#OromoProtests, May 31, 2016

‪‪#‎oromoprotests‬ Yroo ammaa kana Harargee Bahaa Aanaa Qarsaa Magaalaa Laangey keessatti mormiin ummataa geggeeffamaa jira. Mormiin kun kan eegale loltuun Wayyaanee tokko gurbaa Nadhii Yunus jedhamu lafumaa ka’;ee rasaasaan dhayee madessuu iusaatin. Ummanni dirmachuu dhufee yeroo ammaa dhaadannoofi dhiichisaan mootummaa balaaleffachaa jira. Jirattonni akka himanni ummanni baadiyyaa bya’inaan gara magaalaa seenaa akka jiruufi loltoonnis dhukaasa hammeessaa jiran.

May 31_2016
Oromo protests underway in Hararge Qarsa Langey town at this moment following agazi firing on Oromo younth.
Oromo rural residents march to the town. Heavy gunfire heard from the area.
Harargee Qarsaa Magaalaa Laangeey keessatti mormiin yeroo ammaa deemaa jira.
Hawaasni Oromoo gootummaan baadiyyaa irraa dhaadannoon gara magaalaa seenaa jiru.
Qabsoon halkanii fi guyyaa hin qabdu jedhu gootonni Harargee.
13322062_1728848720725849_859574405224659257_n


Sudan deports asylum seekers fleeing repression in Ethiopia, Eritrea
For years, Ethiopia’s extensive restrictions on free speech and political rights have caused citizens to flee arbitrary detention, torture and politically motivated prosecutions. Thousands are believed to have fled into neighbouring countries, including Sudan, because of abuses associated with the crackdown.


#‎OromoProtests‬-(31.05.2016, ‪#‎QormaataHaaraa‬, Oromia) Oduu Haaraa: Ministeerri Barnoota Itoophiyaa qormaata kutaa 12ffaa haaraa Adoolessa 4- 7 bara 2016 kennuuf jira.
Qormaati duraan qophaa’e dursee barattoota harka waan gaheef ture kan haqame.
Ministeerichi ibsa miidiyaa biyya keessaf ergeen akka himetti qormaanni amma laatamu, qophii ga’aan taasifamee eegumsa cimaan kankennamuudha.
Qormaanni biyyoolessaa kunis Jiddu Gala Qorannoo fi Qo’annoo Yunvarsiitii Finfinneen qophaa’a.
Qormaanni seensa dhaabbilee barnoota olaanoo kan kutaa 12ffaa kaleessa laatamuu jalqabee addaan cituun kan yaadatamu.


Caamsaa 31_2016
Baha wallaggaa magaalaa Moxee keessatti mormiin cimaan gaggeeffamaa jira.
Qeerron Oromoo tokkummaan kaatee warraaqsa finiinsaa jirti.
13327410_1728638504080204_710774185172813043_n


‪#‎OromoProtests‬ Goota Oromoo Kan Morma Qawwee ELIYAAS ALIYYII FIRII Kan Guyyaa Lama Dura Hararge Bahaa Aanaa Dobbaa Aradda Caffee Jannatatti Dhukaasa Sa’a 2 Booda Agaazi Lama Ajjesee Afur Madesse Wareegame! Goota Yoomu Seenaan Hin Daganne! Rabbi Jannata Siif Haa Hiru!
13315511_1010256272396779_7089178962256242739_n


‪#‎OromoProtest‬ Caamsaa 31/16
=============
B/Wallaggaa magaalaa Moxee keessatti FXG haala ho’aa ta’een Qeerroon sagalee dhageessisaa Jira,sochii warraaqsaa eegalame hanga fiixaan baasnutti duuba hin deebinu sagaleen hedhu gurmuu barattootaa gidduudhaa dhaga’amaa ture haala sochii warraaqsaa itti fuufsiisuuf duubatti akka hin deebine walii galan,Akkuma qorumsarraa dhorkamanii bahaniin sirba qabsoo gobiin lafa dhiitaa jiran. Godina Hargee baraa aanaa malkaa baloo mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophina keesatti FXG itti fufee jira. Akkasuma godina Booranaa Magaalaa Yaabelloo Keessatti FXG Gootota Oromoo Qeerroon bakka hundaati Itti Fufee Jira.
13332833_2025771997647883_3069150872662314706_n


One Response to #OromoProtests, May 31, 2016

  1. Badhane May 31, 2016 at 6:54 pm #

    Dobban Hararge Bahatimit Hararge Lixaati malee

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions