Seenaa Goota kana beektu lataa? Seenaa Gabaabaa Gooticha Oromoo Abdataa Olaansaa Iddeessaa

13133220_1058502887521958_1279234519751005298_n

Abdataa Olaansaa

Abdataa Olaansaa Abbaa isaa obboo Olaansaa Iddeessaa fi Haadha isaa Aaddee Fedhashii_Hirkoo irraa Aanaa Amboo ganda qonnaan bulaa xulee bakka addaa hindhee jedhamuun Beekamutti Ilmaan Torban Kuttaayyee kèessaa balbala hangaafa ta’e warra Galaan irraa 1989 A.I.A ttti dhalate.

Abdataan Gaafa dhalatee of beeku wanti inni dhagahe Ulfa inni ittiin lubbuu isaa wareege, garaa, sammuu fi qalbiitti isa baachise.Ulfichis Akka inni dhalatee of beekèn, abbaan isaa inni ulfa ji’a jahaatiin Gadameessa Harmee isaa keessa osòo jiruu mootummaa dargiittin Sababa Namooota yeroo San mootummaa mormaa Turan Soorta Maqaa jedhuun akka ajjeefame Gama Harmee isaafi Maatii Birootiin hanga inni of beekee mana barumsaa galutti waan itti lallabamaa ture akka kudhaama laphee isaatti sammuu fi qalbiitti kudhaammatee Gara mana barumsaa Xulee sadarkaa 1ffaatti qajeele. Barumsa isaa Kutaa 1-3 mana buramsaa kanatti erga hordofee booda bara 2000 wasiila isaa Obboo Izgiisaa_Iddeessaa bira Magaala Ambòo taa’ee Barnoota isaa akka hordofuuf maatii isaatiin ergame.

Abdoonis ergama maatii isaa fudhatee Wasiilee isaa bira taa’ee barnoota isaa kutaa 4ffaa magaala Amboo mana barumsa carii sad.1ffaatti Barachaa osoo jiruu sababa gubachuu Bosona_Baaleetin mormiin barattoota Oromoo akka biyyolessaatti godhamaa ture gootota Oromoo magaalaa Ambootìin Finiinuu Eegale Abdòos umrii xobbummaa isaatiin Hirmaachise. Gòotota barattoota Oromoo magaalichaa kanneen biroo duukaa hiriiruun bosona baaleerraa ibidda dhaamsùuf sochii godhamaa ture keessatti umriin ijoollummaa osoo isa hin daangessine aarii keessa Isaa jiru ifatti bahee bulgaafate.

Jaleewwan diinaa kan silaa gaaffii uummata Oromoo nama gaafatu ijaan argaa lafa irratti hin jaalanne,Barataa Abdataa_olaansaas umrii daa’imummaa sanaan mana barumsaa isaa irraa waggaa lamaaf akka adabamu murteeffamee barumsa isaarras dhorkamee biyyattis Ajaa’iba ta’e. Abdòof garuu kun gulantaa cehumsa qabsoo haaraa ta’ee darbe.

Waggoota lamaan adabame sanatti irra caalaa gocha diinaatti hiraaraa osoo jiruu Harmeen isaa kan inni akka gumaa ija isaatti ilaalufi abdii guddina isaa taate du’aan irraa adda bahan.

Aarii kanaan wal makeen Abdataan Gara lixa Oromiya Godina qellam wallaggaa aanaa muggiitti godaane.achittis daran Oromummaa isaa hubate. Rakkòo saba isaas barnootaan furuu akka danda’u murteessee akkuma adabbii isaa fixateen bakka jiru irraa gara magaala ambootti bara 2002 deebi’uun barnoota isaa eegale. Akkuma hiree ta’ee bara kanas holola hirphaa_Gaanfurree du’e jedhamee afarfamaa ture sababeeffachuun Gaffii “maaf ajjeefama” jedhuu fi mormii mootummaa wayyaanee yeroo sana gòtota barattoota magalaa Amboon taasifamee ture keessatti kallattiin hirmaataa ture. Akka carraa ta’ee bar sana Hidhaas ta’ee adabbìin isa hin arganne ture. Carraa kana fayyadamuun Abdoon Hiriyoota isaa fi namoota isatti dhiyaatin hunda kallaattii qabsoo itti akeekaa,gorsaa fi barsiisaa ture. Qabsaa’ota hedduus ofiin olitti qare. Toora qabsoo Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa irra akka hiriiranis taasise. Waģgoota lamaaf gootummaan hiriyoota isaa qaraa osoo jirùu bara 2004 gaaffii Teessoon mootummaa Naannoo Oromiyaa finfinneerra gara adaamatti hin jijjiiramiin jedhu gooticha Oromoo Barataa Jaagamaa Badhaanee waliin ta’uun barattoota mana barumsa carii sad.1ffaa qindeessuun mormii taasifame irratti shoora ol-aanaa taphataa osoo jiruu humna tika wayyaaneen butamee ji’a sadiif qajeelcha poolisii Godina shawaa lixaa kan magaala Ambòotti Argamu keessatti hidhamee hiriyoota isaa waliin dararaa umrii isaa waliin hin deemne saba isaaf jecha baachaa ture.

Abdoo kunis gad hin qabne. Ittuu isa xiiqeffachiise malee. Akkuma bahee gara mana barumsa isaatti deebi’een ijaarsa bilisummaaf magaala amboo keessatti gama dhaaba Oromotìin taasifamaa ture keessatti kallattiinis ta’ee alkallattiin hirmaachuudhaan gahee umrii isaatiin wal hin madaalle bahaa osoo jiruu bara 2006 Fincila diddaa gabrummaa guutummaa Oromiyaatti adeemsifamaa ture keessatti kan magaalaa Amboo Hangaftoota qabsoo isaa waliin gahee isa irraa eegamu Sodaafi of qusannaa tokko malee bahaa osooo jiruu humna tika wayyaaneetiin yeroo lammaffaaf butamee manneen hidhaa magaala amboo kan akka betemengist QPG sanqalleetti baatii lamaaf erga itti roorrifamaa turee booda Hiriyoota isaa nama Kudhan waliin gara mahakalawitti fudhatame.achittis daraaraa hagana hin jedhamne erga irratti raawwatamaa ture booda himannaa sobaa deeggaaraa ABO fi farra nageenyaa jedhu irratti banameen waggaa lamaaf mannèn hidhaa akka Alambaqaa Qaallittii tti dararamaa turee bilisaan gadlakkifame.

Abdoon mana barumsaa aķka dirree qabsoo Oromotti waan ilaaluuf akkuma hidhaa baheen bara 2008 barnòota isaa itti fufuuf magaala Ambòotti deebi’e hojii isaa idilee kan ta’e barnoota isaa cinaatti rakkoo uummata Oromorra gahaa jiru bifa qabatamaa ta’een waan ijaan argee fi isarra gahe faķķeenya godhachuun hiriyoota isaafi nama isatti dhihaatu hunda sodaafi of qusannaa tokko malee akkuma duraanii barsiisuu itti fufe. Humni diinas ciminaafi kutannoo isaa kana ilaaluun akka inni isaan waliin hojjetuuf faayiidaafi bu’aalee garagaraan masakanii sossobaa turan. Lafaa fii qarshii siif kennina jedhanii yeroo isaan sossobuu yaalanitti lafichis qarshiinis kanuma uummata kooti,boru argachuun danda’a,gabrummaan ofiif dhaale kanaaf jedhee ilmoo koof hin dabarsu jedhee humna tikaa fi jaleewwan wayyaanee isatti ergamte kutannoodhaan salphisee geggeesse.isaanis caalatti xiiqefachuun halkanii fi guýyaa hordoffii cimaa irratti geggeessuu eegalan. ABDOONIS sodaa tokko malee hiriyoota isaa waliin furmaata gabrummaa barbaaduu jala gadtaa’e. Osuma kanaan jiruu dubbiin masterpilaanii kaate. Ammas abdoon qooda isaa sodaa tokko malee ifatti bahaa osoo jiruu yeròo 3ffaaf 2014 mormìi cimaa Ambotti taasifamen butamèe karchallee Ambootti darbatame. Hidhaa ji’a 5 boodas kana booda qabnee sin hiinu si ajjeefna doorsisa jedhuun gad lakkifamus Abdoo dheebuun inni bilisummaa saba isaatiif qabu hin adabachìfne waan ta’eef hojjetaa Humnaa kan guyyaa fakkaachuun hojjeettoota humnaa isa waliin hojjetan toora qabsòo Oromoo jala akka hiriiran barsiisuu jala cehe. Diinnis kutannoo fi kaayyoo isaa waan beekuuf odèssitoota jala kaahee ammas yeroo 4ffaf humna tikaa wayyaanèn ukkaamfamee gara mana hidhaa duraan ture mahakalawitti geeffame. Achittis akkuma si ajjeesna jedhanii itti dhaadachaa turan reebicha du’a kanfalchiisu kan akka
Fannoorra yeroo dheeraa tursuu
Mataa keessa Reebuu
Qaama saalaa isaatti bishaan hidhùu
Kalee isaaŕra rukutuu
Electrical torture bifa garagaraa fi kkkf

Ji’a 5 erga itti roorrisaa turan bòoda lubbuun isaa bahuu didnaan himannaa sobaa shororkeessaa jedhuu fi dabballee keenyaarraa meeshaa hiikkatte Jedhu irratti bananii gara mana hidhaa qilinxootti darbatan. Achittis sababii reebicha isa irra gaheen yeroo dhukkubsatu yaala fayyaa dhorkachuun Du’aaf aķka saaxilamu taasifame.

Abdoonis nama aarsaa ta’uuf uumame waan ta’eef aķkuma kaayyoo isaa lubbùu isaa gita hin qabne gaabbii toķko malee imaanaa dhalootatti dabarfatee gaafa guyyaa 11/1/2016 Oromiyaa fi Oromoo jaalatutti seenaa fi kaayyoo gatee harka diinaatti Wareegame

Qabsaahan ni kufa qabsoon itti fufa
Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni walaboomtihidhaa fi ajjeechaan dùubatti nun deebisu.

No comments yet.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions