Qabsoo bilisummaa afaan Oromoo: Waligayii marii afaan fi aadaa Oromoo irratti barruu dhiyaate

*Malkamuu Jaatee, Jarmanii, Frankfurt, Waxabajjii 11 bara 2016

“The future depends on what you do today (Mahatma Gandhi).” Bori hin beekne, qodaan bukoo ishee lama.

  1. Seensa


Biyya lafaa kana kessatti afaan gosoota gara 7097 kessaa 32.4% Asiyaa fi 30.1% Afrikaa kessatti dubbatamu 4. Gosoota afaan yeroo ammaa biyya lafaa irratti dubbataman keessaa 50% dhuma jarraa 21ffaa kana dura biyya lafaa irraa badu jedhamee tilmaamameera. Afaanooti yoo qubee ittiin qaraman (barreefaman) hin qabaatneef afaan qubee ittin barreefamu qabuun dhaalamaa adeemuun adeemsa kessa gutummaatti dhabamu. “…speakers and writers of the 83 languages with “global” influence now account for 80 percent of the world population that most of the thousands of other languages now face extinction at a rate exceeds the extiniction of birds, fish,  mammals, or plant species…6”. Afaan dhabamsiisuu kessatti guddinni dinagidee qooda sadarkaa olii qabaataa turee fi jira. “Fakkenyaaf tulluu Andeesii fi labuu laga Amaazoon keessatti afaan adda addaa 113 dubbatamaa turan afaan Spaanish fi Portugisiin dhaalamuun adeemsa kessa dhabamaa jiru fi kaaba Amerikaa keessatti afaan dubbatamaa turan 54 dhabamaa jiru waan afaan Ingiliziin dhaalamaa adeemaniif6. Namni dhumaa afaan Eyak jedhamu nannoo Alaskaa itti dubbataa ture bara 2008 du´e: akkasumasi namni dhumaa afaan Ubykh jedhamu biyya Turkii keessatti dubbataa ture bara 1992 du´e3. Biyya Itiyophiyaa keessatti kan dubbatamaa ture afaa Argobbaa bara dheraa dura bade. Afaan barruu fi galmee hin qabne tokko yeroo gutummatti dabamuu:  aadaa, ogummaa, fi seenaa uummati afaanicha dubbatu qabaataa turesi walumaan fudhatee bada12.


Afaan gosoota 340 godina gaanfa Afrikaa kessatti dubbataman keessaa gosooti 134 Sudaan fi gosooti 89 Itiyophiyaa keessatti  dubbatamu4. Afrikaa keessatti uummata kitiila 50n dubbatamuun, afaan Oromoo, sadarkaa 3ffaa irratti argama afaan Arabaa (kitila 150) fi Siwahilii (kitila 100) itti aanuun1. Garuu dhiibbaa siyaasaa motummaa Habashaa irraa maddeen afaan Oromoo lafa irraa duguggiif afaan saaxilamee dha. Motummaan kun qabeenyaa uummata Oromoo gutummaatti dhaaluuf sanyii Oromoo kallattii fi alkallattiin lafa irraa duguuguu sagantefateera. Sanyii dhala-namaa gadi xiqeessuu yookin gutummaatti dhabamsisuun, qabenyaa uumamaa dhunfachuu yookin saamuun, tarsimoo siyaasa mootummoota gabiroomfatoo maraa ti.  Kanaafuu bara duula waraana gabiromfannaa (1870 – 1900) motummaa Habashaatiin waraani geggefame, lakkofsa uummata Oromoo kitila 10 irraa gara kitila 5 itti gadi xiqqesse7. Mootummaan Habashaa tarsiimoo duguuggaa sanyii dhala-namaa kana galmaan gahachuuf tooftaalee fayyaddamaa ture keessaa: qindoomina waraanaa, babal‘achuu balaa hongee, facayiinsa dhukkuba daddarbaa, fi mijoomina gurgurtaa dhala-namaa warra gurguddoota turan.

Sanyii uummata Oromoo kallattiin lafa irraa gutummaatti haxaa’uun fixaan ba`uf hin mijanne. Garuu tooftaa gara-garaa fayyadamuun sanyii Oromoo lafa irraa haxaawuun waajjiraalee motummaa diinaan karoorfamee gara hojii itti hiikamuu jalqabe. Tarsimoo alkallattii fayyadamuun yakka sanyii-duguuggaa raawwatuuf motummaan Habashaa sagantaa baafate. Sanyii duguggaa seera qabeessa taasifatee, seera ofumaa baafate fayyadamuun, mallattolee (enyummaa) uummata Oromoo beeksisan irratti motummichi duula wali irraa hin citine geggesse. Heeraa fi seera mootummaa fayyadamuun ragaalee saba Oromoo beeksisan (Afaan, Aadaa, fi Seenaa) gutummaatti haquun kan Habashaan bakka busuudhaan adeemsa keessa faana oromummaa guutummaatti dhabamsiisuuf sochowame. Jireenyi saba Oromoo fi biyya Oromoo gutuummaatti haalame. Yakki sanyii duguuggaa jaarraa 12ffaa irraa eegalee uummata Agawoo irratti raawatamaa ture, jalqaba jarraa 20ffaa irraa kaasee uummata Oromoo fi uummatoota kibba Itiyophiyaa irratti raawatamuu eegale.

Uummati Oromoo hammeenya diinaaf tole jedhee yoomuu jilbeenfatee hin beeku. Baruuma gabirome irraa eegalun uummati gooti kun qabsoo bilisummaa rogaalee adda addaa 5 walitti hidhata qaban eegale. Isaanis: 1) Qabsoo aadaa Oromoo tiksuu fi kunuunsuu, (2) Qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu fi guddisuu, (3) Qabsoo seenaa Oromoo fi oromummaa ifatti baasuu, (4) Qabsoo hawaasummaa fi dinagidee Oromoo dagaagsuu, fi (5) Qabsoo siyaasaa saba Oromoo aangoomsuu ti7. Qabsoon bilisummaa Oromoo rogaalee shananuu keessaan hoogganamaa jiran martuu wal-tumsuun amna qabsoo bilisummaa Oromoo injjifatnoo gutuun xummuru yoo Waaqayyoo jedheef.   Barruun kun qabsoo bilisummaa afaan Oromoo qofaa irratti xiyyaafata.

Bara biyyi Oromoo sirna gabirummaa kessatti kufe irraa jalqabee acuccaa afaan Oromo irratti motummaa Habashaan raawatamaa turee fi qabsoo gotoliin afaan Oromoo geggessaa turan ergii gabaabinaan dhiyaateen booda jarraa 21ffaa kana kessasi acuccaan bifa addaan afaan Oromoo irratti raawatamaa jiraachuu cunfamee barruu kana keessatti dhiyaata. Afaan Oromoo tiksuu fi guddisu keessatti qoodi dhaloota haaraa garamitti akka deemaa jirusi dhuma barruu kanaa irratti hanga tokko xuxuquun yaada waliigalaan barruun xummurama. Kayyoon barruu kanaa afaan Oromoo ammayyuu haala ifaa fi dhokataa ta`een sirna acuccaa jala waan jiruuf xiyyaafannaan addaa akka itti kennamuu qabu beeksisuuf. Mata duree kana barresuu iraatti kan na gargaare Waaqayyoo hedduu galateefachaa, ilmaan Oromoo haala qindaaween marii afaan fi aadaa Oromoo sadrkaa jalqabaa biyya Jarmanii keesatti qindeessanis galateefadha. Barruun qabsoo bilisummaa afaan Oromoo  kun yaadannoo gazexesaa afaan Oromoo isa jalqabaa, Ayyubi Abubakar, haa ta`u.

  1. Acuccaa afaan Oromoo bara 1889 – 1991


Diinni (motummaan Habashaa) kallatiin sanyii uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf milkaawu yeroo hanqateetti tarsiimoo afaan, aadaa, fi seenaa Oromoo ittiin dhabamsisu baafatee sochowe. Angoo waranaa fi tumsa motummoota alagaa fayyadamuun  biyya Oromoo jaarraa tokkoo fi cina (waggoota 150) oliif motummaan weraree jiru kun acuccaa afaan Oromoo irratti gessisuu bifa adda addaan fufee raawataa turee fi raawatasi jira. Acuccaan bara 1889 – 1991 afaan Oromoo irratti raawataman warri gurguddoon armaan gaditti tarrifamu:

(1ffaa) Moraa mana barnotaa kessatti afaan Oromoo dubbachun dhorkamuu; (2ffaa) Afaan Oromoo barresuu fi dubbisuun dhorkamuu; (3ffaa) Afaan Oromootiin Waaqayyo waaqessuun dhorkamuu; (4ffaa) Qora-qalbii adda addaa fayyadamuun ilmaan Oromoo afaan Oromoo haasawutti leeyyaasisuu; fi  (5ffaa) Odeefannoo afaan Oromoon karaa raadiyoo tamsaasuun dhorkamuu. Fakkenyaaf gaazexesitoota yeroo jalqabaaf sagantaa radiyoo afaan Oromoo magalaa Moqaadishoo, biyya Somalee, kessatti bara 1960ta hundessan irratti motummaan Habashaa waraana qindeeseen basaastuu fayyadamee gazexesaa Oromoo, Ayyubi Abubakar, ajjeesise9.

  1. Qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu (bara 1881 – 1991)

Karaa roga qabsoo bilisummaa afaan Oromoo hojiin eegalamee milkoomina hojii qabsoo bilisummaa Oromoof qooda guddaa gumaacheera. Qabsoo blisummaa afaan Oromoo bu`ureessuuf hojiilee Hiikaa Awaaji (Onesmoos Nasiib), Asteer Gannoo, Liidiyaa Damboo, Sheek Bakirii Saphaloo, fi Dr. Hayilee Fidaa raawatan seenaa qabsoo bilisummaa afaan Oromoo kessatti iddoo guddaa qabu.

Afaan Oromoo badiisa irraa hambisuuf hojiin hoogganummaa Hiikaa Awaaji (Onesmoos Nasiib) dhaan raawatame seenaa qabsoo bilisummaa afaan Oromoo keessatti sadarkaa olii qabatee jiraata.  Hiikaa fi Asteer fi Liidiyaa hojiile barruulee afaan Oromoo bara 1881 irraa jalqabanii raawataa turan keessaan, waggoota 18 booda macaafi qulqulluu guutummaan gara afaan Oromootti hiikamuudhaan, Waxabajjii 10 bara1899 maxxanfame. Hojiin kun qabsoo bilisummaa afaan Oromoo keessatti milkoomina sadarkaa olii argamsiise. Guyyaa macaafi kun maxxanfamee bahu, barsiisaan wangeelaa (macaafa-qulqullu), Hiikaa Awaaji, kennaa kanatti heedduu gammaduudhaan akkas jedhe: “Waaqayyo amma badhaadhummaa namni kamuu dhowwachuu (harkaa saamuu) hin dandeenye saba Oromoof kenneera, kanaafuu guutummaan macaafa qulqulluu kumi lamaa (2000) fi kakuu haaraa kumi shan (5000) dafee iddoo qophaa`eef (biyya-Oromoo) haa ga´u, sabni Oromoo hawwiidhaan isa eeggachaa jira 11”.  Akkasumas barrulee aadaa Oromoo bifa wedduu, geerarsa, walaloo, mamaaksa, fi kkf barreessuu irratti qoodi Aster Gannoo, Abbaa Gammachiis (Onesmoos Nasiib), fi Lidiyaa Damboo gumaachan waan laayyootti ilaalamu miti. Fakkenyaaf akkataa barsiisa afaan Oromoo fi wedduulee fi mamaaksa Oromoo isaan qubee saabaan barreessan fi bifa kitaabaan maxxansiisan waggota 120 booda gara qubee afaan Oromootti J. Abbaa Caalaa Lataan jijjiiramee bifa haaraan maxxanfamee yeroo ammaa mana Waldaa warra Wangeelaa Eriteriyaa keessatti argama.

Onesmoos (Hiika) kitaabota hedduu afaan Oromootti erga hikee boddee Asmaraa irraa ka`ee karaa Jabuutii keessaan Finfinnee seenudhaan gara Najjootti bara 1912 galee mana barumsaa Najjoo hundessee, barsiisota isa wajjin turan wajjin, ijoollota Oromoo afaan Oromootiin barsiisuu jalqabee ture; garuu luboonni waldaa kiristaanaa Ortodoksii guutummaa kutaa Wallaggaa keessa yeroosi turan, afaan Oromoon barssisuu isaa waan jibbaniif, isa irratti duulan2. Kana irraan kan ka´ee waggaa tokkoo fi walakkaa erga afaan Oromoon barssiifameen booda akka Najjootti hin barsifamne dhowwamudhaan manni barumsichaa cufamee, Onesmoos fi hiriyootni hojii isaa (barssiisoni) Naqqamteetti godaanan. Naqamtettiis akka hin barsifine dhorkamuun, akka mana isaanii keessatti hidhamanii taa`an mootummaan Habashaa fi hoogganoti waldaa kiristaanaa Ortodoksii waliigaluun murteessan2. Kana booda bara 1927 ergamtooti wangeelaa warra Siwudinii, lubi Maartiin Noordifeelt fi haadha manaa isaa fi narsii Heelmann Oolson, magaalaa Najjootti galanii akkuma Najjoo seenaniin mana barumssaa isa Onesmoos jalqabee ture bananii barsiisuu itti fufan2. Meeshaa siyaasa mootummaa Habashaa kan ta`ee waldaan Ortodoksii fi ergamtooti mootumichaa kallatii fi bifa hin mull’atineen afaan, aadaa, fi seenaa Oromoo dhabamsiisuuf duula wali irraa hin citne geggeessaa turan; garuu qabsoo hadhooftuu barsiisaan wangeelaa, Hiika, hoogganeen afaan Oromoo afaan barreeffamaa fi meeshaa barnoota amantii kiristaanaa biyya Oromoo keessatti babalisuu ta`uu irratti milkaawuudhaan guddinaa fi tikfamuu afaan Oromoof qooda sadarkaa olii gumaacheera, gumaachaasi jira waan mormiin dhoksaan fufeef7.

Afaan Oromoo tiksuuf qabsoon hoogganummaa sheek Bakrii Saphaloon geggefame seenaa qabsoo bilisummaa afaan Oromoo keessatti sadarkaa olii qabateera. Bara 1950 keessa walaloolee fi barnooti aadaa Oromoo sheek Bakrii Saphaloo barressee dhiyessaa ture uummata Oromoo baha Oromiyaa dammaqsuun qabsoo bilisummaa afaan Oromoof hiriirsuudhaan bara 1960 Waldaa Afran Qalloo (WAQ) hundeesuuf milkaaweera5.  WAQ hundee sochii qabsoo bilisummaa afaan Oromoo ti.  Hoogganummaa sheek Bakrii jalatti qabsoo bilisummaa afaan Oromoo geggefamee kessaa hawisoo bebbeekamoon akka Biftuu Ganamaa, Urjii Bakkalchaa, fi kkf hedduun dhalataniiru. Walliftooti sochiilee bilisummaa afaan Oromoo keessatti bara sani hirmaatan warra akka Ayyuub Abubakar, Mohammed Rashaad, Shantam Shubbisaa, fi kkf turan. Sochiin buu`raa (hundee jalqabaa) kun walistoota bebbeekamoo kanneen akka Alii Birraa, Alii Shabboo, Haloo Daawee, Almaaz Tafarraa, Zariwuun Wadaajoo, Ilfinash Qannoo, Abitawu Kabbadaa, Elemoo Alii, Nohoo Gobanaa, Qamar Yusuuf, Umar Suleyman,  fi kkf hedduu daandii qabsoo afaan fi aadaa Oromoo qaromsuu irra hiriirse7.

Sheek Bakrii barruudhaan falmuun tarsiimoo mootummaan Habashaa afaan Oromoo dhabamsiisuuf  saganteeffatee ture sani saaxile.  Akkuma ilmaan Amaharaa afaan isaanin barnoota barachuuf mirga qaban, akka ilmaan Oromoos afaan ofiin barnoota barachuuf mirga qabaatanif qabsaa’e: akkasumasi akkuma sagantaan raadiyoo afaan Amaharaan dhiyaatu, akka sagantaan raadiyoo afaan Oromoonis dhiyaatu falme5. Afaan Oromoo dagaagsuuf sochii eegalame kana sodaachuudhaan mootummaan Habashaa tarkaanfiilee WAQ diiguu fi miseensota WAQ biyyaa ariyhuu fudhate.

Qubee fi giraameera (sirna bareefamu fi dubbifamuu) afaan Oromoo hundeessu keessatti qabsoo bara 1968 – 1974 Dr. Haayilee Fidaa hooggane seenaa qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu keessatti sadarkaa olii qabatee jiraata. Dr. Haayilee Fidaa (hayyuu afaan Oromoo fi abbaan qubee afaan Oromoo), akka afaan Oromoo dubbachuu, barreessuu, fi dubbisuudhaaf uummati Oromoo mirga seera uumamaa irratti hundaawe qabu beeksise10. Bara 1968 – 1973 qormaata afaan biyya Itophiyaa irratti geggessuun Dr. Haayile barruu: Languages in Ethiopia: Latin or Geez for writing Afaan Oromo” jedhamu qoheessun qubee afaan Oromoo waligayii idilee tokkummaa barattota Itiyophiyaa kan biyya Awuropaa irratti dhiyeesuun jornaala Tatek (theoretical Journal of Ethiopian Studies in Europe) jedhamu kessatti maxansiise: akkasumasi Dr. Haayile bara 1973  qubee laatiin fayyadamee qubee 35 tolcheen sirna barrefamuu fi dubbifamuu afaan Oromoo mata duree “Hirmaata Dubbi Afaan Oromo” jalatti maxxansee beeksise10.

  1. Qabsoo bilisummaa afaan Oromoo bara 1991 booda

Afaan Oromoo sadarkaa bara ammaa kana irra jiruun kan ga`ee, qabsoo bilisummaa Oromoo bara 1973 irraa eegalee jaarmiyaan adda bilisummaa Oromoo (ABO) hogganee dha. ABO yeroo hundaa galata qaba: sababaa qubee afaan Oromoo Dr. Haayilee Fidaa tolche ofitti fudhachuun, bara 1974 – 1991, diree bilisoome keessatti ittin hojjechuun bara 1991 irraa eegale gutummaa biyya Oromoo kessatti hojii irra akka oluu taasiseef. Lubbuun gootolii kumaatama hedduu itti wareegamuudhaan afaan Oromoo sadarkaa barrefamuu fi dubbifamu itti oli guddachuu dandayeera. Injjifannoon lafee qabsaawota bilisummaa irratti hundaawe kun yoo sirnaan tikfamuu baateef bara ammaa kanasi toftaa dhokfaman fayyadamuudhaan adeemsa acuccaa yeroo dheraa kessa sadarkaa afaan Oromoo gadi xiqeesuuf dinni sagantaa baafatee sochowaa jira.

Bara 1991 irraa eegalee mu`llinaa fi toftaa dhokfameen afaan Oromoo irratti acuccaa geggefamaa jiranu kessaa warri gurguddoo armaan gaditti tarreefamaniru:

(1ffaa) Ilmaan Oromoo magaalaa Finfinnee kessa jiraatan mirga afaan Oromoon barachuu dhorkatamuu

(2ffaa) Afaan Oromoo akka afaan hojii motummaa Itiyophiyaa ta`uf yaada dhiyaate fudhachuu diduu

(3ffaa) Lafa baroota dheeraa uummati Oromoo dhalootaan irra jiraataa jiru kan nannoo magaalaa fi baadiyaa hatuun (saamuun) daldaaltoota itti gurgurachuun uummata milyoona hedduu hundeen buqisuun jireenya dinagidee fi hawaasummaa uummatichaa jeequudhaan bittinaawu fi godaantummaaf saaxiluu dha. Qabiyeen lafaa fi mallattolee (afaan, aadaa, fi seenaa) uummati lafa sani irra jiraatuu uumamaan walitti waan hidhamaniif, uummati lafa irraa buqaafamuu wajjin mallattolee (afaan, aadaa, fi seenaa) uummatichi ittiin baroota dheeraaf beekamaa ture buqqiifamuun badiisa deebii hin qabneef saaxilamu.

Jalqaba jaarraa 20ffaa irraa eegalee afaan fi aadaa Oromoo hundeedha buqqisuun magaloota Habashaa biyya Oromoo keessatti hundessuu fi baba`llisuun fufinsaan geggefamaa jira.  Bara 1889 hanga bara 1991 quphsuma  waraana Habashaa irratti magaaloota habashooman hundeessuu, guddisuu, fi baba`llisuu keessaan afaan fi aadaa Oromoo gutummaatti dhabamsisuun tarsimoo motoota Itiyophiyaa baroota darbanii ture. Bara 1991 booda saamiicha qabenya uumamaa, kessumaa qabiyee lafaa, sdarkaa oliitti geggesuudhan guddina dinagidee fi siyaasaa kan oli`aantummaa gartuu Habashaa tiksu argamsiisuu keessaan afaan fi aadaa Oromoo toftaan adeemsa keessa gadi xiqeessuun gara hojiitti hikamuu erga jalqabee waggoota 20 lakkofsiseera8. Fakkenyaaf guddina dinagidee sababaa godhachuun biyya Oromoo keessatti magaaloota Habashaa baba`llisuu keessaan afaan fi aadaa Oromoo dhabamsisuudhaan afaan fi aadaa Habashaa dagaagsuun ba`llinaan geggefamaa jira. Akkasumasi uummata kitila hedduu lafa baadiyyaa irraa suuta sutaan buqqisuudhaan quphsuma warshaalee qonnaa baba´llisuu keessaan baroota dhufan magaaloota Habashaa haarawaa hundeessuu fi baba`llisuun tarsimaawee qindoomina addaan, motummaa Habashaa gartuu Tigiraayiin dhuunfatameen, hogganamaa jira.

Itiyophiyaa keessatti mirigooti afaan, aadaa, fi seenaa (ibsaan sabummaa) uummatoota cunqurfamoo yeroof waan kabajaman fakkeefamnis baalaa dhokatoof saaxilamaniru. Afaan Oromoo fi afaan hedduun kibba Itiyophiyaa keessatti dubbatamaa jiran gara dhuma jarraa 21ffaa keessa balaa gadi-xiqaachuu kaasee hanga gutummaatti dhabamuuf saaxilamaniru. Sabummaan uummata kamiiyyuu afaan, aadaa, fi seenaa irratti hundaawee jiraata. Utubaaleen sabummaa kun sadanuu walitti hidhamaniru. Yoo afaan hin jiraaneef aadaa fi seenaa qofaatiin sabummaa ijaaruun hin dandayaamu. Argamuu (dhalachuu) afaanii boodaan aadaa fi seenaan biqilanii guddaachaa fi babalachaa adeemu.  Hundeen oromummaa afaan, aadaa, fi seenaa Oromoo ta`uun beekamaa dha. Uummati yeroo lafa baroota dheeraa irra jiratee irraa buqifamuu: afaan, aadaa, fi seenaa uummatichi baroota dheeraa laficha irratti barreesse waliin buqqifamu8. Kanaaf fakenyoota hedduu keessaa magaalaa Finfinnee sadarkaa tokkoffaa irratti argama.  Biyya Oromoo keessatti magaalota gurgguddoo hundeefaman keessaa hedduun oromummaa hundeetti buqqisudhaan habashummaa biyya Oromoo keessatti hundeessaa, guddisaa, fi baba´llisaa adeeman.

Lammiin Oromoo kamuu afaan Oromoo (hundee Oromummaa) tiksuu fi guddisuu irratti xiyyeefachuun hedduu barbaachisaa dha, sababaa bara ammaasi afaan Oromoo irratti shirraa hamtuun motummaa Habashaan xaxamaa jiruuf. Kanaafuu sadarkaa afaan Oromoo oli kaasuuf bara 1991 irraa eegalee sochiileen qabsoo bilisummaa afaan Oromoo dhaloota qubee afaan Oromoo barreesuu fi dubbisuun geggefamaa jiru uummata Oromoo boonsee fi diina ammoo naasiseera. Sagantaan afaan Oromoo tiksuu fi guddisuu bara ammaa dhaloota haaraween qopheefamu eegale jajjabeefamuun yoo ba`llinaan gara hojiitti hikamuuf milkaawee: balaa afaan Oromoo irratti motummaa Habashaan saganteefame ni fashaleessa.  Biyya Oromoo fi biyya alagaa keessatti ilamaan Oromoo dhalatan salphaatti afaan Oromoo akka barataniif meeshaalee barnootaa haayyonni Oromoo, fakkenyaaf profosor Beekan Gulummaa, obbo Gammadaa Nuuree, luba Tazgaraa Hirphoo,  addee Toltuu Tufaa, fi obbo Zalaalem Abarraa bara ammaa qopheesuu eegalan fufiinsa qabsoo bilisummaa afaan Oromoo ti.  Akkasumasi meeshaalee sabqunamtii adda addaa fayyadamuun tamsaasi odeefannoo afaan Oromoo guddachaa adeemuu irraa jaarmiyaa ”Oromia Meidia Net” dhalachuun guddinaa fi tikfamuu afaan Oromoof daandiin saaqamuu agarsiisa. Uummati Oromoo bakka kamuu jiraatuu sagantaalee afaan Oromoo kunuunsan keessatti hirmaachuu eegaluun isaanii lammii Oromoo hedduu kan gammachiisee fi diina ammo kan qaanessee dha. Sagantaalee qabsoo afaan Oromoo gutummaan ofitti fudhatuun qindoomina gadi-fagaatee fi ba`llateen gara hojiitti hiikuuf lammiin Oromoo ofi qopheessun bara kamuu caalaa bara kana barbaachiseera.

  1. Xummura

Sabooti aangoo waraanaa, siyaasaa, fi dinagidee ofi harkaa hin qabne, afaan isaanii acucamuu irraa eegalee hanga gutummatti dhabmuuf saaxilamuun biyya lafaa kana irratti waan haaraa miti. Bara duri-durii irraa eegalee motummaan aangoo waraanaan saba tokko gabiromfate afaan, aadaa, fi seenaa saba gabiromfamee sani lafa irraa duguguun kan mootummicha aangoomeen bakka busuun fufinsaan tofitaalee adda addaa fayyadamuun biyya lafaa kana irratti raawatamaa turee fi jira. Motummoota Baabiloon fi Faareesi irraa jalqabee hanga motummoota Romaa bara durii fi ammaa dabalatee uummatoota gabiroomfaman irratti acuccaa gosootii mara geggeesuudhaan mallattoole sabummaa uummatichaa gadi-xiqqessu yookin haquudhaan qabeenya uummata gabiromee saamuun waanuma baratamee dha. Kanaafuu warri aangawee iyyata uummata acuucamee gurra bitaan dhaggeefachaa gurra mirgaan guboo kosii keessatti facaasu. Yoo dhimmicha irraa dantaa argamuu malu tilmaaman ammoo gagalagalchanii ilaaluu eegalu: akkasumasi dantaan kan jalaa xuqamu fakkaannaan, sababii tolfachuun waraana labsuun, jireenya uummataa nagaa diiguu aangoon isaan dhorku hin jiru yoo Waaqayyoo ta`ee malee. Fakkenyaaf motummaa Itiyophiyaa warra Tigrayiin durfamu yoo xiqaateef namoota sivilii kuuma shantamii ja´haa (56,000) ajjeeseera meeshaa waraanaa itti dhukaasuun bara 1992 irraa eegalee hanga 2016 8. Garuu jaarmiyaan mirgoota dhala-namaa kan dhaabbata motummoota gamtaawan jalattii hojjetu maaliif yaakkoota motummaa Itiyophiyaan dalagame kana gara mana murtii adunyaatti hin dabarsine?

Uummati jabaan yeroo fi bakka hundaattii qabsoo golee maraa geggesuudhaan diiggaa diinni irratti labse ofi irraa qolachuudhaan mallattolee sabummaa (afaan, aadaa fi seenaa) ofii guddifachu fi tikfachuu ni dandawa. Kanaaf fakkenya jiraataa ta`ee kan biyya lafaa kessatti argame saba Israa`el. Motummoota angawoo bara duriin (Babiloon fi Romaa) duula qindeessaniin biyyi Israa`el diigamuun goosoti Israa`el kudha lamaanuu biyya lafaa irra facawanis sabummaa Israa`el gutummaatti lafa irraa dhabamsisuun hin dandayamne: waan sabi kun biyya itti godaane maratti aafaan, aadaa, fi seenaa ofii hin hiraanfatneef. Biyya baroota dheeraaf duraa fudhatamee ture, Israa`el falmatee ofi harkatti deebifachuuf, mallattolee sabummaa ummatichi qabatee jiraachuun ragaa sadarkaa olii ta`ee gargaareera. Kaanaafuu uummati kamuu yeroo fi bakka hundaatti cichoominaan qabsoo golee maraa yoo geggesseef aangoo badiisaa ofi-tultootaan irratti labsame ofi irraa qolachuu ni dandaya.

Jarraa tokko (waggoota 100) oliif uummati Oromo erga qabsoo bilisummaa geggessen booda afaan Oromoo badiisa irraa baraarun golaa baasuun haala saayinsaween (qaromeen) meeshaa barnotaa, hojii, fi qorannoo taasiseera. Adeemsa qabsoo bilisummaa afaan Oromoo keessatti milkoominni hangi argamee jiru kun hundee siyaasaa motummaa Habashaa jeequu danda’eera. Dhalooti bara ammaa fi gara fuula-duraa bu’uura lafee qabsaawota bilisummaa Oromoo irratti hundaawe kana irra dhaabbachuun qabsoo bilisummaa afaan Oromoo galma xummuraan gahuuf hirmannaa isaanii guddisuun baayyisee barbaachisaa dha. Keessumaa uummati Oromoo biyyoota adda addaa keessa facawee jiraatu sadarkaalee jaarmiyaa itti ijaaramuun afaan, seenaa, fi aadaa Oromoo dhaloota fufu barsiisuun hedduu barbaachiisa. Akkasumasi qabsoo bilisummaa golee maraan geggefamaa jiru kessatti lammiin Oromoo martinuu yoo hirmaataniif bilisummaa Oromoo fi walabummaa biyya Oromoo argamu keessaan afaan, aadaa, fi seenaan Oromoo tikfamuudhaan daran guddachuuf milkaawu.

Ragaalee

  1. 6Africa com 2016. How Many Languages of Africa Are There? http://www.africa.com/many-african-languages/
  2. 10Danuu G. 2004. Wangeelli Kiristoos Attamitti nu bira ga´e (1899-1991). Najjoo, Itophiyaa.
  3. 4Emily Underwood, 2014. Languages are being wiped out by economic growth. http://www.sciencemag.org/news/2014/09/languages-are-being-wiped-out-economic-growth
  4. 1Grimes 1986, 1995 in SIL international 2016. Ethnologue, Languages of the world, Summary by world area. http://www.ethnologue.com/statistics
  5. 11Hassan M fi Maatii D. 2008. Goota Oromiyaa. Oromia publishing LLC. Atlanat Georgia.
  6. 2John Nobel Wilford, 2007. World’s languages dying off rapidly. http://www.nytimes.com/2007/09/18/world/18cnd-language.html?_r=0
  7. 9Malkamuu Jaatee, 2014. Bu`aa-ba`ii amna qabsoo bilisummaa Oromoo kaleessaa, har’aa fi borii. Kyagaba& Sons graphics, Kampala, Uganda
  8. 12Malkamuu Jaatee and Anywaa Survival Organization, 2016. Land Grabbing and Violations of Human Rights in Ethiopia. http://genocidewatch.net/2016/02/01/land-grabbing-in-ethiopia/
  9. 7Oromia Media Net, 2014. Oromia Media Network will be inaugurated on March 1, 2014. https://www.oromiamedia.org/2014/02/21/statement-executive-director/
  10. 5Oromia Media Net, 2015. Haile Fida Kuma: the Father of Qubee Afaan Oromo. https://oromedia.net/haile-fida-kuma-the-father-of-qubee-afaan-oromo/
  11. 8Tasgaraa Hirphoo, 1999. Abbaa Gammachiis, Oneesimos Nasib nama Biyya Oromoo, ergamaa wangelaa (1850 – 1931). Mana-maxxansaa Bolee, Finfinee.
  12. 3UNESCO, 2016. Endangered languages. http://www.unesco.org/new/en/culture/themes/endangered-languages/
No comments yet.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions