Qixxeessaa Lammii | Muddee 24, 2017

Akeekni barruu kanaa dhimma jarjaraa ykn jarjarsaa ta’e irratti waa jechuudha. Guddina suuta suuta deemee bakka barbaachisu gahee dhaabbatuu fi guddina jarjarsaan ykn jarjaraan bakka barbaachise gahu wal cinaa qabanii madaaluun barbaachisaadha. Guddinni sirna adeemsa guddinaa eeggatee deemu hanqina qabu hin qabu. Dhawaataan tartiiba eeggamuu qabu eeggatee bakka barbaadame bira gahuun giddana guutuu isa taasisa.

Giddinni qaxxaamuraan bakka barbaadamu gahe ammoo umrii dheeraa qabaachuu hin danda’u. Akkuma dafee dhufe dafee lufa. Hanqina qabu guutachuuf yeroo hin argatu. Sirni guddinaa kun dhaloota lubbu qabeeyyii qofa kan ilaallatu osoo hin taane uumamoota dhala namaan dhalatanis ni ammata. Dhalli namaa dhalatee eega guddate booda mul’ata uumaan qabu irratti hundaawee waan barbaade hojjachuuf carraaquun isaa hin oolamu. Waan uumuu barbaade sana itti yaadee qoratee karoorfatee mala barbaachisuun gargaaramee yoo itti adeeme malee galii akeekkate sana bira gahuu hin danda’u. Waan akka malee hawwame bira dafanii gahuuf karaa qurxaa deemuu kan hin hawwine hin jiru.

Suuta deeman qoreen suuta nama waraanti akkuma jedhamu ulaagaa sirna guddina waan tokkoof barbaachisu eeggatuun milkii barabaadame gonfachuu qofa osoo hin taane turfachuufis nama gargaara. Bilisummaa fi Walabummaan Oromoo fi Oromiyaaf barbaachise kun qabsoo bara dheeraa akka gaafate beekkamaadha. Qabsoon umrii bara dheeraa laakkofsiise kun sirna guddina isaa eeggatee kan amna irra ture malee siraan ala bilishaamuma kan barfate miti. Bilisummaa fi walabummaa ummata Oromoo fi Oromiyaa argamsiisuuf yeroon bade dheertuu ta’uun adeemsa abdii nama kutacheesse godhanii namootni irraa dubbatan garuu hedduudha. Gariin isaanii warra seenaa qabsoo kanaa gadi fageenyaan hin beeknee fi beekuu hin feeneedha.

Walabummaa fi bilisummaan hanqisa dhufan umrii dheeraa qabaachuu akka hin dandeenne namoota hin beekne ykn beekuu feenetu adeemsa qabsoo kanaa irraa waa dubbatu. Namootni adeemsa qabsoo kanaa irraa quufa qaban hedduu miti.  ABOn waggaa 40 ol qabsoo irra ture, Oromoof waan fayyade hin qabu, dhaaba horuu fi umrii laakkawachuu qofa irra ture, dhaaba dhuunfaa ta’ee fi kkf jechuun yeroo arrabsamu dhagahama. Kana malees dhaaba isa irra goomu dhaabbatne jechuun namootni jarjaraan dhaabbilee gara garaa maqaa moggaafatanii ceehaa jirnis ni jiru. Bilchina dhaabni kun saba isaa keessatti har’a hore kana tilmaama keessa namni galfatee ilaale garuu baay’ee miti. Rakkoon qabsoon Oromoo qabdu dhaaba dhaaba irraan ijaaruu fi dhaaba ijaarame jabeessuu dhabuudha. Dhalli namaa kan qajeela yaadu waan duraan horate eega jabeeffate booda kan inni bu’aa isa biraaf kan inni hiixatuu male.

Hubatnoota kana dhabuu irraa har’allee aduu dhiiteen hinaaffaaf namootni dhaaba biraa ijaarachuuf kufaa ka’an hedduudha. Gaafatamummaa kiyya jalatti bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa haa mirkanooftu jechuuf kan fiigamu fakkaata. Dhaaba qabsoo kana suuta suutaan kunuunsee guddisee asiin gahe kana tuffachuun qabsoo inni wareegama qaaliin sadarkaa kana irraan gahe harkaa butachuuf taftaf jechuun kun ammoo hayyummaa, gootummaadhaa miti. Hanqisa dhalachuun hiree umrii gabaabachuu, sirnaan guddachuu dhabuu, qancaruu, qaamaa hir’uu ta’uu fa’a of keessaa qabaata.

ABOn magaalaa guddittii handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti sab-boontota Oromoo irraa Oromoo fi Oromiyaaf dhalate. Kan irratti dhalate Oromiyaa, Kan dhalche Oromoo, Tan dhalte Oromtittiidha. Dhaaba Oromoon, Oromoo fi Oromiyaaf ijaarame akka ta’e firaa fi diinnis tolchee beeka. Kan nama gammachiisu garuu diinaa fi farreen malee firri isa jibbu jiraachuu dhabuudha. Har’allee yeroo duulli Oromoo hir’isuu fi Oromiyaa dhiphisuu ilmaan Mallasiin bal’inaan itti deemsifamu keessattis ummatni Oromoo sodaa tokko malee ibidda diinaa itti roobfamu dura dhaabbatanii ABOn kallacha keenya, nu haa bulchu jechaa jiran.

Dinootaa fi farreen dhaaba kana jibban ammoo faallaa kanaa dhaabbatanii ABO ummata biratti akka jibbamu gochuuf maqaa xureessuuf duula wal irraa hin cinne irratti geggeessaa jiru. Dhugaa dharatti, dhara dhugatti jijjiiruun kan danda’amu osoo ta’ee ABOn akka duula bal’aa farreenii fi diinota isaan itti banamee silaa qaata dhabama tue. Dhugaaf dhugaan dhaaba dhalate waan ta’eef har’a ga’e malee silaa dhaaba dharaan dharaaf ijaarame osoo ta’ee qaata bada ture.

Yeroo Oromoon gaaddisa dhaaba isaa ABO jalatti hiriiree galma bilisummaa fi walabummaatti ol seenuuf balbala irra gahe kanatti dhaabni Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa jedhamu ijaaramuuf maaliif barbaachise? Oromoo irraa rakkoo kan hiiku dhaaba horuu akka hin taane ta’iinsota armaan dura ta’an irraa ummatni keenya akkaan baratee jira. Dhaabotni Oromoo baay’achuun rakkoo baay’isuun ummata keenya boolla gabrumaa keessatti ittisuuf yoo ta’e malee bu’aan ummata keenyaaf qabaatu hin jiru.

Bitaan korii mirgaan korii wal geettiin kooraadha akkuma jedhamu Oromoon kan barbaadu bilisummaa fi walabummaa duwwaadha malee dhaabota horsiisuu miti. Kaayyoo fi akeeka ABOn harkaa qabu irra adeemsi eebbifamaan ummata Oromoon fudhatame hin jiru. ABOnuu maqaa kana osoo jijjiratee gadi ba’ee ummata Oromoo biratti fudhatama hin qabu. Oromoo biratti maqaa kana malee maqaa biraa gegeeddaraa ooluun of gowwoomsuu yoo ta’e malee fudhatama argachuu akka hin dandeenye beekkamaadha.

Dhaabotni Oromoo maqaa gara garaa moggaafachuun gar gar fiiguu dhiisanii maqama eebbifamaa kana jalatti deebi’anii qabsaawuun ummata Oromoof gatii qaba malee gatii hin dhabu. Ilaalchaa fi yaadaan gar gar bahuun hawwii ummata bal’aa balleessuu irratti bobba’uun badiidha. Dhugumatti kan qabsaawamuuf Oromoo walii galaaf yoo ta’e garaa garummaan yaadaa fi ilaalchaa tokkummaa Oromoo hin facaasu. Ana malee waan jedhu irraa dhalli Oromoo guddachuu qaba. ABOn ilma Oromoo walii galaati malee ilma dhuufaatii miti. Namootni dhaaba akka ilma dhuufaattti bixxilatanii ittii of waamuu barbaadan haa saalfatan. Gadaan gadaa tokkummaati malee gadaa gandummaa, gosummaa, naannummaa fi amantiidhaan faffaca’anii gar gar adda itti badanii miti.

ABO onnee ummata Oromoo keessaa baasuuf dhidhiitachuun dhala Oromoo irraa hin eegamu. Dhaabileen hanqisa dhalatanis abboota dhalfamaniin diigamuu qabu. Kan jiru ajjeessuuf kan hin jirre dhalchuuf ifaajuun yeroo ammaatti dhala Oromoof hin barbaachisu. Hanqisa dhalchuun hir’ina hin dhabu waan ta’eef hir’ina irra aanuuf tartiiba dhalachuu fi guddachuu eeggachuun bilisummaa fi walabummaa boru dhuunfatamuuf deemamuuf gaachena ta’a. Haalli namootni Oromoo gariin yeroo ammaa qabsoo kana dura dhaabbachuuf itti cecceehan walabummaa fi bilisummaa boru dhuunfatamuuf deemamu kanatti gufuu ta’uuf deemu. Walabummaa fi bilisummaa argachuun nagaya waaraa qabaachuu waliin tola. Bilisummaa fi walabummaa nagaya waaraa hin qabne gonfachuu irraa gabrummaa jibbamu sana jala obsanii jraachuu filachutu irra gooma.

Kuni yaada kiyya. Yaada keessan ammoo kennachuun mirga keessan.

Horaa bulaa!

Qixxeessaa Lammii

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*