#OromoProtests, April 28, 2016

Ebla 28, 2016 ykn 20/08/2008 ALH
SALAALEE, YAAYYAA GULALEE
‪#‎FXG‬ aanaa Yaayyaa Gulallee ti wal qabatee adeemaa jiru itti fufee hardha gannama sa’aa 1.30 irraa kaasee ummatni mormii isaa itti fufuun ijoollee isaa kan hidhaman akka gadii lakkifamanii fi ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti roga Oromiyaa mara keessatti gaggeeffamu akka dhaabatuu fi waraanni mootummaa TPLF Oromiyaa gadii lakkiise akka bahuu dhaadannoo dhaggeesiisuun kallattiin ammoo Dargaggoon naannoo Yaayyaa Gulallee keessaa ukkaamsanii hidhaman akka hatattamaan gadii lakkifaman gaafachuun , kaabinoota naannoo isaas akka ummata bakka hin buunee akeekachiisanii jiru.
Hanga Abbaan biyyummaa saba Oromoo hin mirkaneefaneetti goototni salaalee aaragalfiin diinaa akka hin jire firaafis ta’ee diinaaf ifaan ifaati ibsasachaa oolan.
Dabalata oduu akka dhaqabeen ifa baasuuf yaala. Oduu naannoo kanaas ta’ee naannoo biroo kanneen argatan waliif raabsaa.
Oromoon ni bilisooma jechuun qeerroon naanno Yaayyaa Gulallee oduu kana ummata Oromootin nuuf gahaa waan jedhaniif maxxanfame.  Jabaadhaa sanyii Agarii Tulluu fi Taadasaa Birruu. Salaalee maandhee gootota Oromooti

13103294_10153635734577825_411547797033834494_n


 

One Response to #OromoProtests, April 28, 2016

  1. Tufaa April 28, 2016 at 1:56 pm #

    namoota hidhamaa gaafatuu demani dhaabatan hiriira jechudha? yaboo qabsoo dhugaa itti fufna.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions