Muddee/December 09, 2017.

(bbcafaanoromoo) –Sadaasa 12 bara 2010 ganama lafti bari’ee osoo aduun hin ho’iin, dhalattoota naannoo Somaalee fi Oromiyaa magaalaa Mooyaalee keessa jiraatan gidduutti walitti bu’iinsi uummame.

Dargaggeeyyiin dhagaaf ulee qabatanii gamaaf gamasiin walitti ka’an. Daandiin guddaan biyyattii Keeniyaa waliin qunnamsiisu cufame, dhaabbileen daldalaa walitti bu’iinsa kanaan cufaman, asis achis fiigicha ta’e.

Miseensootni raayyaa ittisa biyyaa magaalattii keessatti ramadaman gidduu seenanii haalicha tasgabbeessan. Achiinis daqiiqaawwan muraasa booda sochiin hawaas diinagdee naga qabeessa fakkaatu eegalame.

Kun taatee magaalli daangaa tun yeroo yeroon keessumeesitu dha.

Jiraatoonni magaala Mooyaalee nagaa fi tasgabbiin irraa fagaatee sodaa fi shororkaan jiraachuu erga eegalanii turaniiru.

Magaalli daangaa silaa biyyaaf bu’aa diinagdee guddaa buuftu diinagdeenshee miidhamee ofiillee rakkoo gara garaaf saaxilamtee jirti.

Qaala’iinsi gatii omishaalee iddoo biraatii gara magaalattii seenanii jireenya jiraattota magaala Mooyaalee fi aanaalee ollaa rakkoo guddaaf saaxilanii jiru.

Dur horsiise bultootni naannichaa marga fi bishaan irratti wal dhabaa akka turan,wal dhabdeen kunis aadaa gadaatiin, hayyuun walitti ergamee yoo namni du’ees gumaan bahee nagaan buu’a ture jedhu manguddoonni magaala Mooyaalee.

Bara 1984 irraa eegalee garuu haalli waldhabdee naannichaa akka durii margaaf bishaan qofa osoo hin taanee kan nama baay’ee hirmaachisuu fi lola gosaa akka ta’e dubbatu maangudoonni.

“Niitiin tokko dhirsa lamaan hin bultu,” kan jedhan magaala Mooyaalee keessatti dhalatanii kan guddatan Obbo Xachee Aadanoo, “magaalli Mooyaalee garuu akkas taate,” jechuun magaalattiin nagaa dhabuu fi walitti bu’iinsa irra deddeebiin mudatuf sababni haala bulchiinsa magaalattii ta’uusaa himu.

Hundeeffamaa hanga riifarandamiitti

Magaala Mooyaalee keessa wanti baay’een dacha yookin lama lamadha, waajjiraalee bulchiinsaa, poolisii, fayyaa fi kannen biroo.

Daandii guddaa magaalattii qaxxaamuru harka bitaaf mirga alaabaa biyyattii cinaatti naannooleen Oromiyaa fi Somaalee alaabaa ofii mirmirsu.

Daandichi akka daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee ta’etti fudhatamullee, waajjiraaleen mootummaa naannoo Oromiyaa harki caalu gama naannoo Somaalee jedhamu keessa jiru, kan naannoo Somaalees gama naannoo Oromiyaa jedhamu keessa jiru.

“Magaalli Mooyaalee mootummaa lamaan bulti. Tokko ni hidha tokko ni hiika. Rakkoon kun waggoota 27’f fala osoo hin argatiin ture. Rakkoon kun akka hiikamuuf iyyanullee nama nu dhagahu dhabne,” jedhu maanguddoon umurii ganna 74 Obbo Boruu Roobaa BBC’tti yoo himan.

Obbo Boruu Roobaa magaala Mooyaalee keessa waggoota 74’f jiraatan

Finfinneerraa kiloomeetira 775 fagaattee kan argamtu Mooyaaleen bara 1909 hundoofte.

Magaalattiin hundeeffama isheerra kaasee kan sabaa fi sab-lammiileen hedduun keessa jiraatan taatus, gaaffiin abbummaa lafaa hundeeffama mootummaa naannolee booda mudachuu eegale, sabaa fi sab-lammiilee magaalattiifi naannawa san jiraatan walitti buusuu eegale jedhu manguddoonni.

“Bara 1979 fi 1980 keessa sababa rakkoo siyaasaa Somaaliyaa keessa tureen uummatni Garrii fi Somaalee hedduun’nuti Oromoodha’ jechuun gama Komiishinii ol’aanaa Baqatoottaa Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR)tin gara Mooyaalee dhufan. Hanga bara 1986’ttis Oromoo ta’uu himatu turan, booda garuu Somaalee akka ta’an himuu fi gaafii abbummaa lafaa dhiyeessuu eegalan” jedhu Obbo Boruu Roobaa.

Waldhabdee dhimma lafaa kana hiikuuf waajjiri ministira muummee mootummaa cee’umsaa yeroo sanii xalayaa waxabajjii 03 bara 1986 barreessen gandootni 11 naannoo Somaalee gandootni 17 immoo naannoo Oromiyaa keessatti akka daangeffaman murteesse.

Haa ta’u malee murteen kun walitti bu’iinsa magaala Mooyaalee hiikuu hin dandeenye.

Rakkoon magaalattii murtee waajjira ministira muummee mootummaa cee’umsaan osoo hin furamiin hafe, bara 1997 riifarandamiin yaalame.

Riifarandamiin gandoota daangaa Oromiyaa fi Somaalee 463 irratti adeemsifamuuf karoorfatame komii naannoleen walirratti kaasaniin aanaa Mooyaalee irratti akka addaan citu ta’e.

Gama naannoo Oromiyaatiin komii “naannoon Somaalee riifarandamii kana mo’achuuf uummata kumaatamaan lakkaa’amu Keeniyaa fi Somaaliyaa irraa osoo hin hafiin fideera” jedhutu himame.

Gama naannoo Somaaletin immoo “mootummaan naannoo Oromiyaa riifarandamicha dogongorsuuf yaalera” kan jedhutu himame.

Ergasii keessattuu gandootni aanaa Mooyaalee 8 nagaa dhabuun, dirree wal waraansaa fi shororkaa ta’an.

Buqqa’iinsa, Seenaa fi Furmaata

Walitti bu’iinsi daangaa Mooyaalee Itoophiyaa fi Keeniyaa akkasumas kan Itoophiyaa keessaa Oromoo fi Somaalee gidduu walitti ida’amuun lubbuu namoota hedduu galaafateera.

Namootni kumaatamaan lakkaa’aman iddoo jireenyasaanii irraa buqqa’aniiru. Qabeenyi manca’es tilmaamuuf rakkisaa dha.

Walitti bu’iinsa dhiyeenya kanaatiin qofa gama naannoo Oromiyaa irraa namootni 54,000 iddoo jireenya isaaniirraa buqqa’aniiru.

Qe’eefi qabeenyi keenya gubatee, rakkoof saaxilamne – buqqaafamtoota

Ijoollesaanii 4 waliin ganda Caamuq irraa kan buqqa’an adde Aslii Hadiiroo manni jireenyaa isaanii jalaa gubatee, qabeenyi isaanii jalaa manca’ee mana pilastikaan golgamte keessa jiraatu.

Ji’oota sadi keessatti gargaarsi midhaan nyaataa kilogiraama 20 qofti akka kennameef kan himan adde Asliin, jireenyi isaaniif ijoollesaanii gadadoo ta’uu BBC’tti himan.

Jireenyi buqqaatota kaaniis kan adde Aslii irraa adda miti.

Rakkoo Mooyaalee waggoota dheeraaf jireenya jiraattotaa goole kana waaraan furuuf “furmaatni riifarandamii osoo hin taane seenaa fi seenaa qofa dha,” kan jedhan Obbo Boruu Roobaa, “daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaalle erga nuti horii dallaatti galchinee booda daangessan malee wanti uummatni mari’ates ta’e arge hin jiru,” jedhanii maatiin isaanii akka itti himan dubbatu.

“Booranni tulaan saglan nagaa jedhee eebbisa, haa ta’u malee tulaawwan saglan keessaa lama naannoo Somaalee jala galanii jiru,” kan jedhan bulchaan itti aanaa aanaa Mooyaalee Obbo Hassan Mallichaa “nuti lafa qofa osoo hin taane aadaa fi seenaas saamamneerra” jechuun himu.

Tulaawwan bishaanii Booranni loowwansaa obaasaa ture Eel Layee fi Eel Gofa amma daangaa naannoo Somaalee keessa jiru.

Rakkoo wayita ammaa jiraattota irraan miidhaa gahaa jiru dabalatee ka’uumsi rakkoo naannawa daangaa naannolee lamaanii akkasumas kan Mooyyaalee, rakkoo fedhiin daangaa babal’ifannaa uumedha kan jedhan bulchaan itti aanaa godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoo, mootummaan Somaalee humna ‘Liyyuu Hayilii’ hidhachiisee horsiisee bulaa goolaa jira jedhu.

Kanas mootummaan federaalaa hatattamaan furmaata itti laachuu qaba jedhu.

Miidha sababa walitti bu’iinsa dhiyeenya kanaatiin jiraattota gama naannoo Somaaleen jiran irra gahes ta’e, komii mootummaan Somalee Mooyyaalee irratti qabu baruuf jecha qaamolee nageenyaa aanaa Mooyaalee kan naannoo Somaalee qunnamuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.