Waare booda…

 

Ahmed Ababulgu irraa

‘…waaree booda waajirri kan barreessituuti’. Obbo Lammaa Magarsaa prezidantii mootummaa Oromiyaa. Maddi: Sab-qunnamtii hawaasaa.

Haali yeroo ammaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru seenaa keenya keessatti adda. Gammachiisaa, abdachiisaa garuu kan of eeggannaafi tokkummaa si’ana uumame kana haalaan tiksuun itti fufuu barbaaduudha.

‘Jaldeessa hadu’uu darbannaan tuullaa Boqqolloo irra bu’a’ jedha mammaakaan akkamiti hamaan namaa yaadan carraatti akka jijjiiramu yoo ibsu. Woyyaaneen utuu Oromiyaa hin seenin dursitee shiraafi hammeenya yaaduu jalqabde woggoottan digdamii turban darban keessa haala ittiin ummata keenya cabsitu, lafa isaa irraa buqqiftee biyya isaa dhuunfattu irratti tooftaafi tarsiimoo hedduun hojataa turuun isii ifaadha. Gochii hamaan kun daran hammaataa deemuun, gidiraan ummata keenya irratti raawwatamus daangaa darbuun ummata obsa fixachiisee kallacha hundaa diddaan irratti ka’e bu’aa qabatamaa mullisaa jira. Ka duraanuu quuqama qabu hafee kan of dagateefi karaa irraa maqe hunduu sagantaa ‘haromfamaan’ karaatti deebi’aa jira.

Shira woyyaaneen Oromoo fi ummattoota biyya sanaa hundaaf yaadde tokko sabaafi sablammoota gidduutti wolitti bu’iinsa uumuudha. Woraana banuun caba darbee hin qabne geessisuudha. Karoora hamaa kanaan woraanni jarri kallacha heduun Oromiyaa irratti banan yokaan bansiisan ummata Oromooti carraa guddaa ta’ee gadi bahe. Kunis wolii nahuu, wolitti birmachuu, wolii baabsuufi wol male maal qabna jechuun hunda dura tokkummaa Oromummaa aansuun seenaa bara dheeraa keessatti akka guyyaa ifaa tokkotti mullataa jira. Carraan kun cimee itti fufuu qaba. Guduunfaan kun hiikkachuu hin qabu. Adeemsi baatii kana keessa Oromoonni kutaa hundaa akka galma abbaa mudaa gara Oromiyaa bahaatti imalaa jiranu carraa amman dura hin mullatiniidha. Dhamsi ummanni wolii dabarsaa jiru, guduunfaan ummataafi mootummaa Oromiyaa gidduutti cimaa jirufi waadaan wolii seenamaa jiru hunduu abdii guddaadha.

Barruu gabaabaa kana akkan barreessu kan na kakaase gorsa obbo Lammaa Magarsaa jila Oromoota godina Jimmaa irraa gara bahaatti imalee deebi’u wojin marii godhan irratti yaada isaan kaasan yokaan gorsa isaan kennan tokkoodha. Kana keessayis jecha ‘…waaree booda waajjirri kan barreessituuti’ kan jedhuudha. Odeeffannoo kana kanan argadhe sab-qunnamtii hawaasaa (social media) irrayi. Asi irratti bakka bu’aa ta’ee yaada prezidantii ibsuuf utuu hin ta’in jechi gabaabaan kun rakkoollee kallacha hedduun godina Jimmaa keessatti mullatanu kan ibsu yokaan akka gadi faggeessinee yaannuufi dubbannu kan nu kakaasu ta’uu isaati.

Woggoottan darban kana keessa si’a qabsoon Oromoo tooftaa jijiirrataa, ummata keessa gadi fagaataafi diina rifachiisaafi jilbeenfachiisaa dhufe kana keessa kutaalee Oromiyaa gara garaa keessa haalli jiru garaagarummaa heddutu irraa mullate. Hunduu tokko ta’uu qaba jechuu gamnummaa ta’uus garaa garummaan mullatu daran ta’uun gaaffii heddu kaasa. Hunduu akkuma mirga wolqixa qaba jedhamu dirqamni inni qabaatus wol madaaluu qaba. Tokko falmee tokko yoo dubatti hafu wolirratti ba’aa ta’uu qofa miti diinaafillee carraa ta’uutu jiraata. Egaan woggoottan darban kana keessa lafa sochiin hawaasaa mullata gahaa hin argatin keessa tokko godina Jimmaati jechuu danda’ama. Kun maaliif ta’uu danda’e, rakkoon adda ta’e maaltu jira, akkamiinis jalaa bahuu danda’ama kan jedhu garuu qoratamuu, irratti maryatamuufi ifattiillee gadi bahee dubbatamuu qaba. Kun ta’uu baannaan borillee kaleessa irraa adda ta’uu hin danda’u. Kara hedduun quuqamni akka jiru namuu quba qaba. Quuqama qofa utuu hin ta’in komiifi qeequun heddullee dhagahamaa ture. Yaadni obbo Lammaas ibsaa quuqamaati. Komiidhallee.

Haalli adda ta’e godina kanatti maaliif mullachuu danda’e isa jedhu hubachuuf dhimmoota heddu akka maddaatti kaassanii ilaaluu danda’ama. Fakkeenyaaf:

Seenaa jaarralee heddu keessa kutaaleen Oromiyaa hunduu haala gara garaa keessa kan darban yoo ta’u godinni kun kan inni addatti ittiin beekamu lafa ganamaan sirni Gadaa cabee bulchiinsi mootummaa kan dhaalaan darbu keessatti maddeefi dagaage ta’uu isaati. Sirni bulchiinsaa kunis kan mariifi murtii ummataan ala raawwatu waan ta’eef ummanni ballaan mirga siyaasaa hin qabaatu. Adeemsa yeroo dheeraa keessa hawaasichi hiree isaa qaama isa bulchutti dhiisuun daawwataa ta’a. Hawaasni godina kanaas sirna boonsaa Gadaa irraa fagaachuun aadaa adda ta’een massakameera jechuu danda’ama. Kun falaasama yoo ta’uu baate dhimma bulchiinsaafi mirga nammummaa ilaalchisee aadaan hawaasa godina kanaa kan massakameedha jechuu danda’ama. Kunimmoo kaka’umsa ummanni tokko hiree isaa ofiin muteeffatee ofiin of bulchuuf carraqu keessatti dhiibbaa cimaadha qabaata. Mirga ofii to’achuun hiree ofiiratti murteessuuf hubannaas kutannaas ni dhaba.

Godinni Jimmaa kan duraan mootolii shanan Gibee jala bulaa ture lafa daldalaafi woltajjii hawaasa gara garaa waan tureef jaarrallee hedduuf sabaafi sablammoonni heddu kutaa kana keessa qobataniiru. Yoo hir’ina ragaa ta’uu baate Finfinneetti aansee lafti afaan heddu itti dubbatamu kan amantaan heddu keessatti lallabamuufi kabajamu godina kana jechuu danda’ama. Haalli sab-heddummeenyaa kun hariiroo hawaasaa irratti dhiibbaa mataa isaa qabaata. Kunis afaan ofii dubbachuufi dagaagsuu, aadaa ofii hordofuufi kunuunfachuu, mirga sabummaa ofii sirriitti hubachuufi falmachuu wolumaa galatti abboomina biyya ofii irratti hiree ofii gara dagachuutti nama geessa. Karoora siyaasaa ifaafi qajeelaa ta’een hogganamee barnootaa hunde qabeessaan yoo hin hordofamne hawaasa afaanfajjaahaa uumuun gaaga’ama hamaa geessisuu danda’a. hawaasni sab-heddummeessi akkanaa kun qabsoo ummanni keenya mirga isaa goonfachuuf geggeessa tureefi ammas itti jiru kana keessatti iddoo isaatiifi garamittillee deemuu akka qabu hubannaan waan isa hir’atuf akka sabaatti hiree isaa bahachuu dadhaba.

Bara kudha sagal torbaatama keessa jijjiirama mootummaa faana si’a jaarmileen siyaasaa heddu maddaniifi falmiin kallacha hedduun wolirratti deemaa ture keessa dargaggoonniifi hayyooni akkasumas abbootiin qabeenyaa godina kanatti gaagama guddaa irratti kufani. Akeeka qabsoo siyaasaa biyyoolessaa hordofuun namoonni heddu mootummaa Dagiitiin dhumaatiif saaxilaman. Haalli kun godinni sun karaa hedduun namoota dura bu’anii ummata sanaa hogananuui fakkeenya gaarii ta’uu danda’anu waan dhabsiiseef hawaasa hogganas fakeenya mullata qabus hin qabne ta’ee mullata. Kara biraatiin gidiraan hamaan yeroo sana ummata sana irra gahe aadaa ‘siyaasaafi koreentii fagootti eeggatan’ jedhullee kan dagaagse fakkaata. Kunis siyaasatti bu’uun bu’aa isaa irra gaaga’ama isaatu caala kan jedhutti nama geessa. Dhimmoota yerootti hubannaafi tarkaanfii barbaachisanu ‘ha bulu’ jechuun bira darbuun addaa badaa hundee horates akka ta’e beekama.

Godinni kun lafa qabsoo mirga sabummaa ilaalchisee falmiin hidhnnaas ta’ee hojiin dammaqsa siyaasaa keessatti hin deemsifamin akka ta’e ifadha. Kunimmoo dammaqinas ta’ee kutannaa horachuu irratti dhiibbaa yaalloo hin taane qabaata. Keessattiiyyuu bara mootummaa abbaa irree alagaa kan amma aangoo irra jiru kana keessa gara tokkoon siyaasni saba keenyaa qulqulina dhabuun gara biraatiin dhaabni tokkichi achi keessatti mullatu kan ergamtoota gitta bittaa kanaa ta’uun isaa dagaggoota sirna kana keessatti guddatan biratti akka dhugaan biraa hin jirreetti golguun karaa tokkicha qofa itti mullisaa tureera. Kana keessa akka fakkiitti kaasuu kan danda’amu namoonni achii bahanii ergamtuu diinaa ta’uun miidhaa heddu geessisan kan diina ummata keenyaatii gachana ta’uun jaraa utuu hin hanqatin diina dhiiga ummata keenyaatiin xabatu faarsaa turan arguun mullisa tokko. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo kanneen biyya keessatti ijaaramaniifi diinaan morma wol qabaa jiranu hammam akka lafa kana qaqqaban yokaas hammam namoota kutaa kanaa akka ofitti qaban yokaan of keessaa qaban ifa miti.

Diinni akkuma Oromiyaa guutuu diiguun kaayyoo isaatii oolfachuu irratti duulaa jiru kutaa kanattis si’a fedhe sabummaan si’a fedhes amantaan ummata wolitti buusuun gaaga’ama heddu uumaa tureera. Shira akkanatiinis namoota lafa gara garaatti dammaqina qabaatanii sagalee ummataa dhaggeessisuu yaalanu dusee hidhaanis ta’ee lubbuun dhabamsiisuun tooftaa hawaasa naaffisuu irratti ballinaan hojjataa tureera. Keessattiiyyuu shirri kara amantaatiin hojjatamaa ture hawaasa keessatti mamii cimaa uumuun isaa ifaadha.

Kun hunduu akkuma jirutti ta’ee haala ummanni Oromoo woggoottan lama sadan darrban keessa itti ture yoo ilaallu qabbanni lafa kanaa mullatu kan daangaa darbe fakkaata. Akka namoonni tokko tokko jedhanu hir’ina sabboonummaatimoo gunduunfaa diinaa jalaa bahuutu jabaate inni jedhu gaaffii achumaa deebii fedhuudha. Iddoon hawaasni kun seenaa Oromoo bara dheeraa keessatti qabu garuu haala deemaa iru kanaan akka hin massakamne kan darbe irraa barachuun kan hafeef of qopheessuun dirqama yerooti.

Gaaffiin cimaan tokko kan iraatu jecha prezidanti Lammaan dubbatan kana keessa. ‘…waaree booda waajirri kan barreessituuti’ yoo jedhanu worri itti gaafatama qabu waaree booda waajjira hin jiru jechuudha. Worri itti gaafatama qabu keessattiiyyuu muudamtoonni dirqama dachaa heddu akka qabanu beekamaadha. Hojjatanii hojjachiisuun gaaffii ummataa deebisuun dirqama kursiin jarri irra taa’u jara gaafatuudha. Kun ta’uu baannaan hawaasni sun kan isa tajaajilus kan fakkeenya gaarii isaa ta’us hin qabu jechuudha. Gochi obbo Lammaan dubbatan jechuun sab-qunnamtii hawaasaa irratti tamsa’aa ture dhugaadha taanaan worraqsa ummataafi jijjiirama hunde qabeessa akka isa feesisu gaaffii hin qabu. Haalli jiru akkuma barametti itti ufa taanaan yeroo rakkisaa darbe keessa hafee haaluma kennataa ammaa (yeroo haaromsaa) kana keessa jijjiirama arguun rakkisaa ta’a.

Laaffinni kun biyya keessa qofa utuu hin taane biyya alaattis ni mullata. Hawaasni godina kanaa akka baqataa Oromooti biyya alaa keessa heddu xinnaa yoo ta’u iddoo jiruttis mulata hin qabu. Kunimmoo sagaleen kara alaatiinis akka hin jiraanne taasiseera. Rakkoon godina kana keessatti mullatu dachaa heddu akka ta’e kan hubatan namoonni muraasni wolitti dhiheenya uumuun akkamiti hawaasa kana bira dhaabbachuun akka inni of jabeessee lammii isaa faana hiriiruu danda’u irratti maryachuun tooftaa adda addaatiin itti bobba’uun kan yaalan ni jiru. Ha tau male akka yaadaniifi akka yaalanitti milkaahuu hin dandeenye. Akka hawaasni kun duubatti hafuun ummata keenya iratti ba’aa hin taane; akka inni da’woo diinni jala dhokatus hin taane qaawwa argame hundaan seenuuf yaaliin godhame mikii isaarra gufuu isaatu caala ture. Har’a garuu haalli jijiiramee jira. Kan kaleessa foddaan seenuun rakkoo ta’aa ture har’a kan ulaan banaa iru fakkaata. Hawaasichaafis yeroo dammaqinafi sochii murteessan si’ana. Dubbiin akka obbo Lammaan edhan yoo ta’e garuu kan worraaqamuu qabu diina dura of irratti ta’a. Kan of mohate diina hin dadhabu.

1 thought on “ Waare booda waajirri kan barreessituuti

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*