Damee Boruu irraa

imagesBara 2016 itti” Kallacha Daandi Qabsoo Bilisummaa Dhugaa” mataa durree jedhu Jalatti rakkinni qabsoo bilisumma uummata Oromoo inni duraa dhalootan Oromoota tahanii  Oromoo fi diina uummata Oromoo jidduu warra qubatee jiru akka tahe ibsuu yaalleen ture(Ayyaantuu.net 7/12 ilaaluu dandeessu).  Uummatni Oromoo diina isaa wajjin fuulatti walitti bahuuf Oromoota kana duraan dursee of jalaa daandii qabsoo irraa maqisuu qaba. Har’a akka uummatni Oromoo warra kana karaa irraa qulqulleessaa jiru ifatti argaa jirra. Galatni fi ulfinni bara baraan qeerroo fi qaree Oromoof haa tahu malee dhiiga isaanii akka bishaanii lolaasisnii salphinaa fi qaanii wagaa dhibaa olii keessaa Saba Oromoo  baasanii jiru. Har’aan kana uummatni Oromoo fira isaa,  diina isaa fi halgaa biratti ol aantummaa qaba. Lamuu gad aantumatti  ilaalamutti hin deebi’u. Har’a bilisummaa ykn du’aa jedhee tokkummaan  ka’eera.

Haalli kun tasa kan argame miti. Bara dheeraaf qabsoo bilisummaa dhiiga ilmaan Oromoon sooramee guddatee as gahee dha. Har’as dhiigni amma kana hin jinne itti lolaafamaa jira.Wareegamni qaalii baasaa jiru qabsoo bilisummaa kana gabsee galma isaa mirkaneesa malee kan gara duubaa nu deebisu miti. Yaroo kana keessa  namni Oromummaa isaa beeku bakka jiru maratti kan qabsoo kanaaf hin gummaachine jira jechuun hin ulfaata.

Ummatni Oromoo yaroo duraaf diina hamaa isa tahe sodaa moo’atee jira. Uummata sodaa moo’ate humni jilbeefachiisu danda’u biyya lafaa kana irra hin jiru.  Mootuumaat TPLF hamma meeshaa waraanaa of harkaa qabdu wixxifachuu ni dandeessi.  Uummatni Oromoo hundee ishee buqqisee biyyaa Oromoo keessa akka ishee darbuu isheenuu hubattee jirti. Hanga sana garuu uummata keenya miidhuu fi qabeenya isaa saamuu irraa booda hin jettu. Kan ‘bishaan nyaate haafa qabata”, jedhan .  OPDO meeshaa godhatee uummata Oromoo kan  ittiin  gowwomsuuf  caraaqa turte meeshaa cabee harkaa tahe ol fi gadi kunkuraa jirti. Tooftan ishee harkatti bututee  dhimmaa baasuuf didnaan saaxilaa of baaftee biyyaa Oromoo duchaa waraanan bulshuu murteefattees jirti. Ummatni Oromoo waraana ishees sodatee jilbeefachaaf hin jiru. Kana booda maqaa demookraasii fi federalizemiin dhaadachuu fi wa lgowoomsuun hafeera. Diina keenya wajjin ifaa fi ifatti walitti baanee jirra.

Har’a namni Oromoo tahee dhalatee seenaa qabsoo boonsaa kanaan kan hin dhaadanne  hin boonne hin gummaachineef hin jiru jedheen yaada. Yoo jiraate kan namumaa isaa miti lubbuun isaa iyyuu diinaaf bitame qofaa tahuu qaba. Diinaa fi firri Oromoo hundu gootummaa fi murannoo Saba Oromoo hubatanii jiru.  Seenaan Saba Oromoos isa hara’a agaru  kana mirkaneessa.  Seenaa kijibaa dabteeronni Habashaa afuufaa bahan miti. Uummatni oromoo, uummata seenaa gootummaa, aadaa bareedaa , sirna jiruu fi jireenyaa  bulmaataa biyyi lafaaf fakkeenya  tahu qaba. Diinni yartuun malaan isa cabsitee seenaan isaa akka dhokatu, jiruu fi jireenyi isaa bade akka salphatu gochuuf  ayyaana gahee waan argatee ture.  Salphinni uummata Oromoo kanaan booda ni raawwata.

Biyyoolessi Ollaa Oromoo har’aan kana yaada lamaffaa qabu. Akka Kanaan duraa  ija tufiin uummata keenyaa ilaala hin jiran. Karaa nagaa fi ulfinaan nu wajjiin jiraatan barbaadu malee ijoollee keenya qabanii akka ilmoo hoolaa diinatti kenuudhaan qolbaasisaa hin jiran. Mootumaan TPLF akka dhumaaf jirus argaa jiru.

Uummatni keenya tokkichumaan ka’e humana isaa diinaa fi fira hubachiisee jira.  Karaa siyaasaa, dingadee fi humna namaa Sabni Oromoo  gahaa ol qaba.  Diina kam iyyuu of irraa ittisuu duwwaa utuu hin taane  caccabsee iyyuu irra deemuu  danda’a . Uummatni Oromoo waggaa darban kana keessa Motumaa Habashaan cabee dhiitamaa  kan ture  sababni guddaan inni duraa qamaan Oromoo tahaanii warra Motota Habshaa soruuf lubbuu isaanii dabarsanii kenaniif. Warra kana bara Minilk irraa kaase  amma TPLF warra  jiran seenaa bareesitootaaf dhiifnee bira darbuu wayya.

Garuu kan dhagatamuu hin qabneetu jira. Anuu mootummaa Habashaa sadii kufiisuu keessatti qooda fudha’e. Kan Haile Selassie fi Dargii yaroo kufan ijaan arge. Akka Impayeer Itopiyaa sun hin diigamnee tiksuu irratti namootni qamaan Oromoo tahan gahaa guddaa qabu. Fedhiin isaanii inni guddaan kan isaanii guutuu yoo Impayeera Itopiyaa sana tiksan itti fakkaata. Mootumaan Habashaa garuu isanitti dhima bahee erga of ijaaree, jabaatee  booda ajjeesse akka saree lafa irraa isaan gototuu hin dhiifne. Hiriyaan koo tokko  “ Gamni orma irraa barata, gowwaan immoo of irraa iyyuu hin baratu”, jedha .

Impaayeer Itopiyaa koloneefataa dha.Mootonni Habashaa  sirna kolonii kan ittiin tiksatu keessaa tokko Afaan Amharii fi ol aantumm saykologii Habashaa ti. Inni lamaffaa lafa kan mootumaa gochuu dha. Bishaan lagaa burqu, muka lafaa margu  albudi lafaa keessaa  bahuu fi midhaan lafa irraa biqiluu irraatti kan aangoo qabu mootummaa Sana. UUmmata keenya lafaa isaa irraa buqisee namootaa isaa irra qubachiisuu, badhaasuu fi gurgurachuuf aangoo qaba. Haalli kun mootumaa Habashaa irraa darbii darbanii kan dhufan ni dha..

TPLF utuu jibinsa Amhaaraa guddaa qabduu maaliif Afaan Amaaraa akka afaan hojii tahuu filate kan jedhu wal nama gaafachiisa taha. Sababni isaa Impeerali Itopiyaa kan ijaarame Afaan Amaharaan waan taheef afaan biraa bakka bu’uu hin danda’u. Utuu Haile Mariam Desalegn TPLFn mo’ee bushaa Itopiyaa tahee afaan hojii isaa Afaan Amaaharaa taha malee Afaan Walaayita hin tahu. Utuu namni Oromoo tokkos Impayeera Itopiyaa tiksuu aangoo argatee afaan hojii mootumaa isaa Afaan Amaaharaa irra adda tahuu hin danda’u. Haalli Imperayali Itopiyaa itti ijaaramte yoo hin jiraane Imperyaali Itopiyaa jiraachuu hin danda’u. Uummatoti Minilkiin caban marri humnaan  walitti qabamanii mana hidhaa Impayeri Itopiyaa keessa jiru. Mootumaan  Impayeri Itopiyaa uummatni  kun mana hidhaa kana keessaa akka hin baane kan tiksu dha. Mana hidhaa kana keessatti cunqursaa, saamsaa fi cubbuun hojjetamu hiriyyaa hin qabu.

Hanga Impayeri Itopiyaa jiru uumanni mana hidhaa kana keessa jiru kam iyyuu bilisa thaauu hin danda’u. Duraan dursa cancala kolonii kana of irraa ciree gatuu qaba.  Sana booda uummatni fedhii isaan, waliin jiraachuu, waliin guddachuu fi waliin hoojjechuu yoo murteefate biyya bifa barbaadeen ijaaracuu danda’a. Biyya ijjaramu kana keessatti uummatni kam iyyuu ilaa fi  ilaameen wal qixa mirga qabaachuun barbaachisa taha.  Inni barbaade immoo qofaa bahee jiraachuuf haqa qaba. Qofaa bahuu hin dandeessu kan jedhu yoo jiraatee humna kolonii Impayeri itopiyaa tiksuu duwwaa taha.

Cabitii Imperyaalii Itopiyaa kan mirkaneessuu keessaa Oromiyaa bilisoomte keessatti afaan hojii Afaan  Oromoo fi Afaan Ingilizii yoo tahe qofa. Afaan Amhaaraa  malattoo koloneefataa waan taheef mootummaan uummata Oromoo itti fayyadamuu hin qabu. Afaan Inglizii afaan biyyi lafaa ittiin wal quunnamu, afaan saayinisii fi tekinologiin  itti guddate waan tahee nu gargaara. Namni biyya Oromoo keessa jiraatu afaan kamiin iyyuu yoo dubbate rakkina hin qabu. Dhalootni Qubee universiiti irraa digrii fudhatanii akka dhagaa  baatan kan isaan godhe tooftaa mootumaan TPLF Afaan Amaaraa afaan hojii mootumaa gochuu dhaan. Haalli kun cubbuu guddaa ilmaan Oromoo irratti raawwataamaa jiru agarsiisa. Haalla kana fakkaatu Mootumaa Oromoon illee daballee hojii irraa hin olsha jedhee hin yaadu. Kana irratti namootni Oromoo umuriin deeman illee afaan Amaharaa kana mararsiifachuun isaa ni mala. Tahu illee biyyi kan dhaloota borii tahuu isaas dhagachuu hin qabnu. Ijoollee fi ijoollee ijoollee keenyaaf maal akka dabrsinee dabrru adda baafnee hubachuu qabna.

Yaaddoon koo inni duraa seenaa darbe yaroon ilaaluu namnonni Oromoo tokko tokko kufatii Impayeri  Itopiyaa kana akkuma warra Habshaa warra dhugaan yaadaan arguu dha. Warrii fedhiin keenya  Impayeri IItopiyaa jalatti irraa gudaa nuuf guuta jedhanii dammaqinsaan wixxifatan lakkobsaan xiqqaa dha. Akka natti fakkaatutti irra guddaan isaanii  sorgaamumaan ykn gowwomaan yaadaa  Impayeri Itopiyaa kana haaromsanii bifa biraan ol dhaabuu wayya laataa yaada jedhuun warra dhama’aa jiran akka jiran hubachuu dha.  Warri kun warra  baayyee nageenyaaf dhaabbatan of fakkeessu yaalu. Nageenyi uummata Oromoo itti ibdi qabatee jira. Humni warraa uummata Oromoo duuchaa irratti qubbatee, xinnaa fi guddaa ajjeessaa, waxaalaa, mana hidhaatti dhiba dhibaan guraa, dubartii Oromoo gudeedaa fi qabeeny Oromoo saamaa jira. Utuu ija keenyaa haala  kana argaa jiruu nagaa isa kamiif yaadahaa jiru jeenee fudhanna? Warri diinaaf lubbuun isaanii bitame gaafa biyyi isaanii bilisa bahuu illee diina wajjin utuu baqataan dhumu malee gara uummata isaaniitti  hin galagalaan. Haalli kuun waan haaraa miti. Uummata kam keessaa iyyuu hinuma jira.  Yaroo uummtni Viitnaam Imperyala Ameerkaa injifatee bara 1975 bilisa bahuu uumatni qaamaan Vitinaama tahanii jiranii  Ameerkaa wajjin baqachuuf utuu doonii irratti wl caccabsanii bishaanitti namdhanii kumaatamaan  dhuman.

Yaroo ummatni keenya  waregama qaalii kana fakkaatuu baasaa jiruu wajjin hiroroo gallee waan dandeenyuu fi waan qabnuu maraan wajjin dhaabbachuun kan seenaan nu irraa eegatu dha. Bilisumaa uummata Oromoof tahee uummata biyyaa Impayeerala Itopiyaa jalatti kufanii jiraniif inni duraa Impayeera Itopiyaa hundee isaa buqqisanii akka lamaffaa deebii hin latne gochuu dha. Sana booda uummatni naannoo tokko jiraatu mirga hiree isaa ofiin murteefachuu yoo seeraan mirkanaaneef jaalaa fi fedhiin , biyya qofaas tahe biyya waloo ijaarachuun karaa dha. Biyya waloon ijaaramu keessa uumatni tokko yoo isaaf tahe fedhiin galee, gaafa itti hamaatee fedhiin akka keessa bahuu danda’u seeraan ifa taa’uu qaba . Kunis tahuu kana danda’u keessaa galuu fi keessaa  bahuun kan dand’amuu riferandamaan uummatni akka murteefachuu danda’u seeraan yoo mirkanaa’e  dha.

Qeerroo fi qaree Oromoo ebbi, ulfinni fi galatnii isiniif haa tahu. Kaayyoo bilisummaa goototni Oromoo hedduun itti waregamaan  qoltanii fudhachuu keessaniif. Har’a baka jiru marati kuma kumaatamaan isini wajjin jira. Diina meeshaa waraana amma fuunyaan isatti hidhatee jiru kana humni ittisaa malee of  irraa facisuun ni jabaata. Diina kanaaf  sagaleen nagaan qabsaa’uu illee waan galuuf hin fakkaatu. Qabsoo bilisummaa godhamu kana keessatti uummatni humna ittisaa ijaarachaa yoo hin deemne rorroon diinaa ni jabaata. Diinni kun diina balleessee baduuf qopha’e akka tahe illee dagatamuu hin qabu. Diinni keenya badii guddaa Gafaa Afrikaa fidaa jiruu itti gaafatam isa duraa qaba. Yoo badii dhufu gabaabsuu barbaade gaaffii tokko malee hattattamaan wraana isaa biyya Oromoo duuchaa keessaa baasuu qaba. Warra abbaa aangoo uummata Oromoo ajjeessaa fi ajjeesisaaa jiran kan seeratti dheeyafatuu uummata Oromoo ti malee Motummaa TPLF miti. Mootummaa TPLF irraa seeraa fi heera uummtni eegachaa hin jiru. Argachuus hin danda’u. Dachee Oromoo keessaa kan dura bilisa bahuu Finfinnee tahuu qaba. Sababni isaa cubbuu Finfinnee irratti dalagametu Oromiyaa hunda irratti dhangala’e.  Kanafuu yoo hundurri Oromiyaa kun hin bilisoomne bilisummaan jiraachuu hin danda’u.

Dhuma irratti Qabsoon Bilisummaa diinaa fi warra diina wajjin hirira galle marraa barbdaeesse galma bilisumaa ililleen akka gahu mamii hin qabu. Amma sana garuu tooftaa fi tersimoo qabsoo yaroon yaroon xinxallee karaatti lubbuu diina keenyaa gabaabsinu irratti haa hojjennu qabna.

Injifannoo uummata Oromoof!

Oromiyaan ni Bilisoomti!

 

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.