Soraa Halakee irraa

449ccacd-f58b-4761-8013-ddea3d4ea4ef_cx2_cy2_cw96_w987_r1_s_r1
(VOA Afaan Oromoo) — Galma Walgahii Kongireesii Amerikaa, Capitol Hill jalqabanii,karaa guddaa DC keessa wadhakkaa bahu,Pennsylvania Ave gulaa yaahanii, Constitution Ave jedhaniin qaxxaamurani karaa gugurdaa irraa yaahaa, Minsitirii Haajaa Alaa Amerikaatti dabaranii,Baankii Addunyaa gahahanii bulchiinsa mootummaa Amerikaa, White House deebihanii rakkoo Oromoo irra gahuutti jiru jedhan himatan.

Hawaasa Oromoo Amerikaa fi Kanaadaa dhufetti rakkoolee mootummaan Itoophiyaa Oromoo fi ummata biyya isii hedduun irraa gahuutti jiraa jedhan himachaa ture.

Hiriira hardhaa kana irratti akka warri qopheesse jedhutti hawaasa Oromoo godina Amerikaa fi Kanaadaa jiru 33 waliin qopheesse.Jarii dhufe kun bulchoota naannoo isaaniitii Kongireesii Amerikaa keessatti filatame waajjira isaaniitti walti dhufee rakkoo Oromoon keessa jirtu himate.

Gama kaaniin ammoo fala koreen haajaa alaa miseensotii mana marii Amerikaa fi senetiin dhiyeesse Resolution 432 fi HR.861,ka akka Itoophiyaa keessatti mirgii nama eegamuu fi mootummaa wayyaa qabu jiraatu gaafatu akka Kongireesiin Amerikaa dafee murtii irratti kennuu gaafachuuf.

Tanaaf akka warrii qopheessu jedhutti nama 4,000 tahutti Amerikaa gama Kaabaatii dhufe Waashingiton DC galma Walgahii Kongireesii Amerikaa Capitol Hill duratti walti dhufee karaa gugurdaa magaalaa DC irra maree rakkoo himate

Hiriirii kun akka mootummaan Amerikaa Itoophiyaa horiin gargaaruu lakkisu,akka Tokkummaan Mootummootaa waraana nama hiriira bahe fixe jedhan seeraatti dhiyeessuu,seera malee nama hidhuu fi ijjeesuu dhaabattuu fi waan hedduu gaafate.

2 thoughts on “Hiriira mormii hawaasii Oromoo Amerikaa magalaaa Washington DC-tti Qopheesse Irratti Nama Hedduutti Bahe

  1. Waan namichi Ixoophiyaa sun jedhe dhageessanii? “Aniin hawaasa Xoophiyaa bakka bu’ee hin dhufne. Ofiin bakka bu’e” jedhe. Hinumaa iyyuu, waltajjii hawaasi Oromoo qopheesse irratti akka haasa’uuf carraan oggaa kennamuuf daqiiqaa inni fudhate argitanii? Hawaasa Ixoophiyaa irraa jedhamee ogguu haasaaf hafeeramu inni ammoo, hawaasa xoophiyaa akka bakka hin buune ibsate. kana jechuun, akka hawaasa Xoophiyaatti yoo haasawe, hawaasi xoophiyaa gaaffii Oromoo akka deggeretti hubatamuu waan danda’uufi. Kana jechuun ammoo, tokkummaa ixoophiyaa ummata Oromoo irratti tiksuuf fedhii isaan qaban kan faallessuu dha.Kana jechuun, warri Xoophiyaa( Amahaaraa) amma illee, gaaffii Oromoon gaafatu akka itti hin amannee fi hin fudhatne agarsiisa.

