Rakkoolee waloo osoo qabnuu maaliif furmaata waloo dhabna?

Berhanu Hundeetiin


Sabni/uummatni Oromoo erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatti rakkoo waloo tokko qaba. Innis “Gabrummaa” dha. Gabroonfattootni Habashaa dhufaa dabran, yoo Oromoo cunqursan, ajjeesan, hidhan, dararan, qabeenya isaa saaman akka Oromoo bahaatti, lixaatti, kaabaatti, kibbaatti ykn jiddugaleessaatti; akka Oromoo hordoftoota amantii Kiristaanaatti, Islaamaatti, Waaqeffannaatti; akka Oromoo baratee fi hin baranneetti; akka hiyyeessaa fi dureessaatti addaan baasanii osoo hin taane, Oromoo ta’uuf qofaatu waa hundaan akka miidhamnu nu taasise. Rakkoo hunda keenyaa hudhee qabe kana akka rakkoo waloo ta’e ni hubanna; dhimma kanarratti waliif gallas. Garuu isa kana keessaa bahuuf kun FURMAATA WALOO ti jennee wanti lafa keenyu hin mul’atu. Maaliif??

Saba guddaa fi uummata bal’aa akka Oromoo, kan rakkoolee hamma kan hin jedhamneen xaxamee jiru keessatti dhiisii, maatii keessattuu yaadni fi ilaalchi tokko mul’achuu hin danda’u. Namootni hunduu yaada fi laalcha tokko qabaachuu hin danda’an. Kun seera uumaa waan ta’eef, akka rakkoo addaatti laalamuu hin qabu jechuu dha. Kun dhugaa waliigalaa ti. Waan ta’eef, qabsoo bilisummaa keenyaa kana keessattis yaadni gara garaa fi ilaalchi adda addaa jiraachuun waanuma uumaa namaarraa madduu dha. Namootni galii tokko (bakkee ittigaluu barbaadan tokko) beekan, achi gahuuf karaalee adda addaa deemuu malu. Tokko karaa kana wayya jedha, kan biraa immoo sana wayya jedha; kuun karaa kutaa deemuu barbaadu; kuun immoo karaa dheeraas ta’u suuta jedhanii bakkee sana gahuu barbaadu ta’a. Garanaanis haa ta’u garasiin galiin tokkuma. Adeemsi qabsoo teenyaa tunis akkasuma.

Kanaaf, asirratti yaada fi laalcha gara garaa qabaachuun galiirraa nu hin hanbisu; yoo galiin keenya tokko ta’e jechuu kooti. Rakkoon jiru galii dha; bakkee gahuu barbaadnu sana natti fakkaata. Isa kanatu waliigaltee nama dhoowwa jedheen yaada. Mee galii keenya akka gabaabaa fi dheeraatti haa laallu. Waayee kana ibsuuf fakkeenya tokkon kaasa. Namootatu bakkee tokko deemuu barbaadu, bakkee ittigalan tokko jechuu dha. Isaanis baabura tokkoon deemuu barbaadu. Baaburri kunis sararuma tokkorra deema. Bakkee namootni ka’anii fi galii boodaa sana jidduu bakkee baaburri ittidhaabbatu tokko jira. Namootni kun amma yaada adda addaa qabu. Kuun adeemsa ittifufanii galii isa xumuraa sana gahuu barbaadu. Kuun immoo bakkee jidduutti baaburri dhaabbatu sanatti boqonnaa fudhatanii (bulaniis ta’uu danda’a) sana booda adeemsa isaanii ittifufuu barbaadu. Waan kana godhaniif sababaalee adda addaa qabaachuu malu.

Adeemsa qabsoo keenyaa kanas akka fakkeenya kanaatti laaluu ni dandeenya jedheen yaada. Asirratti rakkoolee mormisiisa ta’an ifaa ifatti kaasuuf, mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessa galii lamatu yaadamaa jira. (A) Oromiyaa walaboomtu arguu fi (B) Itoophiyaa diimookraatoftee Federeeshiniin dhugaa keessatti ijaaramuu danda’u uumuu dha. Galii isa lammataa kana ani karaa adda addaatiinan laala. Fakkeenyi adeemsa baaburaa armaan olitti ka’ellee isuma kana laallata. Ani isa kana akka tooftaattin fudhadha; akka galii yeroo gabaabaattan laala. Akka afuura galfachuuttan hubadha. Maaliif yoo jedhame, “Federeeshiniin dhugaa jalabultii Walabummaa” waan ta’uuf jechuu dha. Dhugaa dha, asirratti namootni galii kana akka galii booddeetti (isa xumuraatti) fudhachuu barbaadu jiru ta’a. Haa ta’u malee, Oromoo ta’ee galii isa booddee sana (Oromiyaa walaboomtu arguu) kan hin barbaadne ni jira jedhee yaaduun na rakkisa.

Dhiyoo kana mata-duree “Oromiyaa walaboomtu moo Federeeshinii Dhugaa” jedhuun barreeffama tokko dhiyeesseen ture. Akkan yaadolee namoota tokko tokkoo barreeffama sana jalatti argetti, akkan ani Oromiyaa walaba taatu arguu hin barbaadiniitti; akkan ani Itoophiyaa diimookraatessuuf falmuutti; akkan ani biyyattii tana diigumsarraa baraaruu barbaadutti; akkan ani galii siyaasaa tokko filadhee uummata Oromootiif isa kana wayya jedhee jala sarareetti hubatanii komii dhiyeessan. Kun yaada mariif dhiyaate waan ta’eef, asirratti namootni yaada isaanii kennachuu fi waan itti hin gammadin qeequun mirga isaanii ti. Anuma jajaa malee na hin qeeqinaa jechuun sirna fi seera waltajjii mariitii miti. Yaadni tokko kan dhiyaatu akka irratti mari’atamuu fi waan irratti waliigalamu fudhatanii kan irratti waliihingalamne immoo addaa addummaa waliif kabajanii mala biraa barbaaduufi.

Kun akkuma jirutti ta’ee, gara dhimma mata-duree barreeffama kanaatti deebi’uuf, adeemsa rakkoo tokko furuu keessatti akka faranjiin jettu “in a problem identification and resolution process” dura rakkoo arguu dha (problem identification); rakkoo argame sanas dhuguma rakkoo dha jedhanii amanuu (recognition of the problem) fi furmaata barbaaduu dha (search for a solution). Qabsoo Oromoo kana keessatti, sadrakaalee ykn adeemsa (process) lamaan duraa keessa waan dabarre natti fakkaata. Rakkoon nuti qabnu fi kan waliigaltee nu dhoowwu furmaata waloo dhabuu dha. Karaa fi yaada adda addaatu nu sakaala jedheen yaada. Kara sana ykn kana wayya waan jedhurratti waliigalteen dhabama natti fakkaata. Waayeen karaa waayee garaas ta’uu mala.

Mee egaa dhimma baayee rakkisaa fi mormisiisaa ta’e, waayee Itoophiyaa diimookraatessuu fi Federeeshinii dhugaa ijaaruu haa laallu. Qeeqamus isuma sanattan deebi’a. Haa ta’u malee hanga naa danda’ametti bal’inaan ibsuun yaala. Ani akka natti fakkaatutti, namoota yaada kana kaasan bakkee lamattan baasee laala.

  • warra dhugumatti dhibbaa dhibbatti galii kanatti amananii fi akka galii xumuraatti laalan;
  • warra tooftaa fi tarsiimoof jedhanii galii kana akka galii yeroo gabaabaatti laalan.

Asirratti hubachiisuuf ani yaadni fi ejjannoon kiyya isa lammataa kana keessa jira. Akkuman fakkeenya adeemsa baaburaa asii olitti kaasee sana jechuu dha. Maaliif yaada kana akka tooftaa fi tarsiimootti ittifayyadamuu barbaachisa? Maaliif akka galii yeroo gabaabaatti laalamuu qaba?

Tokkoffaa, haala yeroo ammaa baay’ee ulfaataa fi walxaxaa ta’e kana keessatti, ammumaa kaafnee galii isa xumuraa sanaaf qabsaa’uu qabna yoo jenne, gaara guddaa tokko dhiibuu ta’a; diinotnis nutti heddoomuu akka danda’an dagachuu hin qabnu. Malaan rakkoo keessa hulluuquun barbaachisaa dha. Hanga danda’ametti wareegamas hir’isuu dha. Garuu galii booddee sanarraa ija buqqifachuu miti.

Lammaffaa, erga mirig hiree murteeffannaa sabootaa/uummattootaa barbaachisaa dha jennee ittiamannee, mirgi hiree ofii ofiin/ofiif murteeffachuu kun hojiin mula’chuu kan danda’u dura yoo sirni nama-nyaataan kun kufee; diimookraasiin dhugaa argamee; uummatni bilisa ta’e booda dha. Isa kanatu akka fakkeenya adeemsa baaburaa san afuura galfachuu ta’a jechuu dha. Asirratti yoo uummatni keenya waan barbaadu tokkof murteeffate, kanas ta’u sana murtii uummatichaa dura humni kamuu dhaabbachuu hin danda’u. Yoo uummatni kenya adeemsa sana ittifufuu barbaade, baaburri dhaabbatee eegaa waan jiruuf, wanti jalaa dabru hin jiru. Yoo uummatni keenya lakkii asuma wayya asumaatti dhaabbanna jedhe, baaburris duwwaa isaa itti fufuu hin danda’u.

Kanaaf, ani dhimma kana akka tooftaa fi tarsiimootti ittifayyadamuun bu’aa nuuf fiduu danda’a jedheen yaada malee ejjannoo kiyya ifa godhuuf, ani Itoophiyaa dhiigni ilmaan Oromoo keessatti akka bishaanii dhangala’aa ture fi jiru; lafeen ilmaan Oromoo keessatti caccabaa ture fi jiru badiirraa baraaruufii miti. Haa ta’u malee, dhugumatti biyyattii tana keessatti Federeeshiniin dhugaa ijaaramee; uummatni keenya ittigammadee; fedhiin uummata bal’aa Oromoo karaa hundaanuu kan guutu yoo ta’e; ani dhuunfaadhaan rakkoo irraa hin qabu. Akkuman asii olitti tuqee dabre, Federeeshiniin dhugaa jalabultii Walabummaa waan ta’uuf, barii ittiaanee dhufu sana adeemsa keenya gara galii booddeetti ittifufuu dandeenya jechuu dha. Inni kun immoo yoo filannoo uummata keenyaa ta’e qofaa dha.

Dhumarratti, rakkoon saba keenyaa baay’ee ulfaataa fi walxaxaa waan ta’eef, akka heerragaa foormulaadhaan furamee, falli isa kana jedhamee laayyootti lafa kaawwamuun waan hin danda’amneef, jaalatamus jibbamus; fudhatamus dhiisus; KAAYYOON WALOO mirga hiree ofii ofiin/ofii murteeffachuu uummata keenyaa mirkaneessuu fi GALIIN XUMURAA immoo uummata bal’aadhaan akka murteeffamu godhuu dha. Isa kana hundaa argamsiisuuf garuu dura diina yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e fi nama-nyaataa kana kuffisanii karaa qulqulleessuun filannoo osoo hin taane dirqama ta’a. Namni ykn gareen yaada kanaan mormu yoo jiraate, yaada kanaan mormuun mirga isaa/ishii/isaanii ta’ullee; isa kanaa ala furmaatni irratti waliigaluu dandeenyu waan jiru natti hin fakkaatu. Waaqayyo/Rabbii/Ayyaanni Oromoo hubannoo fi waliigaltee nuuf kennee; akka rakkoo keenya waliin hiikkannee, gabrummaa waloo keessaa baanu nu haa taasisu.

Ulfaadhaa!!

 

 

 

1 thought on “Rakkoolee waloo osoo qabnuu maaliif furmaata waloo dhabna?

  1. Obbo Biraanu/Hubata,

    Gaaffii “Rakkoolee waloo osoo qabnuu maaliif furmaata waloo dhabna?” gaafatte kanaaf atumti kan yaada furmaataa filmaata qabu (alternative solutions) QBO irratti dhiyeessaa jirtu osoo deebistee gaarii natti fakkaata. Maaliif ? yoo jette yaada wal-dha’aa waaan dhiyeessaa jirtuufi. Barruu kee keeysatti akkas jette, “….. Haa ta’u malee, Oromoo ta’ee galii isa booddee sana (Oromiyaa walaboomtu arguu) kan hin barbaadne ni jira jedhee yaaduun na rakkisa.” Akkas jechaa maaliif baaburri qabsoo Oromoo akka karaa bulee haala ilaalee akka adeemsa itti fufu yaada garaa fi sammuu namaa hiru fiddaree? Maaliif karaa buluun barbaachise erga Oromoon harki wayyabi Oromiyaa walaba arguu akka barbaadu beektee? Nama eegdu qabdamoo? yoo tarii haalli jijjiirame achuma bakka baaburri bule sanatti hafuufi? Qabsoo bilisummaa addunyaa kana irratti geggeeffamaa ture keessattuu kan Impayera diiguu fi uummata gabroomee bilisoomsuutti kaayyeffatee filannoo lamaan adeemee bakka ykn galma gahe jiraa? Fakkeenya dhiyeessuu dandeessaa? Dhuguma galam bilisummaa Oromoon marti barbaadu gahuuf haarsaa tarii Oromoo kaffalchiisuu danda’utu kan amma kaffalaa jiru caalaatti baayyee ol guddattee rifaasisaa tahee si yaaddessee yaada karaa buluu kana dhiyeessaa jirtamoo ajandaa biraatu boodaan jiraateeti mee?
    Hunda dura, QBO haarsaa qaalii Oromoo baasisaa gara xumuraa gahaa jiru kana, yeroo itti Oromoon akka bineesaatti qe’ee isaarratti wareegama jabaa baasaa jirutti, yeroo Oromoon biyya keessaa ifaa fi ifatti BILISUMMAA barbaanna jedhee rasaasa diinaa dura dhaabbatee haarsaa kaffalaa jiru kanatti, maaliif yaada ‘yoo akkas goone’oo?’ jedhu dhiyeessita ati? Qabsoon Oromoo gidduutti filannoon federeeshinii dhugaa uumamuu danda’a jedhee osoo eeguu yoo hin tahin hafee cunqursaan habashaa karaa biraa (Hin eegamnee bayyaannatee kahee itti fufee) Oromoonis bakka dhaabbatee (baburris bakka bulee) kahee adeemuu jechuun haarsaa biraa haala biraan itti fufuu waan taheef, haarsaa erga baaburri karaa bulee deebi’ee adeemsa eegalee booda Oromoo kaffalsiisuu danda’u, haarsaa ati Oromoo irraa hanqisuuf yaada hiraa (gufuu) kana dhiyeessitu gadi ta’uu isaaf wabii maalii qabda?
    QBO akkuma afaaniin haasofnu kana salphaatti akka barbaadametti dhaabbatee akka barbaadametti deebisamee ka’uu danda’a jettee ilaalaa jirtaa? Yaada human buusuuf dhiyaatu kana haarsaa Oromoo hanqisuuf jettee akka filannootti dhiyeessaa jirta, garuu dhuguma haarsaa Oromoo hanqisuufimoo caalaa itti dabaluufi? Yoo Omomoon Bilisoomuun faayidaa garee muraasaa ni miidha jedhamee soda irraa ka’uudhaan yaadi kun dhiyaachaa jiraate malee, haarsaan Oromoon baasaa jiruu fi fuula durattis hanga Bilisummaatti baasuu malu, kan yoo Empaayera sana keessatti haala fedheenuu akka bulu taasifame caalaa isa hin baasisu!

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*