Qixxeessaa Lammii | Sadaasa 03, 2107

Humna jabina hin qabne abdachuun hin barbaachisu. Oromoon gaanfa Afrikaa keessaa ummata akkaan guddaati. Humna adada hin qabne ummata qabu Habashootni gargaarsa faranjootaatiin humna ibidda baranee barri dhaleen aatee boojite. Jaarraa oliif lola qor-qalbii irratti geggeesitee wal-waakkachiifte. Oromummaa dhiisee Habashummaa akka maxxanfatu goote. Iji baddus iddoon ijaa hin baddu akkuma jedhamu ilmaan sabichaa akka carraati hiree barmootaa biyyoota gara garaatti argatan seenaa saba isaanii barachuudhaan ummata isaaniif falmuu eegalan. Mormiilee yeroo gara garaa bakkoota gara garaatti mootummaa Habashaa ilmaan Oromoon mudatu madda isaanii irra deebi’anii qoratan.

Garaa garummaa fi tokkummaa Oromoo fi sabaa fi sab-lammoota biyyattii gara gaggalchanii qoratan. Abbaan biyyaa adeemtuu ta’ee adeemtuun abbaa biyyaa ta’uu irra gahan.  Finciloota qabataa dhaaman hunda duuba deebi’anii xiinxalan. Mormii gabroomsaa fi gabroomaa jiddutti adeemsifamu ta’uu hubatan. Qabsoo faffacha’aa mataa walitti qabuun hoogganuu murteeffatan. Ummata wal wallaalchifame haarayatti wal barsiisuun hojii ulfaataa ta’e. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa ijaarame sadarkaa duraatti dhimma kana irratti hojoome. Dhala Oromoo wal wallaale akka deebi’ee wal iyyaafatu taasise. Wal barbaaduu fi walbira dhaabbatuun tokko jedhee jalqabame. Ummatni Oromoo magaalaa fi baadiyaa hafuura Oromummaa walitti baafate.

Fincilli gootota Oromoota Baalee fi waldaan Maccaa fi Tuulamaa harka walitti mara’ate. Lolootni ummatni Oromoo gabroomuu diddaa fi gabrummaa jalaa bahuuf bara dheeraa fi yeroo gara garaa fi bakkoota gara garaatti Habasaa waliin godhaa ture walitti dabalamee dhalachuu ABOf sababa ta’e. Qabsoon abbaa argatte ummata Oromoo mataa walitti qabde. ABOn qabsoo abboota isaa irraa ofitti fuudhe dhiibee ummata bal’aa Oromoon gahe. Dhalli Oromoo sammuun gabroome har’a sammuun bilisoome. Dhiraa dhalaan onnee gootummaa hidhatee du’a soda injifatee laboobaa ibidda diinaa dura dhaabbatee walabummaa biyyaa fi bilisummaa saba isaaf falmachaa jira. Oromoo ta’ee kan diina sodaatu har’a hin jiru.

Tigree miiliyoona 6 hin caalleen miliyoonni 50 ol gabroomee jiraachuu irra dhabama filatee jira. Dhaadatnoo du’a ykn Oromiya jedhu qabatee warraqsa isaa finiinsaa jira.  Tokkummaa fi human QBO ABOn horate gara jabinaatti jijjiiruuf ariitiin gara fuula duraatti tarkaanfachuu eegalee jira. Qabsoon sababa qabdu furmaata hin dhabdu waan ta’eef gaaffii isaaf deebii laachuuf har’a Tigrootaa fi buchulootni isaanii faaydaa bubuutuu lafa naqaa jiru. Gaaffiin Oromoo gaaffii nam tokkee Itophaa irratti aangosuu akka hin ta’in hojiin mul’ataa jira. Sababa fincila diddaa gabrummaa fi fincila xuruma gabrummaa Qeerroo Bilisummaa fi ummata Oromoo walii galaan taasifame irraa Wayyaaneen muddamtee Oromoota dhaaba OPDO keessa jiran hedduu barcuma Itophiyummaa irratti ol yaasuun ifaadha.

Oromoon kan barbaadu Itophiyaa irratti ol aantummaa ilmaan isaa gonfachuu osoo hin taane. Biyya isaa Oromiyaa irratti abbummaa dhabe deebi’ee gonfachuudha. Morniin abbaa qindeessuun sochoosu qabu hamma bakka fedhu gahutti hin dhaabbatu. Warraaqsa walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf  ummata bal’aa Oromoon dhoohe kana human waraanaan dhaamsuuf yaaluun Itophiyaa irratti bobahaa raphuun ibidda irra buusuudha. Dhalli Oromoo kale walabummaa fi bilisummaa dhaadatnoo jedhu qabatee manaa bahee qabsoo irra ture har’a deebi’ee Itophiyummaan Habashatti harka kennates gara lachuttuu fudhatama argachuuf akka hin jiraatne beekee warraaqsa saba isaa finiine kanatti deebi’uun gaariidha. Dhaabotni Oromoo cuftuu garaa garummaa yaadaa fi adeemsaa isaan gidduu jiru ir-jirtii sabichaaf jecha lakkisanii gara qabsoo waloo ABOn durfamtutti deebi’uun qaroomina.

Afaan tokkoon yaada gara garaa alagoota qabsoo kana hordofaa jiranitti haasawuun balaa malee faaydaan fidu akka hin jirre hubachuun barbaachisaadha. Somaleen har’a dachii Oromiyyaa humnaa qabachaa jirtu sababa irraa kaate qabdi. Habashaa biyya keenya irraa kaafna jechuun ilmaan Oromoo mootummaa Somaaletti dhaqanii meeshaa lolaa irraa argachuuf nuti Somaaleedha, amantaa tokko qabna dacheen teenya hammasii hamma hammasiiti, nuti Somaalee Galbeedi, nuti Oromoo Abbooti fi kkf jechuun qiyaasa qubsuma lafa teenyaa osoo itti himuu baatanii har’a mootummaan Abdillee laga Hashii as hamma Sidaamootti lafti teenye jedhee qawwee ummata keenya irratti hin fudhatu ture.

Amaara kalees kan Oromoo fi Oromiyyaa jalatti cabsee dhuunfachiise, Tigree har’as kan biyyaa fi saba keenyattiin galee nurra qubsiise, borus saba biraa jala Oromiyaa fi Oromoo galchuuf kan hamoommatu dhaluma Oromoo ta’uuf deema. Dhalli Oromoo cufti kan dabre seenaaf dhiisee kan amma irra jiramu wal harkatti qabuu dhiisee dhaloota hergeeree gabrummaa dhaalchisuu irra walabummaa biyyaa fi bilisummaa sabaa dhaalchisuuf gamtaan ka’ee diinatti duuluun qarooma. Kaayyoo fi akeeka ABO eebbifamaa qajeelfama godhachuun gabrummatti xumra gochuun fardiidha. Dhala Oromoo ta’ee kaayyoo kanaan kan mormu yoo jiraate ummata Oromoo birati fudhatama akka hin qabne beekuu isa barbaachisa.

Tokkummaa humnatti jijjirame jabinatti jijjiruuf walii galteen ummata keenyaan mirkanaawe walii galtee dhaabbilee Oromoo kan biyya keessaa fi biyyoota alaa jiranis mirkaneessuu qaba. Ololaan wal irratti bobba’uun of irratti bobba’uu akka ta’e beekuu barbaachisa. Wal gargaaruun dhibamu wal irratti diina gargaaruun hafuu qabu. Qabsoo ummataa bacancarsuuf galaan gosummaa fi naannummaatti cuphamuun ummata tokkoome diiguuf fiiguun gaaddisa sabboonummaa jalaa of baasuudha. Kanaaf dhalli Oromoo marti tokkummaa dhalate humnatti jijjiiruu, humna mul’ate jabinatti jijjiiruu irra hojoomuu qaba.

Oromoon Ni Mooha!

Kufti Wayyaanee dhihoodha.

Qixxeessaa Lammii

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*