    Xoophiyaa ijaaruu keessattii Oromoon qooda guddaa qabaatuus tuqe. Gabrummaa Minilik mormuun Oromoo miliyoona shan ajjeeffame dhiisee,tokkummaa Xoophiyaa dhiiga ilmaan Oromoo xuuxaa jiru kan dura dhaabbachuudhaan Oromoo kumootaan lakkaawaman har’aan tana ajjeeffamaa, hidhamaa fi saamamaa jiran dhiisee hirmaannaa Goobaanaa Daaccee, Haaile Fidaa fi OPDO Oromoo biratti jibbaman fudhatuun Oromoon xoophiyaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaataa ture jedhe. Kun ammoo, ilaalcha tokkummaa xoophiyaa Oromoo irratti dhiibuuf fedhii Amaaroti amma illee qaban qofa osoo hin taane, tokkummaa xoophiyaa Oromoo irraa tiksuuf ajjeechaa, hidhaa, saamichi fi gudeeddiin Oromoo irratti geggeeffame sirri akka ta’etti dhiyeessuu fi kana itti fufuunis hojii sirnaa akka ta’etti fudhatuu dha. Mataa Tigrootaa fi Amaharotaa keessa kan jiru kana waan ta’eef amma illee Amaaroti ilaalcha gabrummaa irraa hin qulqulloofne jechuu dha.

    . Waldhabbiiin Amahaaraa fi Tigree gidduu, qabeenyaa Oromoo qirchachuu fi caalaatti Oromoo bituu irratti. Lameen isaanii Oromoo ergachuu fi dachii Oromiyaa saamuu irratti waldhabu malee dimookraatummaan wal caalanii ykn mirga ummata Oromoo beekuu fi kabajuu irratti walcaalanii miti. Waan kana ta’eef, Oromoon, akka sabaatti ijaaramee mirga isaa akka asiin gahetti, akka sabaa qofatti ijaaramee fi kanneen mirga hiree murteeffannaa Oromoo, kan referendum bilisa ta’e irratti Oromoon biyya mataa isaa ijaarratuuf sagalee kennatuuf mirga inni qabu ifatti amananii fudhatuun labsani fi Adda Bilisummaa Orooo waliin mallatteessan qofa waliin tumsa tolfatee qabsoo ummata Oromoo, alaabaa mootummaa walaba Oromiyaa masaraa fi caffee Ixoophiyaa irra dhaabuun xumura itti gochuu qaba. Eerga kana bakkaan gahee booda, bilisa ta’ee bakka bu’oota filatu keessaan tokkummaa fedha fi dantaa Oromiyaa kabachiisu tolfatuuf hojjeta. “We are our own liberators. Lets those who do not believe in the capacity of Oromoo people to liberate themselves do not put their hands on the destiny of this intelligent and pround people!”

    Gaaffii ummata Oromoo sadarkaa kanaan gahuuf obsaa fi muratnoon adeemsa dheeraa fi wareegama guddaa kafalchiise qofaa keenya deemneeerra. Karaa qulqulluunis kanuma. Qofuma keenya itti fufnee bakkaan gahuuf ABO jala hiriirree akka sabaatti qabsaawuu qofaatu furmaata .Amarooti sochii ummata Oromootti makamanii, gaaffii ummata Oromoo bubureessuun ummata Oromoo keessatti afanfaajjii fi garaagarummaa uumuu barbaadu. Addunyaanis gaaffii Oroomo fi kan Amaahaaraa adda baasee akka hin beekne godhuun gaaffii haqaa ummata Oromoo irra gaaddiduu kaa’uufi. Naannoo isaanii, Gondar, Goojjam, Walqaayit fi tigraay keessatti, sochii isaan geggeessaniif deggersa hamilee kennuun, achi irratti of ijaaranii, abbayya ykn mormor cehuun tigree bakka bu’anii Oromoo fi Oromiyaa irratti weerara haaraa banuun tigree bakka bu’uuf fedhii isaan qaban gowwummaa seenaa fi siyaasaa keenyaan bakkan gahuu hin qabnu. Seenaa, amala, fedhii, akeeka fi shira Habashootaa kan akka gaariitti hubatee qabsoo ummata Oromoo isaanii irraa tiksuun asiin gahe ABO qofa. Fuuldudrattis shira isaanii irraa qabsoo kana tiksee bakkaan gahuuf muuxannoo fi gahummaa jaarmaa kan itti qabu ABO qofa. Seenaa Oromoo irratti hundaawee, haqa ummatni Oromoo akka seenaa, uumaa fi seeraan qabu irratti hundaawee, fedhii ummata Oromoo haammatee, ummata Oromoo qofa abdachuun qabsoo ummati Oromoo wareegama guddaa itti baase bakkaan gahuuf kan muratnoo fi gootummaan qabsaawaa jiru ABO qofa waan ta’eef :dandeettiin, maallaqi, qabeenyaani fi humni keenya kan dhaaba kanaa qofa ta’uu qaba.

    Eerga Oromiyaan walaboomtee labsamtee booda, agendaan itti aanu Oromiyaa deebisanii ijaaruu fi mishoomsuu dha. Addi Bilisummaa Oromoo, Oromian Reconstruction Marshal Plan irratti hojjechaa jira. Akeeki kun bakka akka gahuuf, Gobaanoota Amaahaaraa fi tigree, akkasumas, ergamtoota faranjii ta’uun Adda Bilisummaa Oromoo fi sochii Qeerroo dura dhaabbachuuf kanneen eegee raasaa jiran dhaabota fi gartuulee Oromoo hunda kaardii diimaa itti agarsiisuun dirree siyaasaa ummata Oromoo keessaa baasuun isaan kana karaa duraa maqsee sochii isaa gara bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatti godhaa jiru jabeessee itti fufuu qaba ummatni Oromoo.Alaabaan ABO, kan Oromoo hundi ofitti fudhate, mallattoo tokkummaa xoophiyaa osoo hin taane, mallattoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ti. Alabaan kun, awwaala tokkummaa xoophiyaa irratti kan dhaabbatu fi kan walabummaan Oromiyaa ittiin mirkanaahu fi tikfamuu dha.

    Tokkummaan xoophiyaa fi Oromiyaa, tokkummaa silmii fi loonii ti. Xoophiyaan, silmii dhiiga Oromiyaa xuuxuu qofaan jiraattuu dha. Akeeki siyaasaa warra Amahaaraa fi Tigree, Amaaroti fi tigrootii silmii ta’anii qabeenyaa Oromiyaa akka xuuxanii, dafqa ummata Oromootiin akka jiraatan godhuu dha. Oromiyaan jiraachuuf, silmiin xoophiyaa kun qaama Oromiyaa irraa buqqifamuun ajjeeffamuu qaba. Silmiin, looniif faayidaa tokko illee akka hin qabne, xoophiyaan Oromiyaaf faayidaa tokko illee hin qabdu. Galiin xoophiyaa harki 60 Oromiyaa irraa maddda. Bunni xoophiyaan biyya alaatti gurgurattee qawwee Oromoon ittiin ajjeefamu bitattuu, waraana Oromoon ittiin ajjeeffamu ijaarrattu fi mana hidhaa Oromoon keessatti abiddaan gubamu ittiin ijaarattu harki 85 Oromiyaa irraa argama. Baajeti mootummaan xoophiyaa waraanaaf baasu baajeta walii galaa kan mootummaa xoophiyaa keessaa harka 43.2 oggaa ta’u galii funaanamu keessaa harka 3.45 qofatu Oromiyaaf ramadama. Kanaaf, xoophiyaan silmii Oromiyaa irraa qubattee Oromiyaa ajjeessuuf dhiiga isii xuuxaa jirtuu dha. SIlmii kana Oromiyaa irraa hin buqqifnu yoo ta’e, silmiin kun Oromiyaa ajjeessuuf deemti. Rakkoo kana hubatee silmii xoophiyaa kana Oromiyaa irraa buqqisee ajjeessuun jireenya fi mishooma Oromoo fi Oromiyaa mirkaneessuuf kan qabsaawu ABO qofa waan ta’eef ummatni Oromoo dhaaba kana qofa jala hiriiruu qaba.

