Abdii Boruutiin

OPGaafii akka mata dureetti dhiyaate kanaaf deebii otuu hin barbaadin dura, garaagarummaa fi walfakkeenya sochiilee lamaanii kana hubachuun barbaachisaa dha. Walfakkeenya caalaa garaagarummaan waan heddoomuuf, mee dura walfakkeenya sochiilee kanaa gabaabumaan ilaalla.

Walfakkeenya

Musiliimonni kan gaafachaa turan mirgi amantii keenyaa nuu haa eegamu; mootummaan dhimma kana keessa seenee nuuf murteessuu ykn nurratti murteessuu hin danda’u; namoota nuti barbaadne fi filannetu nu hogganuu qabu; amantii nuti hordofnu otuu jiruu kan biraa alaa dhufee nurratti fe’amuu hin qabu fi kkf yoo ta’u sochiin kun yeroo dheeraa booda jijjiirama tokko otuu hin fidin dhaabbate.

Karaa biraatiin sochii uummata Oromoo yoo ilaalle ammoo, gabaabumatti ka’umsi isaa Maastar Plaanii wajjin walqabatee, yoo xiqqaate mirgi seerri fi heerri biyyattiidhaaf lafa kaayame nuu haa kabajamu kan jedhu ta’ee, kunoo ji’oota sagal keessa jira. Walumaagalatti walfakkeenyi sochiilee lamaaniitu gaafii mirgaa ti jechuu dha. Gaafiin Oromoo garuu kan asitti dhaabbatu qofaa miti. Waayee kanas armaan gaditti ilaalla.Gama deebii Wayyaaneen kennituun yoo ilaalles, namoota reebuu, dararuu fi hidhuun sochiilee lamaan keessattu kan mul’atuu dha. Wayyaaneen akkuma barte sochiilee kana humnaan dhaabuu ykn dhabamsiisuu yaaluu ishii ti.

Garaagarummaa

Garaagarummaan sochiilee lamaan kana jedduu jiru baay’ee bal’aa waan ta’eef, hunda isaatuu kaasuun yoo danda’amuulle baate, qabxiilee gurguddoo tokko tokko kaasuun ni danda’ama.

Tokkofaa, sochiin uummata Oromoo fi gaafiin isaa har’a sadarkaa ol aanaarra haa gahu malee, erga uummatni Oromoo gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee, hanga har’aatti kan deemaa jiru; gaafii bu’uraa; gaafii eenyummaa; gaafii bilisummaa fi Abbaabiyyummaa waan ta’eef baay’ee bal’aa fi hanga kun guutumaa guutuutti deebii argatutti dhaabbachuu kan hin dandeenye dha.

Lammaffaa, uummata sochiileen kun lamaan hammatan yoo ilaalle, sochiin uummata keenyaa Oromiyaa kaabaa-kibba, bahaa-dhiha akkasumas jiddugaleessa kan kakaase yoo ta’u, walumaagalatti sochii biyyoolessaa ti jechuu ni danda’ama. Sochiin Musiliimotaa garuu harka caalaan magaalota keessatti waan ta’e natti fakkaata.

Sadaffaa, tooftaaleen sochiilee lamaanii garaagarummaa guddaa qabu. Tooftaalee uummatni keenya itti fayyadamani fi ittifayyadamaas jiran, biyyatti sana keessatti kan mul’atee ykn argamee hin beekne yoo ta’u, diinagdee Wayyaanee laaffisuurratti gahee guddaa taphatan.

Afraffaa, gaafiin uummatni Oromoo kaase fi kaasaas jiru ijoon isaa gaafii eenyummaa ykn gaafii jiruu fi jireenyaa ti. Uummatni tokko yoo eenyummaan isaa jiraate fi lafa qabaate bilisummaa fi abbaabiyummaa hawwa. Haalli nuti har’a keessa jiru garuu baay’ee yaaddessaa waan ta’eef uummatni keenya baduurraa of baraaruuf qabsaa’aa jira. Gaafiin/sochiin akkanaa ammoo guutumaa guututti hanag deebii argatutti waan dhaabbatuu miti.

Shanaffaa, sochii Musiliimotaa dhaabuuf Wayyaaneen Poolisoota itti bobbaaftee turte. Kan uummata keenyaa dhaabuuf ykn dhabamsiisuuf garuu har’a kunoo Oromiyaa guutuu waraana ishiitiin bulchaa jirti. Bulchuurra unkuraa jirti jechuu wayya. Lammiileen keenya kan waraanni Agaazii ajjeese lakkofsi isaanii sirriitti hin beekamu. Kan hidhame, ajjeefame fi bakka buuteen isaanii hin beekamnes akkasuma.

Egaa, gara gaafii mata dureetti deebi’uudhaaf, wanti biraallee yo hafe, garaagarummaa asitti tuttuqaman kanaayyuu yoo fudhanne fi ijoo dubbii yoo laalle, sochiin uummata Oromoo waan dhaabbatu hin fakkaatu. Bakkee tokkotti waan qabbanaaye fakkaatee, bakkee biraatti ka’aatuma ittifufa malee hin dhaabbatu jechuu dha. Hangam akka turu fi jijjiiramni inni fidu beekamuu baatullee akka sochii Musiliimotaa sana waan dhaabbatee hafu natti hin fakkaatu; hin ta’as jedhee hin amanu. Haa ta’u malee, gaafiin “Jijjiirama hoo fidaa?” kan jedhu waa baay’eerratti hundaaya.

Inni guddaa fi hangafti garuu tokkummaa uummata keenyaa fi humna keenya jabeessuu dha. Qabsoo kana keessatti hunduu dirqama Oromummaa bahuu dha. Gahee fi qoodni kiyya maali jedhanii ofgaafachuu dha. Waan namarraa eegamu godhuun yeroon isaa har’a malee boruu akka hin taane hubachuu dha.

Sochii uummata Oromoo kana keessatti gaafiilee adda addaatu ka’u. Fakkeenyaaf, uummattootni Itoophiyaa maaliif callisanii taa’u? Maaliif uummata Oromootiif gargaarsa hin goone? Maaliif ka’anii waliin hin sochoone?… Gaafiilee kana kaasuun gaarii dha. Haa ta’u malee, wanti hubachuu qabnu tokko, olola Habashootaatiin baroota dheeraaf keessumaayuu Wayyaanotaan godhama ture fi jiru irraa kan ka’e, uummatni Oromoo bilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa deebisee yoo argate, uummattoota biraatiif sodaachisaa akka ta’u waan itti himamaa tureef; kunis sammuulee uummattootaa keessa waan jiruuf; hanag rakkoo walfakkaataan dhaqee balbala isaanii rurrukututti har’a hunduu callisuu filatan. Uummattoota Habashaa dhiisii warrumti akka keenyaatuu warri kibbaa callisuun isaanii waanuma olola kanarraa madde natti fakkaata. Kan ta’es ta’u, Oromoon wal malee gargaarsa biraa akka hin qabne yoomiyyuu caalaa hubachuu qaba. Kanaaf, tokkummaa fi humna Oromoo cimsuu qofaatu furmaata nuuf ta’a.

Tokkumman Oromoo akkamitti cimuu danda’a?

Akkuman kanaan duras barreessaa ture fi har’as irradeebi’ee jechuu fedhu, tokkummaan nuti dhabne ykn bakkeen hir’inni jiru tokkummaa qabsaa’otaa fi jaarmayoota Oromoo bira. Uummatni keenya akka uummataatti tokkummaa qabaachuu isaanii jechaan qofaa otuu hin taane, hojiidhaan lafarratti agarsiisanii jiru. Tokkummaan har’a dhabame tokkummaa jaarmayoota keenyaa ti. Yeroo baay’ee tokkoomne ykn walhubanne jechaatuma as gahanii jiru. Tokkummaan dhugaa garuu jaarmayoota keenya jidduutti mul’atee hin beeku. Kun waan nama gaddisiisu fi qaanessuu dha. Har’a illee yeroo uummatni keenya ijoollee sabiyyii dabalatee diinaan ajjeefamaa jiran kanatti, jaaramayootni Oromoo biyya alaa jiran, gadi bahanii waliigalle jedhanii; sana booda garuu sagaleen isaanii dhabamuun isaanillee qaanessuu qaba. Uummata keenyatti qoosaa jiruyii? Yeroon ammaa yeroo waan jedhan hojiidhaa agarsisan malee, akkuma dur barame, ibsa baasaniituma manatti deebi’anii taa’anii miti!! Kun isaaniifis nuufis qaanii hamma kana hin jedhamnee dha.

Biyyatti deebi’anii, uummata keessatti argamanii waliin qabsaa’uu yoo baatan, tokkummaa dhugaa uumanii sagalee tokko dubbachuunuu uummata biyya keessa jiruuf hamilee ta’aa bar!! Lakkii, kana godhuurra amaluma barame sana ittifufuu filatanii jiru. Isaan tokko tokko mooraa QBO keessatti tokkummaa qabsaa’otaa uummuurra jaarmayoota alagaa biroo wajjin tumsa uumuun bu’aa waan qabu ykn tooftaa gaarii akka ta’e waan yaadan fakkaatu. Tumsa uumuun badaa miti. Keessumaayuu uummattoota akka keenyaa fi hiree walfakkaata qabnu wajjin tumsa uumuun barbaachisaa dha. Humnoota fedhii uummata keenyaa hin qabne fi kaayyoo QBO hin kabajne waliin tumsa yaaduun eessanuu nu hin gahu. Mooraadhuma keenya humneessuu fi cimsuutu furmaata caaluu dha. Keessumaayyuu humnoota kaayyoo fi galii keenya hin barbaadne wajjin maalirratti waliigaluuf jennee ammas yeroo keenya gubna? Isaan kun eenyummaa keenyaa hin fudhatanii bar!! Itoophiyummaa fi alaabaa ishii fudhachiisuuf haal-duree uumuu bar!

Tokkummaan jaarmayootaa kan dhugaa ta’e yoo jiraate wanti qindeeffamu fi hojjetamu hunduu bu’aa agarsiisa. Yoo kun hin jiraanne akkamitti dandeettii, beekumsa fi qabeenya keenya qindeessinee humna uumuu dandeenya? Gara gara faffaca’uun akka bu’aa hin qabne waanu argaa as geenye dha. Aariidhaa (Emotionally) barreessu natti hin ta’inii, jaarmayootni keenya kan biyya alaa jiran kun tokkoomuu kan danda’an, hoggansi jaarmayoota hundaatuu kan amma jiru kun gutumaa guutuutti jijjiiramee, dhaloota haar’aadhaan yoo bakka buufame qofaa dha jedheen yaada. Warri hanga har’aatti asiin gahan gaheen isaanii “gorsa kennuu” otuu ta’ee irra caalaatti jijjiirama tokko fiduu danda’a jedheen amana. Beekumsa, dandeettii fi mooyxannoo qabaniin dhaloota (hoggana) haaraa bira yoo dhaabbatan galiin isaan barbaadanillee bakka gahuu danda’a. Kun isaan achi dhiibuuf otuu hin taane, humna haaraadhaan qabsoo sadarkaa ol aanaarra gahe kana caalaatti finiinsanii gabrummaa xumuruuf gargaarsa ta’a jedheen amana.

Yeroo baay’ee akka haasa’amaa ture fi jirutti, humna waraanaa Oromoo cimsuun filannoo barbaadamaa (Preferred Option) akka ta’e amanama. Haa ta’u malee, waraana ijaaruun jaarmayaa tokko ta’e fi hoggansa cimaa qabu, kan uummata Oromootiin deeggarsa guddaa qabu jalatti yoo ta’e malee waa hundaa qindeessuun rakkisaa ta’a. Uummatni keenya qabeenyaan gargaaruuf hamileedhaan kan ka’u jaarmayaan akkanaa yoo jiraate qofaa dha. Jaarmayaa waa hundaa sossoosuu danda’u (an organization which can mobilize all recourses) yoo hin qabaanne, gargaarsi uummataas laafaa ta’uu danda’a jechuu dha. Egaa, gara xumura barreeffama kiyyaatitti deemuuf, jaarmayootni keenya kan biyya alaatti gargar hiramanii jiran waayee kana ittiyaaduu qabu. Otuu isaan asii fi achi jedhanuu uummatni isaan gatee deemee akka fagaate waan hubatan natti fakkaata. Kanaafuu, silaa isaantu cimee uummata dursa ture; amma garuu uummatatu isaan dursee jira. Uummatatu waan isaan hogganaa jiru fakkaata. Bakkee adda addaatti bibixxilamanii hafuurra, yeroon walitti deebi’anii tokkummaa dhugaa uuman yeroon isaa amma.

Galatoomaa!

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*