YAA  SOOGIDDAA  !    YOO  OFII  JETTEE …. YAA HALGAA  ! YOO  BORIIF JETTEE…

SEENAA  Y.G(2005)

Oromia region president Lemma Megersa and Amhara region president Gedu Andargachew conference

Waggaa 15 dura Goota Umurii isaa guutuu Qabsootti jiruutu, dabballoota leenjisuuf akkas jedhee dhaame. “Qabsoo nuuti gaggeessinu galma akka ga’uuf, Oromoo addunyaa irra jiru hundaa Qabsoo keessatti akka hirmaatuuf qopheessuun, hojii keenya jalqabaati. Kunis Baayyina Oromoo humnatti jijjiiruuf gargaara. Kana gochuun keenya waa lamaaf jedhan. Inni tokko—humni Oromoo dura dhaabbatu deebi’ee akka hin kaaneef gargaara. Inni lammadaa—yoo nuutillee wareegamnee, dhalooti itti aanu qabsoo inuma itti fufa jedhanii,  Oromoo humneessuu kana fakkeenya biraatiin isinitti hima jedhan. Bishaan baarmeela guutuu danfisuu yoo barbaaddan, jalqaba baarmeela duwwaa abiddarra keessanii bishaan itti guutuu dandeessan. Rakkoo hin qabu. Rakkoon jiru isa kanaa miti. Bishaan baarmeela guutuu kana ega danfisnee booda akkamittin irraa buufana ? ykn bishaanichatti dhimma baanaadhaa ? Irraa baasuuf rakkoodhaa. Keessaa waraabanii dhimma itti ba’uuf rakkoodhaa. Deebisanii qabbaneessinaan deebisanii danfisuu barbaachisa. Kanaaf qabsoon Oromoo sadarkaa isa bishaan danfeerra geesifnee diina keenya filmaata dhabsiisuudhaa” jedhan. Yeroo sanatti dubbiin kun kanneen qoosaa  itti fakkaatee hedduudha. Garuu qoosaa hin turre. Waanuma har’aa Biyya keessatti argaa jirruudhaa. Baayyina Oromoo humnatti jijjiiruun raawwateera. Bu’aa humnatti jijjiiramuu ijumaan argaa jirra. Humni kun guyyuu barachaa fi muuxachaa diinaaf yaaddoo qofaa osoo hin taanee, laafachuu sirnichaaf iyyu sababaa ta’eera.

Waaqayyoo Addunyaa kana irratti waan waliif faallaa ta’an waliin, umama hundaa uumee. Gurraachi akkuma jiru adiin jira. Gabaabaan akkuma jiru dheeraan jira, Kkf . Akkasuma siyaasini wayyaanee ol ba’ee gadi deebi’aa jira. Siyaasni Oromoos gadirraa ol ba’aa jira. Waan kana lameen humni dhaabuu gonkumaa hin jiru. Oromoon abbaa dhimmaa mataa isaa waan dhaabuu danda’uu miti. Kun seeruma umamaati . inumaa hammeenyi kana waliin raawwatamu jiraannaan , waan umamaa kana yoo ariifachiisee malee dhaabuu hin danda’uu.Siyaasi Biyya Itoophiyaa keessaa kana fakkaata. Oromoon wareegama baasuun ala sodaa tokkollee hin qabu. Waan uumaan nu kennee deeffachuuf ammo  wareegama baasuun gootummaadhaa. Warri dharaa fi kijibaaf of ajjeesan itti haa gaabban. akka nama qabsoo eegaluutti waan walitti himnu hin qabnu. Bakka jirru irratti, wal gorfachuutu furmaataa jechaa qabxiilee adda addaa irratti dubbii waliif dhaamnaa.

  1. OPDO FI BI’AADEEN KONFIRANSII GAGGEESSAN IRRATTI :
    Adeemsi kun bu’aa eenyuu irratti hundaa’ee akka gaggeeffamee anaaf gaaffiidhaa. Namoonni hedduun gama wayyaaneen sabootaan walitti nu naquu herreeganii akka waan gaaritti fudhatanii ta’aa. Anaaf garuu waan kun furmaata jedhee hin yaadu. Saboonni kun qaamoota isaan bakka hin buufanneen furmaata waaraa argachuu hin danda’an. Humni gabrummaa keessa taa’ee , gabroonfataa jalatti rakkoo furatuu eessaa dhufe ? kanarratti yeroo biraa dubbanna. Ani akkan hubadheetti adeemsi konfiransii kanaa kan amaaraaf osoo hin taanee, humnumaanuu somaalee waliinis yoo gaggeeffamee, galiin isaa kanaa mitin jedha. Wayyaanootatu tapha kana taphachaa jira. Wayyaanoonni keessi isaanii ciccirameera. Humnaa fi adeemsa Oromoo kana fagoottti sodaachaa jiru. Kanaaf dhuma irratti dubbiin jabaachaa deemnaan, Oromoo waliin akkamiin akka nagaa buusan yaalaa jiru. Humni biraa dhufee ykn ABOn dhufee araara dubbachuu irra, karaa ergamtootaa fi Abbootii Gadaa waan raawwachuu barbaadaniif karaa cirachaa jiru. Araara buufnee jedhanii umurii dheerachuu barbaadu. Yoo ta’uu baate ammo, Qabeenyaa isaaniif sadaa guddaarra jiru. Kana hanbifachuuf abshaalummaan itti jiran isa kana jedheen shakka. Seenaama warra Ingilizii, Afriikaa Kibbaa keessatti ta’ee jechuu kiyya. Wayyaaneen isa dhugaa dubbachuuf dubbiin Oromoon itti jiru lolaan akka xumuramu hin barbaaddu. Tigiraayiin Foxxoqisullee yoo barbaadan. Maaliif jennaan siyaasa isaanii fixanii atu jiranii, Ummati akkasi isaan jibbuurra osoo jiru, humnaan kufuutti murannaan gonkumaa hegareen Tigiree ni dhumataaf. Kana bareechanii beekuuf shira kana eegalan. Kanaaf wanni nurraa eegamuu waa hundaa seeratti hirkifachuu fi adeemsa kana OPDOf hayyamurra, dhaabbadhuu jechuunii qabnan jedha. Abbootii gadaas dhaabuu qabnaa. Sochiin isaanii dantaa Oromoo irratti hundaa’uu qaba. yaadoota hedduu ammaaf hin kaafnee.haa bulu.
  1. NAANNOO SOMAALEE ILAALCHISAA :
    Gama kanaan ka jiruu hedduu fageessanii ilaaluu barbaada. Gaaffii guddaa tokko kaasanii dubbii isaaf fageessanii ilaaluu barbaachisa. Yeroo namichi somaalii kun hammeenya kana hundaa hojjatuu , wayyaaneen maalumaaf calliftee ilaaltii ? jennee of gaafachuu barbaachisa. Humna Ummata 600,000 buqqisee fi hedduu ajjeesee Biyyaaf rakkoo osoo hin taanee, kan Oromiyaa keessaa maal taanaan labsii mana marii humna tikaa dhaabsiisuurra ga’ee ?  maaliif hammeenya achi jiru hawummaatti fudhatanii ? wayyaaneen kontirobaandii itti cufamuu irraa ta’uu akkuma jirutti ta’ee, Tarkaanfiin namicha kanaa maal akka dhalchuu osoo beekanii maaliif dhaabbadhu hin jenneen ? namichi kun bubbulus Oromoo irraa deebii argachuu maluu osoo beekuu humna qabuu kanaan hangana of tuulee Oromoo miidhutti maaliif fulleeffate ? gaaffiilee kana kaaseen , faallaa kanaa dubbiilee tokko tokko ilaaluun yaale. Ogaadeen keessaa boba’aan gara jibuutiitti fe’amuu bara 2020 tti eebbifama. Hubadhaa ! boba’aan OGAADEEN keessaa ba’uu lafa jala jibuutitti guurama. Oromiyaatti ol hin dhufu. kan ogaadeen kana suduudaan jibuutiitti baasuuf km kumoota 10n boolla qotu. Hojummoo diriirsu. Ammas JIBUUTII irraa ammo kubbaaniyaan biro boba’aa Itoophiyaatti galuu lafa jala qotanii Naannoo Awaashitti akka kufamu godhu. Kana malees baaburaan guurama. Kanaafis maallaqi biliyoonaan ramadamee hojjatamaa jira. Mee ilaalaa ? ogaadeenii awaashitti ol fiduumoo, jibuutiirraa Awaashitti fiduutu salphata. Kanaaf waan ogaadeen keessa ta’aa jiru, waan jibuutiin wal qabatuutu jira.walitti bu’iinsi yeroo jalqabeetti, waraanni jibuutii hanga tokko mul’atanii turan. Meeshaallee deeggaraa turan. Kun dhugaadha. Kana biraan wanni qalbifachuu qabnuu, Ameerikaan Somaaliyaa keessaa boba’aa Saa’udiin wal gitu gabaarra kan oolchituu bara 2020 tti. Kanaaf isheenis bara 2020  kaasee Somaaliyaa keessatti nageenya barbaaddi. Kana qulqulleessuuf baroota meeqaaf biyya sana daaressitee warra isheef ajajamu angeessuuf carraaqaa jirti. Kanaaf dubbii ogaadeen akka salphaatti ilaallee ykn waan furmaata gabaabaan walirraa galluu waan hin taaneef, miidhamnuus adeemsa isaanii akka gaaritti ilaallachuu nu barbaachisa. Maaliif Oromoo qofaa ari’uu ? sagalee Oromoo achi keessaa maaliif gadi buusuu barbaadanii ? kana hundaa ilaaluu nu barbaachisa. Dhimma kenyaaf jennee har’aa callifnuu boruu deebiin keenyaa maal ta’aa ? dantaa siyaasaaf jennee miidhama keenya har’aa haa ta’u jennee fudhannaayii ? kana hundaa ilaallachuu nu barbaachisa.
  1. WAAN AKKA TASAA BIYYA KIJIBAA KANA KEESSATTI WAA UMAMEE NUUTI QOPHIIDHAA ? kutaa 2ffaatti itti deebina

HORAA BULAA !!!!!!!!!!!

Leave a comment.

Your email address will not be published. Required fields are marked*