SeensaAdd Media

Oromoon yeroo mammaaku “Baraa fi murxuxxee gadi jedhanii jala ba’u” jedha.. Haa ta’u iyyuu malee murxuxxee gugguuffiin nama hin baraarre, yoo gadi jedhan namatti gadi jedhu of irraa qolachuu baannaan kan lafatti nama dabalu murxuxxeen hamaan ulee utuu hin ta’in kan isa caalu heedduutu jira. Addumaan yeroo ammaa kana rakkoo uummanni Oromoo keessa jiru, kan fiigee jalaa ba’uu hin dandeenye, afaan qofaan labsuun kan hin furamne waliin ta’uun qolachuun kan dandaa’amu heedduutu jira. Barreeffama gabaabduu kana keessatti uummanni keenya rakkoo heedduu keessa yoo jiraate illee ji’a kana keessa haala sabni kun keessa jiru hubachuun akka mala waliin dhoofnuuf akka armaan gadiitti nan ka’a.

  1. Bifa dhokataan Oromoo fixuu

Waggaa darbe qofa yaalii meeshaan yookaan rasaasa qofaan utuu hin ta’in kallattii dhokataa sabni kun ittiin dhabamsiifamaa jiru t keessaa tokko bakka Oromoon walitti qabametti yookaan waliin socho’utti fixuu dha. Isaan kana keessaa konkolaataa addaa addaan Oromoon heeddummatee gaafa waliin socho’u fixuu akka ta’e ji’oota murtaa’een dura daandii Lixa Oromiyaa fi Ba’a Oromomiyaatti kan ta’e isa kana ni mirkaneessa. Namoonni torbaatamni konkolaataa tokkotti fe’amanii Gimbii fi Guyii gidduutti dhumaniiru. Akkasumas namoonni jaatamii afur Geedoo fi Ijaajjii gudduutti gara Dambi Doolloo utuu deemanii dhabamsiifamaniiru. Namoonni kadha sagal Amboo fi Finfinnee gidduutti dhabamsiifamaniiru. Namoonni kudha ja’aa ol Baambasii fi Kobor gidduutti dhumaniiru. Namoonni digdamni Finfinnee fi Adaamaa gidduutti dhumaniiru. Namoonni jaatamaa ol Ayiraa fi Laaloo Qilee gidduutti miidhamaniiru. Isa kana keessaa muraasa suura isaanii akka armaan gadii mee haa ilaallu.

Isaan kun namoota bakka garaa garaatti ji’oota muraasa darban keessatti dhumaa jiranii dha.

Baraa fi murxuxxee gadi jedheen jala darba jedhee yoo yaade illee akka yaadeetti jalaa ba’uu hin dandeenye. Bakka maratti kufaa jira. Haadhotii ba’anii galuu dadhabaniiru. Dargaggoonni karaa irratti kufaniiru. Mucooliin yeroo malee du’aniiru. Jaarsoliin gargaarsa malee hafaniiru.

  1. Oromoo kan ta’e mara Waraqaa eenyummeessa dhorkuu

Haala kana addumaan namoonni naannoo Buraayyuu, Kattaa, fi kkf jiraatan gadi fageenyaan ni beeku. Uummanni Silxee, Guraagee. Amaaraa, fi kkf naanno kana keessatti waraqaan eenyummeessaa kennameefii yeroo jiraatan maqaan isaa maqaa Oromoo kan ta’e garu waraqaa eenyummaa dhorkamee biyya isaa keessatti akka nama biyya hin qabneetti jiraataa jira. Baankii dhaqee horii keewwachuu hin danda’u. Magaalaa  tokko gara magaalaa kan biraatti socho’uu hin danda’u. Mana gadi ba’ee fira isaa du’e dhaqee awwaaluuf magaalaa kan biraa hin deemu. Sababni isaa Waraqaan eenyummaa Oromoof kennamaa hin jiru waan ta’ee yoo itti dhihe horii isaatiin bakka ciisichaa kamiin iyyuu buluu hin danda’u. Sababni isaa waan waraqaa eenyummaa hin qabneef yoo buluuf yaale poolisiin adamsee akka deggertoota dhaaba siyaasaa kan biraatti ilaaluun reebuu fi hidhuun dararsu.  Isa kanaaf kan namoonni saaxila ba’anii mana hidhaa addaa addaa keessa jiran danuudha.

  1. Malaanmaltummaa addaa naannoo Oromiyaa-Kattaa fi Buraayyuu

“Misoomaaf namni horii hin buufne waan namni tokko argatu hin argatu”,  kan jedhu dhaadannoo malaan maltoota Wayyaaneeti. Gama tokkoon “hidhaa laga abbayyaaf qarshii buusuu” karaa kan biraan ammo “karaa isiniif hojjechiifna horii buusaa”  jedhu. Uummanni Oromoo heedduun horii buusii kana hundumaa kan hin qabne namaa gadi ta’ee mana keessatti hattoota kanaan hidhamee dararamaa jira.

  1.  Lafa isaa irraa ari’uu fi uummata Silxee, Guraagee fi Amaaraaf kennuu

Waggaa kudhan darban keessatti lafti Oromoon irra jiru marti harka namoota adda biraa bakka kan biraatii dhufan harka galeera. Fakkeenyaaf uummanni Silxee fi Guraagee jedhamtu naannoo Kattaa, Sulultaa, Buraayyuu, Sabbataa, Laga Xaafoo Laga daadhii, fi kkf itti godaanuun saamameera. Uummanni Oromoo lafa irraa buqqa’e kun yeroo ammaa addumaan naannoo Kattaa fi Buraayyuu keessatti ba’aa baachuun gardafoo namootaa namootaa jala buluuf dirqisiifamaniiru. Kaanis ba’aa namootaaf baachuuf saaxilamaniiru.

Walumaa galatti uummanni Oromoo rakkoo danuuf saaxilamaniiru. Hiyyummaa daangaa hin qabneef, kan dubbatan ammo reebamuu fi hidhamuuf saaxilamaniiru. Kaanis ajjeefamaniiru.

  1. Mana jireenyaa namni tokko argatu dhorkuu

Waggoota darban shanan keessatti namoota mana hin qabneef kondomiiniyeemii ijaarree isiniif laanna jechuun namoota harka addumaan naannoo Kattaa fi Buraayyuu jedhamutti maqaa namootaa galmeessuun horii erga harkaa funaananii booda mana ijaarame kana namoota deggertoota ta’an qofaaf akka kennamu ta’eera. Deggertoonni mana qofa utuu hin ta’in lafas naannoo Buraayyuu fi Kattaa akkasumas naannoo Laga Xaafoo Laga Daadhiitii bakka kudhanii olii akka fudhatanii gurguratan ta’eera. Inni deggeraa hin taane garuu homaa tokko argachuu hin danda’u. Lafa utuu qabuu kan itti fayyadamaa jiru garu namoota muraasa. Namoota garaa isaaniif jiraatan. Namoota waa’een saba isaanii isan hin dhibne hattoota sabicha keessa jiraatan.

  1. Deggeraa kan hin taane daldalee buluu dhorkuu

Namni mana daldalaa xiqqoo naannoo Oromiyaatti bane harka torbaatamii shanii ol wayyaaneef hojjeta. Utuu hojii hin eegalin baasiin mataa joonjessuutti eegalu. Baay’een rakkoo kana irraa kan ka’e biyyaa baduun balaa heedduuf saaxilamaniiru. Kaaniis galaanaan dhabamsiifamaniiru.garii abiddaan gubataniru kan ammo akka horitti biyya ambaatti qalamaa jiru . Maatiin heedduun diigamaniiru. Manni daldalaa heedduun cufameera. Kaanis taa’anii kana ilaaluu irra lubbuu isaanii dabarsaniiru.

  1.  Waamicha Dirmannaa

Walumaa galatti uummanni Oromoo rakkoo heedduu keessa erga jiraachuu eegalee bubbuleera. Mootummaan Wayyaanee kallattii maraan karaa itti cufuun joojessiteetti. Isa kanaaf furmaanni ilmaanni Oromoo marti bakka jirru saba rakkoo keessatti kufee nama dirmatuuf dhabe kana cina dhaabachuun irraa qolachuun ga’ee tokkoo tokkoo keenyaatti. Dhaloonni kunis ta’e seenaan dhufu isa kana nu irraa barbaada. Kanaaf, itti gaafatamummaa seenaa jalaa ba’uuf harka wal qabannee saba keenya akka namaatti dhalatee mirga namummaa dhabe kana akka jalaa baasnu, hojii afaan irra taru waliin hojjechuun iyya saba keenyaaf furmaata haa taanu.

20140510_113829-1Injifannoon Qabsoo Uummataf

Hawwii Olaanii Keessesaa

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*