SEENAA  Y.G(2005)  kutaa  3ffaa

New Oromo Liberation Front (OLF) army video November 2015

Barruu kiyya har’aatti odoo hin ceenee, Qarree fi Qeerroon Oromoo, akkasumas, Ummati Oromoo Biyya keessaa, Mirga Abbaa Biyyummaa isaanii kabachisuuf, falmaa Gootummaa gaggeessaa jiranii fi wareegama kafalaa jiranitti kan boonnu, hanga lubbuun nu jirtuutti, isaan waliin dhaabbannee falmaa keenya bifa adda addaa kaa jabeessinu ta’uu mirkaneessaa, Fincillii har’aa borii jabaachaa fi babal’achaa jiru kun, Qabsoo walii galaa Ummati Oromoo gaggeessuuf taa’uu, kan akeeku waan ta’eef, hundumtuu bakka jiruu akka quba wal qabaatuu fi Bilisummaan wareegamaan qofaa akka argamtu hubatee, FALMAA IJOLLEE ISAA  cinaa akka dhaabbatu waamicha lammummaa dabarsuun barbaada. Sochii kana bifa adda addaan kan utuban, sochii kana keessatti adda durummaan qawwee wayyaanee osoo hin sodaannee kan falamaa jiran, gaaffiin ijoolleen Oromoo kaasaa jiran sirriidha jettanii bifa adda addaan tan waliin dhaabbachaa jirtan, galanni keessan Bilisummaadhaa itti fufaa jechaa, kanneen garaaf jettanii murtii dabaa adda addaa Oromoo irratti dabarsaa jirtan,  kittillayyoota Ijoollee kanatti dhukaasaa jirtan,  Oromiyaa keessatti dhalattanii guddaattanii, isas fakkaattanii  kanneen ijoollee Oromoo  dabarsitanii kennaa jirtan, Oromoon yeroon gatii “Madaalawaa” isin Ummata kana irratti labsitan isinitti galagalchu ni dhufaa jechaa, gocha farrummaa kana irraa akka dhaabbattan gorsa lammummaa isiniif dhaamuun barbaada. “Balballi Walabummaa OROMIYAA fi Bilisummaa Ummata  OROMOO Qeerroo fi Qarree Oromootiin saaqama yk banama.”  !!!!!!!!

Barruu kiyya kutaa 3ffaattan deebi’a. Hogganoota Qabsoo Oromoo jedhee barreeffama dhiheessaa jiru ilaalchisee, karaa teessoo dhuunfaa kiyyaa kanneen yaada dansaa naa laattaniif, galata galchuun barbaada. humna waliin tarkaanfachuu barbaadu tokkof tarkaanfiin jalqabaa, hubannoo walii galaa qabaachuudha jedheen amana. Hubannoo walii gala jechuun, yaadaa fi adeemsa waa hundaa hammate, carraa jiru hundatti dhimma ba’uuf kan akeekkate, yaada Namootaa waalteessee kan sochoosudha. Kun Siyaasa keessatti hedduu barbaachisaadha. yaada walii hin gallee qabatanii waliin kufuu odoo hin taanee, yaada waliin isaan tarkaanfachiisuu danda’utti dhimma ba’uun akka danda’amu nu hubachiisa. kun ammoo, yeroo kanatti hedduu nu barbaachisa. Kaayyoon barreeffama kanaas kanuma. Hanqinaa fi jabiina jiruuf hubannoo tokko ykn walii galaa qabaannaan, rakkoon yeroo nu mudateef fala barbaachuun furmaata jennee wal hubannaan, adeemsa ofii dantaa saba ofii dursu irratti hidhanii hanga kaayyoon milkaa’uutti waliin tarkaanfachuun ni danda’ama. Kana jechuun, eessallee jiraannu, bakka fedheyyuu dhaabbannu, amma Daangaa addunyaa illee walirraa fagaannee jiraannu, waan waliin adeemsifachuu dandeenyu danuu qabna jechuudha. Bilisummaan, Namni tokko ykn muraasnii, balbala mana tokko reebaa ooleef kan argamuu miti. kan Bilisummaa dhabee hundatu balbala san reebee bansiifachuu qaba. balbala reebuun duuba kan jiru hundaa dandamachuuf dursanii of qopheessuunillee akka jiru fi hundumtuu waan jiru sirreeffachuuf hubannoo tokko qabaachuun fardiidha. Barreeffamii kutaa lamaan dhiheesse galiin ishee tanuma.