    Walabummaa Oromiyaatiin, qabeenyaan Oromiyaa armaan olii saamicha xoophiyaa irraa oggaa bilisoomu, ummata Oromootiif: manneen barnootaa hagam ijaaruu, hospitaala hagam ijaaruu, karaa kiloometra hagam ijaaruu, Oromoo miliyoonni hagam bishaan qulqulluu fi korreentii argachuu akka danda’u, ilmaan Oromoo miliyoonni hagam mana barnootaa hanga yuniversitiitti tola hordofuuf carraa akka argatan, dargaggoo Oromoo hagamiif hojiin banamuu akka danda’u, Oromoon miliyooni hagam jireenya hiyyummaa, beelaa, dhukkubaa, keessaa bahee: bilisummaa, nagaa, fayyaa, badhaadhinaa fi gammachuun akka jiraachuu danda’u tilmaamuun nama hin rakkisu. Kana mirkaneessuuf, furmaati tokkichi, mul’ata Adda Bilisummaa Oromoo bakkaan gahuu qofa. Kun akka bakka gahuuf ammoo, bifa hundaatiin dhaaba kana qofa jala hiriiruudhaan gahee keenya bahuu qabna. Kun ammoo bori osoo hin taane, har’a ta’uu qaba.

    Injifatnoon Ummata Oromoof !

    Oromiyaan dhiiga ilmaan isiitiin ni bilisoomti !

    Tokkummaan Oromiyaa fi Xoophiyaa, tokkummaa silmii fi loonii ti !

  2. Hawwinee Barii,

    Barruu kee kana irraa barnoota hedduun argadhee fayyaa ta’i. Ani illeen kanumattan amana. Warra oobruu ykn maasii qabsoo ummata Oromoo keessatti ingirdaada ykn aramaa facaasuu barbaadan jabaannee of irraa tiksuun akeeka ABO qofa bakkaan gahuuf gumaachuu qabna. Kanneen akka: Yoonnis Lataa, Yoonnis Nogoo, Juwaar Mahaammad, Isiqeel Gabbisaa, Araarsoo, Hassan Huseen, Mesfin Ayyelee(Leencoo Baatii), akkasumas, fi Ifreem Yisihaaq( Isiraalicha) maallaqa Ameerikaan itti kennutiin warra kana hojjisiisu bakka isaan deemanitti saaxiluu fi dura dhaabbachuu dha. Osoo ABOn jiru aangoo fi maallaqaaf bololli isaanii akka bakka hin geenye waan beekaniif diinni isaanii tokkichi wayyaanee osoo hin taane ABO dha. Wayyaneen diina tooftaa oggaa taatuufi, ABO’n ammoo isaaniif diina tarsiimoo fi hamaa dha. ABO ajjeesanii silmiin xoophiyaa itti fuftee dhiiga Oromiyaa akka xuuxxu godhuuf warra ergaa diinaa fi faranjootaa fudhatee eegee dachaafatee fiigaa jiruu dha. Isaan kun, akkuma: Goobanaa Daachee, Haaile Fidaa fi OPDO akka salphatan shakkiin hin jiru. Isaan kun, ummata Oromoo keessaa dhalataniif hojjechuu dhiisanii, ummata Oromoo isaan dhalee isaan guddiseef hojjechuu dhiisanii alagaa fi faranjiif hojjechuun dantaa ummata Oromoo fi Oromiyaa dura dhaabbachuuf warra eegee dachaafatee fiigaa jriu waan ta’eef jabinaan dura dhaabbatnee akeeka ABO bakkaan gahuun gadi aantummaa keessaa isaan kana illee baasuu qabna.

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*