Olola Sobaa Oofuun Abbaa Qabsoo Nama Hin Taasisu!

Garee Mo’u | Sadaasa 10, 2017

Murni wayyaane (TPLF) har’a olaantummaa waraana qaba jettee amantullee impaayeerti keessatti bu’aa isaanii tiksuuf hin dandeenye. Kunis qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) akasumas uummani Oromoo waliigala godhuun saaxilamee jira. Qabsoon Oromoo kunis haalli siyaasaa impaayeera Itophiyaa bifa kanaan dura qabaachaa turee irraa akka jijjiramu taasiseera. Kunis wareegma qaqqaalii Qeerroo, Qarree fi Qaroon Oromoo kaffalaniini aka tahee hubatamuu qaba. Wareegama lubbuu fi qabenyaa guddaatu itti kafalame. Ajjeechaa, hidhaa fi dararaan gara jababinni wayyaane uummatoota Impaayeeritti irraan gahaa jiru kunis sabaa fi sab-lammoota biyyittii keessaa kakaasee qabsoodhaaf akka hiriiran godheera. Adda durummaatiin Qeerroo Bilisumaa Oromoo gutu Oromiyaa keessatti tokkummaan ka’uun falmii isaanii cimsani itti fufun wayyaane har’a afaan qabrii gubbaan gayani jiru. Isa kanas xummura akka itti godhan mamii tokko malee dubbachuun ni danda’ama.

Wayyaaneen murna ummanni ifirraa darbuuf itti qabsaahu, kan hundaan jibbamtee fi tufamte dha. Qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromo har’a Oromiyaa guututti gochaa jiru kuni sabni Oromo akka humna siyaasa guddaa tahuu isaa mootummoota Impaayeera Itoopiyaa, kan gaanfa Afrikaa fi kan addunyaallee dabalatee mirkaneessee jira. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) haala kana keessatti ga’ee ol’aana akka qabu uummata Oromoo irra darbee diinnille kan mirkanesse dha.

Yeroo Qeerroo, Qarree fi Qaroon Oromoo waan facaafatte muratuf/haammachuuf dhihaatetti sila Oromoon wal dhaga’ee, tokko ta’uun wal jala deemee faayidaa isa tikfatuun irraa eegama. Garuu akkuma sab-qunnamtii hawaasaalee adda addaaratti arginu, ololli silaa diinarratti tahuu malu Oromoota jiddutti adeemaa jira. Kunis diinaa waloo keenyarratti akka hin xiyyeefannee nugodhee jira. Gaafiin amma gaafachuu qabnu, maaltu Oromo wal afaan faajjessee? Maaltu dinni saba Oromo dagatamee walirratti akka dubbanu taasisee? Sababni qabsa’ota Oromoo fi Qeerroo irratti olollii oofamuuf maali? Warri olola kana oofani ammoo eenyufayii? Gaafillee kanaaf kan kana fakkaatani barruu kana keessatti ibsuu ni yaalla.

Har’a murni Oromoo sadii ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti kallatiin duulaa jiru. Isaan kunis:

1. Ergamtu Wayyaanee (OPDO)
2. Warra Qabsoo Oromoo irraa baqate
3. Aktivistoota falaasama siyaasaa “Gene Sharp” hordofani.

Osoo gara ijoo dubbii keenyatti hin seeniin, mee dursa hojiilee ABO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo hojjetan walin haa ilaallu. Kaayyoon ABOn qabsa’uufis ifaa dha, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaafi. ABOn irbuu ganama saba isaaf seene kana cichominaan qabatee, kayyoo isaas oso hin gurguriin haga har’aatti tiksuun qabsoo itti fufee jira. Yoo hidhamus saba isaa walin hidhamaa fi yoo du’us walumaani du’aa haga har’aa gahee jira. Kana males jaarmaya isa gaaffii bu’ura uummata Oromoo kan ta’ee abba biyyumaa mirkaneessuu qabatee deemaa jiru dha. Hanga gaaffin abbaa biyyummaa Oromoo kun deebbii argatutti qabsoon kuni itti fufa. Kanas dhugomsuuf ABO Korra Sabaa afraffaa godhatee nagayaan, naamusa ol-anaa fi sansaka guddaan xumuratee jira. Kaayyoo jaarmiyaa isaa kanas galmaan gahuuf tarsiimoo siyaasaa fi qabsoo baafate haaromsatee qabsootti fufera. Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoon gutummaa Oromiyaa keessatti waggootan darban ta’aa jiran caalaa ragaan kana dhugoomsu hin jiru. Kuni osoo akkanaan jiruu murnoonni Oromoo aramaan olitti kaasnee kuni maaliif ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti ololaa akka ololan akka araaman gadiitti ilaluu yaalla.

1. Ergamtu Wayyaanee (OPDO)

Wayyaaneen falammii siyaasaa Oromoo waliin godhaa jirtu mohachuu hin dandeenye, hin dandeesus. Inumaayyu kiyyoo ykn boolla Oromoof qopheesite keessa ofiin bu’aa jirti. Tarsiimoon ittiin deemaa jirtu bu’aa siyaasaa kan argamsiisuuf osoo hin taane kisaaraa guddaa irraan gahaa jira. Kisaaraa ishee mudachaa jiru irraa waan barattes hin fakkaatu. Falammi kanas mohachuudhaaf baayee carraaqxe, ammas carraaqaa jirti. Seera mootummaa ufii baaftee kiyyo ishee keessa Oromoo galchitee mohachuu barbaaddi. Kaayyoo ishee kanas galmaan gahaachuuf warra itti tajaajilamtu keessaa OPDO isaan calqabaati.
OPDOn dhaaba siyaasaa wayyaaneen ofii ofiiif ijaarrate dha. Kanaaf walumaa gala OPDOn dhaaba dhuunfaa TPLFtii jechuun ni danda’ama. Dirqama TPLFn itti kenname akka dhaabaati dhoksaanis ta’ee ifaan hojii irraa oolchuun dirqii itti taha. Kuni miseensota OPDO hunda ilaala jechuu akka hin taane hubatamuu qaba. OPDOn miseensotaa garee Oromoo lamarraa ijaaramte.

Gareen inni tokkoffaan OPDO booji’amtootaa irraa ijaaramani dha. Akkuma Oromoon hunduu quba qabutti calqaba OPDOn kan bu’urrefamte namoota dhalootaan Oromoo tahanii loltoota dargii turan garuu TPLF/EPLFn booji’amni irraatti. Loltoonni kuni yeroo booji’aman carraa ajjeefamuu irraa TPLFn olanii kayyoo fi dirqama TPLF itti kennitee fudhatani jirutti hiikuuf waadaa seenanii ijaaramni dha. Gareen kuni har’a OPDO keessatti waggootan 26n darban qaama hoogana ol’anoo dhaaba OPDO tahanii tajaajjilaa turani, ammallee jirani dha. Ega jarreen kuni warra calqabumaa kaasee kayyoo, fedhaa fi ajaja TPLF fudhatanii hojitti hiikuuf dhabbatani dha. Jecha gabaaban ergamtoota TPLF dha. Gareen kuni faayidaa, mirgaa fi rakkina Oromoof dantaa hin qabani. Dabalataanis gareen kuni harcaatuu warra TPLF irraa argataniin jireenya dhuunfaa isaani waan ijaarrataniif uummata isaani waliin yoo qabsaa’ani faayiidaa kana waan dhabaniif jecha TPLF waliin haga dhumaatti hiriiru. Irra caalaan isaanis kallattiin dhumaati Oromoo heddu irra ga’ee keessatti qooda guddaa waan qabniif carraan jireenya isaanii TPLF irratti rarra’ee jira. Kufaatiin TPLF akka kufaatii isaanitti hubatu. Kanaaf uummata bakka buunee jedhani haasa’ani sana faayidaa isaa tikisuuf danta kan hin qabne.
Gama biraan ammoo irra caalaan miseensota OPDO jireenya dhuunfaa fi maatii isaanii gaggeeffachuuf jecha kan itti dabalamni dha. Isaan kuni OPDO jireenyaf jechaa itti dabalamni jennee qoodna. Gareen kuni kaayyoo fi fedha TPLF galmaan ga’uuf itti hin dabalamne. Kanaaf miidhamni, dararaa fi ajjeefamuun Oromoo hedduu warra itti dhagahamu dha. Har’as bakka adda addaatti qabsoo uummataa duukaa hiriiranii warra mul’ataanis ta’ee dhoksaan hirmaataa jirani dha. Ta’us garuu akka dhaabaati OPDOn TPLF tajaajjiluuf waan dhabbateef akkasumas qaama ol’aana irra kan jirani jarreen garee booji’amtootaa waan tahaniif mirga uummata isaanii kabachiisuuf rakkisaa isaanitti taha.

Mootummaan TPLF OPDO garee booji’amtoota kana qabattee uummata Oromoo bituuf akka saree maraatuu asiif achi kaataa jirti. Uummanni Oromoos kana hubatee saree maraatte kana sirriitti ofirraa eeguu qaba. Akeeka kana fiixa baafachuuf, projeektiillee adda addaa baafattee moraa Oromoo jeequu fi Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuuf kaataa jirti. Projeektii kanaan namoota badanii balleessuu isheef raawwachiisanii fi raawwatan leenjiftee biyya alaa fi kutaalee Oromiyaa hundatti bobbaasteeti.
OPDOn akka qaama jaarmiyaa mootummaa wayyaanetti woggootii 26 dabraniif uummata keenya fixuu fi ficcisiisuu keessatti qooda ol’aanaa qabaachaa guyyaa har’aa gahuun uummati Oromoo hafee orma birattuu beekkamaa dha. Kanaafuu OPDOn har’a kan dabre dhiisaa jechaa jira, ammallee qabsoo dhiisaa kan nuti isniin jennu qofaa fudhadhaa jechuu isaati. Hiriira mormii torban dabre keessa uummati keenya Oromiyaa keessatti gaggeessaa turanis, hiriira dinni yaame jedhanii kan balaaleffatanifis sababuma kanaaf tahuu uummati keenya, bakka jiru hundumaatti biyya keessattis tahe biyyoota alaa adda addaas kan jiraatan hubatanii, yeroo kam caallattuu harka walqabachuun qabsoo finiinsuun kan filmaata biraa hin qabne dha.

ABOn rakkoolee akka malee wal xaxoo tahan keessatti wareegama guddaa kafaluun qabsoo uummata Oromoo har’a Oromoo bal’inaan hirmaachisa jiru asiin gahee jira. Yeroo hara’aa kanas shira siyaasaa hamaa mootummaa Wayyaanee qabsoo kana irratti xaxaa jiru hubachuudhaan, keessattu bitamtoota warra aangoo dhuunfaa fi garaa isaaniitiif jecha fira qabsoo Oromoo fakkaachuudhaan afaan damma dibatanii afaan qabsoo dubbachaa (tooftaa haarayaa), akeeka qabsoo Oromoo hundee irraa dhabamsiisuu fi qabsaawota Oromoo dhugaa wareegamaa guddaa kafaalaa qabsoo kana asiin gahan dhabamsiisuuf kallattii hedduun ABO fi Qeerroo bilisummaa Oromoo irratti duula bananii jiran. Kanas Wayyaaneenis harka lafa jalaan tarsiimoo baaftee hojiirra akka oolshanii maallaqaan bittee hojjechiisaa jirti.

Kanaafuu uummatni Oromoo waliigala keessattu qabsaawoti Oromoo rakkoolee xixiqqaan jaarmiyolee Oromoo adda addaa keessatti qabsaahaa jiran hundumtuu, har’a jaarmiyyaa tokko jalatti waliin qabsaahuun rakkoo tahus, qabsoon kun bakka har’a gahe jiru gahuu isaatiif wareegama guddaa kafalamaa ture keessaa qooda kan qabdan hundi, yeroo murteessaa tahe kana keessatti harka wal qabachuun, shira siyaasaa qabsoo Oromoo irratti deemaa jiru kana fashalsuun dirqama isa jalqabaa tahuu qaba. Tooftaa dulloomaa wayyaaneen ykn OPDOn haasoftuun uummani Oromoo dogoggoruu fi goyyomsamuu hin qabu. Tokkumaa isaa tifkachaa fi icciitii eegachaa kan deemnu yoo tahe shira Wayyaaneen gama OPDOn xaxxu gara carraatti jijjiiruun ni danda’ama. Kanas dhugomsuuf Oromoon hundi halkanii guyyaa hojjechuu, tokkumaa isaa cimsachuun qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoon Oromiyaa keessatti gaggeefamaa jiru deeggaruu qaba. Amma EPRDF keessa jirtutti OPDO irraa mirgaa, bu’aa siyaasaa, dinagdee fi hawasummaa eeguun TPLF irraa bilisummaa eeguu waliin tokko dha. OPDOn EPRDF irraa foxxoqtee dhaabaa of-danda’e (independent political Organization) haga tahutti OPDOn dhaabaa siyaasaa Oromoo dha jechuu hin dandeenyu. Kanammoo biyya sana keessatti tika wayyaanee diriiree jiru jalatti OPDO gochuu akka hin dandeenye hunda keenyaaf ifaa dha. Oromoon kana hubattee haala saffisaan jijjiramu duukaa kaachuurraa of qusatee tokkumaa isaa, qabeenya fi beekumsaa isaa gara qabsootti luuccessuun haala bilisummaf anjeessuun dirqii taha.

2. Warra Qabsoo irraa Baqatan

Qabsoon bilisummaa Oromoo baroota dheeraaf gaggeefame keessatti ABOn bu’aa bahii hedduu keessa darbe. Qaabsoo keessatti gaafa garii haalli ni jabaati gaafa garii haalli ni anja’a. Qabsoon yeroo takka ni mul’ata yeroo biroo ammoo dhokatee adeema. Haala kana keessatti gariin waan barbaadani waan dhabaniif keessaa harca’ani. Jarreen kunis ol’aantummaa ABO irratti arganne ja’ani yeroo isaan diinaa fi uummata Oromootti ABOn badeera jedhan ni argina. Midiyaalee hawaasaa adda addaarratti deddeebi’anii ABOrratti ololaa gaggeessaa turani, amma illee itti jiru. Jarreen dur miseensa turanii amma garuu badii ABO ololani kana bakka lamatti baafnee haa ilaallu:

Isaan tokkofaan warra qabsoo Oromoo irraa baqatanii duuchaatti Oromummaa isaanii gananii Wayyaaneetti galani dha. Isaan kuni warra faayidaa ykn bu’aa yeroof jecha eenyumaa, kaayyoo fi saba isaani gananidha. Faayidaa isaani kanaaf jechas qabsoo Oromoo, keessattuu ABOn gaggeefamuratti olola halkaanii fi guyyaa ni oofu. Qabsoon Oromoo daran jabaatee deemuun isaa dhumaatii faayidaa isaanii waan taheef gama danda’an hundaan qabsoo ABO bacancarsuuf ykn ammo deegarsa uummata Oromoo dhorkachuuf ni hojetu. Kunis qabsoo ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoon deemu duubatti deebisuuf jiruu hojjetani dha.

Gareen inni biroon ammoo warra qasboon dheerachuu fi hadhooftuu ta’uu irraa kan ka’ee qabsoo irraa warra baqatani dha. Isaan kuni warra qabsoon hadhoftuu tahuu ishee osoo hin hubatiin ABO yeroo gababduu keessatti Oromiyaa ni bilisoomsa jedhanii amanuun itti galani turani dha. Haata’u qabsoon dheerachuu irraa kan ka’ee yeroo barbaadanitti isaa barbaadani aangoo waan argachuu dhabaniif qabsoo ganani. Amma garuu qabsoon ABOn yoom irraa cimtee galmatti waan dhihaatteef haala gaabbii keessa seenuun warraa dhaaba kana irratti ololaani dha. Gama biraan gareen kuni yeroo hedduu dhaabii siyaasaa dhabuu irraa kan ka’e takka warra habashootaa duukaa, takka takka amoo warruma TPLF duukaa dhoksaanis ta’ee mul’ataan yeroo isaan hariiroo uumani ni argina. Kuni hunduu faayiidaa uumatichaa kabachiisuu oso hin taanee kara kuta taheen aangoo barbaadanitti dhufuuf warra daldala siyaasaa gaggeessani dha. Fofotoqinsi dhaaba siyaaaa ABO keessatti yeroo adda addaa taheef illee kuni sababa dha. Gareen kun fedhiin isaanii aangoo argachuuf waan ta’eef jaarmota mormii ABO irraa qaban, hundaa waliin hiriiranii kaayyoo dhuunfaa isaanii bakkaan gahuuf yaalu. Isa kana galmaa gahachuuf ABO ykn dadhabsiisuu ykn ammoo uummata Oromoo biratti fudhatama dhorkachuuf olola kana ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoorratti gaggeessu.

3. Aktivistoota falaasama siyaasaa “Gene Sharp” hordofani.

Har’a adunyaa kana keessatti falaasamni siyaasaa heduun jiru. Falaasamni jirani kuni hunduu biyyaa fi haala itti hojjetan ykn ammo hojechuu hin dandeenyee hedduutu jira. Falaasama siyaasaa “Gene dharp” barreessee ille falaasamoota kana keessaa isa tokko. “Gene Sharp” bilisummaan uummata tokkoo qabsoo karaa nagaan tahuun (non-violent struggle) ni argama jedhee amana. Mootummaan abba hirree tokko gara mootummaa dimokratowaatti qabsoo karaa nagaa tahuun jijjiruun ni danda’ama jedha. Haata’uu malee falaasamni kuni haalota adda addaarratti hunda’u. Falaasmani biyyaa tokko irraatti hojjete biyyoota hundaarratti hojjetaa jechuu miti. Sababni isaa biyyoon addda addaa haalli siyyaasni isaanii addaa addaa waan taheef. Falaasamni kuni mootummaa Impaayeera Itoophiyaaf illee akka hin hojjennee haalonni darbaniif amma jirani ni mirkaneessu. Keessattuu falaasamni kun mootummaa Wayyaanee kan dhiiga ilmaan Oromoo fi saboota biraa kumaatamaan lakkawaman dhangalaase biratti tasa hin hojjetu. Sabanbni isaas aaangawootni Wayyaanee hedduun badii dhala namaa balleessuu (crime against humanity) fi sanyii duguuguu (genocide) keessaatti qooda waan fudhatanii jiraniif.
Gareen kuni ega isa kana akka haaldureetti fudhachuun qabsoo gama lolaan deemuu ni mormu, ABOs kanaaf balalefatu. Warri kuni namoota muraasa biyya alaa kanatti if gurmeessanii ofumaa hoogana qabsoo ykn ammoo aktivist of-godhanii mudani dha. Siyaasaa isaani kanas galmaan gahachuuf haxxumaa fi ayyanlaallatummaa daangayaa hin qabne qabsoo Oromoorratti rawwataa jirani. Namoota uummata Oromoo biratti fudhatama qabanitti hirkatanii xiyyaa siyaasaa isaani rukkutuuf ni tattaafatu. Feedhii isaanii galmaan ga’achuuf malee quuqama uummataaf hin qabani. Qabsoon akka isan barbadinitti ykn daandii isaan barbadaniin yoo deemuu baatee ni mormu. Fakkenyaaf mormiin namoota adda adaan waamicha hiriira Qeerroo Bilisumman Oromoo biyyaa keessati torbaan darbee godhee akka ragaatti kaasuun ni danda’ama. Hirriirri suni oso isaan hin beekiin ykn quba hin qabaatiin waan tasa ta’eef gara isaan barbadaniin waan hin taaneef gareen kuni ni mormani. Darbees hirrira dinni waamee jedhani midiyaalee sabaa himaa adda addaarratti ololaa jirani.

Karoori gareen kuni amma qabu fira OPDO fakkachuun itti hirkatanii ABO dadhabsiisuu dha. Erga ABO rukkutani booda OPDO dhuunfachuun angootti bahuuf yaluu dha. Kanaaf gareen kuni dhoksaan tapha siyaasaa (political conspiracy) taphataa jiru. Gonkumaa bilisumaa uummataa Oromoof oso hin taanee daandii siyaasaa aangootti isaan geessuu mijeeffachuu dha. Bayyeen miseensota garee kanaa yoo duubbe isaani ilaallee warra yeroo biyyaa turani OPDO waliin hojjetaa turani dha. Gariin isaanii ammoo biyyuma alaa kana illee carraa barumsaa OPDOn ykn TPLF kenniteef ykn qindeessiteefiin warra bahanidha. Ammallee irraa caalaan isaanii dhoksaan OPDO duuka hidhata qabu, waliinis hojjetaa jiru. Gidduu kana OPDO faarsuun isaaniillee hidhata isaani kan dhugomsu malee dhuguma OPDOn fedha uummata Oromoo guuttee ykn mirga uummata Oromoo kabachiistee akka hin taane sirritti hubatamuu qaba. Walumaa-galatti murni ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti duulaa jiran kun mootummaan TPLF akka dhimma itti bahaa jirtu uummatn Oromoo hubachuu qaba. Keessattuu haalaa sirreessaa bulchiinsaa (reform) gochaa jirtuuf meeshaa guddaan qaamoota kana ta’uu isaanii hubatamuu qaba.

Kanaaf, uummati Oromoo namoottan fi dhabbilee ayyanlallattu akkasii irraa iftiksee qabsoo isaa isa calqabe itti fufuun bilisummaa isaa mirkaneefachuu duwwaati isarraa eegama. Haala amma deemaa jiru, keessattuu, tokkummaa ummata Oromoo fi Amaaraa jedhanii hooggantootni OPDO waan hin jirre kan tolchaa jiran gaaffii Oromoo bu’uuraa kan ta’e mirga abbaa biyyuummaa irraa malqisuuf dha. Sirna wayyaanee jalatti Oromoo fi Amaarri yerootti waldhaban hin jiru. Bitamtootni Oromoo, OPDO fi bitamtootni Amhaaraa, APDM lamaanuu hujii TPLF itti kennite qofa raawwachuu fi sirna wayyaanee diriiriste tiksuu qofa. Wayitaa ilamaan Oromoo karaa maraa ajeefamaa fi lafa isaarraa buqqa’ee ilmaan isaa waliin bakka qubatu dhabee dararama guddaa keessa jiru hooggantootni OPDO dhaqabuufii dhabuun saba isaaniif akka rifaatuu hin qabne agarsiisa. Kunis haala amma deema jiruun yeroo gabaabatti akka mirkana’uu abdii duwaa oso hin taanee qabatamaan Qeerroo, Qarree fi Qaroon Oromoo agarsiisani jirani.

Kaayyoon faayidatti, eenyuuman ammoo aangootti hin jijjiramuu!

No comments yet.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions