Oromiyaa walaboomtu moo Federeeshinii Dhugaa

Galii siyaasaa isa kamtu Oromoof wayya?

Berhanu Hundeetiin             

Dhimmi akka mata-dureetti dhiyaate fi gaafiin itti aanee ka’e kun baay’ee ulfaataa fi deebiin isaas mormisiisaa akka ta’u waan shakkii qabu natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, galii isa kamtu uummata Oromootiif kan wayyu akka ta’u kan murteessan dhimmoota baay’eetu jiru.Waan ta’eef, dhimmi kun kan gabaabumatti asitti ibsamuu danda’uu miti. Wanti guddaan kan waliin nama mormisiisu fi waliigaltee nama dhoowwuu malu, gaafiin uummata/saba Oromoo akkamitti akka hiikamu ykn ibsamu irratti dha. Dabalataan immoo, biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun akkamitti akka uumamtee fi amalli ishiin qabdu maala akka ta’e hiika fi ibsa kennamurratti waliinmormiin jiraachuu danda’uu dha.

Namootni fi jaarmayootni tokko tokko yoo dubbatan, Itoophiyaan Impaayara waan taateef; impaayarri takka immoo diimookraata’uu waan hin dandeenyeef, sirni ishii kun diigamee; hiree ofii ofiin murteeffachuun uummattootaa/sabootaa mirkanaa’ee; hanga mootummaa birmadummaa dhaabbachuu danda’anitti deemamuu qaba jedhu. Warri biroo immoo, lakkii biyyattiin tun yoo diimookraatofte isa kana keessatti gaafiin sabootaa/uummattootaa deebii argachuu waan danda’uuf, mootummaa birmadummaa ijaarrachuun, biyyattii tana gara garatti hiruun hin barbaachisu jedhu.

Waayee seenaa warra seenaa barreessaniif yookaanis warra ogummaa seenaa qabaniif dhiisnee, garuu waan tokko tokko kan ragaa ta’uu danda’an yoo laalle, Itoophiyaan akkamitti akka ijaaramte fi amalli isiin qabdu ifaa ifatti kan mul’isan, biyyattiin tun Impaayara akka taatee dha. Yoo akkana jedhame immoo, biyyattii tana keessatti diimookraasiin uumamee; gaafiin uummattootaa/sabootaa deebii argachuu waan hin dandeenyeef, hireen biyyattii tanaa murtii uummattootaatiin/sabootaatiin mirkanaa’uu qaba kan jedhutti nama geessa jechuu dha.

Haa ta’u malee, uummatni Oromoo bal’aan hiree ofii ofiin/ofiif murteeffachuu filatullee, murtii godhamuuf deemu kana keessatti uummatni keenya Oromiyaa walaba taate fi mootummaa birmadummaa dhaabbachuuf murteessa jedhanii yaaduun ykn beekuun amma nama rakkisa. Karaa biraatiin immoo, dhimmi diimookraasii yoo dubbatamu, gaafiin uummata keenyaa gaafii diimookraasii ti yoo jedhamu, akka waan Oromoon diimookraasii hin beekneetti laalamuu hin qabu. Diimookraasiin bu’ura Sirna Gadaa fi Aadaa uummata Oromoo waan ta’eef jechuu kooti.

Gara dhimma ijoo fi gaafii mata-duree barreeffama kanaarratti ka’etti yoo deebinu, “Galii siyaasaa isa kamtu Oromoof wayya?” kan jedhu kun murtii uummataa waan ta’uuf, isa kana uummata Oromoo bal’aaf dhiisuun barbaada. Waan isaaf wayyu kan murteeffatu uummatichuma waan ta’uuf jechuu dha. Dhugaa haa dubbatnu yoo jenne, biyya ofii kana walaba taate takka ijaaramtee arguu kan hin barbaadne waan jiru natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, isa kana argachuuf wareegama ulfaataa akka nama gaafatu fi haalotni jiran immoo baay’ee walxaxaa akka ta’an hubachuun barbaachisaa dha. Asirratti wareegamni Itoophiyaa diimookraatessuuf kaffalame fi kaffalamuuf deemus kan walabummaaf kaffalamuu gad hin ta’u jedhanii warri morman jiraachuu akka malan nan amana. Haa ta’u malee, Addunyaa kanarratti wanti hin danda’amne jiraachuu baatus, biyya walaba taate ijaarrachuuf haalota amma jiran keessatti baay’ee ulfaataa akka ta’u waan dhara hin taane dha.

Oromiyaa walaboomte arguun hawwii Oromoota harka caalanii ta’ullee, sirni Federaalisimii inni dhugaa ta’e mirkanaa’ee; Federeeshiniin dhugaas kan Naannooleerratti hundaaye yoo ijaarame, Oromoof gaarii ta’a malee wanti isa miidhu jiraachuu hin danda’u jedheen amana. Asirratti wanti ifa ta’uu fi jala sararamuu qabu, injifannoolee Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) hanga hara’atti argamsiise akkuma jiranitti ta’anii; isa kanatti dabalamee jechuu dha. Federaalisimiin ykn Federeeshiniin dhugaa ta’u kun Abbaabiyyummaa Oromoo kan mirkaneessu, jechuun Oromoon biyya abbaa isaa keessatti abbaa qayee, abbaa lafaa fi abbaa qabeenyaa isaa ta’ee; dhiibba alagaatii ala ofiin ofbulchuu fi akka isaf malutti Itoophiyaas saboota biroo waliin bulchuu yoo danda’e, kun Oromoof filannoo (option) badaa miti jechuun barbaade.

Federeeshinii akkantti ijaaramu kana keessatti, Itoophiyaan akka haaraatti ijaaramtu immoo, kan Oromoo akka alagaatti laaltu fi kan Oromoof hin quuqamne Haadha Biddeenaa osoo hin taane, Oromoofis ta’ee uummattoota hundaafuu Haadha dhugaa kan taatu yoo ijaaramte qofaa dha. Federeeshinii haal-duree kana hinguutne yoo ta’e garuu, filmaatni uummatni Oromoo qabu isa tokko qofaa ta’a. Innis biyya ofii walaba taate, biyya Gadaa “Repaabiliika Diimookraatawaa Oromiyaa – Gadaa Republic of Oromia” ijaarrachuun dirqama ta’a jechuu dha. Kana booda Itoophiyaa uummatani Oromoo keessatti dararamu, beelaa fi gadadoof saaxilamu, ajjeefamu, gad-aantummaan jiraatu, alagaan nyaatee quufee lammiin Oromoo beelawu,…. jiraachuu hin dandeessu. Kun firaafis ta’ee diinaaf hundaafuu ifa ta’uu qaba.

Waayeen sirna Federaalisimii yoo ka’u, sirni akkanaa kun bifa adda addaa qabaachuu waan danda’uuf, gaafiin Federaalisimii akkamii ta’uu qaba? jedhu ka’uu mala. Ogummaa Polotikaa qabaachuu baadhullee, ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, akka ilaalcha kiyyaatitti, Federeeshiniin naanooleerratti hundaa’e sababaalee adda addaatiin biyyattii tanaaf gaarii dha jedheen amana. Isa kana fudhachuu warri hin barbaadne akka jiran beekamullee; jaalatanis jibbanis, fudhatanis dhiisanis, Federeeshiniin akkanaa uummattoota, saboota fi sab-lammoota biyyattii tanaa harka caalaniif fudhatamaa akka ta’u amanuun barbaachisaa dha.

Kan biraa, wanta dhimma kana wajjin walfakkaatu tokko, barreeffama gabaabduu takka Afaan Ingiliziitiin Face Book irratti maxxanseen ture. Barreeffama sana keessatti, humnoota siyaasaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiran, akka kaayyoo isaan ibsataniitti fi/ykn galii isaan hawwaniitti, garee (group) shanitti hiree ibsuu yaaleen ture. Isaanis gabaabumatti akka armaan gadii ti:

  • Bitaa Fagoo (far left) Gareen kun jaarmayoota bilisa-baastota ta’ani fi hiree murteeffannaa sabootaa/uummattootaa mirkaneessuuf warra qabsaa’an;
  • Bitaa Jiddugalaa (middle left) Warrii garee kana keessa galan, sirni Federaalisimii dhugaa yoo ijaarame fi Federeeshiniin dhugaa yoo mirkanaa’e, gaafiin uummattootaa deebii argachii ni danda’a warra jedhanii dha;
  • Jiddugalaa (middle) Isaan kun humnoota amma biyyattii tana bulchaa jirra jedhani fi sirna amma jiru Federaalisimii sobaa kana akkuma jirutti ittifufsiisuu warra babaadanii dha
  • Mirga Jiddugalaa (middle right) Isaan kun humnoota tarii sirna Federaalisimiitti amanan garuu Federeeshinii naannooleerratti hundaaye hin fudhannee dha
  • Mirga Fagoo (far right) Isaan kun warra sirna durii dulloomaa san deebisanii ijaaruu barbaadanii dha.

Egaa, humnoota gara garaa kan kaayyoos ta’ee galii waliin deemuu hindandeenye qabatanii jiran kana, walitti fidanii kaayyoo ykn/fi galii waloo tokkorratti akka waliif galan taasisuun baay’ee ulfaataa ta’a jedheen yaada. Osoo akka yaada kiyyaa ta’ee, akka haala amma jiru fi rakkoolee biyyatti sana keessa jiraniif furmaatni waloo (common solution) Federeeshinii amma naannooleerratti hundaa’ee ijaaramee jiru kana gara Federeeshinii isa dhugaa ta’etti jijjiranii biyyattii tanas diigamuurraa oolchuutu silaa fala ture. Yoon akkana jedhu, kun filannoo uummattootaa/sabootaa ta’uu qaba jechuu kiyya osoo hin taane, kaayyoo akkanaatu silaa hundaafuu waan jiddugalaa tokkoo ta’uu mala jechuu kooti. Filannoo uummattootaa/sabootaa laalchisee garuu waa hundaa murteessuu kana qabu uummata bal’aa dha. Murtiis ta’ee injifannoon xumuraa kan uummata bal’aa akka ta’u shakkiin hin jiru.

Ulfaadhaa.

5 thoughts on “Oromiyaa walaboomtu moo Federeeshinii Dhugaa

  1. “Oromiyaa walaboomte arguun hawwii Oromoota harka caalanii” ta’u jala muru keetif galatoomi, garuu qabsoon Oromiyaa walaboomsuuf godhamuu qabsoo Federalisimif godhamu irra qaali (more expensive) jette natti fakaata. Ethiopia demokrateessuu yaaluun har’a injalqabamne. Beektooti Oromoo wagga shantama duras itti turani. General Tadasa Biruufan kanan jalqaban, Hailee Fida faa yaada kana dhiiba turan. Lubbu Oromota qaqqalii meeqa itti waregamee. Waan yaalamee dadhabamee darbee irra deebisanii yaaluun lubbu Oromoo biroo/gatiii cima itti baasuun warra seena irraa barachuu indandeenyee fii warra irraa deddbisanii yaalaniif itti bainsa (result) biroo abdatuu nama fakeessa.

    1. Ayaanee,
      Dura yaada keetiif galatoomi. Yaaliin hin milkaa’in godhamaa akka ture waanuma beekamuu dha. Wanti ani barreeffama kana keessatti tuquu yaale garuu, Itoophiyaa diimookraatofte keessatti gaafiin uummattootaa deebii argachuu ni danda’a jedhanii warri yaadan akka jiranii ibsuuf malee, karaan kun filannoo gaarii (preferred option) dha jechuu kiyyaa miti. Haa ta’u malee, ammas taanan walabummaa argachuuf qabsoon godhamu baay’ee ulfaataa fi wareegama guddaa akka gaafatu waan dhara ta’u natti hin fakkaatu. Ijoon dubbii kiyyaa isa kana.
      Wanti tokko kan hubachuu qabnu, Federeeshiniin Dhugaa badaa miti yoo jennu, sababa qabna. Innis har’a kan nuuf ni ta’a jennu akka HAAL-DUREEtti qabannee; isa kana malee hin ta’u jennee mormuu dandeenya. Sadarkaan dammaqinsa uummata keenyaa fi guddinni qabsoo keenyaa har’a ol aanaa waan ta’aniif, kan beektotni keenya waggoota 50 dura yaalanii osoo hin milkaayin hafe sun har’a bu’aa tokko fiduu ni danda’a jedheen yaada. Federeeshiniin Dhugaa jalabultii Walabummaa ta’uu danda’aa bar!!! Tooftaa danda’amu hundatti fayyadamuun barbaachisaa dha. “KAN GARAA GARAATU BEEKAA, NATTI RAGADII MORMAAN” jedha Oromoo.

      1. Ethiopia demokratessuun indandamu/wareegama qaalii gaafata jechan jira. Premises ati irraa kaate, Oromiyaa walaboomsuu irra ethiopia demokratessutu salphata (less expensive) waan jedhu irratti. Ani immoo Oromiyaa walaboomsuuf qabasa’utu irraa laafaa (less expensive) dhan jedha. Afaan bioolessa afaan kam ta’u qaba kan jedhuu qabsoo Oromiyaa bilisoomsuuf godhamuu keessatti falma inqabu, afaan Oromooti. Federeshin ethiopia keessatti falma kana irratti yeroo dhumu tilmaamu isinumafan dhiisa. Kun fakeenya tokkitti dha.

  2. Dhiifama waliin,
    Ilaalchi kun ilaalcha ‘Ethiopianists’ dha. Yaada kufaa, dulloomaa fi dabeessotaa!! Kanneen fedhii wal-rukutaa bolola aangoo, dabeessumaa fi yaada teknookraatummaatiin beekaa if fakkeeysanii!

  3. Obbo Birhanu kan jalqabaa galatoomi.
    Ani Gama koption yarumaan matadure at barreeysite bakka imaammata keetii argument dandaye. Barruun kee maraammartoof fakkati.
    Mana irra naannawuu dhiiftee balbalumaan odoo seentee Oromiyaa bilisa yo jenne nidhumnaa tanaaf Ethiopia keessattI akka itti jiraannu hatolfannu jechuu nidandeeysa ture.

    Ilmaan Oromo guyyaan wareegamaa jiranii. Lola Oromo hinbaasuu ilalle lola Badme irratti Oromo kuma dhibbaa (100000) olitu du’e. Erguma Tigreen burchinsay biyya teenyaa Amhara irraa fute duwwaa nama milyoona caalaatu du’e, kaaniis hidhamee, reebamee, laamshawe. Oromoon milyoonotaan lakkaawaman biyya abbaa isaanii irraa buqqifaman. Lafti Oromo Somalif, Amaraf, Tigreef, Adareef, saboota bicuu hundaaf motummaa naanno jedhamaniif qoodamte.
    Lafa Oromo gututti namaa waliin deebifanne jiraachuu yo barbaadne karaan Oromof tolu Republika Oromo kan Gadaa bade deebisu tolchuu duwwaadha.

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*