QABSOON RARRAGA INJIFATNOO IRRA GEETTE, BACANCARSA FARREENIIN ITTI AGGAAMATAMEEN HIN DHAABBATTU

Qixxeessaa Lammii | Onkoloolessa 28, 2017

Ummatni Oromoo erga gabrummaa alagaa jalatti kufee jaarraa tokkoo ol laakkawataa jira. Bittaan alagaan bara baraan irra gahu itti hammaachaa deemuu malee irraa fooyyamee hin beeku. Dhukkubni bubbule fira ta’a akkuma jedhamu ummatni gabrummaa irra turee oowwifate gabrummaa bilisummaa seeha. Miidhama qaamatti fudhatee sammuun hadoodee jiruu gadadoo keessummeessuu erga jalqabee asii asii miti. Ijjis baddu iddoon ijaa hin baddu akkuma jedhamu gabrummaa alagaa kan hiriyyaa hin qabne saba keenya irratti bara dheeraaf fe’ame kana sabboontotni goototni Oromoo irraa dhalatan ummata isaanii gidiraa diinaan irratti raawwatamu kana cal’isanii ilaaluu dadhabanii mala dhahutti seenan.

Mormiin gabroomfamuu diddaa fi gabrummaa baachuu dadhabatne jedhu kan bara Oromoon akka sabaatti itti duulamuu jalqabame irraa naannoo Oromiyaa gara garaatti akka gara garaatti adeemsifamee ture doloon’oon ofii nama hin nyaattuu galaana nama nyaatutti nama geessiti akkuma jedhamu dhiibbattee dhiibbattee mormii faffaca’aa irraa gara qabsoo bifa qabuutti of jijjiirte. Akka kanaan ABOn kallachi Oromoo qabsoo ummata isaa tartiiba qabsiisuuf finciloota haala adda addaan bakkoota adda addaatti yeroo adda addaatti alagaa irratti deemsifamaa turame amaanaa ofitti fuudhee karaa qajeelaa irra buuse.

Qabsoo sanatu tiratee har’a sadarkaa amansiisaa fi abdachiisaa kana irra gahee sadarkaa firaa, farraa fi alagaanuu itti irkachuuf itti hajamu kana irra gahe. Nama of falfaluu falli hin jiru akkuma jedhamu yeroo murteessituu tana keessa farreen bara dheeraaf dhaaba kana dura dhaabbachaa turan injifatnoon karaa dhaaba kanaan argamu nu miidhu mala sodaa jedhuun dirree bahanii kallattiin dura dhaabbachuuf carraaqaa jiru. Siyaasaan hijaa hin qabdu. ABOn dhaaba gara bal’eessa. Akka alagaa fi farreen maqaa hin taanee kennaniif sana osoo hin taane dhaaba waan dabre dhiisee waan gara fuula duraa qofa irratti fuulleffatee socho’aa jiruudha. Oromoo ta’ee kan qabsoo saba isaaf galata oolee fi qabsoo saba isaa irratti gadoo ooles ofumaaf malee waan dhaaba kanaaf godhee fi hir’ises hin qabu.

Qabsoon haqaa hamma fedhame dura dhaabbatamullee galii isaa hin hanqattu. Waan dhoorguu ykn hambisuu hin dandeenne dura dhaabbachuu/ittisuu warri kajeelan garuu har’allee numa jiru. Waan murtaa’ee dabre duubatti deebisuu abbaan fedhe hin danda’u. Dheebuu walabummaa fi bilisummaa sabaa fi dacheen huruteef hanqisuun tasa hin danda’amu. Ummatni Oromoo waan beelahe ykn dheebote nyaatee eega qoofe, dhugee eega dheebuu bahe booda waan itti aanu irratti mari’atee murtii isaaf ta’u kennuu fedha. Ilaalchi har’allee qaama gara garaatiin kanatu siif ta’a jedhanii dura qabanii gaaddisa gabrummaa jala tursiisuuf tattaafatamu ummatni Oromoo gurra ittiin caqasuu fi ija ittiin ilaalus hin qabu.

Caasaan OPDO keessaa fi alaas har’allee waan kana aabjotan. Itiyophiyaa fi Oromiyaan tasa waan adda bahan itti hin fakkaatu. Itophiyaan mataan irraa muramee jiraachuu hin dadhabin madhummaan keessaa baheef jiraachuu hin dadhabdu! Mataan muramee fi qaamni gadi hafes kunuu jiraataatuma jiru. Jibuutiin xiqqoon homaa hin qabne kunoo biyya taatee jiraachaa jirti. Kanaaf, kun dhimma baay’ee nama yaachisu miti. Ummatni Oromoo gaafa galma isaa gahe abbaa fedhe waliin walii galee tokkumaa uummatee jiraachuu ni danda’a. Ummata fayyaales yoo tuqamee obsee dabarfatu fi halo bahiinsaaf hin jirjarre gara laafessa kana sababni sabootaa fi sab-lamootni biyyattiis sodaataniif hin jiraatu. Ummata guddaa ummatoota biraa miidhinnaa laata jedhanii sodaatan kan har’a warra silaa ni miidhamaniin shakkamaniin deebi’ee hennaa miidhamuu isaa argan haawaasni addunyaatuu baay’ee raajeffataa jiru.

Dhuguma baay’ina, humna, jabinaa fi waan gara biraa hedduudhaan ummata biyya Itophiyaa jedhamtu tana keessatti hiriira duraa irra jiru kana irra roorroon addaa dacha dachaadhaan hennaa irra gahu waan sodaate warri seehan jiraachuu malu. Sodaa kanas ummatni keenya ibidda baranee waaraan hidhate dura dhaabbatee gootummaa isaa hawaasa addunya duratti mirkaneessaa jira. Ummata du’a sodaa injifate sobaan haa hafuu humnaanuu of duuba deebisuun ijibbaatamee jira. Ufta’uu ykn dhabamuu dhaadatnoo jedhu ummata qabatee gadi ba’e sombaan sobanii manatti ol deebisuun waan hin yaadamne ta’ee jira.

Farreenii fi diinotni har’as abdii hin muratin heeruma dirqii har’allee Oromoo fi Oromiyaa nikaa Itophiyaa fi habashaa jala tursiisuuf dhiibbaa godhaa jiran ni jiru. Dhaabotni, gareeleenii fi namootni dhala Oromoo ta’an saba Oromoof quuqamna jedhani dhama’anii sabas dhamaasuuf cecceehuu irraa of adabuu qabu. Waan isaa ta’uu fi hin taane ummatni Oromoo tolchee beeka. Akka akeekaa fi kaayyoo ABOn ummata Oromoof kallattiin kan barbaachisu walabummaa biyyaa fi bilisummaa sabaati. Sana booda biyya/ummata fedhe waliin deebi’ee jiraachuu fi jiraachuu dhabuu murteeffatuu danda’a. Mirga saba guddaa kanaa mitii mirga nama tokkeetuu dhiibuun yeroo laguu itti ta’e kana keessatti murnootni dhiibbaa hawaasni addunyaa walii galee teedeffate kanatti saba dhiibuuf tattaafachuu hin qaban.

Keessumaa OPDOn hulaa kana ummata isiitti banuu irraa of qusachuu isii barbaachisa. Inumaahuu findhaara dhiiftee dhaabbilee siyaasaa Oromoo biyya keessaa fi alaa wajjiinis hariiroo uummattee karaa ummatni keenya daddafee gadadoo gabrummaa addunyaa irratti hiriyyaa hin qabne kana jalaa itti bahu irratti mala gochuu qabdi. Yeroon yeroo dhalli Oromoo cufti ilaalcha siyaasaatiin itti wal ceeqomsu miti. Diinni Oromoo tokkicha, rakkoon Oromoo tokkicha. Fedhiin Oromoo tokkicha, biyyi Oromoo tokkicha. Kanaaf, Oromootni cufti abaarsa wal irratti haruu dhiisee eebba wal irratti haruu, wal faarsuu, wal jajjabeessuu, wal deeggaruu/harka wal qabuu barbaachisa. Kanaaf, jaalannee jibbinee, QABSOON RARRAGA INJIFATNOO IRRA GEETTE, BACANCARSA FARREENIIN ITTI AGGAAMATAMEEN HIN DHAABBATTU waan ta’eef dhaaba kallacha Oromoo ABO bira dhaabbatnee daraan haa shaffisiisnu.

Injifatnoo FXGf!

Qixxeessaa Lammii.

No comments yet.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions