Hooggantoota Tiksee Tarsiimoo Qabsoo Kaleessaa Fi Ardhaa Akkamitti Wal Dhuunfachiifna?

Kutaa 1ffaa…..

Camadaa Hundee

Kabajaa fi galatni jagnoota ilmaan oromiyaaf haarsaa kaffaliif haa ta’u. haarsaa qaqqaalii kan tilmaama hin qabne nuuf kaffalan. Lubbuu, beekumsa fi qabeenya qusannaa fi of jaalachuu tokko malee nuuf argoomanii jiru. Haarsaan isaanii gootota ilmaan oromimiyaa miliyoona biqilchee jira. Dhaloota mirgaaf falmu kallttii hundaan oromiyaan uwwifamtee jirti. Kanaaf gootota keenya kaleessaa farfachaa fi kabajachaa hojii manaa keenya ardhaa hojachuu qabna.

Waltajjiin kaleessa qabsoon oromoo irratti gaggeefamaa turee fi kan ardhaa garaagarummaa qaba. Dhimmi ykn galiin qabsoo keenyaa isuma kaleessaa ta’ee garuu amalli isaa hundeen garaa garummaa qaba. Diinni keenya  toftaa, tarsiimoo fi dandeettii isaa waltajjii amma keessa jirru wajjin wal simsiisee deemaa jira. Qabsoon keenya bifa kamiinuu toftaa fi tarsiimoo diina kaleessa beeknuun fayyadamaa turre kan ammaa kana irratti yaaluun gara injifannootti nudeemsisu. Sirumaa injifannoo amma yoonaa argaman kan gara boodaatti deebisuu dha. Kanaaf toftaa fi tarsiimoon qabsoo keenyaa, amalaa fi tarsiimoo diina harkaa nuqabuu wajjin kan haaromsamu ta’uu qaba.

Kan biraa yaada keessa galfamuu kan qabu haqa qabaanneef qabsoon keenya akka barbaanneetti ni injifatti jechuu miti. Silaa otoo haqa qabaachuun shaffisaan gara galiin nama gaha ta’ee, baha Africa kana keessatti kan akka oromoo haqa qulqulluu qabu hin jiru. Garuu maaliif? Eenyu komanna? Eenyutu eenyu komata? Haarsaa qabsoon gaafattu irraa of qusannee? Diina keenya sodaannee? Qabeenya itti dhabnee?…….. gaaffilee kanaa fi kan biro illee kaasanii ilaaluun ni danda’ama. Deebiin isaa garuu tokkuma .  akka ilaalcha kiyyaatti hooggansa tarsiimoon masakamu dhabuu keenya jedheen yaada. Tarsiimoon jechuun qabsoo siyaasaa keessatti waanta addaa miti.  Diina kee caaltee argamuu dha. Kana jechuun Tarsiimoo qabsoo “kan kaleessaa seenaaf keewwattee, kan boruu boruuf bulfattee,  ammoo kan ardha raawwachuu kan nama dandeessisu qabaachuu dha.” Qabsoo siyaasaa keessaatti waltajjiin sadan kun wal maknaan ykn walallaan qabsoon gara injifannootti susuku hin jiraatu. Jagnoota eddu horachuu dandeessa. Haarsaa qaqqaalii fi sochii ummataa akka galaanaatti sochoosuu dandeessa. Garuu ammas haarsaa dhuma hin qabneef marsaa marsaan of qopheessita malee, injifannoo haarsaa sana madaalu argachuun rakkisaa dha. Sababni isaa hooggana tarsiimoo kaleessaa, kan ardhaa fi boruu adda baasee wal simsiisaa deemu  dhabuu dha.

Dhimma tarsiimoo yeroon kaasu injifannoo argachuu qabsoo siyaasaa tokkoof dhimmuma waltajjiin sadan asii olitti tuqe duwwaadha jechuu kiyyaa miti.  Sadarkaa qabsoon oromoo irra gahe jiru ka’umsa taasifachuun dhimma itti xiyyeefatamuu qabu jedhee waantan yaaduufi. Waltajjiin sadan kun beekumsaa fi bilchinaan adda bahuu baannaan qabsoof sakaallaa ta’u.  kan kaleessaa irraa barattee kan ardhaa hojachaa kan boruu itti karoorfachaa yoo hin deemne, qabsoo keessatti gara fuunduraatti tarkaanfachuuf rakkoo guddaa ta’a. waltajjiin sadanuu madaallii isaanii eeggachuu qabu. Dhimmi  ykn tarsiimoon qabsoo kaleessa ittiin masakamaa turre, waltajjii ardhaa keessatti waanti itti dabalamu ykn irraa kaafamuu qabu, jiraachuu akka malu beekuun murteessaa dha. Akkasuma tarsiimoon qabsoo waltajjii boruuf malu, harkaa qabaachuu fi yeroodhuma isaatti hojiitti hiikuun murteessaa dha. Tarsiimoo waltajjii sadanii waliin makaa ykn dagachaa deemuun kufaatii dha.

Diinni keenya dadhabbina mooraa qabsoo oromoo keessa jirtu kana daran olkaasee itti fayyadamaa as gahee jira. Ammas amma mooraa keenya keessatti tarsiimoon waltajjii sadanuu adda bahee hin beekamnetti diina keenya otoo hin beekiin gargaaruutti akka jirru beekuu qabna.

Tarsiimoon waltajjiin sadaniif malu, wal makuu isaatiin ykn qabachuu dhabuu keenyaan maal taane?

  • Injifannoo arsaan itti kaffalame madaalu argachuu dhabuu,
  • Humna qabsoo ykn qabsa’ota gidduutti wal dhagahuu dhabuu
  • Qabsoon dheerachuu
  • Qabsoo irraa abdii kutachuu
  • Jibbiinsa qabsoof bu’aa hin qabne, fira qabsoo fi wal irratti uummachuu
  • Dhaloota kaleessaa fi kan ammaa gidduutti wal hubannoo fi kabajaan dhabamuu
  • Qabsoon sabaa waalta’iinsa ykn giddu gala dhabuu
  • Mooraa qabsoo oromoo irratti diina baayyisuu fi fira haphisuu
  • Siyaasaa biyya itiyoophiyaa keessattis ta’ee sakarkaa addunyaatti haala uumanii hoogganuu dadhabuu.
  • Garee ykn nama dhuunfaa balleessuu fi balaaleffachuutti xiyyeefachuu fi humnaa fi yeroo itti fixuu
  • Himannaa baayyisuu fi kan biro kaasuun ni danda’ama.

Qabxiilee kanaa olii fakkeenyumaafan kaase malee, dhimma eddu kaasuun ni danda’ama.  Xumurri  guduunfaan kana hundaa hooggansa qabsoo irratti hunda’a.  kan toftaa fi tarsiimoo wixinee baasuudhaan hojiirra oolchuu qabu hooggana. Kanaaf gabaabumatti hoogganni roga hundaan dhiibbaa uumuu danda’u qabaachuun murteessaa dha.

Hooggana yeroo jedhamu nama miseensaan ykn garee tokkoon filatamee teessoo barcumaa qabu jechuu miti. Hoogganni maqaa barcumaa qabaachuu danda’a ykn dhiisuu mala. Garuu  hawaasa oromoo sadarkaa hundaatti fudhatama qabu ykn dhiibbaa uumuu danda’utu hooggana. Hooggana muldhata qabu jedhuu dha. Toftaa fi tarsiimoo qabsoo  maddisiisuu fi kan maddisiifame hooggnuu garaagarummaa guddaa qaba. Rakkoon mooraa qabsoo oromoo keessa jiru toftaa fi tarsiimoo maddisiisuu dadhabuu dha. Harki caalu hoogganni amma jiru kan waltajjii darbee ykn kaleessaa keessatti maddisiifame tiksuu fi isumarra deddebi’uutu aadaa ta’e. jecha biraatiin “kaayyoo ganamaa” bifa jedhuun isumaan mataa wal dhukkubsuu fi natu irra dallaa ta’ee jira ykn tikseedha bifa jedhuun wal dorgomuu fi wal faarsuu ykn wal balaaleffachuutu aadaa ta’e.. Madaallii hooggana qabsoo oromoo keessumaa warra qabsoo hidhannoo gaggeessina jedhan biratti danqaraa guddaa ta’ee jira. Wal arcaasuu fi waliin deemuuf kaayyoo ganamaa natu irra amanamaadhaaf bifa jedhuun hooggana wal ko’oommachiisutu aadaa ta’ee jira. Kun hooggana hin jedhamu. Tiksee toftaa fi tarsiimoo kaleessa hooggantootiin qabsoo baasanii ti.

Hoogganootiin Tiksee toftaa fi tarsiimoo kaleessaa, yaada haaraa fudhachuuf eddu rakkatu duwwaa otoo hin taane, nama yaada haaraa maddisiiu (yaada haaraa jechuun tooftaa fi tarsiimoo qabsoo haarawaa) diina caala balaaleffatu. Ni diineffatu. Itti bahi isaa wal harcaasuu ta’a. waanti mooraa qabsoo oromoo mudates isuma kanaa dha.  Hooggantootiin tiksee toftaa fi tarsiimoo qabsoo kaleessaa yaada haarawaa tasa hin qaban.  Toftaa fi tarsiimoo waltajjiin ammaa fi boruu gaafatus hin beekan. Irraa fagoo jiru. Garaa garummaa waltajii kaleessaa, ardhaa fi boruu hin beekan. Waanuma itti muldhate dubbatu. Waanuma fuundura isaaniitti yeroof argame raawwatu. Haala uumuu tasa hin danda’an. Haala qamni biraa uume jalaan waa argachuu barbaadu. Yoo dhaban dafanii dallanu. “Jennee turree”baayyisu. Tumsa garee uummachuu irratti ko’oomatu.  Nama isaan caalu yeroo hunda akka isaan wajjin jiraatu hin barbaadan. Yoo barbaadan waanta ardha hojatamu dhiisanii isa boru hojatamuuf malu hojachuu yaalu. Akkasuma waanta ardha hojatamuu maluuf waanta kaleessa hojataniin namni akka isaan ilaalu ykn isaan duukaa luucca’u barbaadu. Haalli kun ifatti mooraa qabsoo oromoo keessa jira.

Dhimmoota kana kanan kaasuuf, nama komachuuf otoo hin taane, rakkoo qabnu beeknee bilchinaa fi beekumsaan akka furannuuf.

Amma maaltu ta’aa jira?

Amma dammaqiinsii fi guddinni QBO hooggantoota tiksee toftaa fi tarsiimoo kaleessaa duwwaa otoo hin taane, hooggantoota toftaa fi tarsiimoo qabsoo waltajjiin amma keessa jirru gaafatuu fi egeree qabsoo oromoof malu baasuu danda’an maddisiisee jira. Kun abdii namaaf kenna. Akkuman kanaa olitti tuquu yaale, toftaa fi tarsiimoo waltajjiin ardhaa fi boru gaafatu otoo hin qabaanne, tiksee dhimma kaleessaa duwwaa ta’uun qabsoon achi siqu hin jiru. Qabsoon oromoo yeroo ammaa hooggansa qeerroo fi hawaasa oromoo hundaan gaggeefama jiru dhimma kana sirnaan hubatee jira. Kun gara galii QBOti nama geessa.  Haata’uutii garuu diina caala ammas dhaloota haarawaa kanatti gufuu kan ta’aa jiru hooggantoota tiksee tarsiimoo kaleessaati. Dhimmi kun yoo malaa fi bilchinaan fala itti kennuun dadhabame, bu’aa qabsoo oromoo amma yoonaa arganne bakka dhabsiisa. Diina keenyaaf karaa bana. Kanaaf dhimma kana xiyyeeffannaan furachuun fardii dha.  Rakkoon hooggana toksee tarsiimoo kaleessaa fi haaggana ardhaa gidduu jiru kan cal jedhanii bira darbanii miti. Kana furachuu danda’uun keenya diina gaggabsine of baafachiifna. Yoo kana hin furanne garuu diinni amma fedheyyuu laafu kufuu hin danda’u. jecha karaa biraatiin diina laaffifnee jirru, injifannoo oromoon golabuuf danqaa guddaa dha. Dhugaa kana namootiin ykn gareen tokko murmuu ykn haaluu danda’a. Garuu haqa lafa jiruu dha. Amma diina dadhabsiifnee ayyallaa kufaatiin geenyee jirra. Diina keenya darbachuudhaan akka oromoof malutti kuffisuuf rakkoon kun atatamaan fala argachuu qaba.

Kan biraa ilaalamuu kan qabu hawwii yeroo dheeraa fi gabaabaa adda baafnee beekuun gaarii dha. Kana jechuun garbummaa waggaa dhibbaa ol nurra ture guutummaatti yoo of irraa kaafne illee, barii ykn borumtii isaa waanti hundi salphaatti argama ykn dhugooma jechuu miti. Kana jechuun jijjiramni jalqabbii fi ida’ama tokko lamaan gabbachaa fi guddachaa deema. Kanaafan kan kaleessaa, ardhaa fi boru hojjannee fi hojachuu qabnu akkuma isaaf malutti beeknee raawwachuu qabna kanan jedheef.  Yeroo ammaa otoodhuma diina iyyuu hin kuffisiin gaaffii kun maaliif ta’uu dide ykn hin guutamne jedhu ajandaa warri godhatan jiru. Hawwiin kun badoomina hin qabu. Garuu dhimma danda’amuu fi yeroo isaa miti. Jijjiramni turtii ida’ama hojiin dhufuu ti. Egaa hoogganni asi irratti barbaachisa. Hooggansa tarsiimoon masakamu ta’uu qaba malee, kan miira ummataa qirqiduun fayidaa yeroo dheeraa kan hin qabne irratti humna qisaasuun barbaachisaa miti.

Diinni keenya muuxannoon inni dadhabbina qabsoo keenyaa irraa argatee jiru yoo jiraate, yeroo hunda ajandaa tarsiimoo dhiisuudhaan dhimma miira ummataa yeroof qirqiduu danda’an irratti fuulleffannee hojachuun keenya diinaaf akka haara galfattee yeroo dheeraa argatu taasisa. Sababni isaa dhimma yeroo duwwaa irratti xiyyeefachuun miira ummataa qirqiduun  toftaa qabsoo yoo taasifanne diinni nudursee dhimma tarsiimoo yaada. Kanaaf hoogganni waltajjii yeroo ammaa hoogganaa jiru kan darbe irraa barachuun dhimma tarsiimoo irratti xiyyeefachuu qaba.

Haalli amma qabsoon keenya ittiin masakamaqa jiru dhimma sirreefamu qabaa? Maal giddu gala haa taasifannu? Akkamitti hooggantoota tiksee tarsiimoo qabsoo kaleessaa fi isa ardhaa waliin akka hojatan ykn wal dhuunfatan gochuu dandeenya? Barruu kutaa lamataa keessatti walitti deebina.

Horaa bulaa!

Camadaa Hundee

 

 

2 thoughts on “Hooggantoota Tiksee Tarsiimoo Qabsoo Kaleessaa Fi Ardhaa Akkamitti Wal Dhuunfachiifna?

  1. Waan gaarii kaaste. Qabxiilee jajjabboo hubannoo argachuu qaban dhiyeessite. Kanaafis galata guddaa qabda. Garuu yaada tokko yoon dhiyeesse waan si mufachiis natty hin fakkaatu. Innis mata duree barruu keetiit ti. Jecha “TIKSEE” jedhu osoo keessa baastee dnsaa dha.
    I think it makes the same sense and give the same meaning if you use “Hooggantoota Tarsiimoo Qabsoo Kaleessaa Fi Ardhaa Akkamitti Wal Dhuunfachiifna? without the word in question . The word TIKSEE can be interpreted wrongly. Si sirreessuufii miti na hoofkalchi.

  2. Obbo Hordofaa yaada keef hulfaadhu. yaadi ati akka sirreefamaati kaafte sirriidha. sababni isaa tiksee an jedhu yeroo tokko tokko namootii dhimma tuffiif ykn waa xiqqeessuuf dhimma itti bahuu yaalu. ani garuu jechuu kakan barbaade “itti gaafatamtoota ykn bakka bu’aa tahee kan eegu” jechuu barbaadeeni. jecha warra faranjiin akka hubannoo kootiitti “guardian” jecha jedhu natti fakkaata. kanaaf bifa kanaan namooti otoo naaf hubatanii gaarii dha.

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*