Gabaasa Sagalee Bilisummaa Oromoo

sboImpaayera Itoophiyaa keessatti imaammata dabaa murni wayyaanee hordofaa jiru irraa kan kahe hoongee fi gogiinsi uumame lubbuu lammiilee fi  beeyladaa balaa ulfaataaf saaxilaa jira. Keessumaa ammoo dacheen Oromiyaa jiidhinaa fi badhaadhinaan beekkamtu imaammatuma gartuu abbaa irree kanaatiin ontee fi gogdee lammiileen kumootaan nyaata dhabuun leeccalloo isaaniis hurgufatanii hiraara argaa jiru. Mootummaan wayyaanee wayta rakkoon kun uumamu ummata nan bulcha jedhuuf birmatee nyaataan dhaqqabuu fi hegereefis akka rakkinichi hin uumamneef hojjechuu mannaa, inumayyuu hammeessaa jiraachuu gabaasaaleen godinaalee Oromiyaa adda addaarraa nu dhaqqaban ni ibsu.

Akka odeessa godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa nu gahe kanaatti saamichaa fi manca’iinsa qabeenya bosonaa wayyaaneen geessiserraa kan kahe dacheen qullaatti haftee rooba dhabuudhaan hoongeen uumame midhaan facaafamee fi beeyladoota miidhaaf saaxileera. Ummannis kanarraa beelaan hubamaa fi qayee dhiisee godaanaa akka jirutu ibsame.

Gabaasni Godinaalee akka Baha Harargee, Horroo-guduruu, Jimmaa, Baalee, Kaaba Shawaa, Baha-Shawaa fi Lixa-Arsiitii nu gahe akka addeesssutti hanga Fulbaana 22 bara 2015tti hanqinni roobaa ummata rakkoof afeeree jira. Keessumaa ammoo Horroo-guduruu, Kaaba Shawaa, Baalee fi Jimmaa keessatti gogiinsi uumame naannichatti lammiilee akkaan miidhaa jira.

Haaluma walfakkaatuun Godina Baha Harargee Onoota 11 keessatti kan argaman gandeen 109 hir’ina roobaatiin kan hubaman yoo tahu, Onoota 5 keessatti ammoo gogiinsi uumame sanyii faca’ee fi beeyladoota gaaga’aa jiraachuutu barame. Onoota kanneen keessatti sanyiin midhaanii facaafame roobni dhabamuu irraa odoo hin biqilin kan hafe yoo tahu, beeyladoonni ammoo soorata dhabuudhaan dhibee ANTIRAAKSII jedhamuun hubamaa akka jiran gabaasni arganne ni addeessa. Ona Cinaaqsan keessatti ammoo rakkinichi haalaan hammaatuudhaan beeyladoonni 21 tahan dhumatuu fi hedduunis gaaga’amaa jiraachuutu ibsame.

Hanqina roobaa fi hongee uumame kanarraa kan kahe horsiisee bultoonni beeyladoota isaanii qabatanii naannawa bishaan dhugaatii fi margi loowwanii argamutti godaanaa jiru. Kana malees ummanni waan nyaatu dhabuu fi qabeenyi beeyladaas duraa dhumatuu irraa jiruun itti hadhaa’ee baadiyyaarraa gara magaalotaatti godaanaa akka jiru dha gabaasni nu dhaqqabe kan addeessu.

Jiraattonni naannolee kanneenii gargaarsa seektaroota Kaatoliikiin ala mootummaa federaalaas tahu naannoo Oromiyaan bulcha kan jedhu OPDO irraa gargaarsa argatan hin qaban.

Ummanni hoongee fi gogiinsa uumameen walqabatee rakkoo midhaan nyaataaf afeeramus sirna wayyaanee fi ergamtoota isaarraa midhaan nyaataaf oolu fi sooratni lubbuu beeyladoota isaa dhumaatii irraa baraaru amma ammaatti hin kennamneef. Rakkoon geejjibaa akka furamu wayyaaneedhan waadaan seenamus akkasumatti baroota lakkoofsise ammoo, dhimma rakkoon hawaasichaa akka hin furamne danqaa tahe isa biraa ti.

Gabaasaan Godina Baha Shawaa irraa nu gahe akka addeessutti ammoo Ona Fantaallee Gandoota 16, Ona Boosat gandoota 7, Ona Adaamaa gandoota 6 akkasumas Ona Adaamii-tulluu gandoota 35 keessatti gogiinsa uumameen midhaan lafa heektaara 9884.3 tahu irratti faca’ee ture odoo hin biqilin achumatti hafuudhaan akka deebisanii facaasaniif isaan dirqeera. Kunis lammiileen midhaan nyaataaf hambifatan akka sanyiif oolchan kan dirqe yoo tahu, hoongee jirurraa oomishtummaan akkaan ni hir’ata jedhamee eegama. Naannichatti hawaasni midhaan facaafatee abdatu achumaan hafuu fi kan manaa qabu hurgufatee fixuurraa akkasumas oomishni hin argamu kan jedhuun yaadda’aa jira. Kanatti dabalee ammoo beeyladoonni waan sooratan dhabuun gogaa fi lafee qofatti hafaa fi dhumataa jiraachuurraa, gargaarsa eeggachuuf dirqamaniiru.

Godina Dhiha Arsii Onoota Shaallaa fi Siraarootti ammoo imaammata badaa wayyaaneen hordofaa jiruun dacheen qullaa taatee hoongee uumameen sanyiin midhaanii lafa Heektaara 11,142 irratti faca’e guutummaatti badeera. Naannawa kanatti ummanni beelaaf saaxilamuudhaan hiraaraa jiraachuun kan ibsame yoo tahu, keessumaa ijoolleen hir’ina nyaataan hubamaa jiru. Loowwan hedduunis balaadhuma hoongee kanaan dhumataa jiru. Qonnaan bultoota naannichaa balaa kanaaf saaxilamaniif gargaarsi sanyii filatamaa fi talaalliin beeyladootaa kennamaa jiru gahaa akka hin taane kan addeessu gabaasaan arganne, sadarkaan rakkoo ummanni keessa jiruu xiyyeeffannaa dhabee xiqqeeffamee ilaalamaa jiraachuu irraa maqaa gargaaraa fi talaallitiin ololuu malee rakkinicha furuudhaaf tattaaffiin gama mootummaa kan hin jirre tahuu hubachiisa.

Dhiha Oromiyaa Godina Jimmaattis roobni kan duriirra xiqqaachuu fi gogiinsi hammaachuurraa oomishni midhaanii hubamuu maddeen ibsaniiru. Onoota godinichaa 16 keessatti dhukkubni midhaanii MAIZE LETAL NEGROIZE jedhamu sanyii Heektaara 52 irratti faca’e miidhuudhaan akka lammata irra deebi’anii facaasaniif dirquutu barame.

Naannichatti sanyii midhaanii dafanii nyaataaf gahan facaasudhaan lammiilee balaarraa dandamachiisuuf ogeeyyiin tattaafataa akka jiran kan ibsan maddeen, mootummaan wayyaanee fi ergamtuun isaa OPDOn ummata maqaa adda addaatiin saamuu fi ololaan gurra duuchuu malee falli tolchaniif akka hin jirre hubachiisan.

Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO lammiilee biyyattii keessumaa ammoo qonnaan jiraattotaa fi tikfattoota bu’uura jiruu isaanii kan tahe dachee irraa saamuudhaan akkasumas summeessudhaan balaa beelaaf saaxilaa akka turee fi ammas itti jiru ni beekkama. Kanatti dabalees qilleensaa fi lafa faaluu fi manca’iinsa qabeenya bosonaa irraan gahaa jiruun kan kahe haalli qilleensa naannoo jijjiiramee lafti kaleessa rooba gahaa argachaa turte har’a hoongeen hubamaa jirti. Beeyladoonnis dachee gannaa-bona lalistuu tahuun beekkamturraa margaa-bishaan dhabanii kumaatamaan harca’uudhaan jiruu lammiilee Oromoo balaaf affeeraa jiru.

Kun hundumtuu tahees mootummaan wayyaanees tahee jaleen isaa Oromiyaan bulchaa jira jettu iyya lammiileef gurra laachuu mannaa, ammayyuu olola guddannee oofuudhaan beela, hoongee fi gogiinsa uumame haguuguuf tattaafataa jiru.

Wayta lammiileen biyyattii keessaa miliyoona hedduutti lakkaawaman beelaa fi hoongeen hubamanii gargaarsi akka isaan barbaachisu addunyaanuu lallabaa jirtu kanatti, kan gabaan odeessu gowwaan maatii dhoksa akkuma jedhan wayyaaneen ammayyuu ololaan rakkoo kana haguuguuf ykn xiqqeessee dhiheessuu itti fufeera.

Rakkoon uumamuu xiqqeessee ibsee, gama kaan ammoo gargaarsaan akka dhaqqaban akkuma amala isaa kadhaaf fiigaa jiraatus itti milkaawaa hin jiru. Arjoomtonnii fi dhaabbileen gargaarsaa adda addaa mootummaan wayyaanee gargaarsa maqaa lammiilee rakkoon hubamaniitiin argate dantaa siyaasaaf oolfataa jiraachuu kanaan dura ibsaa turanis sirnichi ammas saamicha itti fufeera; arjoomtotni haala amma mul’ataa jiruun yeroon awwaataa akka hin jirres ibsameera.

Imaammata saamichaa gartuu faashistii kanarraa kan kahes lammiileen biyyattii silaa gargaarsaan dhaqqabamuu malan rakkoo caaluuf afeeramaniiru. Hanga mootummaan wayyaanee adeemsaa fi imaammata dogoggoraa hordofuun hoongee, gogiinsaa fi beela baruma-baraan deddeebi’ee lubbuu lammiilee fi beeyladootaa gaaga’aa jiru hordofu dhabamsiifamutti rakkoon Impaayerattii furmaata hin argatu.

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*