKO keessa jirani qofa ilaali. Kanaafuu kaayyoo ifa ta’e kaayyoo bilisummaa hanga repaablikaa oromiyaa ummanutti qabsaa’u qofa falli jiru. Kanaaf Ammoo lammiin oromoof quqamu hundi kompuutara duuba taa’ee karaan abaluu “gadaa dictatorship” nutti fiduuf jecha fidhatama hin qabnee facaasuu dhiifnee mee wana qabsichaa taakkuu tokko fulduratti tarkanfachisu haa gumachinu.

  2. “Go for the moon. If you don’t get it, you will still be heading for a star.” Willis Reed
    Oromoon maqaa Itiophiyaatiin wanni qabsaawuuf hin jiru. Itiophiyaan dhugumatti yoo fashistummaa TPLF jalaa baatee, ol-antummaan Habashaa hafee dimokiraasii dhugaan yoo ijaarame, Oromoon waan midhamu hin qabu. Garuu, Habashoota irraa dimokiraasii eeggachuun anaaf abjuu natti fakkaata. Yoo tahe illee, Oromoon Impaayerattii diigee, yoo barbaaddan kootta akka waliif gallutti deebisnee ijaarra, yoo jedheen qofa.
    Rakkoo Itiophiyaa dhiisne, rakkoo nuti of keessatti qabnu furannee, Ajandaa Oromoo tokkicha, adda tokkicha godhanne, Oromoo akka “Nation” tokkootti deebisnee ummata keenya hacuuccaa fi saaminsa, irra dabrees ‘Genocide’ irratti aggamamee jiru jalaa baasuuf akka tokkootti ka’uu qabna!! Malaan maltummaa, angoof fi maallaqaaf hororuu dhiisnee, gabrummaan jiru dhaloota dhufutti akka hin dabarre hardha aarsaa barbaachisuu kafaluuf hunduu of qopheessuu qaba. Wal dhagahuu, waliif obsuu, wal gorsuu fi wal barsiisuu, “Sabboonumaa dhugaa” horachuu, isaa hardhaa osoo hin taane isa boruu yaaduu, dantaa ofii osoo hin taanee dantaa waloo, faayidaa harcaatuu osoo hin taane ifa bilisummaa borii hawwuutu nurra jira.
    Waaqni Obsa fi qalbii nuuf haa kennu!

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*