Kanneen harka isaanii dhiiga ummattoota cunqurfamoon dhiqatan, hagamuu yoo ture, yakka dalaganiif itti gaafatamu: Oduu yakkamtooti Mootuommaa Ixoophiyaa dhagahuu hin barbaanne

habre

Manni murtii addaa kan Tokkumaa Afriikaa biyya Seneegaal keessatti, prezedaantii biyya Chaad kan duraanii Hiseen Habree hidhaa umurii guutuu, kaleessaa gaafa 30/05/2015 itti murteesseera. Bara 1982 irraa hanga bara 1990tti, yeroo  prezedaantii Chaad turetti, nammi kan aangoo cimaa kan  qabu  fi guddoo  sodaatamaa ture . Bulchiinsi isaa, humna poolisaa hamaa kan ummata nagaa: ajjeessaa, guraaraa (hiraarsaa), hidhaa, koreentiin gubaa,  fi gudeedaa  turee dha. Bulchiinsa nama kanaa jalatti, ummata Chaad kuma afurtamaa olitu  poolisa inni ajajuun  ajjeeffame. Yakka kana ummata Chaad irratti oggaa raawwataa turetti, nammi kun, guyyaa tokko aangoo irraa darbamee yakka isaatiif seeratti dhiyaatuu akka danda’u tasumaa yaadee hin beeku. Tuffii ummata Chaadiif qabu irraa, ummatni kun, guyyaa tokko,  aangoo irraa isa buusee seeratti dhiyeessuu akka danda’u itti hin dhagahamu ture. Haa ta’u malee, yakka inni hojjeteef, aangoo iraa buusee seeratti dhiyeessuuf, qabsoo ummatni Chaad obsaa fi muratnoon  gegeessen, aangoo irra darbamee seeratti ni dhiyaata jedhamee kan hin yaadamne Hiseen Habree, seeratti dhiyaatee, mana murtii tokkummaan Afrikaa dhaabeen,  hidhaan umurii guutuu itti murtaahe.

Yakka ummata isaa irratti dalage kanaaf, seeratti dhiyeeffamee itti gaafatamuunii fi adabamuun Hiseen Habree, abbooti irree dhiiga ummattootaa dhangalaasuun jiraataniif eergaa jajjabaa kan dabarsuu dha. Gabroomfattooti fi abbootiin irree, ummata cunqurfamoo: ajjeesanii, guraaranii (hiraarsanii), gudeedanii, koreettiin gubanii fi saamanii biyya alaatti baqatuun jireenya qananii fi nagaa jiraachuu akka hin dandeenye adabbiin Hiseen Habree irratti murtaahe kun ifatti kan garsiisuu dha. Gabroomfattooti dhiiga ummattoota cunqurfamoo dhangalaasanii osoo itti hin gaafatamin yeroon isaan nagayaan itti jiraatan gabaabbachaa akka jiru dhaamsa cimaa kan dabarsuu dha. Adabbiin Hiseen Habree irratti murtaahe kun, Gabroomfattoota dhiiga ummattoota cunqurfamoon harka dhiqatan hunda, guyyaan akka itti dukkanaawaa  jiru kan mirkaneessuu dha. Waggoota dagdamii shan darbaniif, osoo hin nuffine, Hiseen Habree seeratti dhiyeessuuf obsaa fi murannoon ummata Chaad irraa mul’ate, hagamuu kan yeroo fudhatu  ta’u illee, ummattooti cunqurfamoon haqa isaanii akka argatan kan dhugoomsee dha.

Har’a, mootummaan Wayyaanee Haayile Mariyaam Dasaleenyiin hoogganamu: daa’imman, dardaraa fi shammarran, dubartoota ulfaa, jaarsaa fi jaartii  Oromoo  yoo xiqqaate 443, 238 ta’an, mooraalee Waraana Ixoophiyaa,  kanneen akka: Dhidheessaa, Taaxeq, Bilaattee, Xolaayi, Huursoo, Holataa, Sanqallee fi Jijjigaatti argaman keessatti: korreettiin gubaa, reebaa,gudeedaa, ajjeesaa fi hiraarsaa jira. Har’a, mootummaan Haayile Mariyaam Dassaleenyiin hoogganamu: dubartii ulfa, daa’imman Oromoo ganna saddeetii fi jaarolee ganna 80 ajjeesaa jira. Mootummaan kun, badii tokko malee, qeyee isaa irratti ummata Oromoo hunda nagaa dhowee, Oromoo hundi gaddaan akka jiraatu godhee jira. Mootummaan kun, ummata Oromoo  irraa buqqisee, dachii isaa gurguratuun doolara biliyoona 150 oli  baankii Suwiiz keessa kuuffachaa fi biyyoota Eeshiyaa fi Awurooppaa keessatti daldala gurguddoo geggeeffachaa ogguu jiru kanatti, ummatni miliyoona 25  fi qabxiin 6 (25, 600,000) ammoo beelaan dhumaa jira.Ogeessoti biyya alaa, yeroo adda addaatti qorannoo geggeessan akka gabaasanitti, eerga mootummaan Wayyaanee aangoo qabatee, ummati Oromoo miliyooni tokkotti tilmaamamu oggaa ajjeeffamu, Oromoon kumi dhibbi saddeetii fi kudhanii shan (815,000) ammoo bakki buuteen isaa kan dhabamee dha.

Yakki mootummaan Ixoophiyaa bifa kanaan ummata Oromoo irratti raawwate, yakka Hiseen Habree ummata Chaadi irratti raawwateen ogguu wal bira qabamu, haalaan guddaa dha. Yakki: ajjeechaa, hiraarsaa, korreetiin gubuu, gudeeduu, naaffisuu, saamichaa fi bakka buutee dhabamsiisuu mootummaa wayyaaneetiin ummata Oromoo irratti raawwatame, kan Hiseen Habree ummata Chaadi irratti raawwateen oggaa wal bira qabamu, samii fi ardii dha. Waan kana ta’eef, ummata Chaadi irratti  yakka dalageef akka Hiseen Habree seera duratti dhiyaatee adabametti, yakka lolaa fi farra mirga dhala namaa gannoota 25 darbaniif ummata Oromoo irratti raawwatameef,  guyyaa  Haaayile Maariyaam Dassaleenyi seeratti dhiyaatee itti gaafatamuu fi adabamu ni dhufa .Akkuma Hiseen Habree seera jalaa dhokatuu hin dandeenye, Haayile Mariyaam Dassaleyni illee seera jalaa dhokatuu hin danda’u. Guyyaa Haayile Maariyaam Dassalenyni seeratti dhiyaatu arginee, garaan gannoota digdamii shan darbeef nu gubataa jiru akka qabbaneeffatuuf, ummatni Oromoo, obsaa fi muratnoodhaan qabsoo bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa daranuu jabeessee itti fufuu qaba. Akkuma Hiseen Habretti guyyaan dukkanaawe, yakkamtoota mootummaa Ixoophiyaatti illee guyaan dukanaawaa jira. Yeroon itti yakkamtooti mootummaa Impaayera Ixoophiyaa, ummattoota cunqurfamoo Impaayerichaatti taphatanii nagaan jiraatan shaffeessan gabaabbachaa waan jiruuf, ummatni Oromoo, amina gara galma Walabummaa Oromiyaatti irra jiru kana, guyyaa  yakkamtoota Ixoophiyaa seeratti dhiyeessu of duratti ilaalaa fi abdachaa, obsaa fi muratnoon itti fufuu qaba.  Kana yoo goone, akkuma ummatni Chaadi, yakka irraatti hojjetameefi murtii haqaa argatee ililche,  yeroon itti aangawooti Ixoophiyaa yakka irratti hojjetan seeratti dhiyaatanii adabi dhugaa itti murtaahu fi   ummatni Oromoo itti  ililchu fagoo miti.

Injifatnoon Ummata Oromoof !

Leelloo Sabaa.

31/05/2016

 

 

 

 

 

2 Responses to Kanneen harka isaanii dhiiga ummattoota cunqurfamoon dhiqatan, hagamuu yoo ture, yakka dalaganiif itti gaafatamu: Oduu yakkamtooti Mootuommaa Ixoophiyaa dhagahuu hin barbaanne

  1. Jamaal mahaammad May 31, 2016 at 4:48 pm #

    Wbo

  2. Jamaal mahaammad May 31, 2016 at 4:50 pm #

    Wbo jabbessa

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions