Oromoo fi Itoophiyaa

Berhanu Hundee iraa

Akkuma seenaan biyya Itoophiyaa jedhamtu tanaa ragaa ta’uu danada’u, mootummoota Habashootaa dhufaa dabran keessatti Oromoon gama tokkoon hacuuccaan osoo irra gahuu; gama birootiin garuu biyyattii tanaaf wareegamaa as gahe. Lola biyyaattii tanaaf godhame hunda keessatti, kan akka Oromoo miidhame fi wareegama ulfaataa kaffale hin jiru yoon jedhe dhugaarraa fagaachuu hin ta’u; dubbiis oo’isuu miti. Uummatni Oromoo osoo bilisummaa isaatiif jedhee hamma kana wareegama guddaa kana hundaa kaffalee jiraatee, tarii har’a abbaa biyyummaa isaa ni mirkaneeffata ture.

Karaa biraatiin yoo laalme immoo, Oromoon Itoophiyaa faarsuu fi ishii jiraachisuuf dhama’uu malee, Itoophiyaa Oromoo jaalattu fi Oromoof quuqamtu arginees dhageenyees hin beeknu. Kun dhugaa jiru himuu fi dhugaa lafarratti mula’tu ibsuuf malee; biyya sana jibbuu fi olola irratti oofuufii miti. Namni dubbii tana gadi fageenyaan osoo hin laalini fi hin hubatin dafee gara biraatti dubbii micciiruu hin qabu. Dhugaa jiru walitti himuu fi wal yaadachiisuun barbaachisaa waan ta’eef dubbii kana kaasa. Warri waayee kana akka dhiphummaatti laalani fi siyaasaa wajjin walitti hidhuu barbaadan karaa itti fakkaateen laaluun mirga isaanii ti. Garuu dhugaa jiru dhoksuun hin danda’amu.

Waayee Oromoo fi Itoophiyaa kana maaliifan kaase?

Mee waan durii fi kan dabre dhiisnee waanuma yeroo dhiyoo ta’e fi amma ta’aa jiru walbira qabnee haa laalu. Waraanota Itoophiyaa fi olloota ishii waliin ta’an, kan akka lola Somaaliyaa fi lola Eertiraa keessatti kana akka baala mukaa harca’an ilmaan Oromoo ti. Kun hunduu kan ta’an biyyattii tana jiraachisuufi. Maqaa biyyattii tanaatiif wareegamni hanga kana hin jedhamne kaffalame. Waaffalli uummata Oromoo kan biraa ta’ee, lolli sun hunduu erga dabran booda uummata Oromoorratti lolli keessaa irratti labsamee, kunoo lubbuu ijoollee Oromoo meeqa galaafate; galaafachaas jira. Ilmaan Oromoo meeqatu biyyaa baqatan? Meeqatu bakka buuteen isaanii wallaalame? Meeqatu mana hidhaa keessatti dararamaa jiru? meeqatu jiruu fi jireenyi isaanii diigamee kadhattuu ta’anii hafan?…

Kuni hunduu ta’aa osoo jiruu, akka waan kun nutti xinnaateetti, dubbiin hammaachaa dhuftee kunoo daangaa Oromiyaa fi Somaaleerratti lolli nurratti banamee; uummatni keenya guyyaa guyyaadhaan wareegamaa jiru. Asirratti mee of haa gaafannu, walis haa gaafannu. Itoophiyaan yookaanis sabootni ishii keessa jiran Oromoof quuqamanii waa jedhanii jiruu? Seera fi heera biyyattiin maqaa Federaalisimiitiin lafa kaawwate sanattillee fayyadamanii; lakkii dubbiin akkanaa tun hin taatu jedhanii gaafii kaasanii beekuu? Wayyaanee irraa sodaan akka jiru naaf gala. Haa ta’u malee murannoo fi kutannoodhaan gaafii mirgaa gaafachuun ni danda’ama. Osoo Oromoof quuqamanii; osoo madaan Oromoo isaanitti dhagahamee, karaan ittiin ibsatan hin dhabamu. Garuu callisuutu furmaata ta’ee argame.

Nuti garuu keessumaayuu beektotni fi xiinxaltootni Oromoo , hayyootni Oromoo, jaarmayootni Oromoo tokko tokko ammallee dhugaa kana hubachuu dadhabanii; osoo waraanni nurratti labsamee jiruu; osoo uummatni keenya lafarraa duguugamaa jiruu, karaa danda’amu hundaan biyyattii tana jiraachisuuf halkanii fi guyyaa dhama’u; kanaafis falmii godhaa jiru. 1) Waayee Itoophiyaa haaraa ijaaruu; 2) waayee jijjiirama imaammataa (policy reform) 3) waayee sochii biyyolessaa Itoophiyaa; 4) Waayee warraaqsa diinagdee fi kkf. irratti beekumsa, dandeettii fi yeroo fixaa jiru.

Sababa kamiinuu haa ta’u, Itoophiyaaf falamachuun akkuma jiruttii ta’ee, kan nama dinqu garuu, osoo uummatni keenya dararamaa jiruu; beela fi gadadoodhaaf saxilamaa jiruu; waraanni irratti labsamee, dhumaa jiruu; lammiileen keenya mana hidhaa keessatti dararamaa jiranuu; walumaagalatti osoo uummatni keenya qabsoon bilisummaa haa haftuu kan jiruu fi jireenyaa godhaa jiru; rakkooleen ciccimoon kun dursa argachuu osoo qabanuu waan biraa haasa’uun hiikni isaa maali? Hubannoo gahaa dhabuu dha moo madaa saba keenyaatu nutti hin dhaga’amnee?

Itoophiyaa gaaf tokkollee Oromoof bakkee hin laatiniif; yeroo rakkoo hin iyyanneef, hin mirmanneef, Itoophiyaa dhiiga fi lafee Oromorratti ijaaramteef hanga kana dhiphachuun maaliifi? Asirratti, wantin hubachiisuu barbaadu Itoophiyaan hundaafuu haadha takka taatu ijaaramuu kan dandeessu yoo ta’e, ani rakkoo irraa hin qabu. Haa ta’u malee, gaafiin kiyya inni guddaan, Itoophiyaa akkanaa ijaaruun ni danda’amaa? kan jedhu ta’a. Itoophiyaa akkanaa ijaaruuf kan qabsoofnu yoo ta’e immoo, dura mana keenya qulqulleeffachhun dirqama ta’a. Mana keenya qulqulleeffachuu yoon jedhu, kan dursa argachuu qabu badii nurratti aggaamame kanatti dura xumura godhuu dha. Uuummatni keenya dura nagaan akka jiraatu taasisuu dha. Bakkee nagaan hin jirretti jijjiiramnis, guddinni diinagdees hunduu hin milkaawu. Dubbii kana itti yaaduun baay’ee barbaachisaa dha. Miidhaan uummata keenyaa nutti haa dhaga’amu.

Barreeffama kanarratti yoo yaada qabaattan teessoo iimeelii armaan gadiitiin barreessaa  qunnamuu ni dandeessu: cilaaloo@hotmail.com . Ulfaadhaa.

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*