HOGGANOONNI, QABSOO UMMATA TOKKO MILKEESSUUF MURTEESSOODHA.

Hogganni Qabsoo Ummata tokko,milkeessuu keessatti ga’een qabu ol aanaadha.  Gabaabaatti, Qabsoon ykn Ummati Hoggana jabaa hin qabnee, Ummata wareegamaaf qofa hiriiree ta’a. yaada kana irratti namoota hedduutu  walii gala. Addunyaan illee, mata duree kana irratti ragaalee hedduu tarrisuun, haqummaa isaa jabeessiti. Nuutis gabrummaan nutti jabaachu irraa qabxii kana irra deddeebinee dubbanna. Kana irratti hubannoo waliigalaa irra ga’uuf, faallaa jecha kanaa ykn hima kanaa gadi fageessanii ilaaluun barbaachisaadha. kana jechuun, qabxiileen Jabiina Hogganummaa laaffisan akka jiranis hubachuuf nama gargaara. Fakkeenya guddaa kan ta’uu dammaqiinsa Ummataati. Biyyoonni ykn dhaaboonni siyaasaa hedduun, Ummati isaanii dafee dammaqee wal ijaaruu dadhabuu irraa, diinas, lammii  isaaniis humnaan waraananii ykn fixanii bakka yaadan kan ga’an ni jiru.

Yaada Kana dhimma keenyaan wal qabsiifnee yennaa ilaalluus, yaada kutaa 2ffaa keessatti kaaseen ala waan haaraa hin jiraatu. Har’a kanan kaasu barbaadu, gara fuula duraatti waanin xiyyeeffadha. Akka qorannoo kiyyaatti, Hogganootas jennu, Qabsoos xiinxallu, Ummata Oromoos qorannu, adeemsa addunyaa keessatti of ilaallus, Sochii bifa kamiituu gaggeeffannu kan madaalamuu kana boodaa jedheen amana. ABO fi Qabsoon OROMOO waliigalaa qormaata jabaa kan seenu, ykn  lakkii rakkoon jiru kana jennee qaanii malee ykn ragaa gaabbii fi komee hin qabnee kan wal irratti dhiheessinu kana booda. Kun ilaalcha kiyya ragaa hedduu waliin dhiheessuu danda’uudha. Kana booda ABO akka uffata shaqaxaa akka barbaadan fudhatanii fiiguun hin danda’amu. ABO har’aa keessa, Ilaalchi faallaas hin jiru. atakaaroon hin jiru. akka walii galaatti danqaan bifa kamiinu dhiheeffannu hin jiru. warri ilaalchaan wal fakkaanna jedhanii karaan Oromoo baasuu kan jedhanii karaa haaraa eegalaniis, sababaan dhiheeffatan hin jiru. ebaluutu na danqee kkf jedhanii waan tarrifatan hin jiru. amma hojiidhaan Ummata hiriirsuu, Qabseessuu, waan barbaadamu hundaa irratti hojjachuu, hojjachiisuu qofaadha. kanuma. Waan hanqatu Ummatatti ifa dubbatanii akka guutamu gaafachuu. Ummati akka namatti birmatuuf ammoo, waan qabatamaa argisiisuu qofaadha. Kana booda rakkoon keessa keenyaa diinatti akka hin fuulleeffanne nu dhorku hin heddummaatu. Keessa keenyatti dhibee kan ta’uu karaa irraa maqisaa deemuu qofaatu filaata keenya ta’uuf deema. Kana hundaa kan madaalu eenyullee odoo hin taanee Ummata ofiiti. Hogganni gaaffii Ummata isaa akkuma dhaggeeffatee hojjatu, Ummatis waan Hogganni isaa jedhu dhaga’uun murteessaadhaa kan jedhamu kanaafi. Kan nu eeggatu kanadha.

Hoggana ofii kan madaalu Ummata ofiiti. Addunyaan har’a kana irra jireessa fudhachaa hin jirtu.sababaan ammoo, waan hundaa keessa dantaa isaani barbaaddachuudha. Hoggana Qabsoo Oromoo addunyaan akkamiin ilaalti ? Biyyoonni gurguddatan Biyyoota adda addaa keessatti sababaa adda addaan haleellaa waraanaa yennaa gaggeessan argina. Sababaa dhiheeffatan hin kaasu. Haleellaa kana booda garuu, waan isaan raawwatan kaasuun dansaadha. Yeroo baayyee Hogganoonni biyyoota adda addaa, ilaalcha warra dhihaan wal fudhachuu dhabuu irraa, humnaan isaan jijjiiruu argina. Warri humnaan waa jijjiiran kun yeroo baayyee, Hoggana Biyya bulchu humnaan ega kaasanii booda, namoonni irra kaa’aatan irra jireessi isaanii, Lammii Biyya haleelanii ta’anii, Umurii isaanii gara caalaa Biyyoota dhihaa fi kkf keessatti warra baratanii fi jiraataniidha . maaliif ? deebii isaa isinumaafan dhiisa. Biyyoonni dhihaa kun, Mootootii abbooti irree angoo irra jiraachisanii, Namni akka Biyyaa baqatu ega taasisanii booda, isa baqate kana ilaalcha ofiin cuubanii adeemsa ofii keessa galchuun waan jiraati. Adeemsi isaanii kun qabsoo Oromoo irratti hin yaadamne ykn hin yaalamnee jennee yaanna yoo ta’ee gawwummaadha. Kanaaf tarii cichoomiina Hogganootaa kana ilaalanii warra ofii barbaadan kaa’achuuf, wayyaanee waliin akka hojjatanis hubatanii, dibbee eenyuu ho’isaa akka jirru hubachuun dansaadha. hegaree keenya kan qajeelchachuu qabnu, kan hiri’ate guuttachuu kan qabnu, Dogoggora jiru sirreessuuf kan isa ilaallatu, Qabsoo Oromoof of laatee kan quuqamuu fi dhimma ofii taasifatee dantaa dhuunfaa isaa irra kan Ummataaf dursa kennuu danda’uu, Lammii Oromoo qofaadha. Hogganoonni keessan……jedhamee holollii gaggeeffamu maal akka nu irraan ga’ee bara mana ijaarrannee dubbanna. Oromoon shira baruun dirqama isaati. Oromoo amma kana heddummaatu cabsanii irratti sirbaa kaa jiran, humna dhabee odoo hin taanee, Bilisummaan barbaada jechaa garaa bal’achuu fi shira wallaaluu isaati. lammii keenyaan deebisanii nu cabsuu danda’uun, shira sadarkaa tokkoffaadha. Badiin hammaate yoo jiraate, miidiyaa irratti nama ummata kanaaf gadoode fakkaatanii dubbachuun, halgaa keessa ofii sooruu malee gonkumaa bu’aa tokko illee hin argamsiisu. Miidiyaa halgaa irratti maalan dubbadhaa ? jedhanii of gaafachuu barbaachisa. anaan akka natti mul’atuutti, dhimma Oromoo ilaallatu Afaan biraan Oromootti himuun beekumsa hin jedhu. Kanaaf hojiin keenya bifa kamiitu kan golaa fi kan alaa jennee adda baafachuu haa barru.

QABSOO WALOOTTI AMANUUN MURTEESSAADHA.

Qabsoo walootti amanuu jechuun, humna ta’uutti amanuu jechuudha. Humna ta’uuf ammoo, humna qaban hundaa walitti qabchuu jechuudha. Humna ta’uuf qawwee sassaabbachuu fi qabeenyaa walitti qabachuu qofaa miti. humna, dandeetti, beekumsa, qabeenyaa, toftaa, aadaa, seenaa …kkf  Oromoon of harkaa qabu hundaa walitti fidanii, itti fayyadamuuf hojjachuudha. Dhalli Oromoo waan of harkaa qabutti dhimma ba’ee, Ummata isaa gabrummaa jalaa baasuuf har’a  borii odoo hin jennee socha’uun barbaachisaadha. humna horachuuf qaamni tattaaffachuu qabu akkuma jiru, waan qabnutti dhimma baanee, qabsoo sabichaaf gumaacha ofii taasisuunis karaadha. amma manaatti dhufanii nu haa gaafatan ykn nu malee eessa ga’uu jedhamee bara gabrummaa lakkaawwachuun dhaabbachuu qaba. itti deemii Oabsoon akka jabaatu taasisi. amala dabeessummaa fi ofittummaa of keessaa odoo hin balleessiin ykn hin mo’iin, Bilisummaan barbaada jettee jecha qofaan bara hin lakaa’iin. Oromoo Qabsoo Manatti hin eeggatiin. Qabsootti socha’ii. Itti deemii jabeessiin. Bilisummaan lafa irra harkifattee fi Bilisummaan nurraa turtee jechi jedhuu, yeroo hundaa abdii nama kutachiisuuf carraa qabaata. Onnachuu barbaannaan, hamilee godhannee diina irratti hojjachuu barbaannaan, baroota gabrummaa jala jirru lakkofnee, laafinni kun kan eenyuti ? jennee of qeequutu fala nu fida.

Qabsoon Oromoo har’a Ilaalcha siyaasaa ykn Biyya keessaa fi alatti wal irraa fagaatee kan jiru haa fakkaatu malee, har’aa wal tumsuun ala filmaati tokko illee akka hin jirre huabatamaa dhufeera. Sadarkaan qabsoon Oromoo irra ga’ee, Godinaa ykn Ona ykn konyaa tokko Bilisoomsuun madaalamuu hin qabu. ABOn waggaa amma kana taa’ee bakka tokko illee…..jennee kan dubbannu kun, yeroof nutti fakkaachuu danda’a. isaaf yoo ta’ee, Oromiyaa guutuyyuu waggaa 2f Bulchuuyyuu yaaleera. Halgaan maaliif kanaan qabsoo keenya komata ? nuuf jedheeti ? kanatti hirkifatee maaliif holola oofa ? nuuf yaadeeti ? baduu keenya humni hawwuu gonkumaa bakka lamaa fi sadii Bilioomsuu keenyatti gammaduu hin danda’u. nuuti ammoo, dhugaadha jennee afarsuu jaallanna. Inni garuu dhimma itti ba’a. Qabsoon waloo akka bakka hin qabanneef holola irratti hojjata . Abbaa Duulaan faa’aa, miidiyaa irratti kan akkas jedhanii dubbatan qabsoo sabichaaf yaadaniitii ? ega yaadanii maaliif Finifnnee dabarsanii kennan ? kana qalbifachuu fi hubachuun fardiidha.wayyaanee yoo ta’ee, mammaaksa Oromoo “ akka duwwaa hin taaneef cubbatanii, akka nama hin gubneef irraa urgufanii ” sanaan tokko waan ta’eef, inni Biyya keessaas gara alaatti, inni alaas gara keessaatti lohaa adeemsa ofii bal’ifachuu, humnaa fi dandeetti lammii ofitti dhimma ba’uu barachuu qabna.

Adeemsi qabsoo Oromoo akkuma shira diina keenyaa, karaa hundaa fi ulaa jiru hundaatti gargaaramanii, diina kasaarsuullee hammachuu qaba. shira barannee diina caaluuf, waloon hojjachuu barbaachisa. diinni kan fira fakkaatee nu hammacuu fi akkuma nu keessa kaa’ee nuun taphatu, nuutis kan kanaan duraa irra irratti hojjannee qullaa isa dhaabuuf, odeeffannoo waloo horachuu nu barbaachisa.

Gama kanaan ga’een miidiyaalee Oromoo bilisa ta’anii murteessaadha. Midiyaaleen Oromoo Addunyaa kana irraa Ummata kanaaf dubbachaa jiran hundi, Yaada waloo ummatichaa adda baafatanii Ummata barsiisuutu irraa eegama. Wareegama Bilisummaan barbaaddu, akkasumas, Godinichatti gaaffiin Oromoo humnoota hedduuf gammachuu kennuu dhabuu irraa aarsaan nu gaafatu hedduu ta’uu hubannee, hojii keenya maraas gama kanaan qajeelchuutu nurraa eegama. Midiyaalee fi Namoonni tokko tokko Bilisummaa kana akka salphaatti kan argamtu fakkeessanii yennaa dubbatan, Ummata meeqa dogoggorsaa akka jiran hin hubatan. Bilisummaan akka biqiltuu borooti kutanii waan fedhan godhanitti dubbachuun ykn addunyaan Bilisoomtee dhumtee, nu qofaatu hafee jedhee hinaaffaa fi hidhii ciniinnatanii dubbachuun,  bu’aa isaa irra balaa isaatu caalaa baradhaa . wareegamaaf nama kakaasuu fi Bilisummaa akka Biyyoota ollaa keenyaa jennee dubbachuun gonkumaa wal irraa fagoodha. Kana hubachuu nu barbaachisa. Qabsaa’oota cinaa bifa hundaan dhaabbachuu, dhimma Oromoo ol kaasuuf gama fedheenuu haa ta’uu kan tattaafatu jajjabeessuu fi gargaaruu, sochii Ummata kanaa gama hundaanuu akka ol ka’uu taasisuuf, hundi keenya bakka jirrutti dhimma baanee hojjachuuf, Yaada waloo gabbifachuu nu barbaachisa. wal gorfannee, kan didee karaa irraa maqisinee, mooraa diinaa haphisuuf hojjachuuf yaada walii galaa nu barbaachisa. yaadi waloo Bilisummaatti nu geessa. Lammii keenya ofirraa fageessuu qofaan diinaaf humna akka ta’u taasisuu kana geeddarree, ofiif humna taasifachuu qabna. Kana gochuuf isheen akkasii, isheen Sareedhaa KKF jechuu turfannee, ofitti deebisuuf haa hojjannu. Sabboonummaan gonkumaa qoba galeessummaan hin ibsamu. Nama qabsoof dhaabbate jechuun, yaada nama kumaa olii keessummeessuuf  qophaa’uu jechuu akka ta’ee beekuu qabna.

Qabsoo walii galaaf Oromoo hiriirsuun kaayyoo keenya ega jennee, Ilma Oromoo hundaa waliin hojjachuuf murteeffachuun tarkaanfii jalqabaati. Har’a OPDOn mataa ishee Bilisummaa qabaattee akka hin beekne ragaa ba’aa jirti. Kanaaf carraan Oromoo humna ta’uu kun jaallatamuus jibbamus kan hojii irra ooluu qabuudha. Gama kanaan waa hedduu kaasuu fi toftalee hedduu kaasuu dandeenya. Garuu haala isaatu hin tolu. Qabsoo waloo kana jabeessuuf, haasaa Maangddoo tokko bara 1992 ODAA BULTMITTI godhan haa kaasu.akkas jedhan bara sana. Yeroos dhaabbileen siyaasaa Oromoo 5 turan. “Bilsiummaan Ormoo kan mirkanaa’uu, Tokkummaan yoo dhugoome qofaadha. Tokkomuun ammoo kan mirkanaa’uu, Dantaan Ummataa yoo durse qofaadha. Eenyullee qophaa isaa Oromiyaa fi Oromoo Bilisoomsuu hin danda’u. Bilisummaan keenya ammallee fagoo jirti. Kan fageesse ammoo Tokkummaa dhabuudha. Kanaaf Tokkummaan humna ta’uuf hojjachuun hojii nu eeggatuudha. Gaafa sana qofa diina keenya Oromiyaa irraa dhiibnee kan baafnuu. Kun odoo hin dhugoomiin Bilisummaan gonkumaa hin jirtu .” jedhan.

Waloon hojjachuu jechuun dhaaboota siyaasaa qofaa hin ilaallatu. Waldaalee Amatii, Waldaalee Hawaasaa kkf ni ilaallata. Wanni Bilisummaa keenyaaf waloon akka hin hojjannee nu dhorku hundi isaa diina keenya irraa adda taasifamee ilaalamuu hin qabu. Kutaa 4ffaan itt fufa.

GLATOOMAA !!!!!  HORAA BULAA !

Kutaa 1ffaa
Kutaa 2ffaa

3 thoughts on ““HOGGANOOTA  QABSOO OROMOO,,,,”

  1. Dr. Dagaffaa Abdissa enyuu gowwomsaa jirta laataa? Dhugaa tii namoon akka kee tii qabsoo ummataa Oromo tii qosaa jira. Biyya Eretria deeman uffaata loltuu uffachuun qabsawwa nama hin godhu barii. Atii nama biyya Norway jiratuu miti. Kan goochuun kee qan guuda dha biyya Eretria keessa tii. Akka WBO biyya keessa loluutii offi agarisisuun kee tii KKKKK. Yoo (show off) ta’ee malee kun qabsoo miti.

    1. Abdi, please go and do a better job than Dr. Dagafaa. You cannot bring walabumma by blaming others who are doing at least something positive.

  2. abdi ! yaada kee irraa akkan hubadhetti namuma qabsoo keessa turtee akka tokko tokko ta’uu keeti. kanaaf waa buusuu irra komeen eessaanu nama hin ga’u. sirra warra ati komattu kana wayya. har’allee WBO wabii waldhaansaati. kanaaf adaraa murannoo yoo qabaattee isaan harkaa qabsoo dhaaltee hojjachuuf tattaafadhu. kamachuu fi hamattummaa hin dhaaliin.

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*